Oolmaa Oromoon ijaarsa Itoophiyaa keessatti gumaache, hiraarsaafi rakkina murnoonni siyaasaa adda addaa kanneen akka shororkeessaa ABUTfaan ummata Oromoorraan gahaa turan ilaalchisuun yaadni namoonni gara garaa kennan akka ittaanutti qindaa’e dhiyaateera.
Tokkoffaan ayidiyolojiidha. Lammaffaan amala. Ati ofiif jiraachuuf otoo hintaane namaafis ni jiraatta. Akkuma kaleessaa dhaqanii jara wajjin waliigaluun mataa nama dhukkubsa. Shaneen ummata Oromoo bakka hinbu’u.
Galtuutu galtuutti gale waan ta’eef. Jarri sun warra dhiigaa, warra gumaati. Kaleessa qabsoon Oromoo hogganaa argatee hinbeeku. Akka nuti dinagdeedhaan hinfayyineefi hinjiraanne nu gochaa turan.
Boolla nuuf qotan ifiif ittigaluuf jedhu. Ittigaluun ittigalchinas. Shaneefi juuntaa ija tokkoon ilaalla. Kan kana nu jechisiisu ragaalee hedduu lakkoofnee keessaa bahuu hindandeenye akka Oromootti nurra ga’eera.
Nama ajjeesuu, boola awaaldiigessaa keessa na kaa’uutu mul’achaa dhufe. Qalbiin jiraa Oromoodhumarratti jabaatti. Kanaaf of keessatti qabanne. Nisobu jechaa turre, amma ifa nuu baheera. Bara 2007 hanga bara 2010tti qeerroo meeqa ajjeese. Ammas ergamtoota adda addaa godhanii Oromiyaa keessatti du’a deebisuu barbaadan jechuudha.
Korommiin Oromoon ABO keessa taa’anii qabsaa’aa turan kanneen akka Nadhii Gammadaa kan ija barbadaa harka hinkennannu. Kaleessa Ertiraa keessa teenyee nu bobbaasaa jennee gaafanne. Qottoon maal si godhe qottollichatu sii godhe jedhan. Jaamaa narratti gatee, qe’ees narratti gate. Abbaa malee guddiseen ennaa silaa na qaqqabutti daqiiqaa tokkotti narraa fudhatan.
Maatiin nama hindhabiin hinjiru. Maatiin guutummaatti dhabames jira. Duguguuggaa sanyiitu irratti raawwatame jechuudha. Gaara diigamuu hinqabne diigan jedhee Haacaaluun. Seenaa dhaabichaa otoo ni beeku ta’ee tarkaanfii kana hinfudhatan.
Biyya kana Abbabaa Biqilaarraa kaasee Itoophiyaa kan jechissiise Oromoo ta’uu juuntaanis haa beeku, Shaneenis haa hubatu. Shaneen ABUT Afaan Oromoo dubbatu waan ta’eef irratti qabsaa’uu qabna. Warra gumaa wajjin dhaabachuu seenaanis dhiifama hingodhuuf. Ummannis dhiifama hingodhuuf.
Nageenya bu’uura jiruufi jireenya dhala namaati. Falaasamni jireenya Oromoo nageenyaan xiinxalama. Nagaa barbaacha nagaan jiraata; nagaa hawwa. Guyyuu nagaa iyyaafata. Nagaas mirkaneeffata. Of bira darbee ollaafi ormaaf nagaa hawwa. Nagaa bulteefi nagaa oolteen akkasumas nagaan buliidhaan kan egeree yaada. Oromoon ati nagaan buluun ollaa wajjini jedha. Ani dura nagaan haa bulu hinjedhu Oromoon. Ollaan kee naannoon kee nagaan haa buluu hawwa.
Kaayyoon qabsoo Oromoos Itoophiyaa haqummaafi walqixxummaan itti mirkanaa’ee hunduu nagaafi tokkummaan keessa jiraatu ijaaruudha. Oromummaan jaalalaafi kabaja biyyaa, hunda hammachuufi akka ofiitti ilaaluu wajjin walqabata.
Saboota biyya kana keessa jiran hunda hammatee hariiroofi hidhata hedduu tolfatee wajjin jiraata. Saboota Itoophiyaa keessa jiran kan ummanni Oromoo hidhata waliin hinqabne xiqqoodha. Kanaafuu jara kana ammoo hammatee walitti qabee biyya kana akka biyyaatti sochoosuuf, fuulduratti tarkaanfachiisus isuma.
Sabni Oromoo jedhamu quxuba jechuudha. Quxuba jechuun kan of hintuffanne, kan saboota biroos hintuffanne. Kan of hindursine, kan saboota kaanillee duubatti hinhambisne, saba quxumaafi walqixxee ilaaluudha. Amalli saba kanaa kanuma. Gootummaa ummanni kun hanga birmadummaa biyyaa kabachiisuutti oolmaan biyyaaf oole kanaaf ragaadha.
Oromoon Itoophiyaadhaaf du’eera, Itoophiyaadhaaf dhiigeera, Oromoon Itoophiyaadhaaf jiraateera. Qabsoon Oromoo Jeneraal Waaqoo Guutuu, Jeneraal Taaddasaa Birruu, Baaroo Tumsaafaan oggaa Oromoof qabsaa’an Itoophiyaa bulfanna jechuuni.
Waa’ee Oromoos egaa Jeneraal Taaddasaan waa’ee biyyaa waa’ee Oromoo malee… Balaambaraas Waldaamanu’eel, Waldaa Oromoo keessa qabsaa’onni saboota biroo turaniiru. Waaqoo guutuun biyyaaf malee nama gosaaf hindeemne turan.
Sabni yaada mo’ataa maddisiisuun beekamu kun biyyuma ofii ijaare keessatti mirgisaa sarbamee, siyaasa biyyaarraa dhiibamee turullee seenaasaa keessatti kabaja biyyaatiif wareegamuu malee seenaa baandummaa hinqabu. Bara hamtuun biyya mudame maratti saboota kaan wajjin gamtoomee gootummaan biyya kabachiisee har’aan ga’eera.
Atsee Minilik Itoophiyaa ijaaruuf humnaanis sirnaanis namni inni qabatee ka’e Oromoodha. Dhalataa Ambooti, Tashitee Dinagdee jedhama. Maqaan kiristaanummaasaa Habtagiyorgisi. Waggoota 40f Ministira Ittisaa ta’ee Itoophiyaa ijaare.
Bara 1880 muudamee Ministira Ittisaa ta’ee Habtagiyorgis Habtamaariyaam 1920 Indaraasee atsee Hayilasillaasee wajjin waldhabanii, Hayilasillaaseen taa’ee irra kaa’ee dhaabadhee irraa buusu dadhabe jedhee aangoo gadi dhiisutti nama Itoophiyaa kana ijaaruuf dhama’eedha.
Haalli hundeeffamaafi guddinaa paartii siyaasaa tokkoo sadarkaa guddina biyyaa wajjin akka walqabatu hayyootatu eera. Dhaabni siyaasaa kaayyoo ittiin hundaa’e qabaatullee duudhaa irratti bu’uureffamus ni qaba.
Faayidaa biyyaafi ummataa giddugala godhachuun bu’uura hawaasummaan hawwuufi ummata bal’aa qabsaa’uu, fedhii ummataa dhaggeeffachuufi isumaan deemuu, yaadama ykn ayidiyolojii fedhiifi faayidaa ummata guutuuf qabatee ka’e qabaachuu, hojii hojjetamu kamuu keessatti amalaafi eenyummaa ummata ibsuu, qabaachuufi kkfdha.
Duudhaan kee yoo kanaa achii mirri kee ta’uu kan qabu ummataan, nama bu’uureffachuu qaba. Ati ofiif jiraachuu otoo hintaane namaaf jiraachuu, ormaaf jiraachuu, rakkoo keessaa walbaasuu, namoota ijaartee iddoo gaariidhaan ga’uudha.
Sadarkaa siyaasa biyya keenyaa yoo ilaalle hundeen waan paartii jedhamu kanaa waan qabsoo kanarratti baheedha. Paartii ummata keessaa bahee dhaabate otoo hintaane paartii bifa siyaasaatiin ummata keessatti dhalatte bakka buutee dhaabattu otoo hintaane warra mufatee alatti bahe, kan bosonaa deebi’ee ummata qabate qofatu paartii uume.
Namni baay’een paartii kan ijaarratuuf waa barbaaduufi. Garuu namni ummatan tajaajila jedhee kutattummaa fudhate murtii ummataa barbaada malee ummata dogoggorsee qaxxaamuraan aangootti hindeemu. Biyya kanatti maraammartoo siyaasaa kan jedhamu felosofikaal difishansiitu jira.
Paartii keessaa kan ilaalamu yaadamasaati. Maaliif ala bahe, maaliif qabsaa’a? yaadama. Lammaffaan amala. Amalliifi yaadamni waliin hindeemu. Haala kanaan yaadama ABUT akka fakkeenyaatti yoo fudhanne hanga aangoo qabatutti yaadamnisaa Maarkisisti Leeninistiidha.
- Kutaalee hawaasaa adda addaa
Aangoo qabannaan garuu hatattamaan jijjiirame waan harki Ameerikaa keessa jiruuf. Haallisaa jijjiiramuma kana fakkaata. Ameerikaan yeroo sana ‘USSR’ wajjin waldhabdii. Akka tasaa Mikaa’el Gorbaachoov oggaa kufu, yoo Raashiyaan diigamtu warri Soshaalistii ni jigan. Mangistuunis ni kufe. Kanaaf eenyutu humna qaba yoo jette Ameerikaadha.
Ummanni Oromoo sirnoota mootummoota darbanii hunda keessatti gama dinagdeefi hawaasummaatiin dhiibbaa ture kamuu yeroon tole jedhee fudhatee hinjiru. Ummatichi bifa gurmaa’eenis ta’e gurmiin ala mirgasaatiif qabsaa’eera. Seenaa hidhannoo qabsoo sabaa keessatti dhaaba maqaa sabaatiin gurmaa’uun waggoota 50f qabsaa’aa tureedha.
Seenaa Oromoo keesssatti dhaaba siyaasaa yeroo duraatiif akeeka ummata Oromoo, qabsoo Oromoo, sagantaa lafa kaawwatee isa jalatti ummata gurmeessuuf tattaafate ABO qofa. Lammaffaa namoota hojii qabsoo qofarratti bobba’an, kanneen hojii biraa hinqabne qabsoo qofarratti namoota bobba’an kuma baay’eedhaan gurmeessee kan akka qabsaa’an taasise ABOdha. – (Doktar Diimaa Nagoo, hundeessaafi dura taa’aa jalqabaa ABO)
Hacuuccaan, dhiibbaan, saaminsi, buqqa’insi, ummata Oromoorra gahaa ture isaanitti dhaga’amee mirga ummata Oromootiif falmuuf sabboontota Oomootiin kan ijaarame, sanarras darbee ammoo cunqursaa waliigalaa biyyattiitti mul’atu saboota biroorras gahaa ture sun sirna dimokraatawaa mirga ummatoota hundaa kabaju, walqixxummaa, obbolummaa, ollummaa gaariifi jaalalarratti hundaa’e ijaaramuu qaba jedhanii amanuudhaan warra qabsooti galee dhaaba kana bu’uuressaniidha jechaadha.
Ummanni keenya kaan amantiidhaan, kaan gosaan, kaan godinaafi kutaa biyyaa dabalatee bifoota adda addaatiin of beekaa walbeekaa, akkasitti walqoodee jiraata malee akka saba ykn ummata tokkootti, nuti Oromoodha, afaan tokko haasofna, aadaa tokko qabna, hiree tokko qabna, biyya keenyarratti mirga guutuus qabna jedhee waliin socho’uun waan beekamu hinturre. Kun beekamaa hinturre jechuudha. Kanaaf qoodni ABO karaa kanaan salphaa hinturre jechuudha.
Ta’us qabsoo Oromoo waggoota 50 keessatti bu’aan inni sabaaf buuseefi dararamni ummanni maqaasaatiin qabsaa’u kanaan argaa ture wajjin oggaa ilaalami tasumaa walhindamdaalu. Dararaa sabni argaa ture dachaan caala. Kanuma waggoota 27 daran keessa maqaa ABOtiin dhalli Oromoo hoggansa ABUT ykn garee juntaa jalatti argaa ture yoomiyyuu kan dagatamu miti.
- Hayyoota siyaasaa gara garaa
“Qabeenya keenyatu saamame. Eenyummaa keenyatu saamame. Ijoollee keenya lafarraa fixe. Kuma 2007 hanga 2010tti qeerroo meeqa ajjeese? Ambotti maqaa sukkaaraatiin isnaayipariidhaan maal raawwate Wayyaaneen? Awwadaay, Haramaayaa, Calanqoo, Ajjee, Dambi Dolloo, Anfillotti maal raawwate? Waan inni ijoollee keenyarratti raawwate gaarreniifi magaalonni Oromiya ahaa dubbatan.”
- Obbo Shimallis Abdiisaa Pirezidaantii BMNO
Godaannisa kana isa irratti raawwatame dhiisnaan isuma dhaga’uyyuu garaa hammeessa. Sarbamni mirga namummaafi dimokraasii, wareegamni dargaggootaafi hayyootaa, samichi qabeenyaa, godaansi biyya abbaarraa gara ormaatti taasifamaa ture onnee sabaa madeesseera.
“Waanti narratti raawwatame waan hamaa miira keessa nama galchuudha. Miila narraa ciran. Madaa koo ni waraanu, ni harkisu, ani yeroo sana baay’ee abdii kutadhe, natti ulfaate, waanin obsuu danda’u miti. Waanin carraa hinqabneef du’uuf tattaafadheen ture. Harki koo yeroowwan dheeraaf hidhamuurraa kan ka’e gogee ture. Harki hinhojjetu ture, miilli koo duraanuu citeera. Carraa biraa hinqabu. Midhaan ykn nyaata dhiisee of ajjeesuu hindandeenye. Waan akka gulukosii ykn gommaadhaan dirqiidhaan afaanitti na naqu ture. Adeemsuma kana keessa bakka na fannisanii turanii na buusanii harka lamaaniin walfaana gurra keessa na dhahu. Achii gurri kiyya natti iyya, ni mala’a, ni dhiiga.
- Miidhamaa Kaffiyaaloo Tafarraa
“Guyyaan nutti dukkanaa’e. ijoollee haadha dhabde taane. Otoo maatii keenya gargaaruu dandeenyuu namatu nu gargaaraa jira. iddoo rafnu hinqabnu kunoo konkolaataa jala, fincaan keessa rafaa jirra. Bu’aa tokkollee arguu dadhabneerra.
Lafa meeqaatamu nuraa fudhatame. Yoo dubbanne ni hidhamna. Gindii waanjoo fannifnee teenye. Saamamneerra, otoo akka qabeenya keenyaatii silaa eessa geenyee turre. Nuti qabeenya keenya gadi lakkifnee garbummaatti gadi deebinaa? Gaddeemtuun harree ribbii fudhatti jedhama. qabeenya keenya gadi.
- Hayyoota adda addaa
Maddirraa fudhatamee qindaa’e
Kutaa qophiitiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 29/2013