Itoophiyaan meedaaliyaa jalqabaa argatte

Finfinnee: Magaalaa guddoon Jaappaan,Tokiyooti taphiwwan Olompikii edda eegalamee guyyoota saddee lakkoofsiseera. Biyyoonni hirmaatanis atileetotasaanii kanneen sababii qilleensi magaalattii rakkisaa ta’en tursisan martisaanii achi galuudhaan sagantaa dorgommiisaanii eeggachaa jiru.

Biyyi teenyas olompikii kanarratti hirmaachuuf jila atileetiksii ishee garasitti erguudhaan guutummaatti magaalaa Tokiyoo galaniiru.

Tookiyoon olompikii ammayyaa yoo qopheessitu kan baranaa kana wajjin yeroo lammaffaaf ta’usaati. Itoophiyaanis yeroo lammaffaaf hirmaachusheeti. Olompikii ALA bara 1960 qophaa’eerratti. Yeroo san jila atileetikisi 12n kan hirmaatte yoo ta’u,  fiigicha maaraatoniitiin Irreessaa Abbabaa Biqilaatiin meedaaliyaa warqii argachuun ishe kan yaadatamuudha.

Kaayyoon Olompikiin waggaa afuritti al tokko qophaa’ufis dargaggoota Addunyaa Ardiiwwan addaddaarratti argaman kanneen halaalaa jiraatan gaaddisa tokko jalatti walitti fiduudhaan, tokkummaa, obbolummaa fi jaalalti isaan jidduutti akka uumamu goochuf.

Tapahiwwan Olompikii waggaa afur afurin biyyoota miseensoota koree Olompikii biyyooleessaatti gageeffamu kun baranas yeroo 32faf Adoolessaa 16 bara 2013 kan eegalame tapha olompikii kana irratti hirmaachaa kan jirtu Itoophiyaan fiigicha meetira kuma kudhanii dhiiraan meedaaliyaa warqii jalqabaa argateetti.

 Medaaliyaan tun kan argamte atileeti Solomon Baaragaatiin.

Salamon Baaragaa tokkoffaa kan ba’e daqiiqaa 27:43.22 yoo ta’u saatti Itoophiyaan fiigicha metira kuma kudhaniin meedaaliyaa warqii argachu kan jalqabde Olompikii 22fa ALA bara 1980 Tokkumaa Sovetii duru (Ruussiyaa) adeemsifamerratti atileeti Miruts Yifxar tokkoffaa, Mahammadi Kadir sadaffaa bahuudhaan kan jalqaban, Olompikii 27fa ALA bara 2000 Awutiraaliyaa, Siidinitti adeemsifametti Hayilee Gabrasillaasee tokkoffaa, Asaffaa Mazgabuu sadaffaa ba’un isaaniinii kan yaadatamuudha.

Ateensi Giriikitti ammoo Qananiisaafi Silashin tokkoffaafi lammaffaa bahudhaan meedaaliyaa warqifi meetii kan argamsiisan.

 Walumaagalatti Itoophiyaan fiigicha meetira kuma kudhaniin dhiiraan meedaaliyaawwan warqii shan, meetii sadiifi nahaasa jaha argachuun ishee beekame Dheengadda halkan sa’aatii 9:00 irratti dorgommiiwwan gulaalaa fiigicha gufachisaa meetira kuma sadii dhiiraan Lameechaa Girmaa tokkoffaa,Geetinat Waalee lammaffaa ba’un dorgommii maahessaaf darbaniiru.Figicha meetira 800 dubartota jiddutti gageeffameen ammoo Habtaam Alamuu ramadisheerraa lammaffaa bahudhaan gulaalaa itti aanuuuf dabarteetti.

Dorgommii gulaalaa metira kuma shanii dubartoota jiddutti taasifameen ammoo Gudaf Tsaggaaye, Sanbaree Tafariifi Ijigaayyoo Taayyee dorgommii maahessaaf darbaniiru.

Bariissaa Adoolessa 24/2013

Recommended For You