Hundeeffamni waldaalee hojii gamtaa oomishtootaafi bitanii warreen raabsan walitti hidhuun alseerummaan bittaa gurgurtaan walqabatee dhufu akka hafuufi tasgabbiin gabaa akka uumamu, faaydaan omshtootaafi daldaltootaa akka hinhubamneefi hanqinni dhiyeessii wayita mudatutti hawaasa dandamachiisuuf kan hojjetaniidha.
Kanamalees waalta’ina dinagdee raafamarraa baraaruuf, omisha qulqullina qabu gabaaf dhiyeessuuf, gatii madaalawaan gurgurachuuf, gabaa tasgabbeessuufi safarri ykn madaalliin sirrii akka jiraatuuf kan hojjetuudha.
Ta’us murnoonni raacitii juuntaan of ijaaranii golgaa seeraan alseerummaa babal’isuuf yaadan midhaan nyaataafi bu’uuraaleerratti gatii hinmallee sabababa malee dabaluun amantaa ummanni mootummaarraa qabu laffisuuf kufanii ka’aa akka jiran Ministiri Qonnaa Itoophiyaa Obbo Umar Huseen ni dubbatu.
Tibbana Ejensiin Waldaa Hojii Gamtaa Federaalaa oomishtootaafi warreen bitanii raabsan walitti hidhuun raafama dinagdee sababa malee biyyarratti baname tasgabbeessuuf marii qopheessarratti argamuun haasa’aa kan taasisan Obbo Umar waraana dinagdee baname kana injifachuuf qoonni waldaalee hojii gamtaa taphatan olaanaadha jedhu.
Itoophiyaan bara darbee kaasee hudhaalee nageenyaafi dinagdeeshii qoran keessa turuus ibsanii rakkoo illiinoo, tatamsa’ina awwaannisaan, vaayirasii koronaafi rakkoo nageenyaa Itoophiyaa kaabaa Juuntonni bananiin walqabatee oomishaafi oomishtummaarratti miidhaan gahaa tureera.
Kuni ta’us hawaasni qonnaan bulaa biyyattii hiyyumaan nama boquusaa hinkennine ta’uusaatiin cichee hojii hojjeteen oomishaaleen midhaan nyaataas ta’an alergiif oolaan jajjabeessaa turan.
Kabachiisa olaantummaa seeraa murnoota juuntaarratti taasifamaa jiruun walqabatee jaladeemtonnisaanii biyyattii keessa jiran oomishaaleetti gatii hinmalle dabaluun gabaan tasgabbii akak dhabu rakkoon dhiyeessii hammaataa ta’e kan jiru fakkeessuuf yaalii gara garaa taasisaa jiru.
Isa kanaafimmoo mootummaan hordoffii barbaachisaa taasisaa jiraachuu ibsuun warreen sababa malee gatii dabalan kana seeratti butuu eegaluunsaa jajjabeessaadha jedhanii, farreen kanniiniif deebii kennuuf waldaaleen hojii gamtaa gaachana sabaa ta’anii argamuusaaniif galateeffataniiru.
Kana cinatti waldaaleenis ta’an omishtoonni maallaqa ittiin socho’an kan hinqabne yoo ta’e mootummaan deeggarsa barbaachisu taasisuuf qophiidha kan jedhan Obbo Umar walitti hidhaminsa gabaa tasgabbeessuuf oomishtootaafi raabsitoota gidduutti taasifame cimuu akka qabu eeraniiru.
Akka ibsa Obbo Umaritti haala ilaalanii sabab tokko malee gatii dabaluun,biyyi rakkoo keessa wayta seentee jirtutti waraana dinagdee banuun,gabaa waliindhahuuf yaaluun gantummaadha.
Maddi rakkoo waraana dinagdee kun ilaalcha juuntummaan kan guutamniin qaqqabaa jiraachuus kaasanii murnoonni kun takkaan qonnaan bulaa burjaajessuun takkaan gabaa waliindhahuun oomishaaleetti wantoota hinmalle dabaluun wawwaannaa hawaasaa babal’isuu fi rakkoon nageenyaa akak dhalatu sababa ta’aa jiru.
Keessumattuu jireenya alseerummaa wayita aangoorra turan itti jiraachaa turan sana deebisuuf baadiyyaa keessa deemanii oomishaalee qotee bulaarraa funaananii mankuusaa dhoksanii kaahuun mul’ata.
Bittaan baadiyyaa keessa deemamee gaggeeffamu seeraan alaafi saamichaan qixadha kan jedhan Obbo Umar qonnaan bulaan oomishasaa gatii gadi bu’aan akka gurguru taasisuun dinagdeesaanii jabeeffachaa turaniiru.
Har’as dinagdee hannaan ijaarame sanatti hirkachuun sochiin gabaa waliindhahuu calaqqisaa jiraachuu Ministeerichi himanii rakkoon kun qabsoofi eeruu ummataan akkasumas deeggarsa waldaalee hojii gamtaatiin furama.
As keessatti qooda guddaa kan qabu qonnaan bulaa ta’uu himuun, qaamota gatii hinmalleen omishasaanii gandarra deemuun bitan dhabsiisuuf bittaa gurgurtaan kallattiin karaa waldaalee akka gaggeeffamu haalli mijachuunsaa hudhaa ijoo kana ni fura jedhamee abdatama.
Fuuldurattis fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuuf oomishaaleen biraandii (sadarkaasaanii eeggataniifi mallattoo ibsituu) qaban qulqullinarratti hundaahuun alatti akka ergamaniifi qonnaan bulaaf sharafa akka argamsiisan irratti hojjechuun barbaachisaadha gorsa jedhus dabarsaniiru.
Waraana dinagdee sababa malee biyyarratti dhalate kana ilaalchisuun “Gatiin gabaa seeraan malee shiraan hindabalamu” kan jedhan ammoo Daariktara Walii Galaa Ejensii Waldaa Hojii Gamtaa Federaalaa Obbo Usman Suruuri.
Waraana baname kanaaf sababni hinjiru kan jedhan Obbo Usmaan murnoota ilaalcha juuntaa deebisuuf riphanii taa’aniin kan dhalateedha.
Murnoota kanneen seeratti dhiyeessuuf sochiiwwan gara garaa qaamota dhimmisaanii ilaallatu wajjin taasifamaa jiraachuu ibsuun, omishaalee midhaan nyaataafi bu’uuraarratti gatii taa’een ala gurgurtaa gaggeeffamuuf yaalameen tarkaanfiin sirreessaa fudhatamaa jiru jajjabeessaa ta’uu eeran.
Hudhaalee kanneen furuuf waldaaleen hojii gamtaa akka biyyaatti jiran sochiilee gara garaa taasisaa akka jiranis himuun yeroo ammaatti waliigalteen bittaa omishaalee midhaan nyaataa kuntaala kuma 150 ol mallatteeffamuu addeessaniiru.
Waldaaleen hojii gamtaa bittaa gurgurtaa raawwatan kan naannoo Oromiyaa, Naannoo Amaaraa, Uummattoota Kibbaafi Sidaamaa yoo ta’an, oomishaalee qabatamaan mankuusaasaanii keessa jiru kana gabaaf dhiyeessuun waraana dinagdee jala deemtonni juuntaa banan maseensuuf hojii boonsaa hojjetaniiru.
Daldaltoonni seeraan alaa ilaalcha juuntummaa qaban kunniin tarkaanfii gabaa tasgabbeessuuf karaa waldaalee hojii gamtaa fudhatamaa jiru kana sakaaluuf oomishaaleen rakkoo qulqullina qabu,rakkoo sadarkaa qabu olola jedhuun hawaasa burjaajessuun ergamasaanii dhokataa milkeeffachuuf mumunyuuqaa jiru.
Kun ta’us waldaaleen hojii gamtaa oomishaalee sadarkaasaanii eeggataniifi biraandii ta’an fayyadamtootaaf dhiyeessuun gaba atasgabbeessuuf hojjetu kan jedhan Obbo Usmaan, omishaaleetti balfaa hinmalle dabaluun hawaasa gaaga’aa kan jiran murnoota raacitii juuntaan afuura baafachaa jiran ta’uu ibsu.
Murnoonni kun takkaan farra biyyaa takkaanimmoo farra lammiilee waan ta’aniif yeroo eeggatanis eeruu uummatni kennuun tokko lamaaniin furnaanamanii seeratti butamuun gatiisaanii argatu.
Tasgabbiin gabaa akka hin uumamneef bittaa seeraan ala gaggeessuun alatti safara waliin dhahuun,gatii hinmalle dabaluun,oomisha dhoksuun,balaa hamaa ta’an omishaaleetti dabalauun waraana dinagdee kana keessatti callaqqisaa jiru.
Biyyattiin wayita waraanarra jirtutti gochi seeraan alaa akkasii kun banamuunsaa waraan dabalataa banuu waan ta’eef farra lammiilee ta’ee mul’ataa jira.
Isa kanaafimmoo deebii laachuuf dhiyeessii midhaan nyaataafi bu’uuraalee waldaaleen hojii gamtaa taasisan daran abdii kan namatti horuudha.
Alseerummaa sababa malee gatii dabaluu mul’ataa jiruu kana furuuf sochiin waldaalees ta’e mootummaan taasifamaa jiru cimee itti fufaa jiraachuu kan kaasan Obbo Usmaan walitti hidhaminsa gabaa amma uumamaa jiruun jijjiiramni gabaa tsagabbeessuu mul’ata.
Waraanni biyyarratti gama dinagdeenis ta’e qabsoo hidhannoon baname kun lammiilee jaala biyyaa qabaniin maseenaa jira kan jedhan Obbo Usmaan raayyaan dirree waraanaatti waldaaleen hojii gamtaa gabaa tasgabbeessuurratti warraaqsarra akka jiran dubbatu.
Haaluma kanaan walitti hidhamiinsi gabaa uumaa jiru furmaata tokko yoo ta’u dargaggoota dirree waraanaatti bobbahanii jiraniifis galaa guduunfuun akkasumas deeggarsa barbaachisaa taasisuun cimee ittifufaa jira.
Qabsoon gama kanaan eegalame kun finiinuu qaba kan jedhan Obbo Usmaan warra seeraan ala gatii gabaa dabalaniif gatiisaanii kaffaluuf tumsi lammiilee cimuu akka qabu dhaamaniiru.
Akka ibsasaaniitti hanqinni oomishaa mudatee osoo hintaane daballiin gatii taasifamaa jiru kun raafama siyaasaa ho’isuun rakkoon nageeenyaa akka hammaatu amantaa uummanni mootummaarraa qabu akka laafu, shira jala deemtota juuntaan banamedha.
Waldaaleen hojii gamtaa bu’uurumarraa wayita hundaahan gatii gabaa tasgabbeessuu,qulqullina oomishaa eegsisuu, safarri sirrii akka jiraatu, bittaa gurgurtaan seeraan alaafi waliindhahuu akka hafu hojjeta.
Kanamalees hanni akka dhaabatu fayyadamummaan qonnaan bulaa akka dhugoomuu cichee kan hojjetu yoo ta’u duulaa sababa malee daballii gatii gabaa jala deemtota juuntaan baname kana dhabamsiisuufis shoora guddaa kan taphatudha.
Walumaagalatti murnoota sababa malee gatii hinmalle gabaatti dabalaniif gatiisaanii kennuuf sochii waldaaleen hojii gamtaa taasisan cinatti hawaasnis hordoffii taasisuun barbaachisaadha.
Waldaaleen naannoolee Oromiyaa, Amaaraa,ummattoota kibbaa fi Sidaamaa sirnicharratti argamanis daballii gatii humnaa olii akka biyyatti mudachaa jiru,waraanaan qixadha jedhanii alseerummaan kun daldaltoota seeraan alaafi ilaalcha juuntummaa warra qabaniin mudachaa waan jiruuf tarkaanfiin fudhatamuu qabu akka cimu gaafataniiru.
Keessumattuu oomishaaleen karaa waldaalee dhiyaatan qulqullina kan qabaniifi gatii madaalawaan gabaaf kan dhiyaatan yoo ta’u, hawaasni olola ilaalcha juuntaan burjaajahuu akka hinqabne yoo kaasan, daballii gatii gabaa amma afarfamaa jiru tasgabbeessuuf omishaaleesaanii mankuusaa keessa jiru gabaaf dhiyeessuuf waliigalaniiru.
Oomishaaleen akka naannootti mankuusaa waldaalee hojii gamtaa keessa jirani kunneen hudhaa mudachaa jiru kana tasgabbeessuu keessatti bakka olaanaa qabaachuu himanii humnoota gaaga’ama dinagdee uumuuf wixxifataa jiran kana mootummaa waliin ta’anii akka hojjetan ibsaniiru.
Waasihun Takileetiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 22/2013