Dhalli namaa bara jiraatee darbu keessatti jireenyasaarrattis ta’e kan nama biraarratti dhiibbaa gaarii uumee darbuuf kan hinfeene hinjiru. Jireenya dhiibbaa gaarii uumu jiraachuu kan hinbarbaadne jira jechuun hindandaa’amu.
Haa ta’u malee rakkoon keenya karaasaa wallaaluudha. Gaaffiin namoota hedduus isuma kana. Gaaffii attamitti akka dhiibbaa gaarii uumnee darbaniiti. Inni kun karaa biraa dhaloota walii isaa kabaju, dhaloota biyya lafaa kanaaf eeggannoo barbaachisaa taasisu, dhaloota murtoo gaarummaa ilmaan namaaf malee fedhii dhuunfaasaa guuttachuuf jecha kan hinmurteessine, dhiibbaa gaarii uumuu kanneen abjootan, halkanii guyyaa kan dhamaa’an, rakkinni namootaa kan isaan dhukkubsu biyya lafaa kanaaf nibarbaachisu.
Kanaaf garuu duraan dursanii ofii gaarii ta’anii argamuun murteessaadha. Namoota biraarraa waan gaarii eeguun dura ofiif gaarii ta’uun barbaachisaadha. Sababiinsaa namoota gaarii hojjetanirraa waantonni barataman hedduutu jiru. Yeroo tokko namni maqaansaa ‘Loren Eiseley’ jedhaman waa’ee maanguddoo utuu bashannanaaf qarqara galaanaa deemanii dargaggeessa hojii gaarii hojjechuuf hanga dandeettiisaa qarqara galaanaa kanaa qurxummii dandaliin galaanaa alatti darbate oolchuuf tattaafatu arganii ittidubbatu.
Dargaggeessichis ariitiin gadi jedhee utuu ol jedhuu arganii itti siqanii yeroo ilaalan qurxummii dambaliin galaanaa darbatee bakkeetti baasu tokko tokkoon funaanee bishaanitti deebisa. Maanguddoon kunis dhaabatanii erga ilaalanii booda “Maal hojjettaa?” jedhanii gaafatan.
Dargaggeessichis “Qurxummiin galaanatti deebisa” jedhe. Maanguddoonis deebisanii “Maaliif galaanatti deebista?” jedhanii gaafatan. Dargaggeessichis “Aduutu ba’aa jira. Qurxummii kana galaanatti hindeebisu taanaan niajjeesa” jedhe. Isaan booda maanguddoon kun “Galaanni kun dheeraadha. Qurxummiiwwan hedduun galaanaan darbatamanii bakkee akka guutan hinarginee? Jijjiirama nan fida jettee yaaddaa?” jedhaniin.
Dargaggeessichis gadi jedhee qurxummii tokko fuudhee galaanatti deebisaa “Qurxummii tokkoo kanaaf jireenyashee keessatti jijjiirama fiduu danda’eera” jedhe. Baay’ee gargaaruu yoo dadhabellee hanga danda’e dhama’aa jira. Hangan danda’etti gaarummaa agarsiisaa jira. Gaarummaa nuti goonu dhiibbaa gaarii geessisu qaba. Waan oolchu qaba. Gaarummaan nuti goonu isa kaaniif barumsa, fakkeenya gaariidha, burqaa jijjiiramaati.
Torbee muraasa dura Finfinnee keessa, bakka tokko dhaabadhee utuun konkolaataa eeggadhuu wanta na mudate yoomiyyuu hinirraanfadhu. Galgala naannawao sa’aatii 2:00tti namootni lama (dhiira tokkoofi dubarri tokko) yoon sababasaa sirriitti hinbeeknellee hanga daqiiqaa kudhanii oliif yeroo isaan walreeban namootni hedduun gargar qabuuf yaalii hingoone. Namni poolisii wamuuf yaales hinturre.
Hundumtuu akkuma waan homtuu hinuumamneetti ilaalu; isaan garuu walrukutuurra darbanii sadarkaa walkuffisan irra ga’aniiru. Hanga tokko gidduu seenuuf yoon yaalellee humna kootii ol ture. Inni kun daran akkan itti yaadu nataasise.
Gaaffiilee gara garaas akkan of gaafadhu nataasise. Namoota kanneen tasgabbeessuuf yaalii gochuu dhiisuunsaanii tarii maal na dhibdee ta’a. Kaanis lafa deemaa jiranirraa akka haalli jiru isaan hintaaggolchineef sodachuu ta’a jedheen yaaduu eegale. Hundaafuu garuu dhoksaan jiraachuu ilma namaa ofiif qofa utuu hinta’in nama biraafis jiraachuudha. Ollaa keenyaaf jiraachuu danda’uudha. Namoota rakkoon mudate cina dhaabachuu danda’uudha. Namaaf hoo’uu danda’uudha.
Sababiinsaas dhalli namaa biyya lafaa kanarra jiraachuunsaa inni guddaan ofiif qofa utuu hinta’in kaaniifis ta’uun beekamaadha. Kunis kan ta’uu danda’u yoo ofittummaa of irraa mulqinee gatuu dandeenye qofa. Wantoota namootaaf goonuuf deebii walqixa yoo irraa eeguu dhiifne qofa.
Sababiinsaa namni gaarummaa namatti agarsiisee akkasuma gaarummaa walqixa akka agarsiisan namarraa eeggatu dhabuu danda’a. Inni guddaan garuu sammuu gaarii qabaata. Gammachuu qabaata. Bu’aan namaaf waan gaarii gochuu isa kana. Isaan kana ammoo horiidhaan illee bituun hindandaa’amu. Darbees jireenyi dhugaan jireenya namaaf jiraataniidha.
Laphee sirriin laphee nama biraa, nama rakkoon mudate, nama jireenyi itti hammaate, nama kufeef ho’uu danda’uudha, lafa kufees kaasuuf laphee of kenneedha. Barumsi sirriin jireenya ofittummaa keessaa nama baasuun akka nama kan biraatiif jiraatan kan nama taasisuudha.
Lafa ofittummaan hinjirre nagaatu jira. Gammachuutu jira. Inni kun qabeenya hundarra caala. Namni gammachuu horiin bituu hindanda’u. Qabeenyiifi milkaa’inni gammachuu feenu nugonfachiisuu dhiisuu danda’u. Sababiinsaa namootni gama xiinsammuun gammachuurratti qorannoowwan gara garaa geggeessan isa kana mirkaneessu. Firiin qorannoosaanii namoota milkaa’ina daandiiwwa gara garaan argatan jedhamurratti geggeessanis kanuma mirkaneessa.
Egaa dhalli namaa gammachuu sirrii wantoota maqaa dhoofne kanneen keessaa argachuu hindanda’u erga ta’ee eessaa argataa jennee gaafachuu dandeenya. Qorannoon gara garaa akka agarsiisanitti dhalli namaa qabeenya guddaa sababa argateef yookaan fiixee milkaa’inaarra sababa taa’eef, hojii gaarii sababa qabuuf gammachuu hingonfatu.
Baay’een keenya tarii isaan kun burqaa gammachuuti jennee yaadnee beekna ta’a. Namni isaan kana hundumaa qabaatee jireenya isaa keessatti tasumaa gammachuu hinqabne jira. Isa kana ilaalchisee Yuunivarsiitii ‘Texasitti’ barsiisaa kan ta’an professor Raj Raghunathan kan jedhaman kitaaba “If you are so smart, why aren’t you happy?” kan jedhu keessatti akka ibsanitti jireenya keenya keessatti nama gaarii ta’uun keenya kan nutti yoo dhagaa’amu ta’e, yookaan gammachuu argachuuf xiyyeeffannoon keenya wantoota bakkeetti ijaan mul’atan yoo ta’e tarii gammachuun nuti argannu kan yeroo muraasaati.
Kanaaf burqaan gammachuu keessa keenya ta’u qaba. Gammachuun keessa namaatii dhufa. Fakkeenyaaf namni ilaalcha gaarii yeroo qabaatu, haalli nuti keessa jirru hangamillee rakkisaa haa ta’u gammachuu niqabaatna. Gaarummaa hojjennu irraa, gaara laafummaa namootatti agarsiisnu irraa kan burqu ta’uutu irra jira.
Yeroo gaarii hojjennu keessa keenyatti gaarummaatu nutti dhagaa’ama. Qorannoon gama xiinsammuufi falaasamaa (Psychology and Philosophy) irratti geggeeffaman tokko tokkos akka mirkaneessanitti jireenya ofittummaa ilmaan namaa akka gammachuu isaan argachuu qaban sarbu dubbatu.
Kanaaf namni ofittummaattii adda ba’ee nama kan biraa akka isa irra fooyya’aa ta’etti ilaaluun (tending to put others first) gaarii akka ta’etti qorattootni nimirkaneessu. Isa kana gochuun jireenya keenya keessatti akka gammachuu gonfannu nutaasisa; jireenya hiikkaa qabu akka jiraannu nugargaara; dhiphina akka dandamannu nutaasisa; amala ta’umsa (positive characteristics) kan biraa akka gonfannu nutaasisa; walitti dhufeenya namootaa wajjin qabnu akka jabaatu taasisa.
Haa ta’u malee namni biraa nurra fooyya’oodha jennee yaaduun kan numiidhu jiraachuu dandeenya. Inni kun namaa namatti adda. Keessumaa tti bara 1990 keessa qorattootni namootni akka nurra fooyya’oo ilaaluu jechuun miidhaa qaba jechaa turan. Darbees namootni tokko tokko fedha mataa keenyaa dursuun hamina hinqabu kan jedhan nijiru.
Of jaallachuun, fedha ofii bakkaan ga’uuf tattaaffii gochuun rakkoo hinqabu jedhanii kan falmanis jiru. Kaanis ammoo of gammachiisuuf yaalii gochuun nama kan biraa gaddisiisuu miti jedhu. Fedhii ofii dursiisuun fedhii nama kan biraa irratti dhiibbaa geessisuu hanga hintaaneetti rakkoo maalii qabaa? Inni kun of tajaajiluudha; miira ofii kabajuudhaafi kkf jedhanii dubbatu.
Yeroo nuti keessa jirru yeroo itti dhalli namaa ofii isaa qofa irratti xiyyeeffatu, fedha isaa qofa bakkaan ga’uuf dhama’u keessa jirra. Inni kun burqaa rakkoolee garaa garaa ta’eera. Egaa hunduu waa’ee ofii isaati. Inni kun hawaasa keenya keessatti burqaa miidhaa cimaa ta’eera. Bu’aa ofittummaas agarreerra. Hundumtuu ana qofaaf haa ta’u jechuun hangam akka numiidhe nuti ragaadha. Sababiin isaa wantoota nuti barbaannu inni kaanis nibarbaada.
Akkasitti yaaduun burqaa nagaati. Burqaa gammachuuti. Egaa wanti guddaan ofittummaa irraa walaba ta’uudha. Tarii waan gaarii hawaasni hundumtuu barbaadu hunda hojjechuu dhiisuu dandeenya. Haa ta’u malee waan gaarii nuti goonu hawaasa hundaaf nibarbaachisa.
Nama biraaf gaarii gochuun wanti nutti hir’atu hinjiru. Fakkeenyaaf guca tokko irraa ibidda inni kan biraa yoo qabsiifate ifni isaa homaa tokko hinhir’atu. Nama kan biraatti gaarummaa nuti agarsiifnu yoo nugargaare malee miidhaa badaa hinqabu.
Walumaa galatti sababa tokko malee nama gargaarsa keenya barbaadu cina dhaabachuun; utuu waan isaan nuuf godhan irraa hineegin tumsuun daran barbaachisaadha. Hanga barbaachisuu olitti ofii keenya irratti xiyyeeffachuunis barbaachisaa miti. Gaaffiin yeroo hunda sammuu keenyaa keessaa bilbilamu “Namootaaf maalan godhee?” kan jedhu ta’uu qaba.
Jireenyi kan nama gammachisuu yeroo nama kan biraaf jiraataniidha. Hanga biyya lafaa irraa fudhannu caalaa namoota biyya lafaa kana irratti idaanu ta’uu qabna. Inni kun of ganuu miti. Inni kun of irraanfachuu miti. Of miidhuus miti. Namootni ofittoo ta’uun hawaasa keessa jiraataniifis ta’e biyya lafaa kanarratti miidhaa guddaa fidaniiru; fidaas jiru.
Jireenya akkasii keessaa gara waliif yaaduu, inni kaan akka nurra fooyya’aa ta’etti ilaaluu, uumaan tokko tokkoo keenya keessa humna ittiin jireenya namaa irratti dhiibbaa gaarii geessisuu dandeenyu akka nukeessa kaa’e yaadachuufi ofittummaa irraa walaba ta’uun namoota gargaarsa keenya barbaadan kamiif iyyuu harki keenya qophaa’aa ta’uun barbaachisaadha.
Doktar Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 8/2014