Masqala Mootii Ayyaanaa

Ayyaanoota waggaa Oromoon kabaju keessaa Masqalli isa tokko yoo ta’u, ‘Mootii Ayyaanaa’ jedhamees beekama. Ayyaanni masqalaa kan kabajamu baatiiwwan gannaa dabranii roobni yoo qaqqabatuufi hababoon daraaree boqaan birraa yoo mul’atuudha. Ganna dabre keessa ayyaanoota akka Filchataa, Taaboree ykn Dhukee, Qaammee ykn Shinooyyeen kabajamanii darbuunsaanii ni yaadatama.

Bifa kanaan bara haaraa kanatti Ayyaanni Masqalaa ayyaana duraa kan bara haaraa kanaati. Kanaaf Ayyaana duraa waan ta’ef akka ‘Mootii Ayyaanaatti’ fudhachuun masqalaaf kabaja guddaa kennaafi. Akka head (dhaha) guyyaa Oromootti tibba afurtu jira. Isaniis, Birraa, Bona, Afraasaafi Ganna jedhamu. Kanneen keessaa Birraan baatii sadan duraa Fulbaana, Onkololeessa, Sadaasa yoo ta’an, Fulbaanni baati ykn ji’a duraati.

Lafa baddaafi badda daree Oromiyaa kana keessa baatiin Birraa kun daran jaalatamaadha. Yeroon kun yeroo magri gaariin itti magruufi itti lalisu, yeroo omishni itti ga’u, yeroo abaaboon itti daraaruufi loon magra quufani gara hora itti godaananiidha. Ilmi namaas jireenya abdii itti uummatu yeroo gammachuun itti mul’atu waan ta’eef baay’ee jaalatamaadha. Oromoon naannawaa akkanaa jiraatan baatii birra kana waan leellisaniif ayyaanni birraa kun immoo yeroo kanatti waan ooluuf baay’ee jaalatamaadha.

Ayyaana Masqalaa kana kan kabaju Oromoo amantii waaqeeffannaa fudhatan qofa otuu hin ta’iin kan amantii kiristaana fudhatanis yoo ta’u, ayyaana kana aadaa ofiitti makuun waliin kabajaa turan. Ummanni Oromoo dur baatii Hagayyaa keessa waggoota ykn jaarraa dheeraaf kabaja ture. Yaa ta’uutii waggoota dhibbaafi shantaman (150) dura Oromiyaa erga qabiyyee moototaa jala galchanii booda ayyaanni kabajamu kun waan walfakkaatuuf guyyaa tokko akka ta’u murtaa’e Fulbaana 17 akka waliin kabajamu godhame.

1.1. Adeemsa Kabaja Ayyaana Masqalaa

Ayyaanni Masqalaa irra jireessi isaa ayyaana warra dhiiraa fakkaata. Qophiin isaas iddoo tokko tokkootti guyyoota 15 dura kan eegalu yoo ta’u, Oromoo Sooddoo biratti daran kan ayyaaneeffatamuudha. Qophiin ayyaanichaa kan eegalu guyyoota kudha shan dura daamotii ykn xomboora qopheessuun yoo ta’u, xomboorri kunis mukaa qaqqaalii kanneen akka kusaayee, ancabbiifi leemmanirraa ta’u danda’a. Xomboorri kunis walitti qabamee dheerina meetira lama hanga dheeratuutti hidhuun yoo xiqqatee abbaa warraaf gurguddaa lamatu hidhama. Ittaansee iddoo mijirii ykn daamaraan itti dhaabbatu filatamee akka dhaabbatu ta’a.

Iddoon kun yeroo baay’ee araddaa warra hangafaa ykn abbaa ta’a. Araddaa mijiriin itti dhaabbatu kun mukaa laaftoorraa mukti guddaan ykn jabaa jedhamu kan abbaan warraa irra taa’e daara addaan tuqata, haari warraa ammoo lubbuun nabulchi jettee mormaan ittituqattu qophaa’ee gara tokkoon mijjiriitti galee ciisa.

Qophii damaraa ykn mijirii kana abbaa warraa ykn ijoollee jajjabootu qopheessa. Guyyaa Masqalaa sana gara galgalaa sa’atii lamarratti, abbaan warraa xomboorasaa kan haadha warraa isaa qabatee abiddaan qabsiisaa.

Maatiin dabareedhaan sunsumatti siqanii xomboora ykn daamootii qabachuun abbaa warraatti anuun qabsiifatu. Abbaan warraas xomboora qabsiifate sana mana keessa naanna’un “lolli ba’i lolli baa’i!” jechaa utubaa manaafi gulantaa balbalaa tuqsiisuun dura manaa bahee gara iddoo damaraatti qajeela.

Hundinuu isatti aansanii xomboora qabsifatanii damaraa sanatti naanna’uun xomboora qabatan damraatti hirkisu. Warri ollaa jiranis walfaana ba’uun daamaraa marsanii sirba Masqalaa “Hiyyoolee daree…” jechaa Masqala faarfachaa hanga abiddi gubatuutti taphatu.

Yeroo kana hawwaniifi shamarran nyaata ittoo raafun miidhagee hojjatame maatiif qabatanii dhufu, farsoo Oromoo ayyaana kanaaf qophaa’e abbaa warraaf kennuun akka eebbisu gaafatu. Abbaan warraas erga dhibaafate booda eebbisaa dhandhamatee, maatiin hundumtuu akka unatan affeera.

Hatii manasaas dhadhaa ciicootti qabatte abbaa warraashee erga muudde booda maatiis muudde abbaa warraaf shaashii itti martee maanguddoon kara manaatti yoo deebi’an warri dardaara sirba masqalaa ykn “goobee” taphachuu eegalu.

Kun Guyyaa jala bultii yoo ta’u iddoo tokko tokkotti ganama gubuu danda’ama. Warri dardaranii ykn dargaggeessi gubaa booda gandasaanii keessa naanna’uun baga geessanii taphachuun qarshii badhasaa walitti qabu. Qarshiin kun kuufamee sangaan ittiin bitame gandi sun namni tokko otoo hinhafiin yaamanii affeeru. Ijoollee tikeen ykn tikseen waan sirbaa bulaniif abbootiin warraa ganama horii mana yaasan.

1. 2. Ijoolleefi Ayyaana Masqalaa

Jala bultii ayyaana Masqalaa eegale ijoolleen dhiira waa hundaan qophoofti. Inni duraa sirba masqalaaf yoo ta’u, lammaffaan immoo gugsii fardaati. Akka Aadaa Oromootti ilmi dhalate fardatu bitamaafi. Maqaadhumti mucichaa bifa fardasaatti moggaafama. Bifti fardasaa Booraa yoo ta’e Abbaa Boor jedhuun, Adii yoo ta’e Abbaa Shaashoo, Diimaa yoo ta’e Abbaa Daamaa jechuun itti moggaasu.

Gara yaada duraatti yoo deebine, ijoolleen sirba masqalaa baay’ee waan jaalattuuf qophii guddaa guyyaa sanaa gandaan wal yaamuun sirbuu eegalti. Guyyaa masqalaa ganamaan eegalani boobee weeddisuu, nama isaan badhaasu eebbisu. Sirba ijoollee kunis kan armaan gadiiti.

Roobni hinrooba!..(2)

Karra naa bani

Loonan oofaa..!

Yaa dureessa koo!

Argee!

Buleessa koo

Argee

Sin eebbisaa sin abaaruu

Gooftaa qarreerra ganna dhalu!

Yaa dureessa koo!

addeessi lixee

Qorri nu fixee!

Adaraa giiftii ati hammatu

Adaraa ijoollee ati ergatu.

Adaraa daalee ati yaabbattuu!

jedhanii badhaasa gaafatu. Abbaan warraas ka’ee baadhasa isaaniif kenna. Ijoolleenis hori horii….!! jechuun eebbisu. Kara mana biraatti yaa’uun bifuma kanaan gandaafi magaalaarra yaa’uun badhaasa guurrachaa eebbisaa oolu.

1.3.Looniifi Ayyaana Masqalaa

Oromoon jireenyisaa loon horsiisuufi qonnarratti waan hundaa’eef loon daran jaalata. Fayyaafi nyaatasaaniifis daran yaada, kununusa gahaa ta’es ni godhaaf. Magraafi obbaa barbaacha loon isaa wajjiin ni godaana.

Guyyaa ayyaanaa kanas loon akka quufan abbaa warraatu kaloo ji’oota lamaan dabre eegamaa ture akka dheedan hayyamaaf, sangoota qonnaa malee loon hundumtuu kaloo eegamaa turetti bobbaasu, kana booda gara qe’eetti dacha’anii yoo ciisan abbaan warraa daamootii ykn xomboora looniif qopha’e qabsiisee waaree loonii gubaaf.

Kunis kan raawwatu iddoo galgala gubaan itti raawwate ykn mooraa loonii keessatti ta’a. Iddoo waareen gubatu kanatti haatii warraa abbaa warraaf okolee dhabdeefi erga eebbifatee booda mijuu dhibaafatee hunduu erga unatee booda marqaan ykn qinceen dhiyaataaf.

Waaree booda dargaggoonni gara tapha gugsii ykn gombisa taphachuu dirree bal’afi dubarri immoo daawwiif goorootti yaa’u.

1.4. Tapha guyyaa Masqalaa

Guyyaan masqalaa Oromoo biratti guyyaa gammachuuti. Guyyaan kun ijoolleen dubaraa heerumte qincee ykn dhangaa abbaan jaaltu qabachuun warra ishee itti gaafatuudha. Kana malees tapha obboolaa ishee dirree garmaamatti ba’uun gootummaa obbolaa ishee kan itti daawwatuudha.

Guyyaa kana fardi ganna sooramaa bahee meesha fardaan faayamee garmamaaf itti ba’udha. Ga’umsaafi jaalala Oromoon fardaaf qabu itti mul’atuudha. Taphni fardaa ykn gugsii kan seeraa ittiin raawwatamu qaba. Abbootiin seeraas maanguddoota dur leenjii fardaatiin beekaman yoo ta’an iddoo ka’umsaafi ga’umsa kan qabu ykn lallabnisaa kan beekamuudha.

Taphattoonnis iddoowwan lamatti ykn gamaa gamaanatti addaan fo’amanii dhiichisaa tuutaan dabareen garee isaan dorgomu. Haaluma abbootiin seeraa murteessaniin kan dura kaatu ykn reebu. Reebichi kunis yoo xiqqaate fageenya meetira 500-600 kan hincaalle ta’ee iddoo ka’umsaa gara meetra 30 yoo ga’u, namni ari’u sun sagalee ‘qabi’ jedhu dhageessisaa, kan fardaan fuuldura gulufus gaachanasaa ofirratti gombisee ofirra mil’achuu dheefasaa itticimsa.

Kan ari’us akka waraanaatti ulee itti darbata. kan kaatus yoo danda’e qolatee jalaa miliqa. Kana booda gareen dheessaa tute duubatti deebi’u kan arr’u yoo ta’u, kan ari’aa ture immooo akka dheessu ta’a. Haala kanaan hanga galgalaatti taphachaa oolanii galgalaa dhichisaa addaan galu.

Faaruun Fardaa:

Che… !! chee..!! yaa fardaa

Farddi faarddaan loluu !

Jidda malee hin jiruu!

Hiriyaan yaabbatuun

Ganddaa…’’hin jiruu!!

Jechuun gandda keessa dhufan faarsuun kara qee’e ofiitti gammachuun deebi’u. Taphi fardaa kun agarsiisa dandeettii farddaa lolaa qolachuufi waraanus kan itti shaakalamaa tureedha. Kana malee darbannaa waraanaafi jala miliquun kanitti baratamu leenji aadaati.

1.5.Ayyaana Masqalaafi ulaa ba’uu ykn hulluqoo

Masqala barii guyyaa sadaffaa guyyaa ulaa bahuuti. Adeemsi ulaa ba’uu kun maatiin ganda tokko meeshaa manaa dabalatee bara moofaarraa gara bara haaraatti nagaan dabran kan itti gammachuun ibsan ayyaana Hulluqooti.

Guyyaa kana jirma muka bakkaniisaarraa murame bitaafi mirgarra dhaabuun gara gubbaasaatiin immoo muka bakkanniisaa jiidhaa baala wajjin gamaa gamasitti hidhuun namnis horiinis meeshaan manaas akka jala hulluuqu ta’a. Yeroo kana lolli….! Bayi…. !! Lollii bayi..!! jechuun loon baala bakkanniisaatiin rukutaa akka hulluqoo kana keessa dabran godhu ykn hulluqoo kana jala dabru.

Adeemsi hulluqoo kun ykn ulaa bahuu kun bara moofa keessa bara haaraatti ce’uu kan ibsuudha. Masqalli oolee guyyaa sadaffaatti iddoowwan tokko tokkotti irreecha maatii ni raawwatama. Ayyaana Masqalaa kana booda sagantaan hojii bara haaraa kan itti eegalamuudha.

Namoonni baay’een waan tokko yoo walbeellaman ‘masqala’ barii jedhu. Kunis bara haaraa ykn ifa booda ganni yoo bahe jechuudha. Masqalli ummata Oromootiif ayyaana abdii guutuudhaan simatamee ayyaneffatamuudha.

1.6 Masqalaafi Dubartoota: Dubartoonni Ayyaana Masqalaa kan kabajan abbaa warraatiif okolee dhaabuu qofa otoo hinta’in Ateetee facaafachuun kabaju. Ateeteen dubartii gosa sadii yoo taatu, isaanis Ateete Gumbii, Ateete Haraafi Ateetee Duulaa jedhamu.

Ateeteen Masqalatti facaafatan immoo Ateete Duulaa jedhamti. Baatiin birraa quufaafi yeroo gammachuu waan ta’eef walitti bu’insa keessatti warri dhiiraa waan hubamu danda’aniif akka abbaan warraafi ijoolleen dhiiraa nagaan bahanii galan, akka ateteen eegduuf facafatamaaf. Aydaan Ateetee eegdu maatiitti jedhamti.

Dhumarratti bara haaraatti ayyaanonni Masqalaa booda waan kabajamaniif Masqala mootii ayyaana jechuun leellisu.

Ayyaana Gaarii!

 Alamayyoo Hayileetiin (Hayyuu Seenaa)

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 8/2014

Recommended For You