Waggaa tokkoofi ji’oota torba dura gaafa Chaayinaa Wuhaanitti vaayirasiin Koronaa argame biyyoonni baay’een akkuma waan achitti hafuutti ilaaluun hangas mara xiyyeeffannaa itti hinkennine. Chaayinaan garuu, bakkeewwan tajaajiloonni itti kennamu mara cuftee ummannishee mana taa’ee tajaajila garagaraa argachaa yeroo akka dabarsu taasifame.
Turtii ji’oota booda dhukkubichi daangaasaa babal’ifachuun gara kutaalee addunyaa garagaraatti babal’achuu eegaluun addunyaa hunda waliin ga’e. Yommuu kana biyyoonni warri dinagdeensaanii cimaa guutummaatti sochii hawaasummaa, warreen dinagdeensaanii laafaammoo gartokkeen cufanii hojii ittisaa hojjechuu hojiisaanii guyyuu taasifatan.
Suuqiiwwan garagaraa, manneen nyaataafi dhugaatii, bakkeewwan bashannanaa, hoteelonni, manneen barnootaa sadarkaa gadii hanga gubbaatti, waajjiraaleen tajaajila addaddaa kennan (kan fayyaa, baankii, teleefi kkfn ala) guutuufi gartokkeen cufamanii, hojjettoonnisaanii manatti ol deebi’anii guyyaa darbu eeggachuuf dirqamanii turan.
Yeroo kanatti garuu ogeessonniifi hojjettoonni fayyaa dirqama dachaa fudhatanii halkanii guyyaa lammileesaanii tajaajiluutti ko’ammachaa turan malee ol deebi’anii mana hinteenye. Maaskiifi golgaa ijaatiin fuulasaanii uwwisanii, wayyaa ittis koviid-19f qophaa’e pilaastikiirraa qophaa’eefi kophee tajaajila itti kennan uffatanii sa’aatii saddeetifi isaa ol dhaabatanii, namoota qilleensi hanqateef qilleensa kennuuf meeshaafi humnasaanii fayyadamaa, isa dawaan barbaachisuuf dawaa kennaa nuffii tokko malee yommuu tajaajilan mul’ateera.
Ho’i uffannaasaaniirraa maddus qaamasaanii balleessee, fuulasaanii gurracheessus isaan kan yaaddoo itti ture lubbuu namaa baraaruu malee miidhaginasaanii miti. Kaan ijoolleefi maatiisaa manatti dhiisee, ittii adda ba’e turtiisaa mana yaalaa taasifates hedduu ture.
Akka Itoophiyaatti yommuu ilaalamus waggaa tokkoofi ji’oota shan dura gaafa yeroo jalqabaaf vaayirasichi biyya seenee kaasee hojjettoonni fayyaa hedduun lubbuusaanii kennanii lubbuu baraaraniiru. Haadha deesse oolumaati dhiisanii, daa’ima harma hodhu harma guusanii, halkan, guyyaa, sanbattaniifi guyyaa ayyaanaa sa’atii 24 osoo tajaajila addaan hinkutiin lammiileesaanii tajaajilaniiru.
Hojiisaanii kanaafis Ministeerri Fayyaa Adoolessa 11-17 bara 2013 hojjettoota fayyaa sadarkaalee garagaraatiin aarsaa kanfalaniif sagantaa beekamtiifi galateeffannaa qopheesseeture.
Seenaa hojjettoonni fayyaa gama kanaan hojjetan seenaadhaaf galmaa’e akka taa’uufi, hojiin gaarii akkanaas kan hojii guyyuu keessatti raawwatamu qabu akka ta’e Ministirri Fayyaa Doktar Liyaa Taaddasaa sagantaa guyyoota garagaraa wiirtuulee addaddaa keessatti qophaa’errattti ibsaniiru.
Hojiin ittisaafi to’annoo Koviid -19s asirratti kan dhaabatu akka hintaaneefi fuulduraafis qophii taasisuun akka barbaachisu kaasanii, bu’aa jajjabeessaan kanarratti argames dhukkuboota kanneen akka TB, busaa, ‘HIV/AIDS’fi kkf irrattis of kennanii tajaajiluun baratamuu akka qabus kaasu.
Sadarkaa Oromiyaattis Dilbata darbe sagantaan walfakkaatu kan adeemsifame yoo ta’u, hojjettoonni seektara fayyaa hojii ittisaafi to’annoo koviid-19 irratti hojii boonsaa hojjetaniif sagantaan galateeffannaafi beekamtii kennuu Finfinnee, Hoteela Ililliitti qophaa’ee ture.
Saganticharratti haasaa kan taasisan Hogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa (BEFO) Doktar Mangistuu Baqqalaa akka jedhanitti, gaafa jalqaba Koviid-19 biyya seene hunduu manatti ol deebi’e hojjettoonni fayyaa garuu dhaadhannoo “Hojjetaa seektara fayyaa waanin ta’eef mana ooluu hindanda’u” jedhu qabachuun hawaasa tajaajiluuf kuteenyummaan hojjetaniiru. Gama tokkoon vaayirasicha ittisaa, gama tokkoon ammoo hojii idilee hojjechaa aarsaa hanga lubbuutti qaqqabus kanfalaniiru.
Hojii hojjettoonni fayyaa hojjetaniin bara kana namni tokkollee dhibee busaatiin qabame kan hinduune ta’uu eeranii, gama ittisaafi to’annoo koviid-19nis miidhaa hamaan akka hinqaqqabne dubbatu.
Hojii ittisa vaayirasichaatiin walqabatee hojjetameen hojjettoota BEFOn gubbaa hanga godaatti qabu kuma 78 ta’aan keessaa hojjettoonni 489 ta’an osoo ummatasaanii tajaajilaa jiranii vaayirasichaan qabamuufi saddeet ammoo lubbuusaanii dhabuu ibsanii, hojii gootummaa hojjetan kanaafis galatatu isaaniif mala jedhu.
Hoggansiifi caasaan sadarkaa sadarkaarra jiru waldhaggaffateefi mari’ate waan hojjeteefis vaayirasichi hanga sodaatame miidhaa akka hinqaqqabsiisne kan himan hogganaan kun, hanga Adoolessa 20tti qofa Oromiyaatti qorannoon laabraatorii namoota kuma 333fi 27f kan taasifame yoo ta’u, namoota kuma 39fi 390 keessatti vaayirasichi argameera; kanneen keessaas 593 lubbuunsaanii kan darbe yoo ta’u, 201 yaalarra jiru. Kanneen hafan kumni 38fi 598 ammoo tattaaffii ogeessoonni fayyaa taasisaniin dandamachuusaanii kaasu.
“Tatamsa’inni vaayirasichaa hanga sodaatame waan hinturreef lakkoofsi nama du’ee baay’ee miti yaadi jedhu ni ka’a. namoonni du’an lakkofsaan xiqqoo fakkaachuu danda’u garuu dhiibbaa isaan maatiirratti fidan yommuu ilaalamu olaanaadha.
Fakkeenyaaf haati tokko sababa vaayirasichaan lubbuunshee yommuu darbu maatiitu diigama, daa’immantu faca’aa. Abbaan yoo du’es kasaaraansaa akkasuma. Du’uun nama tokkoyyuu miidhaa hawaas dinagdee olaanaa qaqqabsiisuu danda’a waan ta’eef akka laayyootti kan ilaalamu miti” jedhu.
Yommuu jalqaba vaayirasichi biyya seene nama shakkame tokko faana dha’anii qabuuf hojiin hojjetamaa ture daran dadhabsiisaafi ulfaataa akka ture kan yaadatan Doktar Mangistuun, yeroo shakkamaan bilbila cufate baduun ‘GPS’dhaan barbaadanii sakkattaasisan darbuusaa himu.
Gama kanaan hojii hubannaa uumuu miidiyaaleen hojjetan olaanaa ta’uufi kan isaan galateeffachiisu ta’uus kaasaniiru. Waliigala hojii hojjetameerraa “qindoominatu nu hanqate malee humni Oromiyaa keessa jiru waan baay’ee jijjiira” inni jedhu kan itti hubatame ta’uu eeru.
Hogganaa Ittaanaan BEFO Obbo Darajjee Abdannaa gamasaaniin, yommuu jalqaba vaayirasichi jalqaba biyya seenu naasuun ture olaanaa turuusaa, keessumaa keeziin jalqabame argame Oromiyaa keessa sochii bal’aa taasisuun isaa naasuu sana dachaa taasisuusaa ibsu.
Yeroo sanarraa kaasee garuu, hammi gumaachaa wal haacaalu malee namni hunduu ittigaafatamummaa irraa eegamu adda baafachuun of kennee hojjechuufi aarsaa olaanaan kanfalame sadarkaa har’a irra ga’amuu ibsanii, vaayirasichi hanga sodaatame dhiibbaa osoo hingeesisiin hafeera jedhu.
Hojii gama kanaan hojjetame humni naannicha keessa jiru hammam akka ta’e kan hubatame ta’uu kaasanii, humni kun haalaa yoo hogganame seenaa hojjechuu akka danda’us kan itti hubatamedha jedhu.
Beekamtiin akka naannootti qophaa’e kunis jalqabsiisuuf malee kanumarratti kan dhaabatu akka hintaane kaasanii, sadarkaa godinaarraa kaasee hanga aanaatti gadi bu’ee sagantaan walfakkaatu akka qophaa’u akka qabu ibsu.
Sagantaa kanaanis isa darbef walgalateeffachaa karoora waggoota shanan dhufan hojjetamu keessatti ammoo dheebuufi rakkoon fayaa hawaasaa bal’aa waan ta’eef galfata walharkaa fudhuun akka barbaachisu ibsu.
Walumaagalatti sagantaan qophaa’ee hamilee kan namatti horuufi hojii ittaanuuf kan nama onnachiisu ta’uu hirmaattoonni sagantichaa tokko tokko yaada kennaniin ibsaniiru.
Bariissaa Adoolessa 24/2013