Waasihun Takileetiin
Daalattii (Araat Kiiloon)wiirtuu teessuma mootummaa Federaalaa taate guyyaa guyyaan dargaggoota dhaabbilee barnoota olaanaarraa eebbifamanii hojii barbaadanis simattee keessumeessaa ooltuudha.
Dargaggoonni adda baba’ii Daalattii kanatti walgahan hedduunsaanii hojii barbaaddota waan ta’aniif kaan milkoomee jireenya hirkattummaa jalaa bakka itti bahu yoo ta’u, kaanimmoo ishuma qabu jechuunis maallaqa geejjibaafi bilbila harkasaa hattuun saamamee bakka itti gadduudhas.
Namni wiirtuu boordii beeksisaa kanatti bahe dargaggoota waan bu’aa ba’iin jireenyaa nuffisiise fakkaataniifi ijaan beeksisa isaan ilaallatu barbaadan arguun aadeffatameera.
Baay’inni barattoota dhaabbilee barnoota olaanaarraa yeroo yeroon eebbifamanii wayita dabalaa jiru kanatti carraan hojiis dhiphachaa jiraachuu mootummaanillee beeksisaa tureera, jiras.
Miira eeggattummaa dargaggootarratti duufaa jiru kana cabsuufimmoo aadaan hojii uummachuu gabbachuu akka qabu himamus hanqina hubannoo dhabuun walqabatee sammuun tole jedhee simatu muraasa.
Kan dargaggoo Zarihun Ayyaanoo garuu adda ta’e waan natti mul’ateef dargaggoota keenyaaf barnoota ta’a jedhee turtii isa waliin taasise haala armaan gadiin isiniif dhiyeesseera. Dargaggoo Zarihun Ayyaanoo Naannoo Ummattoota Kibbaa, Aanaa Arakkaatti dhalate.
Umriinsaa barnootaaf gahus harka qal’eenya maatiisaatiin walqabatee carraa barnootaa argachuu hindandeenye ture. Kanaafis sababiin du’a abbaasaa yoo ta’u, jireenya deegaa kana injifachuuf mana namaatti galee of jijjiiruuf tattaafachaa turuu hima.
Jireenyi hirkattummaa mana namaatti galanii jiraatanii daran hadhaahaa ta’uu kan himu dargaggeessi kun akkuma qorichi otuma hadhaa’uu nama fayyisa jedhamu hadhaa jiru liqimsaa barnootasaa ittifufuu kaasa.
Haala kana keessa taa’ee barnootasaa sadarkaa 1fa Mana Barumsaa Arakkaatti xumuruun sadarkaa 2fatti darbee barachuuf deeggarsa dhabee addaan kutuus ni dubbata.
Barachuuf fedhii olaanaa akka qabu kan hime dargaggoon kun, barnootasaa sadarkaa 2fa kutaa 9fa-10fa nama isa deeggaree barsiisu dhabuun naannawa firoonnisaa jiranii, magaalaa Booddittii deemee firasaa hojii gargaaraa bira taa’ee xumuruu dubbata.
Akkuma xumureen qabxii seensa qophaa’inaa waan dhabeef hirkattummaan firasaa dadhabsiisuurra biyyaa bahuu filachuu kaasa.
Kan garaan aares kan mul’atni jiruufi jireenyaa jalaa dhokates hirkattummaa jalaa bahuuf Finfinneetti waan imalaniif magaalattiin Dargaggoo Zarihunis akkuma warra kaanii simattee keessummeessaa jirti.
Zarihun dachee dhalootasaa, Arakaarraa ka’ee kiiloomeetira hedduu imaluun erga Finfinnee seenee booda hiriyyootasaa dur naannawasaatti beekuun simatamee omisha koobilistooniirratti guyyoota 15f leenjii fudhachuun hojicharratti bobbahuun jireenya wal’aansoo qabuutti gore.
Akkauma “Roobes caames ijji missiraa lamuma” jedhamu jireenyi mijates mijachuu baates fuutis duutis hinoolu jedhee barnootasaa maddiitti intala naannawasa dhalootasaa isa waliin hojii omishaa koobil istooniirratti bobbaate wajjin gaa’ela dhaabbachuun jireenya abbaa warrummaa dhandhamuurra darbee abbaa daa’ima lamaa ta’uu dandaheera.
Maallaqa hojii koobil istoonii kanarraa argatuunis dheebuu barnootaa qabu bahachuuf kolleejjii dhuunfaatti galmaahee barnoota akkaawontiingii barachaa ilmaan lamaan guddisuuf qabsoo eegala.
Jireenyi barnoota barachaa mana kiraa keessatti daa’ima guddisuu daran ulfaachuusaatiin maallaqa lamaansaanii qusatan walitti qabuun bakka dhalootasaa, Arakaatti mana jireenyaa ijaarratee haadha warraasaafi ijoollee achi kaahee barnootasaa xumuruuf Finfinneetti deebihuu dubbata.
Dargaggoo Zarihun akka duraa hojii kobilii hojjechaa barachuuf daran itti ulfaannaan liistiroo hojjechaa barnootasaaf ji’aan qarshii 300 kaffalaa maatiisaa baadiyyaa geesse gargaaraa ofis utubaa turtii waggaa sadiin booda Kolleejjii Biraayitirraa Akkaawuntiingiidhaan dippiloomaasaa qabchuu dandaheera.
Ga’umsa ogummaa barnootasaa kanaaf qabu mirkaneeffachuufis qormaata madaallii ga’umsaa (‘COC’) fudhatee afransaa darbus carraan biiroo taa’anii hojjechuu itti dukkanaahuu hima.
Dukkanni jireenyasaa haguuge akka irraa saaqamuuf hojii kophee qulqulleessuu kutannoon hojjechaa hiyyuma seenaa gochuuf hojjetaa jira.
Dargaggoo Zarihun naannawa Daalattii, daandii gara Birbirsaa (Piyaassaa) geessurra taa’ee kophee haxaa’uun galii argaturraa mana kiraa kaffalaa, maatiisaa baadiyyaa jiran gargaaraa ammallee digriisaa ittifufuuf xiiqii keessa seeneera jedha.
Dargaggeessi kun barnoota qalamaa baratee gadi jedhee kophee haxaa’uunsaa abjuu jijjiiramaa boru nibariha jedhu of keessa bulchuusaatiin akka ta’es ni dubbata.
Barnoota qalamaa dippiloomaa baattee kophee haxaa’uun miira akkamii sitti dhageessisa gaaffii jedhuuf wayita deebii kennu kun ilaalcha bicuu dhalli namaa jijjiiramaaf qabu kan agarsiisuudha jedhee kaayyoonkoo kan itti milkaahu taanaan boolla fincaanii yoon haxaaheyyuu homaa akka isa hinqaaneffachiisne hima.
Hojiin xiqqaa hinqabu, inni guddaan maallaqa nama jijjiiruu dandahu argachuudha kan jedhe dargaggoon kun, aadaan hojii tuffachuufi filachuu dargaggoota hedduu miidhaa akka jiru ibsa.
Mana namaa taa’anii eeggattummaan jiraachuun fafa nama taasisa jedhee galii hojii kophee haxaahuu amma argatu kanaan ijaafi harka namaa ilaaluu jalaa bahuu dubbata.
Yeroo ammaas beeksisa isa ilaallatu hordofaa barnootasaa barachaa hojii kophee qulqulleessuu cimsee ittifufuuf kutannoon socho’aa jira.
Barnoota qalamaa baradheera jedhee hojii tuffadhee osoon daandiirra bule takkaan hattuun ta’a takkaanimmoo araadaafi amala badaaf saaxilameen daandii jireenyaa badiisaaf saaxilaman ture jedha.
Akkuma halkan rimeessa waan dhalee bulu hinbeekani jedhamu qabsoo jireenya injifachuuf taasifamu kanaan jijjiiramni tarkaanfachiisaa ta’etti bahuu akka hinoolle waan amanuufan kufee ka’ee hojjechaa jira jedha.
Kiyyallee dippiloomaadha warreen digrii baratanis eeggattummaa jalaa bahuuf hanga haalli mijatuufitti miira tuffii hojii keessaa bahanii hojii uummachuun jireenyasaanii fooyyeffachuu akka qabanillee dhaama.
Hirkattummaan harka namaa nama ilaalchisa,abdii jireenyaa namatti dukkaneessa, mul’ata borii nama jalaa dhoksa kan jedhe Dargaggoo Zarihun hojii itti bobbahan kamittii maamila horachuun galii ofii fooyyessuun akka dandahamu ibseera.
Akka dargagoon kun jedhutti hojjettoonni tokko tokko seenaakoo gaafan ittimu najajjabeessu kanneen iccitiin milkaahinaa isaaniif hingalleefi maalummaan barnootaa hin ifneefii immoo barattee nu warra hin baranne waliin kophee haxaahuun maaliifi, kan jedhan jiru, inni garuu filannoo sirriirra jira.
Dargaggoo Zarihun jireenya hawaasummaanis cimaa ta’uu yoo kaasu afaan Walaayittaa dabalatee Afaan Oormoo, Amaariffaafi Ingiliffaa nibeeka.
Dandeettii afaanii kana akkamiin horatte isa jedhu wayita deebisus, jireenya injifachuuf kutaalee biyyaa keessa oliif gadi socho’ee hojjetaa akka ture yoo himu Arsii baadiyyaa Magaalaa Shaashamannee keessa yeroo dheeraaf jiraachuu hima. Kanaafis Afaan Oromoollee dubbachuu dandaha.
Dargaggootaa, jireenyi qabsoodha, qabsoo cichanii yoo finiinsan injifachuun hinoolu, isa kanaafimmoo imala dargaggoo Zarihun itti jiru ilaaluun barbaachisaadha.
Dargaggummaan yeroo itti kaatanii boruuf waa ol keewwatanidha. Ganama wayita humniifi dandeettiin gahaa of jijjiiruu itti jirutti warraaqnee hojjechuu baannee hojii filanne laaqiin hiyyummaa nu liqimsuu hinoolu.
Kanaaf har’a humna ganamaatiin dhidhiittannee jijjiirama egeree keenya boruuf riqicha ta’e dhuunfachuuf kutannoon hojjechuun nurra jira.
Dhaabbileen barnoota olaanaa mootummaa akka biyyaatti jiran 45 jiranirraa qofa waggaa waggaadhaan dargaggoonni danuun eebbifamani bahaa jiru. Kanneen hunda simatanii hojii idileerratti bobbaasuun mootummaaf hudhaa guddaa ta’aa jira.
Hudhaa kana furuufis abbootiin qabeenyaa dhuunfaallee shoora olaanaa taphachaa jiraachuu ragaaleen carraa hojii uumuu ni mirkaneessu.
Dhamaatii eebbifamtoonni hojii barbaachaaf taasisan hir’isuuf hanga abjuun egeree milkaahutti hojii uummachuun jireenya duunfaa ba’aa dargaggootaa ta’e kana ofirraa dhiibuuf miira hojii tuffachuu keessaa bahuun barbaachisaadha ergaa jedhu Dargaggoo Zarihun dhaameera.
Walumaagalatti dargaggummaan yeroo galaan borii itti gudunfamu, umrii tulluun hiyyummaa itti diigamuufi abdiin jireenyaa itti horatamu waan ta’eef dargaggoon aadaa hojii tuffachuu keessaa bahee iccitii milkaa’inaa dhugoomsuuf biiftuu jirtuu sussukuun barbaachisaadha.
BARIISAA SANBATAA Hagayya 1 /2013