Itoophiyaan tapha ittaanu Afrikaa Kibbaa waliin adeemsifatti

Finfinnee: Waancaa kubbaa miilaa Addunyaa 22fa ALA bara 2022 magaalaa Kuwaataritti adeemsifamuuf biyyoonni Afrikaa 40n ramaddii kudhanitti adda qodamuudhaan tapha gulaalaa adeemsifachaa jiru.

Ramaddi torbaffaa keessatti Gaanaa, Afrikaa Kibbaafi Zimbaabuwee wajiin kan ramadame gareen Kubbaa Miilaa Itoophiyaa (Waaliyaan) taphawwan adeemsifatetti Zimbaabuwe 1-0n mo’achuun, Gaanaadhaan 1-0n mo’amuun sadarkaa sadaffaarratti argama.

Gaanaan dorgommiiwwan waancaa kubbaa miilaa Afrikaa kanaan dura gageefaman keessaa yeroo afur fudhachuudhaan tokko kan dhunfaa taasifachuun ishee kan yaadatamuudha. Akkasumas Afrikaa Bakka bu’uudhaan waancaa kubbaa miilaa Addunyaarratti hirmateera.

Gareen Zimbaabuwes Afrikaa keessaa kilaba cimaa yoo ta’u, Afrikaan Kibbaas yeroo tokko waancaa qopheesudhaan fudhateera. Akkasumas waancaa kubbaa miilaa Addunyaa 19fa qopheesuudhaan Afrikaarraa biyya duraatti. Kanaafuu ramaddiin gareen kubbaa miilaa Itoophiyaa keessatti ramadame cimaadha jedhameera.

Itoophiyaan tapha ittaanu Afrikaa Kibbaa waliin kan taasifattu ta’uu sagantaan ba’e ni mul’isa.

Bariisaa  Fulbaana 1 / 2014

Recommended For You