Sochiin ispoortii RIB deggeruuf taasifamu cimee ittifufa

Finfinnee: Sochiin ispoortii Raayyaa Ittisa Biyyaa (RIB) deggeruuf taasifamu cimee kan ittifufu ta’uu Komiishiniin Ispoortii Federaalaa ibse.

Sochiin ispoortii deggersa raayyichaatiif taasifamu bor “Guyyaa Addaa Ispoortii Hawaasaa” jedhamuun sadarkaa biyyaatti sagantaalee gara garaatiin kabajamee kan oolu ta’uu komishinichi ibseera.

Komiishnara ittaanaa komiishinichaa Obbo Duube Jiloo ibsa torban kana miidiyaaleedhaaf kennaniin akka jedhanitti, sochiin ispoortii ummataa Hagayya bara 2013 irraa eegalee sadarkaa mootummaa federaalaatii kaasee hanga dakaatti RIB deggeruuf taasifamaa jiru cimee kan ittifufu ta’a. Raayyicha deggeruuf sochiin galii walittiqabuufi dhiiga arjoomuus itti fufiinsaan kan adeemsifamu ta’uus ibsaniiru.

Itspoortiin tokkummaa uummataa cimsuufi nageenya busuu keessatti meeshaa olaanadha kan jedhan Obbo Duubeen, misooma ittifufiinsa qaabu mirkaneessuufi walitti bu’insa furuu keessattis humna guddaa kan qabu ta’uus eeraniiru.

Sochiin ispoortii RIB maddii dhaabachuufi deggeruu keenya agarsiisu mata duree “Anis Biyyaa Kiyyaaf Raayyaadha” jedhuun naannolee biyyattii torbaafi bulchiinsota magaalaa lamaatti bal’inaan geggeeffamaa jira.

Sochiiwwan gama sektara ispoortiitiin hanga ammaatti taasifamaniin kutaaleen hawaassaa kuma 479fi 596 dhiigaa yuunitii kuma torbaafi 648 kan arjooman ta’uufi qarshii miiliyoona 13fi kuma 95 deggersa kan taasisan ta’uu himaniiru.

Deggersi sochii ispoortiitiin RIBf taasifamaa jiru kun bor guutummaa biyyattiitti fiigicha kiiloo meetira shanii, dhiiga arjomuufi sochii qaamaafi sagantaalee gara garaatiin “Guyyaa Addaa Ispoortii Hawaasaa” jedhamuun kan kabajamu ta’uu himaniiru.

 Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 29/2013

Recommended For You