Dargaggoo Biyyansaa Mitikkuu godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abaaboo Guduruu ganda Guddannee Daduurraa kan dhufe yoo ta’u, badhaafamuusaatti hedduu akka gammade dubbata. Gandasaanii keessatti hubannoo ogeessotaafi hoggantoota qonnaarraa argatetti fayyadamuun omishasaa fooyyessuu danda’eera. Kanaanis kaappitaala miliyoona 8.6 galmeessuun jireenya ofiifi maatiisaa jijjiiruu akka danda’es himeera.
Dargaggoo Musee Hasan ammoo godina Harargee Lixaa aanaa Ancaarirraa kan dhufe yoo ta’u, halkaniifi guyyaa hojjechuun jireenyasaarratti jijjiirama fiduusaa dubbata. Wayita ammaas maallaqa callaa miliyoona tokkoo ol qabaachuusaa hima. Daraggotni biroos akkumasaa cimanii hojjechuun jireesaaniifi maatiisaanii jijjiiruu akka qabanis dhaameera.
Mulaatuu Qajeelaa ammoo godina Wallagga Lixaa aanaa Boojii Coqorsaarraa warreen meedaaliyaa badhaafaman keessaa tokkodha. Durumaa kaasee hojii kan jaalatu yoo ta’u, buna dhaabuufi horii horsiisuutiin maallaqa hanga miliyoona kudha tokkoo galmeessisuu akka danda’edha, kan dubbatu. Fuldurattis caalaatti galmeessisuuf ciminaan nan hojjedhaa jedheera.
Dargaggoo Geetuu Raggaasaas godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatiirraa dhufuun kan badhaafame yoo ta’u, cimanii hojjennaan bakka yaadan gahuun akka danda’amu hubadheeraa jedha. Kaappitaala miliyoona lamaa ol horachuusaa ibsee, warri kaanis ogeessotaafi hoggantoota qonnaa waliin qindoominaan hojjechuu akka qaban gorsa.
Hogganaan Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalee akka ibsanitti, kaayyoon badhaasa meedaaliyaa gootota misoomaa marsaa 12fa kun imaammataafi tarsiimoo misooma qonnaatiin qabamanii hojjetamaa jiran milkeessuuf qonnaafi horsiisee bultoota, dubartoota, dargaggootaafi ogeessota qonnaa gumaacha olaanaa taasisaniif beekamtii kennuudha.
Kunimmoo badhaafamtootni miira waldorgommii uumanii ittifufiinsaan akka hojjetaniifi gara invastimantii olaanaatti ce’aniif gahee guddaa kan taphatuudhaa jedhan. Hundarra ammoo badhaasni kenname sun qonnaan bultootni kallattii kamirra deemuu akka qaban kan agarsiisu waan ta’eef, bu’aansaa hawaasa bal’aa kan onnachiisuu ta’uus eeran.
Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaas sirnicharratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, qonnaan bulaafi horsiisee bultoota Oromoo abbaa qabeenyaa taasisuuf mootummaan hojiilee guguddoo hojjetaa tureera; har’as hojjechaa jira.
Kanaanis qonnaan bultoota bu’aa qabeessummaasaanii mirkaneessan kumaatama horachuun kan danda’ame yoo ta’u, miliyoonota horachuuf ammoo yeroo kamuu caalaa tattaafatamaa jiraa jedhan. Biyya kanaaf qonni bu’uura waan ta’eef, keessumaa misooma qonna Oromiyaarratti cichinee yoo hojjenne dinagdee ummata Oromoofi biyya kanaa jijjiiruu dandeenyaa jedhan. Kana gochuuf ammoo maloota qonnaa aadaatiin fayyadamaa turre ammayyeessuun barbaachisaa ta’uu ibsanii, yaadaafi teknoloojii haaraatti fayyadamuun murteessaadhas.
Mootummaan naannoo Oromiyaas falaasama ‘ida’amuutiin’ gootota misoomaa kumaatama jajjabeessee miiliyoonota horachuuf karoorfatee hojjechaa kan jiru ta’uus hubatameera.
Takkaalliny Gabayyootiin
Suurri Waynisheet Kaasaatiin
9 Comments to “Gootota misoomaa Oromiyaan horachaa jirtu”