Gareen shoroorkeessaan ABUT lammiilee nagaarratti ajjeechaa raawwachuufi Raayyaa Ittisa Biyyaa (RIB)irratti waraana labsuun sochiin birmaddummaa biyyaa sarbuuf taasiisaa jiru dhaabsiisuun biyyatti keessatti nagaa waaraa buusuuf lammiilee hundii kan humna qaban gama adda waraanaatti imaluun, kan qabeenya qaban horiin, kaan ogummaafi dhiiga arjoomuun aantummaa qabaniif ibsaa jiru.
Tibbanas sagantaa Giddugala Aadaa Oromootti qophaa’erratti artiistoonni Oromoo aantummaa RIBf qaban agarsiisuuf dhiiga arjoomaniiru. Dhimma kana ilaalchisuun Gaazexaan Bariisaa daarektara olaanaa giddugalichaa, Obbo Dirribaa Tarrafaa wajjin gaafdeebii taasiseera.
Bariisaa: Sagantaan kun maaliif qophaa’e?
Obbo Dirribaa: Sagantaan kun artiistoonni Oromoo hojjettoota Giddugala Aadaa Oromoo (GAO) wajjin ta’uun yaalii gareen shororkeessaa ABUT birmadummaa biyyaa sarbuuf taasisu dhaabsisuufi aantummaa RIBf qaban dhiiga arjoomuun mirkaneessuuf sagantaa qophaa’eedha. Artistoonni kanaan duras raayyicha bira dhaabachuuf dhiiga arjoomuufi sagantaalee daddammaqiinsaa garagaraa giddugala leenjii loltummaa dhaquun waan irraa eegamu gumaachaniiru.
RIB biyyattii diigumsaafi badiirraa oolchuuf lubbuusaa qaalii dabarsee kennnuun bakkawwan adda addaatti injifannoo gonfachaa biyya tiksaa jira. Gareen shororkeessaa ABUT ammoo RIB duubaan waraanuun waan seenaa keessatti hindagatamne raawwatus deeggarsa lammiileen biyyattii ogummaawwan garagarraatti hirmaataniifi kanneen biroo hirmaachiseen seenaa badii gareen kun geessisuuf yaade seenaa ta’uun biyyattiin gootota ilmaansheetiin tikfamaa har’a geesseetti.
Bariisaa: Kaayyoon sagantichaahoo?
Obbo Dirribaa: Sagantaan adeemsifamaa jiru kan dhiiga arjoomuu ta’uus kaayyoonsaa RIB lubbuusaa kennaa jiruun, wareegamaa jiruun, “Isiin lubbuu keessan qaalii biyyaa kennuun waan guddaa hojjetaa jirtu. Nutimmoo dhiiga keenya xiqqoo isinii arjoomuun isin bira dhaabachuu keenya mirkaneessina. Biyya kanaaf kan jiru isini, jabaadhaa, isin cinaa jirra” jechuun ergaa dabarsuufi.
Artiin waraana duubatti meeshaa isa guddaadha. Waraana kan kakaasu, onnachiisuufi gootummaa itti horu waan ta’eef daran barbaachisaadha. Artiistoonni ogummaa qabaniin RIB jajjabeessuun ammoo asumatti kan dhiyaatu ykn giddugala leenjii qofatti kan agarsiifamuu osoo hintaane gama adda waraanaattis dhiyeessuuf kutannoofi fedhii guddaatu jira.
Bariisaa: Deggarsi biraa taasifame jiraa?
Obbo Dirribaa: Hojjetoonni GAOs ta’ee kan Biroo Aadaafi Turiziimii Oromiyaa mindaasaanii ji’a tokko kennaniiru. Kana jechuun yoo biyyi nagaa ta’ee nuufi namoonni nujaalannu, lammiin biyyaa hundi nagaa kan ta’uu danda’u.
Kanaaf hojjetoonni giddugalichaas ta’e artistoonni gama adda waraanaa deemuuf galmaa’an jiru. Kanneen hafanillee deemuuf fedhii agarsiisaa jiru. Oromoon afoolasaan “Waa sadii bahii, jedha. Isaanis biyyaaf waa bahii, yoo isa dadhabde gosaa waabahi, yoo isa milkeessuu dhabde ofii waa bahi, jedha. Kana hunda raawwachuu yoo dadhabde du’i” jedha. Kanarraa Oromoon biyyaaf hangam dursa akka kennu irraa hubachuun nidanda’ama.
Bariisaa: Hariiroon qabsoo Oromoofi aartii gidduu jiru maal fakkaata?
Obbo Dirribaa: Oromoon biyyi tun biyya taatee akka dhaabattuuf aarsaan hinkafalle hinjiru. Lolla Adwaa gootota Oromoo kanneen akka Gabayyoo Gurmuufi Baalchaa Saafoofaa malee kaasuun waan danda’amu miti. Isaan booda afoola Oromoo kanneen akka geerarsaafi sirbatu jira ture. Dhiyeenyuma kana qabsoo qarreefi qerroon waggoota sadan darban dura taasisan cinaa hojiiwwan artistoota keenyaatu Wayyaanee ari’e.
Kanaaf akkuma kaleessaa Oromoon afoolaafi gootummaan diina saalfachiisaa ture. Har’as saboota Itoophiyaa waliin artistoota ofcinaa hiriirsuun birmadummaa biyyasaa sadarkaa barbaachisuun eegsiisaa jira. Artistoonni jijjiirama fiduu, tursiisuufi ittifuufsiisuu keessattii waan irraa eegamu hojjetaa turaniiru, jirus.
Bariisaa: Oromoon injifannoo qabsoosaatiin argate akkamiin tursiisuu qaba jettu?
Obbo Dirribaa: Oromoon kaleessa badiifi saamicha Wayyaaneedhaan irratti raawwatameen madaa guddaa qaba. Badii saba kanarratti raawwatame nama Oromoo ta’ee tokko miti saboonni birooyyuu waan dagatanii miti.
Ajjeechaan umriin hindaangeffamne, saamiichifi hidhaan raawwataa ture sukkanneessaa ta’uusaarraa kan ka’e saba adduunyaa kanarra jiraatu kamirrattu waan raawwatamee beeku hinfakkaatu.
Keessumaa gadameessa hawwoota Oromoo dhiigsaafi boossisaa turaniiru. Ammas garee Oromoofan qabsaa’a ofiin jedhu waliin ta’uun boyiichi sun akka hindhaabanne cichanii wixxirfataa jiru.
Miidhaa irra gahaa tureefi jiru sabichi bareechee waan beekuuf Oromoon warra gumaa kana waliin hariiroo qabaachuu hindanda’u. Akkaataa kamiin gumaasaa akka baafatuu saba beekudha. Injifannoo waggoota dheeraa booda gonfate ergamtuus haa ta’e hattuu kamiifuu dabarsee hinkennu.
Bariisaa: Ergaa waliigalaa abduu?
Obbo Dirribaa: Wanti akka biyyaatti numudate kun waan salphaa miti. Yoo biyyi jiraate namni kamuu jiraata. Sabni dammaqee, gurmaa’eefi hidhate yoomiyyuu waan injifatuuf namni kamuu qe’eesaa dammaqinaan gurmaa’ee, hidhatee eeguu qaba.
Wayyaaneen akka Itoophiyaanota hinmo’annee bareechee beeka. Kaleessa qeerroon dhagaadhaan taankii dura dhaabatee injifachuun seenaa yeroo dhiyooti. Saboonni biyya kanaa tokkummaan waan mootummaan jedhu hojiirra yoo oolche, rakkoo kun akka guuta galaanaatti yeroo gabaabaa keessatti kan darbu ta’a.
Haaluma walfakkaatuun giddugalichatti ogeessa muuziqaafi seeraa ta’uun tajaajilaa kan jiran Artisti Addaamuu Gammachuus dhimmuma kanarratti turtii gabaabaa nu wajjin taasisaniiru.
Bariisaa: Waraana kana injifannoon xumuruuf artistoota Oromoorraa maaltu eegama?
Obbo Addaamuu: Artiin meeshaa waraanaa caala gahee lolchiisuufi waraanas injifannoon xumuruuf taajaajila. Kana hubachuunis artistoonni Oromoo ogummaasaaniin qofa osoo hintaane dhiiga arjomuun RIB cinaa dhaabbataa jiru.
Waraanni kun kan baname Itoophiyaanota hundarratti, keessumaa immoo Oromoorratti. Sababnisaas abbaan biyya kanaa Oromoodha. Oromoo biyya kana keessaa cinaatti baasnaan biyyi Itoophiyaa jedhamtu waan yaadamtu miti.
Biyyi tun seenaanis haa ta’u haala qabatamaa amma jiruun Oromoo malee waan hin yaadamneef Wayyaaneen ajandaalee garagaraa Oromiyaa keessatti facaasti. Oromiyaa diignaan haala salphaan Itoophiyaa diiguun waan danda’amuuf. Ummanni keenyas kana hubatee biyyisaa nagaa akka hindhabneefi hindigamne cimee qe’eefi biyyasaa diinarraa eeguu qaba.
Bariisaa: Badiin ABUT kalleessaa Oromoorrattii raawwate akka irra hindeebi’amneef maaltu taasifamuu qaba?
Obbo Addaamuu: Oromoon waggoota 28f waan irratti raawwataa ture waan beekuuf ilmaansaa adda waraanaatti ergaa waan qabuunimmoo RIB biraa kan dhaabataa jiru. Warra jaraa eergamaa jiraniin “Imimmaan hawwoota Oromoo isin haagaafatu” jennaan. Ummanni tokkummaan, humnaafi qabeenya qabu hundaan RIB tumsee yeroo gabaabaa keessatti waraana kana xumuree fuulasaa gama misoomaattii deebisuu qaba.
Sinqinash Alamuutiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 29/2013