Araadni maali?
Addunyaa keenya kanarratti namoonni hedduun araadaan qabamanii jiru. Araadni kunis rakkoo fayyaa qaamaa, sammuufi hawaasummaa namoota hedduu irraan gaheera.
araada (addiction) jechuun maal jechuudha? Namni wantoota araada nama qabsiisan fayyadamu hundi “araada qaba/qabdi” jennamoo hiika addaa qabaa?
Araada (addiction) jechuun: dhibee yeroo dheeraaf namarra ture kan wantoota araada nama qabsiisan fayyadamuu dhaabuu yookaan irraa of qusachuu nama dhorkuufi miidhaafi dhibee inni fidu osuma beekanii fayyadamuu jechuudha. AkkaataaWaldaan Ogeeyyii sammuu Ameerikaa (American Psychiatric Association) jedhanitti, namni tokko araadaan qabamuu isaa kan ittiin beeknu keessaa:
- Namni araada fayyadamu tokko waan araada nama qabsiisu sana kan duraan fayyadamu irraa yeroo yeroodhaan caalchisee (baay’isee) fayyadaamaa deemuu.
- Yoo waan araadaa sana dhabe mallattoowwan garaagaraa (araada fayyadamu sanarratti hundaa’uudhaan) argisiisuu.
- Araada barbaadu sana argachuudhaaf garmalee dhama’uu: fakkeenyaaf yeroo hojii biraa itti hojjachuu malu araada sana argachuuf dhama’uun dabarsuu fi kkf
- Yeroo hedduu araada fayyadamu sana irraa adda ba’uudhaaf yaalii taasisuu garuu yaaliin godhamu sun fiixa ba’uumsa dhabuu.
Haala armaan olii kanarratti hundaa’uudhaan namni tokko araada kanaan qabamuufi qabamuu dhiisuu isaa haala salphaan beekuu danda’a jechuudha.
Wantootni araada nama qabsiisan yookaan araada namatti ta’an maal maal fa’ii?
Biyyoota garaagaraa keessatti waantonni namoonni araadaaf fayyadaman garaagarummaa hedduu kan qaban yoo ta’u, biyya keenya keessaatti kanneen araadaaf namoonni hedduun fayyadaman: dhugaatii alkoolii bifa gargaraan qophaa’u, jimaa, tamboofi qorichoota adda addaa yoo ta’u; akka addunyaatti ammoo gosoota qorichaa baay’inaan hedduu ta’an yoo ta’u, qorichoota akka hashiishii, maarijuwaanaa, herooyinii, opiyeemiifi kkf maqaa dha’uun ni danda’ama. Haala fayyadama araada gargaraa irratti seerri biyyaa illee dhiibbaa guddaa qaba. Kana jechuun qorichoonnifi wantoonni biroo araadaaf namni fayyadamu kan biyya tokko keeessatti seeraan ala ta’e biyyoota biraa keessatti ammoo seera qabeessa ta’uu waan maluuf jechuudha.
Yeroo ammaa kana keessa namoota hagamtu araadaan qabamee jiraa?
Akka walii galaatti addunyaa keenya irra gara namoota miliyoona 31 ta’antu araadaan qabamee jira. Akka addunyaa keenyaatti alkoolii qofaa yoo fudhanne namoota umuriin isaanii wagga 15 ol ta’an keessaa harki dhibbantaan 38 alkoolii ni dhugu (kana jechuun waggaatti haga liitira 17 kan dhugan jechuudha). Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa jedhutti sababa alkoolii qofaan namoota miliiyoona 3.3 ta’antu lubbuu isaanii dhaba.
Gara biyya keenyaatti yoo deebinu qorannoowwan adda addaa akka argisiisanitti lakkoofsi namoota araadaan qabamanii jiranii hedduu sodaachisaadha. Akka fakkeenyaatti qorannoon magaalaa Adaamaatti geggeeffame tokko akka argisiisutti, namoota aradaan qabamanii jiran keessaa harki 70% aradaa tokkoo ol kan qabanidha. Gosa araada fayyadamaniin yoo ilaallu ammoo qorannoon akka ibsetti dhibbeentaan hedduun Jimaa kan fayyadaman yoo ta’u itta aanee kan jiru araada alkoolootifi tambooti.
Baay’inni dubartoota araadaan qabamanii jiranii kanneen dhiirotaa irra hedduu xiqqaadha (dubartoonni dhibbantaa 23%) qofa kan ta’anidha. Haala umuriin yoo ilaallu hedduminni namoota araadaan qabamanii jiranii wagga 15 haga 24 jidduu kan jiranidha. Akkasumas qorannoo Yunivarsiitii Haramaayaa irratti geggeeffame tokko akka ibsutti barattoonni dhibbeentaa 62.4% ta’an yoo xiqqaate altakkaa waan araadaaf nama saaxilu tokko fayyadamanii jiru. Kanneen dhibbeentaa 41% ta’an ammoo yoo xiqqaate altakkaa jimaa kan qama’aanii jiran yoo ta’u, kanneen dhibbeentaa 23.6% ta’an ammoo araadaan qabamanii kan jiranidha.
Namoonni hedduun araada fayyadamuu maaliif eegaluu?
Namoonni araada gargaraa kan fayyadaman haala araada sanaafi haala nama dhuunfaa sana irratti addaa adda ta’uu mala. Fakkenyaaf barattoonni yunivarsiitii biyya keenya keessatti maaliif jimaa fayyadamuu akka jalqaban gaafatamanii deebii kennaniin akka jedhanitti: barnoota irratti cimina dabaluuf; gammachuu argachudhaaf; muddama barnootaa irraa bilisa ta’uuf ykn sammuu keenya boqochiisuuf; yeroo qo’annu akka hirribi nun qabneef; hiriyyoonni keenya waan jimaa fayyadamaniifi kkf jedhanii deebisan.
Walumaa galatti ammoo namoonni araada garagaraa kan eegalan: dhiibbaa hiriyyaa, fakkeenyummaa namoota beekamoo (akka taphattoota kubbaa miilaafi taatota fiilmii gargaraa), dhiphina sammuu ofirraa fageessuuf yaaluufi kkf jedhamee yaadama.
Miidhaa fayyaa araadni nama irraan ga’uu malu maal fa’i?
Qorichoonni gargaraa akkuma qabiyyee isaaniitti dhiibbaa fayyaa mataa isaanii danda’e ni fidu, fakkeenyaaf tamboo xuuxuun kaansarii sombaafi kansaroota hedduuf akka nama saaaxilu, alkoolii baay’isanii fayyadamuun ammoo adda durummaan dhukkuba tiruuf nama saaxila. Qorichooonnifi araadonni biroo adda addaas akkasuma dhiibbaafi dhibee fayyaa mataa isaanii fidan qabu. Haa ta’u malee miidhaa tokkoo tokkoon araadaa fidu amma waan kaasuun ulfaatuuf walumaa galatti araadni dhiibbaalee akkam akkamii fayyaa dhala namaa irraan ga’a jennee haa ilaallu.
- Sirna qaama keenya irraa dhukkuba lolu (madiinummaa) qaamaa miidhuudhaan dhukkuboota biroo hedduudhaan qabamuuf nama saaxilu.
- Dhukkuba onnee, dha’annaa onnee sirrii hintaane irraa eegalee haga onneen tasa hojii dhaabdee lubbuun darbuufi akkasumas namoota qoricha araadaa waraannatan ammoo baakteeriyaan karaa waraannatan seenuun onnee hubuu danda’a.
- Anniisaa qaamaa saamuudhaan akkasumas fedhii nyaataa gadi buusuudhaan huqqina ykn hir’ina nyaataa cimaa namatti fiduu mala.
- Qaamota qorichoota qaama keessaa dhabamsiisuuf gargaaran keessumaa tiruu miidhuudhaan lubbuu dabarsuu mala.
- Dhukkuba gaggabdoo, sammuu keessatti dhiiguufi hubamuu sammuu kan akka waa yaadachuu dadhabuu, murtoo haalaan murteessuu dadhabuu namatti fida.
- Dubartoonni ulfaa yoo araada gargaraa fayyadaman mucaa garaa keessaa irratti miidhaalee hedduu akka ulfa baasuu, mucaan garaa keessatti lubbuun darbuufi yeroon osoo hinga’iin dhalachuu fiduu danda’a.
Midhaawwan armaan olitti tarreeffaman kunneen kanneen araadni namatti fidu leessaa muraasa kan ta’aniifi tokkoon tokkoon araadaa ammoo miidhaa ofii isaanii kan dabalataa hedduu kan qabaniidha.
Namni tokko araada keessaa murteessee b a’uuf yoo yaalutti maaltu isa /ishee gargaaruu danda’aa?
- Tarkaanfiin inni jalqabaa “murtoo murteessuudha”. Akkuma beekamu namni tokko tarkaanfii kamuu fudhachuuf murtoo murteessuun hedduu barbaachisaadha. Murtoo kana yoo murteessan miidhaa fayyaafi haawaas-dinagdee araadni sun namarraan ga’u yaadachuufi yoo danda’ame barreessanii kaa’uun barbaachisaadha.
- Inni lammaffaa karoora baafachuudha. Murtoo kana yoo murteessu, namni sun guyyaa itti araada sana dhaabuuf yaade, yoo kan yaala fayyaa barbaadu ta’e ammoo yoom gara mana yaalaa deemee gorsa akka fudhachuu yaade, akkasumas araada dhaabuudhaaf wantoota danqaa itti ta’an adda baasee barreessee ka’uudha.
- Inni biraa erga karoora baafatee hojiitti galee booda namni sun, yeroo isaa hojiifi wantoota birootiin guutuu ykn ko’ommachuu qaba. Waa’ee araadaa sana yaaduuf yookaan barbaaduuf akka yeroo hinargannetti jechuudha. Kana malees wantoota araada sanaaf isa saaxilan akka namoota duraan waliin araada fayyadaman waliin ooluufi naannoo araada sana fayyadamuu irraa fagaachuun barbaachisaadha.
- Araadni tokko tokko yoo dhaaban yeroo muraasaaf mallattoo garaagaraa waan argisiisuuf mallattoo sana ofii ofiin yoo kan of yaaluun dadhabame ta’e gara mana yaalaa deemuun gargaarsa ga’aa fudhachuunillee barbaachisaadha.
Fayyaa hindhabinaa!
Doktar Naafyaad Geetuu
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 29/2013