Olompikiirratti hirmaannaa dubartootaa kubbaa miilaatiin

Finfinnee: Olompikiin ammayyaa ALA bara 1896 Giriik, magaalaa Ateensitti jalqabamusaa seenaa olompikiirraa hubachuun ni danda’ama. Biyyoota miseensoota koree olompikii biyyooleessaa ta’an muraasa gidduutti kan jalqabame taphni olompikii ammayyaa kun ammaan tana gara miseensoota 208 ol ta’an hirmaachisaa jira.

Taphichi kan adeemsifame biyyoota 14 gidduutti atileetoota dhiiraa 241n, akaakuuwwan ispoortii sagaliifi dorgommiiwwan 43n yoo ta’u, biyyoonni 11 qofti gabatee meedaaliyaa keessa galanii turan.

Meedaaliyaawwan warqii 43, meetii 43, nahaasa 36 walumaagalatti meedaaliyaawwan 122 biyyoota kanneeniif badhaasaan kennamaniiru.

Ameerikaan meedaaliyaa warqii 11, meetii torbaafi nahaasa lama walumaagalatti meedaaliyaa 20n, qopheessituun olompikichaa Giriik warqii 10, meetii 17, nahaasa 19 dimshaashumatti meedaaliyaa 46n, Jarman ammoo warqii jaha meetii shan, nahaasa lamaan walumaagalatti meedaaliyaa 13n sadarkaa tokkoffaadhaa hanga sadaffaa argachuun seenaa olompikii jalqabaa kana galmeessisaniiru.

Taphni olompikii akaakuuwwan ispoortii hedduudhaan adeemsifamus kubbaan miilaa garuu turee jalqabe. Keessumattuu kan dubartootaa ALA bara 1996 olompikii 26fa Ameerikaa, Atilaantaatti adeemsifamerraa kaasue ta’uunsaa ni yaadatama.

Taphawwan hanga ammaatti gaggeeffamanitti Ameerikaan yeroo afuriif shaampiyoonaa yoo taatu, al tokko waancaaf dhihaattee lammaffaa, yeroo sadiif ammoo tapha sadarkaaf taphachuun mo’attee sadaffaa ba’uun meedaaliyaa warqii afur, meetiifi nahaasa tokko, tokkoo walumaagalatti meedaaliyaa jaha fudhachuun dursaa jirti .

Jarmaniifi Norweey yeroo tokko tokko shaampiyoonaa ta’uun meedaaliyaa warqii argataniiru. Garaagarummaan isaanii Jarman yeroo sadiif sadarkaa sadaffaa argachuun nahaasa sadii dimshaashumatti meedaaliyaa afur argachusheeti. Noorweey ammoo yeroo tokkoof lammaffaa ta’uun meetii argachuusheeti.

Ameerikaan waancaa jalqabaa kan fudhatte olompikii ofuma isheef Atilaantaatti qopheesiteetti, akkumashee waancaaf kan dhihaatte Chaayinaa 2-1n, bara 2004 Olompikii Ateensitti Biraaziil 2-1n, bara 2008, Chaayinaa Beejingitti Biraaziil 1-0n, akkasumas bara 2012 Ingiliiz, Landanitti Jaappaan 2-1n mo’achuudhaani.

Walmorkiin baranaas Jaappaan Tokiyootti biyyoota 12 gidduutti adeemsifamaa kan ture yoo ta’u, Ameerikaan tapha sadarkaa sadaffaa argachuuf adeemsifametti Awustiraaliyaa 4-3 mo’achuun meedaaliyaa nahaasa argatteetti.

Bariisaa Hagayya 1 Bara 2013

Recommended For You