Natsaannat Taaddasaatiin
“Makaanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuun kilaastaraan qotuun bu’aa guddaa qaba. Qonnaan bultoonni lafa qonnaa walitti aanu qaban gurmaa’anii kilaastaraan wayita qotan lafti yeroo walfakkaatu akka qotamu, sanyii filatamaa, xaa’oo, qoricha farra ilbiisotaafi teknolojii qonnaa walfakkaatu waan fayyadamaniifi midhaanis yeroo walfakkaatu akka sassaabamu taasisuudhaan omishaafi omishtummaa qonnaa keenya guddisuu keessatti qooda guddaa qaba” jedhu qonnaan bultoonni Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa.
Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaas barana lafa qonnaa heektaara miliyoona 6.1 qotamuuf karoorfate keessaa heektaara miiliyoona 4.3 kilaastaraan qotuuf karoorfatee hojjechaa kan jiru yoo ta’u, tibbana kilaastara qamadii facaasuu makaanaayizeeshinii qonnaatiin deggerame Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaatti jalqabsiiseera.
Aanicha Ganda Wayisoo Qancaraatti lafti heektaara 200 ol waggoota ja’aaf maqaa investimantiin fudhatamee osoo hinmisoomin ture qonnaan bultoota adda duree 122f kennameera. Qonnaan bultoonni kunneen kilaastara 39n gurmaa’uudhaan makaanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuun laficha qamadii facaasaniiru.
Bulchaan Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo lafichi kanaan dura Dhaabbata Invastimantii ‘Verd beef’ jedhamun fudhatamee waggoota ja’an darbaniif osoo hinmisoomin turuu himanii, kallattii Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad lafti kamuu misooma malee taa’uu hinqabu jechuun kaa’an hordofuudhaan mootummaan naannoo Oromiyaa lafti invesimantiidhaan fudhatamee waggoota ja’aaf misooma malee ture qonnaan bultoota adda dureedhaan akka misoomuuf murteessuueera. Barana akka godinichaatti lafti investimantiin fudhatamee utuu hinmisoomin jiru heektaarri kuma torbaafi 940 ta’u misoomaaf akka oolu ta’eera jedhu.
Omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuun callaa lafa heektaara tokkorraa argamu guddisuun qofa utuu hintaane lafa misooma malee taa’u misoomsuudhaani kan jedhan bulchaan godinichaa, kun wabii nyaataa biyyattii mirkaneessuufi hiyyummaa hir’isuu keessattis gahee olaanaa qaba. Makanaayizeeshinii qonnaa sangaa fayyadamuun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuurratti garaagarummaa guddaa qaba. Callaan lafa makkaanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuudhaan omishamerraa argamu calla lafa sangaan qotamerraa argamu dacha lamaan kan caalu ta’uu himaniiru.
Qonnaan bultoonni godinichaa omishaalee qamadiis ta’e boqqolloo makaanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuudhaan kilaastaraan akka omishaniif hojjechaa jiraachuu kan himan Obbo Abbaabbuun, barana qonnaan bultoonni godinichaa lafa heektaara kuma281 irratti kilaastaraan gurmaa’anii qotaa jiru. Kilaastarri hundinuu sanyii filatamaa waan barbaaduuf barana hanqinni sanyii filatamaa mudachuus eeraniiru.
Godinichatti kanaan dura qonnaan bultoonni adda dureen lafa heektaara tokkorraa callaa qamadii kuntaala 70 hanga 80tti argachaa turuu himanii, qonnaan bultoonni adda duree hintaane immoo lafa heektaara tokkorraa calla qamadii kuntaala 12 hanga 20 argachaa turaniiru.
Qonnaan bultoonni kilaasteraan mekkaanaayizeeshinii qonnaa, sanyii filatamaafi xaa’oo walfakkaatu fayyadamuudhaan wayita omishan giddugalaan lafa heektaara tokkorraa callaa qamadii kuntaala 60 hanga 70tti argatu. Kilaastaraan qotuun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuurra darbee walitti hidhamiisa gabaa uumuufis kan gargaaru ta’uu eeraniiru.
Aanichatti qonnaan bulaa ganda Wayisoo Qancaraa kan ta’an Obbo Gammachuu Waaddee Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, qonnaan bultoota naannawaasaanii biroo waliin gurmaa’anii kilaasteraan qamadii mekaanaayizeeshinii qonnaa deggeramuun facaasaa jiru. Makaanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuun keenya yeroo, humna, qarshii, sanyiifi xaa’oo faca’u qusachuun omishaafi omishtummaa qonnaa keenya guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhu.
Kanaan dura utuu makaanaayizeeshinii qonnaa hinfayyadaminiifi kilaasteraan qotaa hinturre lafa heektaara tokkorraa calla qamadii kuntaala 25 hanga 30tti argachaa turuu kan eeran Obbo Gammachuun, barana makaanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuun kilaasteraan waan omishaniif lafa heektaara tokkorraa callaa qamadii kuntaala 60 hanga 80 argachuu akka danda’an dubbatu. Barana yeroo qamadiin itti faca’u sababa hanqina roobaafi sanyii filatamaatiin xiqqoo duubatti nu jalaa harkifatus mekkaanaayizeeshinii qonnaafi galteewwan qonnaa guutuu waan fayyadamnuuf kan omisha gaarii arganna jennee jedhu.
Qonnaan bulaa aanichaa ganda qonnaan bulaa Galoo Raphee kan ta’an Obbo Daani’eel Horbaa gamasaaniitiin akka jedhanitti, lafa qonnaa heektaara shan kan qaban ta’uufi lafa investimantiin fudhatamee waggoota ja’aaf utuu hinmisoomin ture bulchiinsi aanaa qonnaan bultoota biroo 122 waliin gurmaa’anii akka omishan taasiseera.
Hojii qonnaa makkaanaayzeeshinii qonnaa fayyadamuufi kilaasteraan qotuun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu eeru.
Kanaan dura makaanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuun kilaastaraan wayita qotaa hinturre lafa heektaara tokkorraa calla qamadii hanga kuntaala 40tti argachaa turuu himanii, barana makaanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuun kilaasteraan waan omishneef lafa heektaara tokkorraa calla qamadii kuntaala 60 ol ni arganna jennee abdanna jedhu.
Barana qonnaan bultoonni aanichaas ta’e godinichaa hanqina sanyii filatamaaf saaxilamuu himanii, gara fuulduraatti dhiyeessa qoricha farra aramaafi ilbiisotaarratti hanqinni akka isaan hinmudanneef mootummaan amumarraa qophii barbaachisu akka taasisuu gaafataniiru.
Obbo Saafaawu Goobee Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaatti qonnaan bulaa Ganda Arbaati. Barana qonnaan bultoota 17 waliin lafa heektaara 20 tiraaktaraan qotanii boqqolloo kilaastaraan qotuufi bara dhufu callaa boqqolloo kan waggoota darbaniirra caalu argachuuf karoorfatanii hojjechaa jiraachuu dubbatu.
Kilaastaraan gurmaa’anii hojjechuun tiraaktera, sanyii filatamaa, xaa’oofi qoricha farra ilbiisotaa salphaatti akka argatan taasisuun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuurra darbee carraa gabaa akka argataniifis kan isaan gargaaru ta’uu himanii, duraan dhuunfaadhaan qotaa yeroo turan sanyii filatamaafi xaa’oo argachuunillee daran rakkisaa ta’uu dubbatu.
Duraan kilaastaraan utuu hingurmaa’in lafa heektaara tokkorraa boqqolloo kuntaala 50 hanga 60tti argachaa turuu kan himan qonnaan bulaan kun, barana kilaastaraan gurmaa’anii waan omishaniif lafa heektaara tokkorraa yoo xiqqaate boqqolloo kuntaala 80 hanga 100tti argachuuf kan abdatan ta’uu dubbatu.
Waqtii bonaa lafti keenya akka omisha malee hinbaaneef mootummaan motoora bishaaniifi tiraakteraan akka isaan deggeruuf kan gaafatan qonnaan bulaan kun, mootummaan deggersa nuti gaafanne yoo nuuf taasise misooma jallisiitiin qamadii, boqqolloofi akaakuu midhaanota biroo kan qotan ta’uu dubbatu.
Qonnaan bulaadhuma gandichaa biroo kan ta’an Obbo Amaan Ukii akka jedhanitti, qonnaan bultoonni ollaa jiran kilaasteraan qotuun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Utuu lafa qonnaa gaariifi bal’aa qabnuu tiraaktarri Shaashamanneetti hojjetamu nurra darbee qonnaan bultoota fagootiif kennamaa jira. Mootummaan abbaa hunda keenyaa waan ta’eef komii keenya kana dhaga’ee deggersa tiraakteraafi motoora bishaanii jallisii misoomsuuf nu gargaaru deggersa akka nuuf taasisu gaafanna jedhu.
Lagni Bulbulaa bonaafi ganna yaa’u naannawa keenya waan jiruuf yoo motoora bishaanii arganne lafa keenya waggaatti yeroo lamaa ol qotuu dandeenya kan jedhan qonnaan bulaan kun, omishni nuti omishnu nu qofa osoo hintaane biyyas nigargaara jedhu.
Obbo Aliyyii Ammiyyoos qonnaan bulaa Ganda Arbaati. Akka isaan jedhanitti, ani kilaasteraan gurmaa’ee qotee hinbeeku garuu omisha qonnaan bultoota kilaastaraan gurmaa’anii hojjetanii yeroon ilaalu carraan kun yoom na ga’a jedheen hawwa. Qonnaan bultoonni kilaasteraan gurmaa’anii hojjetan fakkeenya gaarii nuuf ta’aniiru jedhu.
BARIISAA SANBATAA Hagayya 1 /2013