Ijaarsa biyyaafi gahee sabaahimaalee

Miidiyaan (sabaa himaan) meeshaa qunnamtii odeeffannoon ittiin daddarbu akka ta’e hiiknisaa ni mul’isa.  Odeeffannoon darbus bifa oduu, muuziqaa, fiilmii, barnoota, beeksisaafi kkf ta’uu mala. Kunneenis karaa raadiyoo, televizyinii, gaazexaafi onlaayinii, bilbila, biilboordii, intarneetii, faaksiifi kkftiin kan daddarbuudha.

Meeshaan qunnamtii kun haala qindaa’een yoo kaayyoo yaadameef bira qaqqabe biyya diiguus ta’e ijaaruu akka danda’u haala qabatamaa Ruwaandaatti waggoota 30 dura raawwatamerraa hubachuun ni danda’ama. Akkasumas taateen seenaa Turki keessatti raawwatame, utuu mootummaan miidiyaa fayyadame hintasgabbeessine ta’ee biyyattiin baddee turte.

Kanaaf biyyi kamuu qaama mootummaa afraffaa jedhamee kan amanamuuf xiyyeeffannaa kennuufi haalaa hordofuun dirqamasaaniiti. Miidyaan hariiroo ummataa cimsuuniifi tokkummaa jabeessuun ijaarsa biyyaa dhugoomsuu keessatti ga’eesaanii akka ba’ataniif hojjechuu gaafata. Waajjirri Pirezdaantii Oromiyaa waltajjii Gumii Balal yeroo yerootti qopheessuun dhimmoota garagaraarratti qaamolee dhimmichi ilaallatu wajjin marii adeemsisa. Torban kanas marsaa 11faf mataduree “Ijaarsa biyyaafi sabaahimaalee” jedhuun torban kana adeemsiseera.

Mariisiisaan waltajjichaa Hogganaa Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Magaalaa Finfinnee Obbo Abdii Tsaggaayee akka jedhanitti, miidiyaan humna hariiroo  (Communication Power) olaanaa waan qabuuf haala gaariin yoo ittifayyadamame bu’aa, haala hintaanee ittifayyadamnaan ammoo kasaaraa olaanaa fida.

Walittidhufeenyi hawaasaa cimsuunis biyyi jabduun akka ijaaramtuuf shoora olaanaa taphata.

Qaamoleen walhinbeekneefi waliirraa fagoo ta’an odeeffannoo miidiyaarraa argatanirraa ka’uun akka qaama ykn lammii tokkootti akka yaadan taasisuuf humna akka qabu kaasanii, kun kan ta’uu garuu aadaa, duudhaa, seenaafi haala waliin jireenyaa ummatichaa sirrii ta’e yoo dhiheessan ta’uu ibsu.

Miidiyaan ergamasaa sirrii akka ba’atuuf ga’een ummataa olaanaa ta’uu kan himan hogganaan kun, yaada ijaaru kennuu, yoo wanti sirrii hintaane jiraates ibsuun miidiyaa jabeessuu akka barbaachisu himu.

Akka biyyaatti hojii miidiyaan hojjetaa jiranirratti hanqinni guddaan jira kan jedhan Obbo Abdiin, miidiyaan tokko tokko fedhii biyyaa (national interest) cinaatti dhiisuun jaalatamummaafi galii ittin argachuuf jecha qofa naamusaan ala yommuu hojjetan mul’ata. Keessumaammoo miidiyaa hawaasaa ragaa qabaatamaa hintaane qabachuun biyya diiguu akka hojjetan ibsu.

“Yeroo ammaa yeroo kamuu caalaa tokkummaadhaan biyya ijaaruuf hojjechuutu barbaachisa. Rakkoo keessootti booda deebi’uun ni danda’ama. Duula miidiyaa warra alaatiin biyyattiirratti baname qolachuuf garuu tokkommaafi miira biyyummaatiin hojjechuu barbaachisa” jedhu.

Waltajjicharratti barreeffama marii kan dhiheesse ogeesi Kominikeeshinii Olaanaan Obbo Gammachuu Baqqalaa gamasaatiin, miidiyaa mallattoowwan garagaraatiin ibsuun akka danda’amu ibsa. Agarsiiftuuwwan kanneen keessaas miidiyaan taatee dhugaa ykn soba hawaasa keessa jiru kan agarsiisu waan ta’eef akka daaw’itiitti fudhatama. Akkasumas taateewwan seecca’uun waan dhiheessuuf dhimbiibaadha jechuun akka danda’amu ibsa.

Sababa odeeffannoo namootaaf dabarsuun kallattii agarsiisuuf ammoo akka mallattoo karaa (sign road)tti fudhachuun akka danda’amu kaasee, odeeffannoo namoonni hundi argachuu hindandeenyemmoo ummata biraan waan ga’uuf akka ujummootti ilaaluun akka danda’amuufi waltajjii odeeffannoofi yaadni addaddaa itti dhihaatu ta’uu hima.

“Miidiyaan gahee eeyyentaa (positive)fi ihintaa (negative) qaba. Akkuma ummata gargar baasuu danda’u walittis fiduu danda’a. Odeeffannoo garagaraa fiduun daneessummaan yaadaa akka keessummaa’uuf ni gargaara. Akkasumas walta’iinsaafi waltumsa fiduun ummata keessatti miira lammummaa, michummaafi eenyummaa uumuu danda’a. Keessumaa yommuu hawaasa keessatti jijjiiramni uumamu miirri jijjiiramaa akka jiraatu ni taasisa” jedha.

Karaa ihintaatiin ammoo miidiyaan safuu dhabuufi eenyummaa dhabuu fiduu akka danda’u eeree, kanarraa kan ka’ee bilisummaan akka malee babal’atee hawaasni aadaa, amantiifi safuu akka dhabu kan taasisu ta’uu hima. Darbees miirri qofummaa akka dagaaguu taasisa; kun biyyoota guddatan hedduu keessatti akka mul’atu eeruun.

“Inni biraa olaantummaafi qeenxummaa fiduun hawaasi yaada badaarratti akka tokkoomu godha. Odeeffannoo darburraa kan ka’e hawaasni akka malee akka qindoomuufi to’atamuu dhabu taasisa. Kana jechuun hawaasni yaadaafi adeemsa tokko qabu haala salphaan hogganamuu waan danda’uufi. Akkasumas, yaada walfakkaataa walhinfalleessine akka qabaatan gochuun waan badiirratti akka waliigalan taasisa” jedha.

Miidiyaan ga’ee olaanaa biyya ijaaruuf qaburraa kan ka’e ga’eesaa haalaan ba’achuun akka irra jiru ibsee, keessumaa nagaa, dimokraasiifi misoomni akka dhufuuf cimee hojjechuun akka qabu ibsa. Akkaataa duudhaa Oromootiin jechumti ‘Nagaa’ jedhuyyuu yaada “Na ga’a” jedhurraa kan dhufe yoo ta’u, sabichi aadaadhumasaatiin “Wanti anaaf ta’e isa kaaniifis haa ta’u, kanin qabu na ga’aa” jedhu akka qabuufi miidiyaan ammoo kana agarsiisuurratti hojjechuu akka qabu ibsa.

Akka Gammachuun jedhutti,  nagaa keessa yaadamni haqaa ni jira. Gaafa wanti nama tokkoof ta’u isa kaaniif akka ta’u hawwuu haqni jiraachuu agarsiisa. Nagaan kanaaf haqaa wajjin walqabata. Bakka nagaan hinjirretti haqni hinjiru, bakka haqni hinjirrettimmoo nagaan hinjiru.

Caasaan haqadhabeessi lammilee gidirsu bakka jiruttis nagaan ni jiraata jedhanii yaaduun rakkisaadha. Akkasumas, bakka hirmaannaan lammiileefi bilisummaan yaadaa hinjirrettis haqni waan hinjirreef nagaanis hinjiraatu.

Kanaaf miidiyaan caasaa haqadhabeessa hawaasa keessa jiru saaxiluun aduu dhugaatti baasuu keessatti ga’ee olaanaa akka qaban eeree, haala walitti bu’iinsaafi walgaareeffannaa amma biyyattiin keessa jirtu keessaa akka ba’amuufis ga’eesaa karaa lamaan taphachuu akka danda’u dubbata.

Inni jalqabaa, walgaareffannaa jiru akka walmorkii qaamota lamaa akka waan hiika tokko qabuutti dhiheessuu danda’a; lammaffaammoo akka walmorkii qaamota hedduu, qawwee malee hiika qabaachuu danda’utti dhiheessuu akka danda’u ibsa.

“Kanarraa ka’uun miidiyaan hojjechuu kan qabu yaada isa lammataarratti bu’uureffate ta’uu mala. Isa keessatti gadi fageessee bakka rakkoon mudate xiinxaluuf yaala. Akkasumas, galmee qaamolee waldhaban lamaanii achi butee ilaala.

Gabaasni akkasii yeroo baay’ee walitti bu’iinsa isa meeshaadhaan taasifamuufi ijaan mul’atu irra aanee walitti bu’iinsa hinmul’atiin ilaaluu yaala. Fakkeenyaaf walitti bu’iinsa caasaafi, aadaa uumame ilaaluus ni yaala. Kana malees rakkoo amma uumame kana keessaa akkamiin baana isa jedhuuf kallattii ni agarsiisa” jedha.

Kanarratti wanti miidiyaan xiyyeeffatee gabaasu qabu gabaasa haqa qabeessa ta’uu kan kaasu ogeessi kominikeeshinii kun, kana jechuun dantaa qaama kamirraayyuu bilisa ta’uun iftoominaan gabaasuu akka ta’e eera. Waldhabdee kamuu keessatti qaamolee ykn sababoonni lamaa ol akka jiraniii isaaniifis furtuun akaakuuwwan addaddaa akka jiran agarsiisuun jecha filatameen dhiheessuun barbaachisaa ta’uu ibsa.

Dimokraasii wajjin walqabateemmoo, siyaasaafi miidiyaan meeshaa itti ummata tajaajilan ta’uu eeree, kana keessattis odeeffannoo sirrii dhiheessuun ummanni murtoo sirrii akka murteessu gaheesaanii taphachuu akka qaban hima. Bara odeeffannoo sirrii kennuun ummata tajaajiluun rakkisaa ta’e kana keessatti miidiyaan dhugaa qotee baasuun ummata tajaajilu akka qabu hima.

“Gama misoomaatiinis, misooma akka kennaa mootummaatti osoo hintaane akka mirga ummataatti dhiheessuun hawaasni mirgaafi dirqamasaa akka shaakalu taasisuu keessatti gaheen miidiyaa olaanaadha. Yoo mirgi ummataa sarbames ummataaf dhaabachuun akka kabajamu taasisuun ergamasaa ta’uu qaba” jedha ogeessi kominikeeshinii, Gammachuun.

Hirmaattonni waltajjichaa yaada kennaniis keessumaa yeroo ulfaataa kana keessatti miidiyaan dhimma biyyaatiif dursa kennuun nagaafi tasgabbiin biyyattiitti akka mirkanaa’uuf hojjechuun akka barbaachisuufi mootummaanis caasaalee miidiyaa biyyattiirratti hordoffiifi to’annoo barbaachisu taasisuu akka qabu gaafatu. Waldhabdeefi rakkooleen biyya keessaa deebii argachuu kan danda’an yoo biyyii jiraatte waan ta’eef dursa biyya oolchuurratti hunduu ga’eesaa akka ba’atus ni hubachiisu.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 29/2013

Recommended For You