Hundeeffama Gadaa Hawaxxuufi Gumii Waarsuu (Kontoomaa)

Gosoota Oromoo hedduu jiran keessaa Booranni isa tokkoofi angafa gosa Oromoo hundaati. Booranni bakka sirni Gadaa osoo addaan hincitin waggoota 500 oliif keessatti geggeeffamaa jiruudha. Booranni iddoowwan guguddoo lamatti qoodama. Isaanis, Sabboo Sadeeniifi Goona Bal’aa jedhamu.

Sabbo fulaawwan sadiitti qoodamu. Isaanis: Digaluu, Maxxarriifi Karrayyuudha. Goona Bal’aan ammoo iddoowwan lamatti qoodama. Isaanis, Fulleelleefi Arooressa jedhamu. Kanneen keessaa Waarsuu (Hawwaxxuuf Arusiin) Arooressa jalatti argamu.

Gadaan Hawaxxuuwaldhabdee Qaalluufi namoota ciccimoo gosa tanaa jidduutti uumameefi gaaffii Hawaxxuun Gadaan addatti akka kennamuuf gaafatteen kan kennamteedha. Gumiin Waarsuu yeruma kana hundeeffamte. Gumiin Waarsuu Gadaa Bulee Dhaddacha kan hundeeffatte yoo taatu, Abbaan Gadaa Hawaxxuu kan jalqabaa Dhaddacha Yaayyaa jedhama.

Gadaan Hawaxxuu akka hundooftuuf gahee guddaa kan taphate jaarsa beekamaa Huqqaa Dooyyoo Maallimmoo jedhamu. Gumiin Waarsuullees yeeruma kana hundeeffamte. Barreeffammi kun kutaalee jajjaboo sadii qaba. Isaanis waa’ee:

1. Gadaa Booranaafi caaseffama sirna aadaa keessa darbuu,

2. Gumii Booranaafi

3. Gadaa Hawaxxuufi hundeeffama Gumii Waarsuuti.

Sirna Gadaa Booranaa

Damee Saba Oromoo Booranaafi Bareentummaa keessaa Booranni damee angafaati. Booranni guutuun dameewwan guguddoo lamatti qoodama: Goona Bal’aafi Sabboo Sadeen. Goona dameewwan lamatti qoodama, Arooressaafi Fulleelle.

Arooressi mana gosaa Saddeet of jalaa kan qabu yoo ta’u, innis:

Arusii, Hawaxxuu, Qarcabduu, Alchaayyaa, Maliyyuu, Warra Jiddaa, Danbituufi Noonituu. Fulleelleen mana torba kan qabu yoo ta’u, isaanis Daacituu, Odituu, Maccituu, Bachituu, Galaantuu, Siraayyuufi Koonnituudha.

Sabboo Sadeen (Digaluu, Maxxaarriifi Karrayyuu)

Haaluma kanaan gosti Booranaa caaseffama dameelee guguddoofi xixiqqootti qoodamtee duudhaa Sirna Gadaatiin qajeelfamuun aadaa jajjabduu sirna fuudhaafi heerumaan dhimmoota hawaasummaa, siyaasa dinaagdeedhaan walbira dhaabbataa, walbulchaa duudhaa jabeessa har’aan kan gahaniidha.

Sirni Gadaa Booranaa utubaawwan finnaa jajjaboo sadiin utubamuun sirna  bulchiinsa aadaa cimaa, duudhaa, safuufi kabajaatiin ittiin bulaa jiranu. Gogeessa, gosaafi hariyaarratti hundaa’uun gurmaa’uun jabaatee deemaa jira

Gogeessa shanan

Sirna ittiin bulmaataa duudhaa Aadaa Gadaa keessatti waan hundaaf angafaafi maandhaa (qixisuun) kaawwani. Haaluma kanaan gogeessonni shanan angafaafi maandhaa qaba. Tartiiba angafaatiin yoo kaafamu:

      1. Gogeessa Adii Dooyyoo

      2. Gogeessa Boruu Galmaa

      3. Gogeessa Madha Galmaa

     4. Gogeessa Jaldeessa Liiban

     5. Gogeessa Bulee Dabbasaa.

Gogeessonni shanan Booranaa tartiiba eeggatee Baallii waliidabarsu hundi marsaa ykn sadarkaa walfakkaatu keessa darbuun Gooroo Muummefata. Sadarkaa Lubi ykn Gogeessi tokko keessa darbuu tartiibaan yoo kaafamuu:

1. Dabballee, 2. Hammee Diqqoo, 3. Hammee Guddoo, 4. Kuusa, 5. Raaba, 6. Dooriin, 7. Gadaa, 8. Yuuba.  Yuubi hanga sadarkaa 1fa hanga 4fa keessa darban. Shanaffaan gara gadammoojjiitti ce’a.

Sadarkaawwan hundaa keessa darbuun Gooroo Marmaaruun Bokkuu Daduutti dhaabuu jedhama. Sadarkaan Dabballee hanga Hammeefi kuusaa ijoolummaa keessa jiru. Aadaa abbootiirraa baratu. Raabarraa eegalanii sirna ittigaafatamummaan Aadaa Gooroo jabeessuufi qajeelfama aadaa seera Gadaarratti hundaa’uun tajaajila bulchiinsa aadaa kennaa jila jilachuu eegalan.

Sadarkaa Raabomaa

Raabii Gogeessa Baallii Gadaa fuudhuuf sadarkaa 3fa irratti argamuudha. Sadarkaa kanatti jalqaba sirna dubartii fuudhuu raawwachuun iddoo tokkotti warri Adulaa (Ayyuu)fi Makkalii ykn Gargaaruu Waliin Ardaa Jilaatti qubatu. Jilli jalqabaaf Raabii godhuu sirba Raabomaa jedhama. Sadarkaa kanatti dhimmoota rakkoolee furuu jalqaba Raabattuu Laaluu qaban.

Sadarkaa Dooromaa

Dooromii  Gogeessa Baallii (Aangoo) Gadaa waggaa Gadoomaa saddeettan fixachuuf deemturraa fuudhuuf qophaa’aa jirtuudha. Sadarkaa aangootiin Gadaatti aantee 2fa irratti argamti.

Sirnoota sadarkaa Gooroo Dooromaatti godhaman

Sirba Dooromaa Sirbuu, galma Daannisaa dhaabuu, sirba Aadaa Sirbuu, Daannisa ykn  Daannisii Muka Jilaa Maqaa isaa Daannisaa jedhamu yoo ta’u, sadarkaa Dooromaa kanatti muratan.

Buttee dhaabuu: Kun qophii aangoo Gadoomaa fuudhuuf godhamuudha. Kormaafi korbeessa qaluun sirna kadhannaa godhuu, rakkoo waldhabdee furuu, Finnaafi Fidanaa biyyaa qajeelchuufaadha.

Sadarkaa Gadoomaa

Sirna  Bulchiinsa  Duudhaa Aadaa keessatti Gadaan sadarkaa aangoo olaanaa waggaa saddeetiif qaama qabatee tajaajila Finnaa dhimmoota hawaas dinaagdee kennuudha.

Ummanni Oromoo Booranaa aadaa jabeessee ittiin buluun addatti beekama. Haaluma kanaan duudhaa Gadaa waggaa 500 oliif ittiin buluun dhaloota har’aatiin gaheera. Sirni Gadaa dimokraatawaa yoo jedhamu jecha bira darbee gochaan kan ifuudha. Kun ammoo gochaan akkaataa tajaajila haqaa ittikennuufi sodaa Waaqayyoof  jecha duudhaarratti hundaa’a.

Gadaan Booranaa bakkawwan sadiitti qoodamti. Gadaa Arbooraa (Fiixee Abbaa Gadaan Hogganamu), Gadaa Hawaxxuu (Abbaa Gadaa Hawaxxuun qajeelfamuufi Gadaa Koonnituu kan Abbaa Gadaa Koonnituun bultuudha.

Gadaawwan sadeen kunniin tajaajila bulchiinsa aadaa itti dhiyeennaan kennuuf teessuma bulchiinsasaanii hawaasaafi fageenna lafaa giddugaleessaa godhachuun gargar qooduun akka hawaasaa tolutti teessuma godhachuun waggaa saddeetiif bulchu.

Keessattuu Gooroo jabeessuufi ardaa jilaa kunuunsuun dhalootaaf dabarsu. Lafa tiksanii hawaasa mariisisuun, sabaafi sablammii hirmaachisuun qindoominnaan hogganuun aadaa Gandaati. Margaafi bishaan kunuunsuun bulchu. Walitti dhufeenna cimsuuf seera ittiin bulmaata aadaa jabeessuufi haaromsuuf Gadaan Gumiiwwan garagaraa koruun beekamti.

Haaluma Kanaan Booranni marsaa Gadaa tokko kan Waggaa Saddeeti bulchu keessatti Gumii gargaraa geggeessa. Gumiiwwan geggeeffaman keessaa beekkamoon: Gumiiwwan Gaayoo, Simphiraa Balalii, Sirichoo Layee, Dibbee Eeldalloo, Waarsuufi Kora Saddeeta Koonnituuti.

Gadaa Hawaxuufi Gumii Waarsuu

Gadaan Hawaxxuufi Koonnituu  Gadaa Kontoomaa jedhamu. Gadaan Kontoomaa tun teessoonshii lafa dheeda Goolee jedhamuun beekama.

Hundeeffama Gadaa Hawaxxuu

Gadaan Hawaxxuu Gadaawwan sadeen keessaa tokko yoo taatu, Gosa Booranaa Mana Hawaxxuutiin Durfamti. Gadaan tun Bara Gadaa Dhaddacha Yaayyaa baate. Dhaddachi Yaayyaa Gosa Booranaa Hawaxxuu Mana Kabbisooti.

Haalli jalqabbii Gadaa Hawaxxuu gaaffii Gochiin dhiyeeffatteen yoo ta’u, gaaffiin kun akka dhiyaatu ka’umsa kan ta’e baay’ina gosaafi jajjabina namoota gosa Hawaxxuu ka’uumsa akka ta’etti dubbatama. Yeroo gaaffiin dhiyaate waldhabbii guddaatu Gadaa keessa ture jedhama.

Yeroo sun gaaffiin damee Gadaa gaaffachuu Gosa Hawaxxuu waan cimee ittifufeef Gochii Booranaa hedduun gaaffii kana deggaruun akka waldhabdeen araaramtu Yaada Dhiyeessuun Gosa Hawaxxuu Kallacha Kormaatiin Araarfataniiakkanaan Gadaa kennaniif jedhan.

Gaaffiin tun cimtee Gosa Konnituullee keessatti waan kaateef deebii warras furmaata kennuun Gadaa argattee jedha. Kun Sirni Gadaa dimokiraatawaafi gaaffiifi komii ka’uuf furmaata akka kennuu ibsituu guddaadha.

Hundeeffama Gumii Waarsuu

Gadaa Hawaxxuufi hundeeffama Gumii Waarsuu walfaana kan dhufeef  hariiroo waliin qabanirraa ka’uuni. Gadaa Hawaxxuufi Gumii Waarsuu hundeessuuf namoota hedduutu gahee guddaa taphate jedhama. Akka Seenaan Afoolaa himuutti, namoonni Dhaddacha Yaayyaa, Bulee Dhaddachaafi Dooyyoo Huqqaa Maalimoo kanneen jedhaman adda durummaan eeramu.

Akkuma Gadaan Hawaxxuu kennameen Gumiin Waarsuu hundaa’e jedhaman. Jalqabarratti Gumiin kun Laafina qabaatus Gadaa Bulee Dhaddachaa irratti jabaate jedhama. Gumiin Waarsuu Gadaa 41 ta’uutti jira. Gadaa Adii Dooyyoo irratti rakkoo weerara Xaaliyaan biyyattiirraan geessee turteen gufate jedhama. Gumiin Waarsuu akkuma Gumii Gaayyoo waggaa saddeetitti yeroo tokko qayee Abbaa Gadaa Awaxxuu taa’a.

Aangoo Gumii Waarsuu

Dhimmoota Rakkoo keessoo Gosaa Waldhabdee Murtee kennuu

Rakkoo Hawaasa Dinaagdee Buusaafi Gonofaa murteessu. Haaluma ulfaatina yakkaatiin murtee Karraafi Mataa muruu

Seeraa ittifayyadamaa Haraafi Eela gosaa

Seerota laafan jabeessuu

Waarsuu Shanan

Waarsu gosa lamarraa hundeeffamte. Gosti lamaan Hawaxxuufi Arusii.

Hawaxxuun hundeeffama Waarsuu keessatti mana Afuri (Damee Afuri qabdi), Arusiin tokkoodha. Warri kun walitti Waarsuu Shanan jedhama. Hawaxxuun Afran: Wayyituu, 2, Walleensa, 3, Muloofi 4, Saphansa jedhamu. Hawaxxuu Wayyituun (Damee) Sagaliitti qoodamti. Saphansii (Damee)Afuri (Walliinsii Damee  Lama qaba.

Kaayyoo Gumii Waarsuu

Kaayyoon gurguddoon gumiin Waarsuu rakkoolee keessoo Gosa Hawaxxuu irratti Mari’achuun furuu, hanqinnaafi Ciminna Gadaa Hawaxxuu qorachuu, Aadaa laafte jabeessuu, seerota ittiin bulmaataa mana gosaa tumuufi rakkoolee Gosa Booranaa Sabboofi Goonaa kan Gumii sana dhufaniif furmaata barbaaduudha.

Dhimma Haraafi Eela Jabeessuu

Tartiiba Adeemsa Gumiin ittiin geggeefamtuu

1fa, Gaaddisa Gumii Eebbifachuu

2fa Gaaddisi Lamaffaa Miiloo Gosaa torbee tokkoof

3fa Gaaddisa Mana Gosaa Torbee tokkoo hanga lamaa

4fa Dhimmoota Hawaasa bal’aa Galata fedhachuurratti gidduun Carraan ni kennamaa (Namoota bakka Bu’oota Gosaa ta’anii Gadaa keessatti hojjatan kaadhimummaa Dhiyeessuun)

5fa Walitti deebii Gosaa. Waliigalatti turtiin bultii Soddomaaf teetti.

Garaagarummaa Gumiin Waarsuu Gumii biroorraa qabdu. Caalaatti dhimmoota Gosa Hawaxxuurratti xiyyeeffatti. Gumiin Gaayoo Seera Gadaan bultuun irratti xiyyeeffata.

Gumii Waarsuu 41fa Gumii Gadaa Adii Jaldeessaa  

Gumiin tun Ardaa Jilaa Bulee Hara Soogidootti teette.Gaafa Adoolessa 4/2013 teettee Gaafa Adoolessa 28/2013 Xummuramtee Korma Obbaatii Qalattee.

Dhimmoota ijoo Gumiin Waarsuu itti xiyyeeffatte

Rakkoolee Waldhabdee Garaa Gosaa hedduu furte, qindoominna gosootaa irratti hedduu dubbattee kallattii keette,

Dhimma Galataa Ayyuu Gosaa,

Baanattoo  Ayyuu Adulaa, Garbaafi Meedhichaa

Dhimmoota Gosa Arooressaa Murteessuuf Kora Gosa Saddeetii qabuu,

Seerota Tumaman jabeessuurratti, seeraa haraafi eela, dubartii, sirna fuudhaafi heerumaan hundarratti xiyyeeffata.

Dhumarratti Sirna Qalmaa sangaa Obbaatii (Xummurarratti akka Affeeraatti horii qalatanii Eebba godhatan) jilaa qaluun eebbifatte moonaa eebbiftee kora gosaa qabattee gargarii nagaan kaate.

Qindoominna Waajjira Kominikeeshiniifi Aadaafi Turiizimii A/Areeroon

Boorana

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 22/2013

Recommended For You