Shihaab Suleemaan: Abbaa kalaqa konkolaataa ‘TITAN’

Yeroo baay’ee gaafa namni waa kalaqee agarru keessa keenyatti kan yaadnu, namni abbaa kalaqaa sun biyya alaa kan jiru ykn biyyuma keessatti bakka cimaa jedhamutti kan barate gooneetu. Garuu waa kalaquuf wanti guddaan kennaadha. Ittaansuun immoo haalota kam keessattiyyuu kennaa ofii hojiitti hiikuudha.

Tibba kana guddattoonni baay’ee kalaqa garagaraatiin mul’achaafi dhimma ijoo miidiyaa idileefi hawaasummaa yommuu ta’aan agarreerra.

Keessumaammoo ijoolleen Oromiyaa bakka jiranii mumul’achuu eegalaniiru. Dhiheenya kana gara Oromiyaa Lixaa obbolaan lama xiyyaara kalaqanii namoota hedduu ajaa’ibsiisuun isaanii ni yaadatama. Gaazexaan keenyas isaan haasofsisee isinii dhiheesse ture.

Fuula Qarreefi Qeerroo keenya torban kanaatiin ammoo Oromiyaa Kibbaarraa waa’ee dargaggoo konkolaataa halaqe tokkoo isin dubbisiisna.

Maqaansaa Shihaab Suleemaan jedhama. Kan dhalate Magaalaa Alii Baaleetti (Godina Baalee) yoo ta’u, kan guddateefi barnootasaa hanga sadarkaa lammaffaatti xumuremmoo Magaalaa Dodolaatti. Yunvarsiitii Finfinneetti Barataa Saayinsii Kompiiwutaraa waggaa lammaffaati. Hundeessaafi Gaggeessaa Hojii Dhaabbata Istaar Teknolojiitisi.

Konkolaataan TITAN’ jedhamtu inni kalaqe baajaajii kan caaltu, taaksiidhaa gadi yoo taatu,  kana kan kalaqeefis sababoota sadiif ta’uu ibsa. Isaanis; rakkoo geejibaa Finfinneetti mul’atu furuuf, sharafa bittaa konkolaataatiif ba’u hir’isuuf akkasumas, fuuldurattimmoo alaattillee erguun biyyaaf sharafa alaa argamsiisuuf yoo ta’u, sadaffaan rakkoo hojidhabdummaa hir’isuuf akka ta’e ibsa.

Kana jechuun konkolaataa kana baay’inaan omishamee hojidhabdootaaf maallaqa xiqqaadhaan dhiheessee yoo danda’ame darbees, hojii omishaa keessattis namoota hedduuf madda galii ta’uu akka danda’u eera. kanarra darbees bashannaafis illee mijataa ta’uusaatiin dame turizimiif akka tajaajilu danda’u hima.

Konkolaataan moggaasa ‘TITAN’ kennameef kun namoota saddeet baachuu kan danda’u yoo ta’u, wantoota akka faayibarii, sibila, aluminiyeemii, maayikaafi kkf irraa kan hojjetamedha. Mootarasaa garuu biyya keessaa argachuun waan hindanda’amneef alaa fichisiisuusaafi walumaagala konkolaticha kalaquuf qarshii kuma 600 itti fixuusaa hima.

Moggaasi maqaa konkolaatichaas ‘TITAN’ akaakuuwwan pilaaneetii Saatarni keessaa tokko ta’uuf pilaaneeticha daran kan jaallatu ta’uu himee, waamuufis salphaa waan ta’eef filachuu eera.

Kalaqa kana dizaayin godhee hanga hojjechuuf hanga gabaa itti barbaaduutti yeroo dheeraa kan itti fudhate ta’uu kan dubbatu Shihaab, erga ispoonsara argatee booda garuu qofaasaa ji’oota sadii keessatti hojjetee xumurusaa hima.

Konkolaataan TITAN’ agarsiisaaf tokko qofti kan hojjetame yoo ta’u, kanaanis duubdeebii namoota garagaraarraa kennamu fudhachuun adeemsa mirga abbeentaa argachuu xumuraa kan jiru ta’u hojiin ittaanuu gara bal’inaan omishutti seenuudha. 

Hojii kalaqaa daa’immummaasaarraa kaasee kan eegale ta’uu kan himu dargaggoon kun, keessumaa meeshaaleen elektironiksii hedduu naannawaasaatti argu “made in China’ fi kkf kan jedhu ta’uusaatiin keessasaatti “nutis maaliif kan biyya keenyaa qabaannee, biyyoota biroottis hinergannu” inaaffaan jedhu uumamaa akka ture dubbata. Haala kanaan  barataa kutaa shanaffaa ta’ee wantootuma naannawaasaa argu walitti fiduun istoovii hojjechuusaa yaadata.

Ittaansuunis maashinii daaboofi biskutii, balbala kaardiifi rimootiidhaan cufamee banamu hojjechuusaa ibsee, kanaanis waggaa afur dura yeroo jalqabaaf Ministir Muummee duraanii Haayilamaariyaam Dassaalanyi harkaa badhaasa fudhachuusaa hima.

Badhaasa sanaan onnachuunis hojiiwwan kalaqaa biroo hedduu hojjechuun Ministira Muummee Abiyyi Ahmadiinis badhaafamuu dubbata. Waggaa darbees badhaasa kalaqaa dargaggeessa bara 2020 jedhu Pirezdaantii Oromiyaa Shimallis Abdisaarraa akka fudhate hima. Hojilee biraa keessa seenuunis Hindiillee deemuun muuxannoowwan garagaraa fudhatee dhufuu ibsa.

Mobaayilii tokkos kalaqa mataasaatiin akka hojjeta kan dubbatu dargaggoon kun, kanas Chaayinaatti erguun kan sakkattaasisee omishamuu akka danda’amu kan mirkaneeffate ta’u hima. Ta’us kaampaaniin isa waliin hojjechuun baay’inaan omishu waan hinarganneef isuma harka jiraachuusaa dubbata.

“Hojii kalaqaa keessatti rakkoleen hedduu damee garagaraa keessa jiru. Akka abbootii kalaqaatti kalaqoonni biyyattii keessatti kalaqaman kan namatti tolaniifi abdii namatti horanidha. Garuu hojiirra oolee rakkoo ummataa yommuu furu bal’inaan hinmul’atu. Gama abbootii qabeenyaafi qaamolee mootummaatiin deggarsi kalaqaaf taasisan gadaanaa waan ta’eef utuu sirrate gaariidha” jedha.

Dhaabbata inni hiriyyootasaa shan waliin hundeesse Istaar Teknolojii bara 2020tti kan hundeesse ta’uu kaasee, akkuma dhaabbatichi hundaa’een dhibeen koronaa dhufu eeree, kaayyoonsaas mosaajiiwwan rakkoo hawaasaa furan hojjechuu kan kaayyeeffatedha. Dhukkibichi dhufusaatiin manneen barnootaafi dhaabbileen garagaraa cuccufamaniis isaan akka carraatti fudhatanii mosaajiiwwan 72 ta’an kalaquusaanii ibsa.

Kanneenekeessaa tokko ‘Learning Management System’ kan jedhamuufi barsiisoonni, barattoonnifi dursitoonni dippaartimantii manasaanii taa’anii waliirraa baratanii kan itti walto’atan ta’u ibsa. Kana malees ‘online shopfi delivery system’ akkasumas, kanneen biro kalaquusaanii kaasa.

Dhaabbata sooftiweerii kana keessa dargaggoonni mosaajii uumuufi dizaayiniisaa hojjechuu danda’an kamuu hirmaachuu akka danda’an kan ibsu Shihaab, kana duras dargaggoonni baay’ee isaan waliin hojjechaa akka jiran dubbata.

Fuulduratti akka dhuunfaattis ta’u akka biyyaatti wantoota biyya kana guddisuu danda’an hojjechuu akka yaadu kaasee, dhaabbannisaa mosaajiiwwan hedduu kalaquusaafi innis akka dhuunfaatti kalaqawwan hedduu akka of harkaa qabu hima. Kanneen walitti fiduudhaan kaampaanii omisha garagaraa omishe hawaasa fayyadu, akkasumas gabaa aleergiif oolu dhaabuu akka yaadu ibsa.

Dargaggoonni rakkoolee garagaraaf sababa kennuu osoo hintaane akka carraatti fayyadamuu akka qaban kan ibsu Shihaaab, hamma danda’ametti “ani akka dhuunfaatti akkamiiniin rakkoo uumame furuu danda’a” jedhanii yaaduu akka barbaachisu ibsa. Akkasumas, kennaawwan garagaraa qaba walitti fiduun akka gareetti ta’aanii waanuma xiqqoollee kalaquu akka qaban dhaama.

Walumaagalatti, kalaqni rakkoo biyyaa furuu keessatti bakka olaanaa kan qabu yoo ta’u, kalaqxoota jajjabeessuunis barbaachisaadha. Wantoonni kalaqaman abbaa kalaqaa biratti qofa hafuun osoo hintaane qabatamaadhaan rakkoo hawaasa bal’aa akka furaniif irratti hojjetamuu mala. Kanas mootummaan qofaasaatiin galmaan waan hingeenyeef abbootiin qabeenyaallee irratti dhimmamuu qabu jenna.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 22/2013

Recommended For You