Ummanni Oromoo sirnoota cunqursaa yeroorraa yerootti boquusaarratti fe’amaa turan ofirraa cabsee sirna dimokraatawaa ijaaruuf dargaggootaafi hayyootasaa kitilatti lakkaawaman wareegaa tureera.
Sirnoonni dhufanii darban martuu akka silmii Oromoofi qabeenyasaa xuuxaa qe’eesaa golgoleessaa olaaantummaa adaafi afaan saba tokkoon humnaan Itoophiyaa ijaaruun umriin gabrumma Oromoorratti akka dheeratu taasisaa turaniiru.
Akkuma waancan dhiqamus farsoon sanuma jedhamu sirnoonni darban sadanuu dabareen ulee bulchiinsaa walharkaa fuudhanis Oromoofi Oromummaarratti kan duulu malee kan quuqamuufi tokkollee hinturre.
Ittumaayyuu dargaggoota Oromoofi Oromummaa leellisuu barbaadaniifi walqixxummaan lafa qabachuu qaba jedhanii sagaleesaanii dhageessisan tokko lamaaniin funaanuun kaan fannisanii kaanimmoo rasaasaan tumanii turuun seenaa fagoo miti.
Egaa sirna dukkanaa’aa akkasii hundeedhaa buqqisuun sirna dimokraasii ijaaruuf warraaqsaafi fincila diddaa gabrummaa dhoheen qeerroofi qarreen Oromoo adda durummaan hiriiruun umriin sirnoota cunqursaa akka gabaabbatu taasisaniiru.
Sirna ADWUI keessas ijaarsi dimokraasii walqixxummaan sabaafi dargaggoota hirmaachise lafa qabata jedhamee lallabamus hanniifi saamichi akkasumas hiraarsi mirga namummaa waan hammaateef fincila diddaa dhoheen sirni bicuu olaantummaan biyya bulchaa ture sun hurraa’eera.
Sirna hattuufi saamtuu akkasumas hiraarsituu kana hundeedhaa buqqisuu keessatti addasaa rasaasaaf kennee qabsaa’aa kan ture qeerroofi qarree Oromoo ta’uu Pirezdaantii Ittaantuun Waldaa Dargaggoota Oromiyaa ni dubbatti.
Pirezidaantii ittaantuu waldichaa, Saamiyaa Abdallaa mootummaa Fulbaana 24 bara 2014 hundaa’uuf jedhu sababeeffachuun yaada Gaazexaa Bariisaatiif kenniteen, kana booda qeerroon Oromoo mootummaa hattuufi hiraarsituu arguu hinfedhu jetti.
Sirni ABUT ilmaan Oromoo buqqisuun qe’eefi gola Oromoo hannaan golgoleesseera. Kana mlees dargaggoota gaaffii mirgaa gaafatan hidhaan hiraarsuun kaan qaama hir’iseera, kaan garajabummaan adda baba’iirratti ajjeeseera, kaanimmoo achii buuteensaanii dhabamsiisuun fincila diddaa uumameen hurraa’aniiru.
Akka jechasheetti egaa sirna jijjiiramaa ammaan tana biyya bulchaa jiru kana ijaaruu keessatti qoonni dargaggootaa olaanaa yoo ta’u, mootummaa haaraan hundaahu kunis fayyadamummaasaaniirratti cimee hojjechuu qaba.
Sirna dimokiraatawaa kana dhaluuf qeerroofi qarreen kuma shantamaa ol wareegamuun jijjiirama waaraa sirna dimokraatawaa ijaaruufi fayyadamummaasaa mirkaneeffachuufi, kan jette Saamiyaan mootummaan hudhaa dargaggootaa kana giddugaleeffachuun dirqama ta’uu kaasteerti.
Yaalii dargaggoota Oromoo gara aangooti fiduu kanaan dura taasifameen ilaalcha siyaasaa tokko malee dargaggoonni 1500 ol gara aangootti akka dhufan taasifamaniiru.
Hojmaanni akkasii kunimmoo hirmaachisummaa dargaggootaa kan jajabeessu warra kaanittimmoo abdii kan horu ta’ee mul’ataa jira.
Dargaggoonni 1500 hoggansatti dhufuun gaaffiin qeerroofi qarree Oromoo deebi’eera jechuu miti jettee, mootummaa haaraan gaaffiilee hafan mara tokko lamaan funaanee deebisuun hojimaneesaa dabalataa ta’uu ibsiti.
Sirnichi bu’aa dhiiga qeerroofi qarree Oromoo erga ta’e dargaggoonni ilaalcha tarkaanfachiisaa fi Oromiyaa fayyadu qabaachuun fala ta’uus eerteetti.
Kunis ilaalchaa gandummaafi naannummaa uumamaa jiruun Oromoon biyya bulchuu hindndahu gareen jedhu siyaasa Oromoo dadhabsiisuuf duulaa jira.Isa kanaafimmoo dargaggoota fageessanii yaadan fi siyaasa biyyaa keessatti qooda fudhachuu dandahan horachuun dirqama.
Adeemsa kanaan Oromoon sadarkaalee naannoofi biyyaa qofatti osoo hintaane sadarkaa gaanfa Afrikaatti siyaasaan caalee akka argamuufi akka dursuuf duudhaan ganamaa dargaggoonni ittiin guddatan kallattii qabsiisa.
Isa kanammoo hojiitti hiikuuf sochii mootummaan eegale utubuun drgaggootarraa eegama. Ilaalchi tarkaanfachiisaan dargaggoota keessatti biqilee guddatu kun Oromiyaa misoomsuurra darbee Itoophiyaa misoomteefi biyyoota Afrikaaf fakkeenya taate horachuuf bu’uura buusa jetti.
Kanaafuu, dargaggoonni bu’aa qabsoosaanii kana utubuun biyya dimokraasiin keessatti lafa qabate, hanni keessaa badeefi olaantummaan seeraafi walqixxummaan itti dagaage ijaarrachuuf tattafachuun irraa eegama.
Murni hattuu kanaan dura qabsoo qeerroofi qarreen aangoorraa ari’ame har’as olola afarsuun sirnasaa hadhaa’aa sana boquu dargaggootaatti fe’uuf adeemaa jiraachuu himuun, murnicha hundeedhaa buqqisuuf dargaggoonni mootummaa Fulbaana 24 bara 2014 hundaahuufi bu’aa dhiigasaanii ta’e kana waliin dhaabachuu qabu.
Kaayyoon murna ABUT Oromiyaafi Itoophiyaa hunkuruun ilaalcha Oromoon biyya bulchuu hindandahu jedhu qabatee deemu sana milkeeffachuun qaxxaamuraan aangootti deebihuuf kan akeekeedha jetti Saamiyaan.
Ilaalchi kun akka maseenuuf tarkaanfii mootummaan fudhachaa jiru dargaggootaanis deeggaramuunsaa jijjiiramni gama kanaan eegamu akka milkaa’u karaa saaqaa jira.
Mootummaan hundaa’u injifannoo darga ggeessi keenya argamsiise giddugal eeffachuun fayyadamummaasaarratti cichee hojjechuu qaba.
Dargaggeessi utubaa biyyaa, abdii egereefi humna gaafa xiiqiiti kan jette Saamiyaan, injifannichi bu’aa dhiigasaa waan ta’eef humnoota faallaa bu’aa dhiigasaa dhaabachuu fedhan kamiifuu obsa kan hinqabne ta’uu eerti.
Akka isheen jettutti sirnichi sirna dargaggootaan ijaarameefi hirmaachisaa ta’e waan ta’eef borus dargaggootaan utubamee Oromiyaa lalistuufi Itoophiyaa haaraa ijaaruuf kutannoon hojjeta jedhamee kan abdatama.
Qeerroowwan dubbisne tokko tokkos mootummaan Fulbaana 24 hundaa’u bu’aa dhiiga qeerroo waan ta’eef gaaffii qeerroon qabsaa’aa ture deebisa jennee eegna jedhu.
Adeemsa amma itti jiramuun mootummaan hundaa’u wantoota guguddaa dargaggoota fayyadamoo taasisanfi Oromiyaas Itoophiyaa fuulduratti tarkaanfachiisan galaafatee dhufaa jechuun kan abdatan ta’uus ni eeru.
Finfinneetti dura taa’aa Walda Dargaggootaa Aanaa Eekkaa Dargaggoo Biqilaa Shishaa yoo ta’u, kana booda mootummaa hanna jibbuufi gaaffii qeerroo Oromoo deebisuuf kutannoo qabu arguuf abdii qabaachuu kaasa.
Mootummaan hundaa’uuf jiru kun bu’aa dhiigni qeerroo Oromoo dhaleedha jedhee, gaaffiin dhimma Finfinneen walqabatee yeroo dheeraaf ka’aa ture deebii argata abdii qabaachuusaa ibsa.
Jalqabbiiwwan jiran abdii kan namatti horaniidha jedhee, caalaatti hundeeffama mootummaa Fulbaana 24 bara 2014 gaggeeffaamu booda gaaffiileen waliigalaa qeerroon Oromoo abbummaan qabsaa’aa ture deebii argachuu akka dandahan himeera.
Kun wayita jedhamu hunduu halkan tokkotti deebiha jechuu akka hintaanes eeree, kan dursa argachuu qabuuf dursa kennuun isaan hafanimmoo karaa siyaasa bilchaataa ta’eefi seeraan hojiirra oolchuurratti xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba yaada jedhus ni kaasa.
Dargaggoon Oromoo Finfinnee keessatti afaansaatiin tajaajila dhabaa tureera, kun ta’us erga sirni hattootaa qeerroofi qarreen hundeedhaa buqqifamee booda jijjiiramoonni tole nama jechisiisan galmaa’aa jiraachuus beeksiseera.
Kun fakkeenya ta’us dhimma Finfinneen walqabatee gaaffiin hedduu ka’aa ture hundeeffama mootummaa haaraa kanaan deebii argachuu waan dandahuuf dargaggoonni aantummaan bukkee dhaabachuufi utubuun irra jiraata.
Mootummaan aangoorra jiru Oromoo ta’uu ormi irratti waliigaleera, nutis keenya jennee deeggaruufi utubuun milkaa’ina gaaffii qeerroo obsaan caqasuun ni barbaachisa jedha.
Dargaggoonni hedduun Finfinnee keessatti Amaariffa dadhabuun carraa hojii akka hinarganne taasifamaa turuun seenaa fagoo miti. Kun seenaa ta’ee Oromoon Finfinnee keessatti afaansaatiin hojjechuu akka dandahu jalqabbiiwwan gara garaa jiran abdii namatti horu jedha Biqilaan.
Wayita Afaan Oromoo Afaan Hojii mootummaa federaalaa ta’uun tajaajiluu eegaluttis abbummaa Oromoon finfinneerratti qabu daran iftooma kan jedhe Dargaggoon kun milkaahinasaaf dargaggoonni obsa qabaachuun alatti faana dhaabachuun murteessaadha.
Kanamalees baruu barsiisuun afaan Oromoon eegaluunsaa jalqabbii gaariidha kan jedhe Dargaggoo Biqilaan fuulduarrtis jijjiiramoonni kanaa olii galmaahu abdii jedhu qabaachuu hima.
Jalqabbiin jiru jajjabeessaadhas jedhee Oromoon siyaasaan, dimokiraasii ijaaruun, dinagdeefi hawaasummaan Itoophiyaarra darbee biyyoota Afrikaaf fakkeenyummaan ummata ka’uu dandha’u waan ta’eef tokkummaa waloorratti cimuun barbaahcisaa ta’uus ni kaasa.
Kana jechuunis Oromoon galaan waan ta’eef lagaan, gandaafi naannummaan osoo walhinqoodiin tokkummaan ka’uun Oromiyaa lalistuu ijaaruun dirqama Oromoofi Oromummaati jedha.
Yerichi yeroo walqixxummaafi dhalli namaa mirga ofiin of bulchuu qabaachuu fedhuudha jedhee, Itoophiyaa itti fufsiisuuf walqixxummaatti amanuun, gaaraagarummaan miidhagina ta’uu beekuunis murteessaa ta’uu eera.
Walumaagalatti mootummaan Fulbaana 24, 2014 ifatti hundeeffamu dimokraasii kan babal’isu, hannaafi hattuu kan dhabamsiisu gaffii qeerroofi qarree Oromoo kan deebisuufi Itoophiyaa federaalizmiin sabdaneessaa sabaafi sablammiilee hunda qixa tajaajilu keessatti lafa qabate arguun hawwii Itoophiyaanotaati.
Waasihun Takileetiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 29/2013