Mana Murtii Aadaa: Dhaddacha duudhaa Oromummaa ganamaa deebisuu

 Saamraawiit Girmaatiin

Manni Murtii Aadaa Oromiyaa walga’ii Caffee tibbana taa’amerratti raggaasifamuun hundeeffamuun ni yaadatama. Hundaa’uun mana murtichaa faayidaa olaanaa kan qabu yoo ta’u, hojiiwwan milkaa’oo mootummaan naannoo Oromiyaa baran hojjete keessaa isa ijoo ta’uudha Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa kan ibsan.

Akkasumas, manni murtichaa duudhaa Oromummaa rakkoo xixiqqoof naannawuma ofiitti furmaata kennuu kan jajjabeessu ta’uu pirezdaantichiifi hirmaattonni yaada kennan ni ibsu.

Nutis faayidaa manni murtichaa qaburratti waraqaa qo’annoo Inistitiiyuutiin Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaafi Qo’annoo Seeraa Oromiyaa taasise qindeessinee dhiheessineerra.

Manni Murtii Aadaa tajaajila abbaa seerummaa jiraattota ykn hawaasaaf kennuu keessatti, keessumaa ardii Afrikaatti gahee olaanaa qaba. Tajaajjilli abbaa seerummaa mana murtii kanaan kennamu seerota mootummaadhaan tumamaniirratti hundaa’ee otuu hintaane aadaafi duudhaalee hawaasa keessa jiran bu’uura godhachuuni.

Tajaajila abbaa seerummaa mana murtichaatiin kennamu ilaalchisee yaadonni walfaalleessan lama gama hayyootaatiin oggaa ka’an mul’atu. Inni tokko yeroo sochiin siyaasa dinagdee addunyaa ammayyaa’ee kanatti manni murtii aadaa tajaajila abbaa seerummaa kennuuf ga’umsa hinqabu kan jedhu yoo ta’u, lammaffaan yeroo ammayyaa kanatti adeemsi salphaan waldhabdee hiikuu danda’u kan akka mana murtii aadaatu hawaasa qaroomeef mala kan jedhuudha.

Sababoota garagaraa eeruun manni murtii aadaa biyyoota Afrikaatti jajjabaachuu akka qabu qaamoleen garagaraa ni ibsu. Sababni inni jalqabaa maanguddoota Afrikaafi hayyoota barnootaatiin kan ka’u yoo ta’u, isaanis manni murtichaa qabeenya aadaa Afrikaan qabduufi Afrikaanonni harka caalmaan jiran qabatamaan kan itti gargaaraman waan ta’eef jajjabaachuu qaba kan jedhuudha.

Tajaajilli abbaa seerummaa manni murtii aadaatiin kennamu salphaa, baasii xiqqaafi dhaqqabamaa ta’uusaatiin akkasumas sirna haqaa salphaa ta’uusaatiin jajjabeeffamuu qaba kan jedhuudha.

Yaadni biraa tajaajjilli abbaa seerummaa mana murtichaatiin kennamu hanqinoota qabaatus hanqinoonni kunneen kan sirrachuu hindandeenye waan hintaaneef akkasumas, xiinsammuu qabatamaa hawaasaafi sanada mirga namoomaa waliin fooyyessuun waan danda’amuuf cimsuu ni danda’ama kan jedhuudha.

Falmiin biraa manni murtii aadaa akka kan idileetti ilaalamee kabajuufi eegumsi seeraa taasifamuufi qaba moo miti kan jedhuudha. Gareen tokko, hanga kaayyoonsaa waldhabdee walfalmiitootaarratti murtii kennuu ta’ettiifi murtiin kenname oliyyannoodhaan mana murtii idileetti waan ilaalamuuf manni murtii aadaa akkum manneen murtii kaaniitti ilaalamuu qaba jechuudhaan dhiyeessu. Gareen kaanis, manni murtichaa mana kan idilee otoo hintaane jaarmiyaa aadaarratti hundaa’ee waldhabbii hawaasa keessatti uumamu bifa alidileetiin kan hiikuudha.

Maanguddootni ykn jaarsoliin biyyaa mana murtii aadaatti murtii kennan hojiinsaanii tajaajila abbaa seerummaa qofarratti kan daanga’e utuu hintaane hawaasa keessatti seera aadaa kan tumaniifi kan raawwachiisaniidha.

Hojmaatni kun immoo qajeeltoo heeraa qoodinsa aangoo: seera hiiktuu, seera raawwachiiftuufi seera tumsuu jedhu waliin kan walfaalleessuudha. Dabalataan manni murtichaa tajaajila abbaa seerummaa kennuuf ragaa kurfeessee hinqabatu.

Tajaajilli haqaa kenname kan jedhamuu adeemsii seeraafi murtiin kenname galmaa’ee kurfaa’ee kan jiruufi manni murtii oliyyannoo kana dhaga’u ragaa barruu ilaaluun kan dhaga’u yoo ta’eedha.

Manni murtii idilee oliyyannoo dhaga’u falmii walfalmitootaa guutummaadhaan irra deebi’ee dhaga’uu baatus ijoo falmii adda baasee hubachuuf falmii mana murtii aadaatti taasifame irra deebiin dhaga’a. Kun mana murtii idilee keessatti kan baratame waan hintaaneef manni murtii aadaa kan idileeti jechuun hindanda’amu jechuun kaasu.

Dhaqqabamummaan tajaajila abbaa seerummaa taateewwan garagaraatiin ibsamuu kan danda’u yoo ta’u, baasii tajaajila barbaadame argachuuf gaafatamuufi fageenyi ykn dhiyeenyi giddugala tajaajilaa kennamuu dhaqabamummaa tajaajilaa madaaluu xiyyeeffannaa keessaa ni galu. Tajaajilli dhaabbata kamiinuu kennamu baasiin isaa olaanaa, giddugallisaa fageenyarratti kan argamu yoo ta’e tajaajilli kennamu dhaqqabamaadha jechuun hindanda’amu.

Dhaqqabamummaa tajaajila abbaa seerummaa Mana Murtii Aadaa kallattii baasii, dhiyeenyaafi saffisa tajaajilaatiin madaaluun ni danda’ama. Mana murtii idileetti tajaajila haqaa argachuuf baasii garagaraa keessa galuun ni jiraata. Himannaafi deebiin mana murtii idileetti dhiyaatu gulaallii qulqullina teknikiifi seeraa bira darbuu qaba.

Ulaagaa qulqullinaa kana guutuun himannaa ykn deebii barreessanii dhiyeessuuf hawaasni waliigalaa hubannoo ni qabaata jedhamee hintilmaamamu. Rakkoon kun hawaasa namni barate xiqqaa ta’e keessatti ykn hawaasa baadiyyaa biratti caalatti mul’ata.

Gama biraatiin tajaajila abbaa seerummaa mana murtii aadaa argachuuf ulaagaan qulqullina himannaa ykn deebii cimaa ta’e jiraachuu dhiisuu mala. Himannaafi deebiin barreeffamaan alattis afaaniin qofa dhiyeessuunillee waan danda’amuuf tajaajilamtoonni baasii addaatiif saaxilamuu dhiisuu malu.

Yoo mana murtii idileetiin waliin madaalamu wantoota baasii mana murtichaa xiqqeessan keessaa inni biraa mana murtichaatti abukaatoo dhuunfaadhaan bakka bu’amuu dhabuudha. Falmii mana murtii aadaatti taasifamurratti abukaatoodhaan falmuun hinjiru.

Mana murtii idileetti abukaatoodhaan falmuun mirga yoo ta’e falmii walfalmitoota gidduutti gaggeeffamuuf qaamni tokko humna qabaatee abukaatoodhaan yoo falmu qaamni biraa humna dinagdeellee yoo qabaachuu baate abukaatoodhaan falmuuf dandeettiifi beekumsa dhabuusaatiin abukaatoo mindeeffachuuf dirqama. Kunis abbaa dhimmaa baasii hinmalleef kan saaxiluudha.

Baasiin biraa mana murtii idileetti beekamu kaffaltii abbaa seerummaati. Himataan mirga gaafatuuf mana murtii idileetti kaffaltiii abbaa seerummaa hanguma mirga gaafatamuun garaagarummaa qabu akka kaffalu ni gaafatama. Mana murtii aadaatti garuu kaffaltiin walfakkaataafi tajaajilamtoota baasiif saaxilu hinjiru. Sababoota kanaafi kan biroon tajaajila abbaa seerummaa mana murtichaatti kennamu baasiinsaa daran xiqqaa ta’uusaati.

Fageenya giddugala tajaajilaatiinis yoo ilaalamu manni murtii idilee magaalaa aanaa ykn magaalaa godinaatti kan argamuu malu yoo ta’u, manni murtii aadaa garuu gandoota keessatti kan argaman waan ta’eef tajaajilamtoonni fageenya dheeraa deemuun irraa hineegamu. Giddugalli tajaajilaa hawaasuma keessatti kan argamu  waan ta’eef hawaasni baasiiwwan adda addaatiif hinsaaxilamu. Kunis tajaajilicha dhaqqabamaa taasisa.

Akka hayyootni tokko tokko kaasanitti tajaajilli mana murtii aadaa adeemsa alidilee aadaafi dhuudhaa hawaasa Afrikaarraa kan maddu waan ta’eef manneen murtii idilee biyyoota Awurooppaarratti hundaa’uun tajaajila kennan irra adeemsa salphaa ta’e hordofu. Adeemsa seeraa hordofuuf abbootii dhimmaa deeddeebisuun manneen murtii idilee keessatti kan baratame ta’us mana murtii aadaa keessatti garuu mul’achuu dhiisuu mala. Adeemsi hordofamu salphaa ta’uusaatiin abbootiin dhimmaa haaluma salphaadhaan hubatu. Adeemsicha hubachuu dhiisuun kan hinburjaajofne ta’uu agarsiisa.

Akkasumas, kuufamni galmee mana murtii idilee keessatti mul’atu manneen murtii aadaa keessa hinjiru. Komii dhiyaate yeroo gabaabaa keessatti haala itti fufiinsa qabuun kan xumuran waan ta’eef dhimmis hinkuufamu.

Manni murtichaa duudhaafi aadaa naannawaarratti hundaa’uun tajaajila kenna. Seerota biyyoota hambaarraa waraabamaniifi manneen murtii idilee keessatti hojiirra oolan caalaatti hawaasni seeraafi qajeelfamoota mana murtii aadaa keessatti hojiirra oolan ni hubata.

Jechootaa seeraa teknikiifi biyyoota Awurooppaatiin dhufanii mana murtii idilee keessatti ittifayyadamnisaanii idilaa’aan mana murtii aadaa keessatti sababa hinjirreef tajaajila mana murtichaa keessatti kennamu haala salphaadhaan hawaasni hubata.

Abbootiin dhimmaa duudhaafi aadaa dursa beekamanirratti hundaa’uun dhimmasaanii kan xumuratan yoo ta’u, abbootiin murtiis aadaafi duudhaa dursa beekamaniin tajaajila kennu. Kunis tajaajila kennamu ifa kan taasisuudha.

Tajaajjilli abbaa seerummaa mana murtichaatti kennamu namoota sadarkaa barumsaafi qabeenyaatiin walfalmitoota ykn abbootii dhimmaa daran caalan utuu hintaane jaarsoliidhuma naannawatti beekamaniifi fudhatama qabaniin waan ta’eef taateen abbootii dhimmaa dorsiisuu manneen murtii idilee keessatti mul’atu hinmudatu.

Adeemsi salphaafi hirmaannaan hawaasaa mana murtichaatti calaqqisu jiraattotni gandaa mana murtii kana ilaalchisee miirri abbummaa akka itti dhaga’amu kan taasisudha. Manni murtichaa kan isaanirratti fe’ame ta’e utuu hintaane kan ofii hundeeffataniifi seera ofiif tumatan bu’uureffachuun kan isaan tajaajiludha. Amantaan irratti qabanis kanumarraa kan madduudha.

Manni murtichaa murtii qaama tokko mo’ataa taasisee kan mo’atamaa taassisurra dhimmi araaraan ykn waliigalteedhaan akka xumuramu taasisa. Yoo dhimma yakkaallee ilaalan adabbiin maallaqa himatamaa irratti murtaa’u mootummaaf otoo hintaane qaama miidhameef kan kennamuudha.

Kunis hariiroo hawaasa jidduu jiru caalaatti kan cimsuudha. Dhimmi walfalmitootaa erga mana murtii idileetti ilaalamee booda hariiroon walfalmitootaa gaarii ta’uu dhiisuu mala. Yoo mana murtii aadaatti ta’ee garuu carraan walfalmitootni dhimmasaanii araaraan xumurachuu olaanaa waan ta’eef ykn murtiin kennamu waliigalteen irra ga’amee waan ta’uuf hariiroon walfalmiitootaa falmii boodas gaarii ta’a. Kunis akka waliigalaatti nageenyaafi tasgabbii hawaasaa eeguuf gumaacha olaanaa qaba.

Bariissaa Adoolessa 24/2013

Recommended For You