Taanzaaniyaan waancaa dargaggootaa fudhatte

Finfinnee: Qopheessummaa Itoophiyaatiin ALA Adooleessa 17 -30 Magaalaa Baahirdaaritti adeemsifamaa ture walmorkiin waancaa kubbaa miilaa dargaggoota umri 23 gadii biyyoota Bahaafi Giddu Galeessa Afrikaa mo’attummaa dargaggoota Taanzaaniyaatiin kaleessa xumurame.

Taanzaaniyaan waancaa baranaa kana kan fudhatte akkuma ishee tapha maahessaaf kan dhihaate garee dargaggoota Burundii 2-0n mo’achuuni.

Taanzaaniyaan tapha maahessaaf kan dhaqqabde Taanzaaniyaan Riipaabilika Kongoofi Sudaan kibbaa maarkaa walfakaatu 1-0n Burundi 2-0n mo’achuudhaan Ugaandaa wajjin 1-1n adda bahuuni.

Tapha sadarkaa sadaffaa argachuuf gaggeeffametti ammoo Sudaan Kibbaa Keeniyaa 3-2n mo’achuudhaan meedaaliyaa nahaasaa argatteetti.

Walmorkii baranaarratti gareen biyyaalessaa biyyoota sagalii ramaddii sadiitti adda qoodamuudhaan hirmaachaa turan kanarratti qopheessituun waancaa Itoophiyaan tapha gulaalaatti Eritiraa wajjin 3-3n, Burundii wajjin 1-1n adda bahusheetti yeroomaan tapha waancaa ala ta’uunshee kan yaadatamuudha.

Bariissaa Adoolessa 24/2013

Recommended For You