Atileetonni Olompiikii Tookiyoorrattii qabxii gaarii galmeessisan masaraa mootummaatti badhaafaman

Qabxiin galmaa’e Itoophiyaa kan madaalu tahuu baatus  gara fuulduraatiif caalaa akka hojjennu kan akeeku  jechuun Pirezidaantii Rippablikii Dimokraatawaa Itoophiyaa Saahilawarqi Zawudee atileetota Olompiikii Tookiyoorratii Itoophiyaa bakka bu’aniif  dheengadda wayita beekamtiifi badhaasa kennan dubbatan.

Dorgommii Olompiikii Jaappaan, Tookiyootti gaggeefameen meedaaliiyaa warqii Itoophiyaaf kan argamsiise Atileet Solomoon Baaraggaatiif badhaasni warqii giraama  40fi konkolaataa qarshii miliyoona sadii kennameera.

Dorgommii gufachiisaa meetita 3000n meedaaliyaa meetii kan argamsiise Lammeechaa Margaa qarshii miliyoona 1.5 yoo badhaaafamu, dorgommii dubartootaa meetira kuma 10fi 5n meedaaliyaawwan meetii kan argamsiisan Lattasanbat Gideeyifi Gudaaf Tsaggaayee qarshii miliyoona tokko tokko badhaafamaniiru.

Dargomichaan sadarkaa 4fa ta’uun xumuranii dippiloomaa kan argatan Atileet Roobaa Darajee, Firewayinii Hayiluufi Maqdas Abbabaa badhaasa qarshii kuma 200fi kanneen dorgommiiwwan garagaraatiin sadarkaa 5fa-8fa bahan badhaasa qarshii kuma 150  argataniiru.

Leenjistootaafi ittaantoonnisaanii atileetonni qabxii gaarii akka argamsiisan akkuma gumaachasaaniitti badhaasa qarshii kuma 70-300 argataniiru.

Sagantaa badhaasaafi beekamtii atileetotaa kennuurratti Ministirri Aadaafi Turiziimii Aadde Hiruut Kaasaawu, Komishinarri Federaalaa Obbo Eliyaas Shikur, Pirezidaantiin Koree Olompikii Itoophiyaa Doktar Ashabbir Waldagorgisfaan  argamaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 29/2013

Recommended For You