Shinooyyeefi Goobee: Waltajjii aadaa biyyaalessaa taasisuuf

 Saamraawiit Girmaatiin

Yommuu ayyaanni waggaa ga’u taateewwan adeemsifaman garagaraa ni jiru. Keessumaa dardarraniifi shamarran gaafa ayyaanaa hawwii olaanaadhaan eeggatu. Yeroo walarganii waliin taphataniifi waliinis dabarsan, darbees walkaadhimmatan waan ta’eef iddoo olaanaa kennuuf.

Kanneen keessaa yommuu ganni dhumee birraa bari’uuf jedhu Qaam’ee keessa shamarran qunnii biqifachuun Shinooyyee, dardaran ammoo Goobee taphatu.

Akka Hayyuun Seenaa Obbo Alamaayyoo Hayilee Gaazexaa Bariisaaf ibsanitti, Qaam’een ayyaana shamarranii jedhamee waan fudhatamuuf Oromoo biratti guyyaa shamarran geessuun gandaan walwaamanii manaa manarra naanna’uun itti eebbisaniidha. Hawaasa Oromoo biratti eebbi daa’imman dubarri ykn shamarran godhan kabajaafi dhageettiifi fudhatama guddaa qaba.

“Ayyaanicharratti haawwan ateetee ni facaafatu sirbi shinooyyee kun jala bultiidhaa qabee kan raawwatu ta’ee, warri gaa’elatti seenan kan irratti hinhirmaanne yoo ta’u, warri xixiqqoon kan itti miidhaganii yaa’anidha. Kana malees shamarran geessuun itti mul’ataniidha. Guyyaan kun dargaggeessi gaa’ela ga’e ammoo michuu isaan kan itti filachuuf carraa argatuudha.

Guyyicha shamarran:

“Shinooyyee yaa shinooyyee

Qaam’ee yaa masqalooyyee

Inquxaaxaash ayyaanaa (2)

Daddarbaa karra yaanaa!

jechuun walwaamanii maatii ganda sanarra yaa’anii qunnii buqqifatanii harkatti qabatan kennuun manarratis daddarbuun eebbisaa deemu. Maatiinis ijoollee shamarranii kana affeeranii dhadhaa dibuun eebbisanii qarshiis badhaasanii gaggeesu.

Gama biraatiin Barsiisaan Yunvarsiitii Finfinnee Qulqulluu Ijoo akka jedhanitti, ayyaanni shamarran kabajan kun moggaasawwan garagaraa qaba; Shinooyyee-Walaalee- Qaam’ee- Ingiccaa- Birroolee.

Ayyaanichi ayyaana shamarranii (Ayyaana durba qarree hinbuufatiin, ayyaana durba durbummaa qabduu), ayyaana kabajamaafi birmadummaa shamarranii ibsuudha. Yoo durba ta’uu baatan tasumallee ayyaanichatti hinhirmaatan. Kanaaf durbummaa ofii sirnaan eeggatanii hanga gaa’elasaaniitti turu.

Kanarraa ka’uun:

“Ingiccaan koo faachaa; yoo bu’ellee hinbeekuu Ayyaanich waggaatti altokko naanna’ee dhufuusaatti guyyaan kun akka guyyaa walabummaa shamarraniitti ilaalama. Dhiibbaa hawaasummaafi aadaa isaanirra jiru guyyaa kana karaa Walaaleesaaniitiin ibsachuun ofirraa balaaleffatu; jaalala hiriyummaa waliif qaban walfaarsanii ibsatu.

Akkasumas, ayyaanichi akeektuu Birraan bari’uuti; Birraan immoo heeruma fedhii malee, butiifi kkf qabatee waan dhufuuf …Birraan sababa…jechuun bari’uu birraa balaaleffatu; abbaafi haadhasaanii fedhiisaanitiin ala waan isaan heerumsiisaniif Walaaleesaaniitiin:

“Yaa muraa shunkurtii,

birriitu caala jettee haati ilmoo gurgurtii;

baddaa baddaa jedhuu, guggubataa kanaa,

abbaa abbaa jedhuu, gurgurataa kanaa” jechuun warra ofii balaaleffatu. Kanaaf, ayyaana kuni madda falmaa mirga dubartii (The origin of feminism movement) jennee fudhachuu ni dandeenya.

Warra isaan biraa heeruman ennaa mararsiifatanis,

“Buqqisaa buqqifannaa;

 gurguddoon keessaa yaatee,

xixiqqoo guddifannaa” jechuun faarsu. Kana malees, qe’ee haadha ofiifi qe’ee haadha ormaa walbira qabuun,

“Qe’een haadha ofii shittoo shittoo jedhaa;

Qe’een haadha ormaa dikee dikee jedhaa” jechuun akka isheen heerumte sagalee owwaannaa toltee gadi jettee, amala tolfattee bultu gorsu.

Dhumarratti akka waan isheen haadha isheetti dhaamsa dhaammattee deemtetti:

“Karaa deemsa koo, loon bobbaafadhu

bakka ciisa koo, itillee hafii,

basha’ii rafi haadhakoo jette ilmoon kee” jechuun garaa hammeessu.

Guyyaa kana shamarran buqqisaa buqqifatan mana namoota dhaqanii utubaatti hidhu ykn karaa balbalaatin manarratti ha’u ykn harkatti haadha warraatti kennu. Dubartiin dhala dhabde guyyaa kana

 shamarran kanneeniif yoo wareegde waggaa sanatti ilmoo argatti. Shamarran, durba duudaa, birmaduu waan ta’aniif kadhatanii Waaqarraa argatu. Dargaggoonni immoo durba gara fuulduraatti fuudhuu fedhan suuta jedhanii qarree isheerra marga buufatanii dhungatu; shamarran garuu ofitti hinbutan.

Aadaan kun garuu wayita ammaa dagatamaa deemaa jira. Artsitoonni tokko tokkos bifa weelluutiin kiliippii hojjetaniifi akka hindagatamne taasisaa jiru. Dhaabbanni Piromoshinii Aartii Boraatiimmoo Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa waliin ta’uun waggaa waggaan feestivaala qopheessuu erga eegale baranni waggaa sadaffaadha.

Gaggeessaan hojii dhaabbatichaa Artisti Biruk Girmaa saganticha ilaalchisuun akka nuu ibsetti, taateewwan aadaa barri haaraan uummata Oromoo biratti ittiin simatamu keessaa Shinooyyeefi Goobeen isaan ijoo ta’anis wayita ammaa dagatamaa jiru. Kanarraa ka’uun aadaa kana bakkatti deebisuun waltajjii shamarraniifi dardarran Oromoo qofa osoo hintaane kan biyyaafi kan ardii akkasumas kan addunyaa akka ta’uuf karoorfatanii hojii eegaluu hima.

Akkaataan bara haaraa sadarkaa biyyaatti ittiin simatamu bifa aadaafi eenyummaa ummaticharraa fagaateen aadaa alaa dhufeen bor’aa jiraachuu kaasee, kana hambisuuf akkasumas aadaan ganamaa akka deebi’uuf dargaggootaafi shamarran leenjisuun saganticha qopheessaa akka jiran ibsa.

Feestivaalli si’a sadaffaaf qophaa’e kunis Qaam’ee 2, bara 2013 Giddugala Aadaa Oromootti kan eegalame yoo ta’u, hanga Fulbaana 10 bara 2014tti kan ittifufu ta’uu ibsa. Kanaanis dargaggoonniifi shamarran, addababa’iiwwan guguddoo magaalaa Finfinneefi magaalota Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinneetti kan agarsiifamu yoo ta’u, guyyaa dhumaammoo giddugala Aadaa Oromootti sirni cufiinsaa taasifamee waggaa dhufuuf magaalaan qopheessu carraa fudhachuun kan xumuramu ta’uu dubbata.

Feesitivaalicha hanga Shinooyyeefi Goobeen sirriitti hunda biratti baramee akka Irreechaatti beekamutti kan ittifufu ta’uu kan ibsu Artisti Biruuk, hanqinni maallaqaa isa mudatu garuu gamanumaa yaaddoo akka itti ta’u hima. Abbootiin qabeenyaafi dhaabbileen garagaraas hojii kana cinaa hiriiruun aadaa dhalootatti dabarsuufi addunyaatti beeksisurratti ga’eesaanii akka taphatan waamicha dhiheessa.

Yaada feesitivaalichaa Ministeera Aadaafi Turizimiif kan beeksisanis deggarsi barbaadamu akka hintaasifamneef eeree, faayidaan isaa garuu kan biyyaa waan ta’eef xiyyeeffannaan utuu itti kennamee gaarii ta’u ibsaa, hiriyyootaasaa milkaa’ina hojichaaf isa deggaran hunda galateeffateera.

Bariisaa  Fulbaana 1 / 2014

Recommended For You