Bayyanaa Ibraahimiin
Dubartoota ciccimoo ittigaafatamummaa maatiitiin cinatti biyya ofii gama hoggansawwan garaa garatiin tajaajilaa jiran keessaa isaan tokko.
Carraa argataniin barumsaan dandeettii ofii cimsachuun biyyasaaniif gumaachaa kan jiran dubartiin tun, Magaalaa Finfinneetti sadarkaalee hoggansa garaagaraatiin, sadarkaa ministir de’eetaatiin Ministeera Haqaa duraanii, Dhimmaa Dubartootaafi Daa’immanii, yeroo ammaa immoo Ministir De’eetaa Ministeera Albuudaafi Boba’aa ta’anii tajaajilaa kan jiran Aadde Simmanyi Wubee keessummaa Bariisaa maxxansa kanaati. Turtiin isaan waliin taasisne akka armaan gadiitti dhiheessina.
Bariisaa: Mee jalqabaratti walhaa barruutii Aadde Simmanyi eenyu ? eessatti dhalatan?
Aadde Simmanyi: Tole, Simmanyi Wubeen jedhama. Godina Arsii Lixaa, Aanaa Kofalee, Ganda Goobee jedhamtuttin dhaladhe. Barnootakoos hangan sadarkaa duraa xumurutti ganduma itti dhaladhe mana barnootaa Goobee Saayimannaa jedhamutti baradhe. Sana booda sadarkaa lammaffaaf Kofaleetti gale.
Bariisaa: Barnoota sadarkaa Olaanaahoo eessatti hordoftan, akakauu barnootaa kamiin?
Aadde Simmanyi: Digriikoo jalqabaa Yunvarsiitii Siviil Sarviisiitti akaakuu barnootaa seeraatiinin eebbifame. Erga waajjiraalee bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti hojjachaa turee booda carraa biyya alaa deemuu argadhee digriikoo lammataa Yugaandaatti akaakuu barnootaa ‘Jenderiitiin’ hojjachuu danda’eera.
Bariisaa: Carraan biyya alaatti akka barattan isin taasise sun maali?
Aadde Simmanyi: Akka tasaa ta’ee abbaan warraa kiyya ambaasaaddar biyya sanaa ta’ee muudamuusaatiin anis isa wajjin garasitti imaluukootiin carrichatti fayyadame.
Bariisaa: Barnoota digrii lammataa booda hojii maaliirratti bobbaatan?
Aadde Simmanyi: Sanaan duras waggoota hedduuf waajjiraalee mootummaa keessatti sadarkaalee addaddaatti tajaajileera. Ergan barnoota digrii lammaffaa xumuree maatii waliin gara biyyaatti deebi’ee ministir de’eetaa Ministeera Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii Dargaggootaa ta’ee tajaajileera.
Akkuma duratti siin jedhe sanaan dura waajjiraalee bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessa jiran addaddaatti sadarkaalee hoggansaa gara garaatiin ummata tajaajileera. Sana qofaas osoo hintaane Ministeera Haqaa duriittis sadarkaa hoggansaa ministir de’eetaatiin hojjadheera.
Bariisaa: Haalli maatii keessaniihoo maal fakkaata?
Aadde Simmanyi: Kanin maatii horadhe
bara 1989tti. Yeroo ammaa abbaa warraa koo (Ambaasaaddar Daggifee Bulaa) wajjin ijoollee sadii godhanneerra. Abbaan warraa koo Yugaandaatti Ambaasaaddara Itoophiyaa ta’ee ergamuusaatiin ani waliin achi galee yeroo sana barnootaaf ittifayyadameera.
Bariisaa: Haadha warraa, haadha ijoollee ta’anii hoggansarra hojjechuun hinulfaatuu?
Aadde Simmanyi: Uumamaan dubartiin ittigaafatamummaa guddaa waliin dhalatti. Kun immoo uumaa Waaqaa waan ta’eef wanti godhamu hinjiru. Garuu Waaqnis waan hindanda’amne namatti hinkennu waan ta’eef ittigaafatamummaawwan kanneen hunda dandeettii ciminaan keessa darbuu dandeenyus nuu kenneera.
Keessattuu namni yerotti fayyadamu, karoora qabu maal yeroo kam akka raawwatu beeku, maatiisaas ta’e hojii mootummaa osoo hinmiidhiin lamaansaaniituu walcinaa adeemsisuu akka danda’u muuxannookoorraa hubadheera.
Kanaaf karoora qabaannaan, yeroo qabdu immoo hojiiwwan si eeggataniif hirraan wanti hindanda’amne hinjiru.
Bariisaa: Jijjiiramni siyaasaa biyyattiitti taasifame waajjira keessaniif maali?
Aadde Simmany: Ani waajjiraalee gara garaa mootummaa keessa waggoota 14 oliif tajaajileera. Waggoota kanneen hunda keessatti garuu rakkooleen turan waan lakkaa’anii dhuman miti. Hunda caalaa rakkoon bulchiinsa gaarii kan namoota hedduu boossise ta’uun hundaafuu ifaadha.
Abbaan dhimmaa tokko tajaajila barbaade waajjiraalee mootummaatti argachuuf mirga guutuu osoo qabuu mirgasaa maallaqaan bitachutti gale. Tajaajila yeroo gabaabaa keessatti argachuu maluuf deddeebiif saaxilamee yeroofi qabeenyasaas qisaasesse.
Kanaan alattis hojmaatonni badoon malaanmaltummaaf karaa saaqan hedduun waan turaniif komiin ummataa olaanaa ture.
Akka waajjira keenyaatti yoon sitti hime jijjiiramaan booda hojiin jalqaba nuti hojjanne wantoota malaammaltummaaf karaa saaqan adda baasanii tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu ture. Kanaanis hojmaatiwwan alseerummaaf daandii saaqan garagaraa sirreessuun danda’ameera.
Ani ergan gara waajjira kanaa dhufee waggaa tokko qofa ta’us, yeroma gabaabaa kana keessatti wantoota heddutu hojjatame. Kana keessaa waajjiricha hojjataasaafis ta’e tajaajilamaa alaatiif mijataa taasisuufi haalota hojmaata badoo malaammaltummaaf ulaa banan duuchuurratti xiyyeeffannee hojjetaa turre.
Hojiiwwan waajjirichaa hunda keessatti iftoomina uumuurrattis hojjetameera. Abbaan dhimmaa tokko tajaajila yeroon argachuu akka danda’uuf, deddeebii hir’isuufi tajaajilamaan tajaajila fedhu argachuuf osoo matta’sa hinkanfaliin haalli itti argachuu danda’u akka uumamuuf hojii guddsa hojjanne.
Bariisaa: Haala kenniinsa eeyyama
albuudaatiin hoo rakkoon ture maali?
Aadde Simmany: Achirratti rakkoon ture salphaa miti. Nama albuudarratti eeyyama baafachuuf dhufu yoo danda’ame kennameefii yoo hindanda’amne sababasaa ibsuufiin yeroon gaggeessuun hinturre.
Nama eeyyama gaafatee osoo deebii tokkollee hinargatiin waggoota sadii fa’iif turetu jira. Namni tokko immoo waa barbaadee dhufee deebiinsaa waan fedhes ta’u osoo hinargatiin turuun abdii kutannaa keessa akka galchuu beekamaadha.
Kanaaf rakkoon gama kanaanis ture ulfaataa ta’uu hubachuun tarkaanfiin sirreeffamaa jalqabaa asirratti fudhatame galmeewwan duraa guutummaatti akka haqaman gochuu ture. Itaansee hojmaata haaraa diriirsuudhaan namni karaa sirriidhaan eeyyama fudhatee hojii qabatamaarratti bobba’uu barbaadu akka irra deebiidhaan galmaa’u godhame.
Inni biraan eeyyamuma sanas argatanii hojii keessa galuu dhabuunis rakkoo isa biroo ture. Kanneen eeyyama baatanii osoo hojii keessa hingaliin waggoota kudhaniif taa’anis jiru. Tarkaanfiiwwan murteessoo sirreeffamaa fudhataman keessaas inni tokkoo eeyyamoota akkasii kana haquu ture. Haaluma kanaan namoota eeyyama albuudaa fudhatanii hojii keessa osoo hingaliin turan 90 ta’an guutummaatti haqneerra.
Kun immoo maal uuma sitti fakkaata. Tokkoffaa namoonni kanaan dura calluma jedhanii osoo qophii gahaa hinqabaatiin eeyyama fudhachuuf akka hindhufne ittisa. Lammaffaammoo warreen qophii gahaa qabaatanii eeyyamicha argatan dafanii gara
hojiitti akka galaniif kan jajjabeessuudha.
Bariisaa: Hojmaatni badaan albuudarra ture akkamitti ibsama? fooyyeessuuf hoo hangam tarkaanfattan?
Aadde Simmanyi: Akkakootti malaammaltummaa guutummaatti balleessuun ni danda’ama jedhee hin yaadu. Hojmaatni sirriinis jiraatu namni waa fudhatu namatti agarsiiseetii miti kan fudhatu. Iddoo dhoksaa ta’eefi haala mijataa ta’etti fayyadamuudhaani.
Garuu wanti guddaan godhamuu qabu hojmaatni malaammaltummaaf karaa saaqu akka hinjiraanne gochuudha. Kanaan walqabatees hojiin qabatee hojii gaariin akka waajjiraatti hojjanne jira.
Tanaan dura hojjattootni waajjirichaa hunduu qofaa qofaasaanii biiroosaanii cufatanii taa’u ture. Qofaatti abbaa dhimmaa tokko keessummeessuun waan fedhan gaafachuuf carraa isaaniif kenna. Kanarraa ka’uudhaan yeroo ammaa dhuunfaa dhuunfaa ta’uun hafee daariktarri tokko hojjattoota isa jala jiran guutuu wajjin biiroo tokko keessa akka hojjatan taasifameera.
Kana qofas osoo hintaane biiroleen walcinaa jiran gidduusaanii daaw’itiidhaan waan waldaangessaniif kutaasaaniitiin ala inni maddiisaa jiru maal akka hojjataa jirus danda’u. Haala kanaan hojmaata dura turee matta’aa gaafachuuf daandii saaqaa ture sana duuchuuf yaalleerra.
Bariisaa: Omishaafi gurgurtaan albuudotaa karaa seera qabeessaan akka raawwatamuuf maal gochaa jirtu?
Aadde Simmanyi: Omishaafi gurgurtaa albuudotaatiin walqabatee keessattuu
warqiirratti rakkoo guddaatu ture. karaa seeraan alaatiin cal jedhamee gara biyyoota ollaa kanneen akka Sudaaniifi Keeniyaatti geeffamee gurguramaa tureera. Kanaanis biyyattiin bu’aa argachuu maltu dhabdeetti.
Maddi rakkoo kanaa immoo yemmuu ilaalamu gatiin biyya keessatti itti gurguramu gadaanaa ta’uusaatiin gatii fooyya’aa barbaaduuf karaa seeraan alaatiin gara biyyoota ollaa ergamaa ture.
Bariisaa: Rakkoo kana furuuf tarkanfii akkamii fudhattan?
Aadde Simmanyi: Rakkoo kana hiikuuf tarkaanfiin murteessaan akka mootummaatti fudhatame kan jajamuudha. Kunis namni warqee harkaa qabu karaa seeraan alaatiin gara biyyoota alaatti akka hinbaafneef gatiisaa dabaluu bira darbee, gatii gabaa warqii addunyaarratti dhibbantaa 29 dabaluudhaan ummatarraa bitutti galame.
Kun taasifamuusaatiinis alseerummaan daldalaafi daddabarsa warqiirra ture daran akka hir’atu taasiseera. Mootummaanis kana gochuusaatti humnasaa cimsata jechuudha.
Mootummaan tokko warqee harkaa qaba jechuun karaa biraatiin dinagdee yookiin maallaqa gahaa qaba jechuudha. Albuudotni akka Ooppalii fa’is karaa seeraan alaatiin biyyaa bahaa turaniiru.
Bariisaa: Alseerummaa albuuda Ooppaaliirratti raawwatamu sirreessuuf hoo tarkaanfii akkamiitu fudhatame?
Aadde Simmany: Ooppaalii kanaan walqabatee kanaan dura seerri tokko tureera. Akka seerichaatti namni eeyyama Ooppaalii qabaatee gaafa isa baasee gabaa alaatiif dhiheessu dhibbantaa 20 galtee itti dabalee ta’uun dirqama.
Kun akkanumatti kallattiidhaan yemmuu ilaalamu waan faayidaa qabu fakkaata.
Garuu karaa biraatiin miidhaansaa salphaa miti. Wanti tokko faayidaafi miidhaa qabaata taanaan madaalamee tarkaanfii wayyu fudhachuun gaariidha.
Haaluma kanaan miidhaansaa caalee waan argameef seericha fooyyessuun akka namootni dur karaa seeraan alaa Ooppaalii biyyaa baasaa turan karaa Buufata Xiyyaaraa Biyyoolessaa Booleetiin sodaa tokko malee akka hojjatan taasiseera.
Seerich fooyya’uusaatiin namootni damicharratti bobba’an akka baay’ataniifis shoora olaanaa taphateera jechuun ni danda’ama.
Bariisaa: Waliigalteen dhiheenya kana poolisii federaalaafi Baankiin Daldalaa Itoophiyaa wajjin mallatteessitan hoo maal ture?
Aadde Simmanyi: Waliigaltich yeroo ammaa mootummaan naannolee warqiin itti omishamu afur, Oromiyaa, Beenishaangul Gumuz, Gaambeellaafi Naannoo Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Kibbaatti xiyyeeffatee hojjachaa jira.
Naannolee warqiin itti omishamu kanneenitti ji’oota Waxabajjiifi Adooleessaatti kan baankiitti galu daran hir’ate. Kun maaliif ta’e jedhamee yemmuu qorannoon gaggeeffamu omishni dhaabbatee osoo hintaane, warri omishtootarraa bitaa baankii geessaa turan karaatti hambisaa jiraachuun bira gahame.
Kanarraa ka’uun waliigalteen dhiheenyatti poolisii federaalaafi baankii daldalaa waliin taasifne sun haala warqeen omishamu kallattiidhaan gara baankiitti itti galurratti kan xiyyeeffate ture.
Hojicharratti shoorri poolisii olaanaa waan ta’eef qindoomina isaan waliin qabnu cimsinee damee kanarratti hojii biyyaaf faayidaa olaanaa qabu gumaachuuf
murteessaa ta’uun waan itti amaneef waliigaltee seenameedha.
Bariisaa: Hawaasni naannawa warqiin itti argamuu jiraatu faayidaa maluuf argachaa jiraa?
Aadde Simmany: Dhimmi kun karaawwan lamaan ilaalamuu danda’a. Inni duraa hawaasni naannawa warqiin itti omishamu jiraatu ofumasaatiif gurmaa’ees ta’ee dhuunfaasaatiin maluma aadaatiin baasee gurguratee jiruusaatiif oolfata.
Kanaan walqabatee iddoowwan warqiin itti omishamu kanneenitti baankiin waan hinjirreef bakki jarri geeffatu hinjiru. Kanarraa ka’uunis hawaasni daldaltoota gidduu jiranitti gurgurachuuf dirqama jechuudha. Daldaltoota gidduu kanatti gurguruun immoo gatiinsaa akka isa kallattiidhaan baankiitti geessuu waan hintaaneef bu’aa maluuf argachuu hindanda’u jechuudha.
Karaan lammataa immoo kaampaanota warqii baasuurratti hirmaataniin kan walqabatuudha. Gama kanaanis yoo ilaalle kaampaanootni kunniin hawaasa naannawa sana jiruuf waan guddaa godhaniiru jechuun hindanda’amu.
Yeroo dhihoo as garuu dhimma kanarratti jijjiiramni akka dhufuuf seerota tanaan dura turan tokko tokko fooyyessuuf dirqama ta’eera. Bakkasaa immoo seera haaraa faayidaa hawaasa naannolee warqiin itti omishamu jiraatan ilaalcha keessa galche tokko baasuun danda’ameera.
Akka seerri kun jedhuttis, namni heeyyama omisha albuudaa irratti himaachuuf heeyyama argate tokko guddina hawaasaatiif dhibbantaa lama akka muru dirqisiisa. Dhibbantaan lamaan invastimantii nama sanaarraa muramu kallattiidhaan kan ganda kaampaaniin sun keessatti argamuu ta’a jechuudha.
Gandichi immoo maallaqa sanaan mana barnootaa, keellaa fayyaa, bishaan dhugaatiifi wantoota biroo ummanni barbaadurra oolfachuu danda’a.
Karaa lammataa immoo kaampaaniin tokko erga hojii eegalee booda kanfaltiin kanfalu kan Rooyaaliitii jedhamu tokko jira. Kunis bu’aa achirraa argatu keessaa dhibbantaa torba mootummaadhaaf kanfaluu jechuudha.
Kanfaltii kana keessaa dhibbantaan 50 mootummaa federaalaa biratti kan hafu yemmuu ta’u, dhibbantaan 50 naannoo albuudni keessaa bahuuf ergamee achi keessaa dhibbantaan 40 naannoorratti hafee dhibbantaan 10 gara aanaa kaampaanichi itti dalaguutti ergama.
Aanaaleen immoo dhibbantaa kurnan isaan bira gahurraa waan ofii barbaadanirra oolfachuuf mirga guutuu qabu. Hojmaatni tanaan dura ture garuu isa ammaa kanarraa garaa garummaa qaba.
Hojmaata duriitiin waanti 40/60 jedhamu tureera. Kana jechuun immoo fandi rooyaalitii %7 sana keessaa mootummaan federaalaa %60 fudhatee naannoo albuudni itti argamuuf %40 qofa ergaa ture. Aanaa albuudni itti argamuuf garuu sumuniinillee hinergamu ture.
Garaagarummaa guddaan seera ammaafi durii gidduu jirus kana jechuudha. Hawaasni naannawa warqiinis ta’e albuudotni biroo itti argamu jiraatu fayyadamuu qaba ejjennoo jedhuun rooyaaliitii keessaa %10 kallattiidhaan gara aanichaatti akka ergaman taasifameera.
Gara fuula duraatti immoo caalatti hawaasni naannawa albuudotaa jiraatu akka fayyadamuuf seerri qophaa’aa jira.
Bariisaa: Kunuunsiifi eegumsi iddoowwan warqiin itti omishamuuf taasifamu maal fakkaata?
Aadde Simmanyi: Kanaan walqabatee waggoota afran darban warshaaleen albuudotarratti bobba’an hojii dhaabuusaaniitiin dameen albuudaa miidhameera. Kaampaanotni hedduun hojii dhaabanii turanis hawaasni naannawaa bifa aadaatiin omishee hamma tokko gara baankiitti gala ture.
Shaakkisoo akka fakkeenyaatti yoo fudhanne Albuuda Dhagaa Nooraa jedhamu ji’oota torbaaf dhaabbateera. Kun immoo kallattiidhumaan rakkoo nageenyaatiin kan walqabatuudha. Kanaaf rakkoo nageenya naannawa kaampaanota albuudaa kana dhaabbiidhaan furuuf hojiin poolisii federaalaa waliin hojjatamaa jiru tokkotu jira.
Innis poolisii dhaabbiidhaan iddoowwan kanneen qofarratti xiyyeeffatee hojjachu hundeessuuf hojiin erga eegalamee bubbuleera. Poolisiin hundaa’u kun bakkuma sana taa’ee kaampaanotaaf eegumsa kan taasisa.
Bariisaa: Faalama naannawaatiin walqabatee miidhaan hawaasa naannawa sanaa irra gahaa ture akka dhaabbatuuf maaltu hojjatamaa jira?
Aadde Simmanyi: Kanaan dura faalama naannawaa kaampaanotni albuudotarratti bobba’an uumaa turaniin hawaasni naannawichaa miidhamaa turuun dhugaadha. Amma garuu rakkinichi ittifufuu waan hinqabneef tarkaanfii sirreessaa eegalleerra.
Kana keessaa kaampaanotni kunniin naannoon akka hinfaalamneef of eeggannoo akka hojjatan qofa osoo hintaane, waan naannawa faalee ummata miidhu akka hinfayyadamne taasifameera. Kanaafis fakkeenya gaarii kan ta’e albuudni meerkurii jedhamu dhala namaatiif miidhaa hamaa waan qabuuf akka faayidaarra hinoolle taasifameera.
Bariisaa: Biyyattiin damee kanarraa waggaatti galii hangam argatti?
Aadde Simmanyi: Galiinsaa waggaarraa waggaatti garaagarummaa qabaata. Galiin bara xumurame albuudarraa argame waggoota kurnan darabaniif argamee kan hinbeekne ture. Kunis doolaara Ameerikaa miiliyoona 682 ture. Bara ittaanuuf immoo galii doolaara biiliyoona tokkoo ol argachuuf karoorfanneerra.
Bariisaa: Dhumarratti bara haaraa sababeeffachuun dhaamsa hawwii gaarii dabarfachuu dandeessu.
Aadde Simmanyi: Barri bara 2013 darbe umrii keenya keessatti waantota takkaa arginee hinbeekne hedduu nu agarsiiseedha. Wareerri ooyruu qonnaan bulaa onatti hambise, koronaan manatti nu galchee, rakkoon nageenyaa hamaanis biyyattii kan itti mudateedha.
Kanaaf qormaatni Itoophiyaanotaa baruma moofaa waliin darbee barri haaraan kan waan gaarii itti dhageenyuufi ittihojjannu akka ta’u abdiin qaba. Ummata bal’aafis barri haaraan kan abdii itti horatuufi nageenyisaa itti mirkanaa’u akka ta’un hawwa
Bariisaa Fulbaana 1 / 2014