Dhuma waggaarratti namootni hedduun duuba deebi’anii bara dabarsan keessatti hangam akka jireenyisaanii jijjiirameefi karoorrisaanii milkaa’e yeroo itti ilaalan, umuiin ogummaa fidee dhufa akkuma jedhamu yeroo dabarsan keessa hangam akka ogummaa argatan yeroo itti madaalan, karoora haala addaa addaatiin hinraawwatamin hafe yeroo itti sakatta’aniif yeroo isa dhufuu itti of qopheessaniidha.
Keessumaa addunyaan keenya waggoota muraasa darbanitti karoorri hedduun jeeqameera. Kaanis rakkoo hedduu kana keessa taa’anii tattaaffii cimaa taasisuun karoora qaban hanga tokko kan raawwatan ni jiru.
Egaa dhumni waggaa kun isa kaaniif yeroo of duuba ilaaluun gaddu, kaaniif ammoo yeroo galataa fakkaata. Inni kun nama dhuunfaarraa eegalee hanga dhaabbilee gara garaatti mul’ata. Haa ta’u malee milkaa’inas ta’e akka karoorsinetti raawwachuu dadhabuurraa waan hedduu barra. Bor guyyaa haaraadha.
Haalli jiru akkuma kaleessaati jennee yaaduu hindandeenyu. Haalotni nijijjiiramu. Rakkoowwan darban waan hedduu nu barsiisanii lufu. Isa dhufuuf bu’uurasi. Kan nama dhibu isa kaleessaatti milkaa’uu dadhabuun kan dhufus hinmilkoofnu jechuu miti. Waan haaraa, daandii haaraa, ilaalcha haaraa, tarsiimoo haaraa fudhannee akka itti seennu nutaasisa. Rakkoon jiru kan bara baraa miti. Ni jijjiirama.
Nutis tarsiimoo addaa, karoora addaa, ilaalcha addaa qabaachuu qabna. Rakkoo jiru qofarratti xiyyeeffachuu hinqabnu. Yeroo tokko namootni naannawasaaniitti nama beekaa jedhamu bira dhaqanii rakkoo qaban itti himatanii furmaata argatu.
Beekaan kunis muuxannoosaarraa gorsa hiruufiin, ogummaasaanis nigargaara ture. Haa ta’u malee namootni deddeebi’anii yeroo rakkoosaaniif furmaata barbaadan torbeerraa gara torbeetti rakkoon isaan fudhatanii dhufan walfakkaata ture.
Booda keessa beekaan kun gorsee dadhabee mala dhahatee eege. Yeroo isaan rakkoosaanii himatan isuma kanaan duraa waan ta’eef baacoo daran nama kofalchiisu tokko itti hime. Isaanis yeroo baacoo kana dhaga’an imimmaan buusanii kolfan. Isa booda takka turee ammas baacoo isaan yeroo xiqqoo dura dhaga’an irra deebi’ee itti hime. Yeroo kana takkaa sababa dhaaa’aniif baay’ee isaan hinkofalchiisne.
Muraasonni nicallisan. Muraasni ammoo Keessaa ammoo xiqqoo akka qummaaduu ta’an. Xiqqooshee haasa’ee ka’ee ammas baacoo si’a lama isaanitti hime irra deebi’ee itti hime. Hundisaanii hinkofalle. Callisanii dhaggeeffatan. Sababiinsaas kanaan dura irra deddeebi’anii dhagaa’aniru kaa.
Kanaaf beekaan kun jaratti deebi’ee “Argitanii baacoo tokko irra deddeebi’anii yeroo isinitti himan daran isin hinkofalchiisne. Maaliif rakkoo numudate tokko irra deddeebi’uun waa’eesaa qofa leellisnaree? Isa darberraa barachuun waan haaraa yaaluun barbaachisaadha!” jedheen.
Waan darbe keessaa ba’uu dadhabuun miidhama. Nama cidii rukutu fakkaata. Haalli kaleessa keessa turte kan milkaa’ina si dhorke yoo ta’e amma garuu fuula kee dura yoo xiqqaate waggaan dhufaa jiru guyyoota 365 qaba. Isa kaleessaarraa bifa haaraa ta’een karoorsi, karoora kees hojiitti geeddaruuf dhama’i.
Waan haaraa karoorsuufi hojiitti geeddaruuf yaaluu keessa nuffiin hinjiru. Hanga haalli sii mijatutti hineegin. Haala situ mijeeffata malee mijaa’ee sii hindhufu.
Situ dhaabata malee sa’aatiin dhaabatee si hineegu. Karoorri ati har’aaf qabdu kan har’aa ta’uu hindagatin. Waan tokko hindagatin. Sa’aatii har’a qabdutti fayyadamuu dhiiftee boriif qusachuu hindandeessu. Dhalli namaa hundi sa’aatii walqixa qaba. Beekaan uummachuu hindanda’u. Sooressi bitee dabalachuu kan hindandeenye hundumaaf walqixa kan hirame kennaa guddaadha.
Egaa waan dagachuu hinqabne keessaa inni guddaan waggaan haaraa yeroo dhiyaatu mukni baala haaraa akka baafatutti abdiin itti seenuun murteessaadha. Inni kanaan duraa harca’ee mukni dameensaa qummaadee baala baasuu waan eegaleef guyyoota fuulasaanii dura jiru abdiin itti seenu.
Karoora sirriidhaan itti seenu. Carraa jijjiirama fiduun itti seenu. Keessumaa haaloni hundi yeroo faallaasaanii fakkaata namoota cimanii dhaabatan, namoota hubannaan karoorsan, namoota jabaatanii hojjechuun wantoota wal’aansoo gaafatan wal’aansoo qabanii injifatan, wal’aansoon jirus akka isaan hinmoone kan mirkaaneessan namoota egeree isaanii abdiin ilaalan namoota mul’ataati. Inni kun nuufis nibarbaachisa. Isa kana dagachuus hinqabnu.
Tarii haalli nuti har’a keessa jirru cimaa ta’uu mala. Ta’us kun bara baraan kan ittifufu miti. Namni jabaatee gara fuula duraatti deeme dhiibbaa jiru injifatee qaari’a. Xiyyaarriyyuu dhiibbaa qilleensaa dandammatee bakka yaade ga’a. Atis haala har’a jiruun mo’amtee harka kennachuun abdii hinkutatin.
Haalli ati keessa jirtu akka si to’atuuf hinheeyyamin. Yeroo tokko namichatu billaacha buuphaa keessaa cabsitee baatu arge. Yeroo billaachi kun qaawwa xiqqoo keessaan ba’uuf yaalii cimaa gootu ilaale. Otoo yaalaa jirtuu waan dadhabde itti fakkaate.
Sababiinsaa wal’aansoo qabdee hanga tokko erga baatee booda dadhabdee calliste. Kanaaf namichi taa’ee ilaalaa ture sun gargaaruu barbaade. Karaa billaachi kun rakkoo tokko malee keessaa baatu banee gargaare. Billaachi kunis salphaatti keessaa baate.
Kan nama dhibu garuu qaamni billaacha kanaa dhiita’aafi balleenshee daran xixiqqoo ture. Namichi isa kana gadi fageenyaan hinilaalle. Baalleen xixiqqoon billaacha tanaa hatattamaan guddatee balal’uuf nigargaara jedhee eege.
Ta’us kun hintaane. Billaachittiin bara jireenyashee hunda balali’uu kan hindandeenye, qaamni ishee dhiita’aa, ballee xixiqqoofi kan lafa irra gangalattu taatee hafte. Sababiinsaa waan keessa ba’uu qabdu keessa hinbaane.
Utuu qaawwa dhiphoo sana keessa wal’aansoo qabdee dabarte ta’ee bishaan qaama ishee keessa guute gara baalleetti deemuun akka baalleenshee jabaatee balaliisisuu danda’u taasisa ture. Inni kun garuu hintaane.
Yeroowwan tokko tokko haalli nuti keessa dabarru nu cimsa. Isa itti aanuufis nu qopheessa. Haalli nuti keessa jirru hunduu kan abdii hinqabne, rakkisaafi dhiphisaa yoo nutti fakkaatellee wal’aansoo qabuun maashaa keenya jabeessee isa caaluuf nuqopheessa.
Wanta rakkisaa si mudatu keessaan carraa gaarii si marsee jiru nama arguu danda’u malee rakkoo qofa nama ilaalu hinta’in. Kufaatii jirus, haalota abdii nama kutachiisu ilaaltee gaara ba’uu hindhiisin; fiixee gaaraa irra yoo geesseef bu’aa ba’ii keessa dabarte mara nidagatta.
Namni kam iyyuu yeroo hundumaa gammaduu dhiisuufi waan nama gaddisiisu isa mudachuu nidanda’a. Guyyoonni hamoon simudatan amala kee qaruun kaayyoo fuula kee dura jiruuf siqopheessu.
Utuu dhiphinaaf harka hinkennin deemsa kee ittifufi. Gaaf tokko of duuba ilaaltee cimina irraa barattee nihubatta. Daangaan akka ati hindabarre sigochaa ture obsa qabduun hurraa’ee riqicha irra ceetu sii ta’a. Jabaattee dhaabachuun qilleensa hamaa dandammattee firii wal’aansoo keetii agarta.
Garuu jabinaafi obsa cimaa sibarbaachisa; yoo akkas ta’eef isa kanaan duraa caalaa ol kaatee mul’atta. Keessumaa waggaa haaraatti yeroo seentu karoora qabaadhu. Karoora baafatte kanas bakkaan ga’uuf yeroo carraaqxu haalli salphaa akka hintaaneefi hojii akka si gaafatu hindagatin.
Karoora ati baafate akka bakka hingeenyeef kanneen taasisan akka jiraatan beeki. Waggoottan darban lamaan kanaaf ragaadha. Haalli kamuu yoo jiraate jabaattee tarsiimoo sirrii qabaannaan humni lafa kana irraa si daangessu akka hinjirre beeki.
Ati tole jettee harka kennannaan kana gochuuf boodatti hindeebi’an. Karoorri ati qabdu abjuu halkaniitti jijjiiruu danda’u. Keessumaa yeroon kun yeroo murteessaadha. Yoo jabaattee hojjette jijjiirama fiduuf guyyoottan 365 fuula kee dura jiru.
Kaayyoo sirrii, karoora sirrii qabaadhu. Nama abdiin guutuu ta’i. Kaayyoo kee irraa ija hinbuqqifatin; abjoochuus hindhaabin; haala natti tola jettullee yoo jiraate keessaa ba’uun karoora fuula kee duratti diriirsiteef amanamaa ta’i; bakkaan ga’uuf aarsaa sigaafatu kamiin iyyuu kanfaluuf qophaa’i. Waan guddaan ati beekuu qabdu yoo jiraate rakkoon kamiyyuu yeroo si mudatu booda kan si deebisu utuu hinta’in caalaatti kan si jabeessuu akka ta’e yaadachuu qabda.
Sababiinsaa adeemsa jireenyaa keessatti wantoonni abdii si kutachiisuu dandaa’an hedduudha. Sagaleen ati keessa keetii dhageessu iyyuu abdii si kutachiisuu ni danda’a. Isa kana dhaggeeffachuu dhaga’uun abdii kutachuurraa of qoqqobbadhu. Yeroo tokko fatteen bosona keessa gartuun utuu deemanii lama bolla keessa seenan. Fatteen boolla keessa seenan lamaan kun boolla gadi fagaatu sababa ta’eef keessaa ba’uuf jedhanii yaalanii dadhaban. Sanaan booda yeroo warri boolla keessaa irra deddeebi’anii ba’uuf carraaqan fatteewwan ala jiran itti qoosu.
Ofumaa hinjoorinaa jedhanii itti ga’isu turan. Fatteewwan yaalii godhan kana keessa tokko isa warri kaan iyyan dhageessee boolla keessaa ba’uu yaalii gootu mara nidhiifte. Isheen tokko garuu irra deeddeebitee yaalaa; kufaa ka’a isa dhumaa humna cimaan yeroo utaaltu keesaa baate. Isheen keessatti hafte garuu niduute.
Fattee baate kanas warri alaa gaaffii akkas jedhu gaafatan. “Yeroo nu’i hindandeessu jennee humna si buusaa turre maaltu sitti dhagaa’amee? jedhanii gaafatan. Isheen boolla keessaa baate sun garuu anoo waca keessan qofan dhaga’e malee maal akka isin jechaa turtan hindhageenye.
Garuu waan na jajjaabeessaa turtan, jabaadhu amma nibaataa waan naan jechaa turtan natti fakkaate malee waan isin humna na buusaa turtan natti hinfakkaanne” jetteen. Wantoonni ati agartuufi dhageessu akka abdii si hinkutachiifneef sagalee dhagaa’amaniin ol ta’ii argami. Yoo akkas ta’e qofa bakka yaadde geessa. “Sa’aatii har’a qabdutti fayyaadamuu dhiftee boriif qusachuu hindandeessu. Dhalli namaa hundi sa’aatii walqixa qaba. Beekaan uummachuu hindanda’u. Sooressi bitee dabalachuu kan hindandeenye hundumaaf walqixa kan hirame kennaa guddaadha.”
Doktar Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 29/2013