Gootota olompikii

 Finfinnee: Gootoonni olompikii suuraan isaanii mul’atu kunneen bitaa gara mirgaatti Irreessaa Abbabaa Biqilaa, Abbaa ispoortii Itoophiyaa Obbo Yidnaqaachawu Tasammaafi Ajajaa Shantamaa Abbabaa Waaqjiraati.

Gootoonni ispoortii kunneen akkuma eenyuuyyuu beeku biyya keessaas ta’e biyya alaattis seenaa hindulloomne, hinduuneefi dhalootarraa dhalootatti darbaa dhufu galmeessaniiru. Keessaayyuu barreessitoonniifi namoonni beekamoon waa’ee Irreessaa Abbabaa Biqilaa hedduu jedhaniiru; ammas jechaa jiru.

Irreessaa Abbabaa Biqilaafi Ajajaan Shantamaa Abbabaa Waaqjiraa Olompikii Rom kan Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif meedaaliyaa warqii itti argaterraatti miilaa duwwaa fiigicha kiiloomeetira 42.195

 fiiguudhaan Abbabaa Biqilaa tokkoffaa, Abbabaa Waaqjiraa torbaffaa ba’uun isaanii kan yaadatamuudha.

Bariissaa Adoolessa 24/2013

Recommended For You