Obbo Damillawu Taaddalaa Ameerikaa, Kaaliforniyaarraa dhufan. Waggoota 13f Ameerikaa kan jiraatan yoo ta’u, Pirezidaantii jaarmiyaa ‘Giloobaal Diyaaspooraa Sosaayitii’fi barreessaa Jila Nageenyaa Diyaaspooraa Ameerikaati.
Dhalataa Oromiyaa, Shawaa Lixaa kan ta’an Obbo Damillawu miseensota jila kanaa sagal wajjin dhimmoota nageenyaafi isaan walqabatanirratti hojjechuuf tibbana gara Itoophiyaa kan dhufan. Gaazexaan Bariisaas isaan faana turtii gabaabduu kan taasise yoo ta’u, innis akka ittaanutti qindaa’ee dhiyaateera.
Waa’ee jilichaa
Jilli Nageenyaa Diyaaspooraa Ameerikaa jaarmiyaalee adda addaa 13 keessaa babahan of keessaa qaba. Warra jijjiirama kana cimsuu barbadaaduudha kan dhufe.
Hojii duraaniifi haalatti biyyaa bahan
Asitti ogummaa gaazexeessummaatiin hojjechaa ture. Dhiibbaan natti baay’annaanin hojicha dhiisee daldalatti seene. Hojii kanarrattis dhiibbaa guddaatu narra qaqqabe. Pirojektota guguddoo ani qopheesse narraa fudhatan. Yaadni festivaalii guyyaa sabootaa kan kooti.
Isa mootummaatu hojjeta waan ta’eef komii hinqabu. Egzibiishinii haala magaalota Itoophiyaas otoon bulchiinsota magaalaa wajjin hojjetaa jiruu Abbaay Tsahaayyee na dhaabsise. Erga biyyaa bahee pirojektichi karaa Ministeera Misooma Manneeniifi Magaalotaatiin hojiirra ooleera. Dhiibbaa guddaatu ture, arrabsamuun jira, yoo isaanitti siqu baatte akka diinaatti si ilaalu. Hiriyootuma kee wajjin otoo laaqana nyaattuu yoo si argan waan gara biraatti jijjiiraniif hojjechuu hindandeenye. Biyyas dhiisee deeme.
Faayidaa sosaayitii ykn jila nageenyaa
Faraansaayiifi Ingiliz jaarmiyaa hawaasa nageenyaa jedhamu qabu turan. Keessumaa Ingilizoonni waggoota dheeraaf waraana keessa waan turaniif jaarmiyaa akkanaa qabu. Biyyoonni lamaanuu waraana keessaa bahaniit biyyoota amma gama hundaan humna qaban ta’aniiru. Biyyoonni kunniin sosaayitii nageenyaa qabu.
Ameerikaanis lama qabdi. Nutis kanuma fakkeenya godhannee jaarmiyaa ‘Giloobaal Diyaaspooraa Sosaayitii’ hundeessine. Biyyuma kamittuu siyaasni furmaata rakkoo ta’ee hinbeeku. Siyaasni amalumasaatiin akkuma mana murtii tokko gammachiisee kaan dallansiisa.
Kanaaf lammii biyya kanaa hundi karaa nagaa qofaan walitti dhufee hariiroosaa akka cimsatu gochuu qabna jennee karaa sosaayitichaas ta’e jilichaa socho’aa jirra.
Sochichi ija duudhaatiin
Duudhaafi aadaan hawaasa biyya keenyaas adeemsa kana kan jajjabeessuudha. Fakkeenyaaf aadaa Oromoo keessatti oggaa namni walajjeese jaarsoliin ni araarsu. Gumaanis ni baafama. Araara kana booda namni ykn qaamni haaloo bahannaaf walbarbaadu hinjiru.
Yoo akka tasaa gosoonni lama walitti bu’anis jaarsatu hiika ture. Walitti bu’iinsi margaafi bishaanirratti uumamu duris tureeraa har’as jira. Kun eessayyuu hinqaqqabu. Duubasaa hammeenyi waan hinjirreef.
Amma garuu namoonni siyaasaa waantota xixiqqoo akkanaa arbeessuun akka hawaasni waggootaaf waliin jiraataa ture walitti bu’u, walajjeesu taasisan. Ummanni biyya kanaa gaa’elaafi sababoota adda addaatiin bal’inaan walkeessa seeneera. Hawaasa walmakee walkeessa jiraatutti maqoota hinmalle adda addaa moggaasuun walitti buusu. Kun tasumaa siyaasa miti.
Kan tibba darbe naannawa Kamiseefi Axaayyeetti uumames sababuma akkanatiinii. Waan akkanaa kan hiiku siyaasa otoo hintaane jaarsa. Naannawa Axaayyee gosoota afurtu jiru. Oromoo, Affaar, Argobbaafi Adaal jiru.
Hawaasni kunniin malumaan jiraatu. Walitti bu’iinsichi keessaa otoo hintaane nama biraatu ala ittifide. Kanaaf ummanni duudhaa cimaa qabuun warra lolaaf isaan kakaasu ummanni ofiifi walirraa qolachuu qaba.
Da’oo waliif ta’uu qaba. Walitti bu’iinsa kanaan hinfayyadamtu taanaan maaliif walajjeefta. Yoo faayidaa jedhamellee kan fayyadamu qaama walitti bu’iinsicha uume qofa. Kanaaf ummanni bakka kamittuu argamu waan uumame tokkoon miira keessa seenee ofis ta’e walballeessuurra akkuma duudhaasaa ganamaa sana taa’ee mari’achuu qaba malee raawwachiistuu akeekaa diinaa ta’uu hinqabu.
Eenyuyyuu lammiisaa ajjeesuu hinqabu. Yoo dursi mariif kenname eenyu akka walitti bu’iinsa uume ni beekama. Burqaansaas ni argama. Kan ummata qulqulluu akka hintaanes ni hubatama. Gocha badii akkanaa kan namatti fidu diina ta’uunis addaan bahee beekama. Akeekni jaarmiyaa keenyaas duudhaalee kanneen jajjabeessuudha.
Qooda nagaa buusuu
Nagaan buusuun qooda ummataa waan ta’eef mari’achuun barbaachisaadha. Seera kabachiisuun kan mootummaati. Qe’ee ofii eeganii nagaa buusuun kan ummataati; mootummaan qe’ee tokko tokkoo namaa eeguu waan hindandeenyeef. Inni olola namoota siyaasaafi diinaatiin walitti mufates deebi’ee araaramuu qaba.
Mootummoonni alaa haala nutti itti jirru hubachuun nu dhiibuu yaalu. Dhiibbaa qaama biraatiin hogganaa biyyaas ta’e waljibbuurra waljaalachuu qabna. Mootummaa kan aangootti baasus ta’e deebisee buusu ummatuma qofa ta’uu qaba malee dhiibbaa alaatiin ta’uu hinqabu.
Kanaaf ammoo waldhaggeeffachuun barbaachisaadha. Kanaafis dhimma keenya ofumaan raawwatachuu, nagaa keenyas ofumaa buufachuu qabna.
Amma ijoolleen Oromoo gama Oromiyaa lixaatti ni duuti. Kun maaliif ta’a? ofii jedhanii du’aa jiruu? Yoo haalicha gadifageessitee ilaalte ofiifii miti kan du’aa jiran. Ati duute eenyutu ol baha? Kunis sirrii miti. Waliin mari’atanii nagaa uusuutu hunda caala, furtmaatasi. Yoo kun ta’e namni hindu’u, hinbuqqa’u. Nagaan ofirraa malee qaama biraa kamirraayyuu barbaadamuufi eegamu hinjiru.
Miidhaa Axaayyeefi Kamisee
Miidhaan naannawa Axaayyeefi Kamiseetti qaqqabe olaanaadha. Keessumaa Axaayyeen daran miidhamte. Garuu naannawa Kamiseetti hoggansi godinaafi hawaasni waliigaltee cimaadhaan hojjetaa akka jiraniidha kan hubanne. Waan Kamiseetti ta’aa jirutti gammadeera.
Warri buqqa’ann hunda caalaa kan barbaadan qe’ee ofiitti deebi’uudha. Akkuman sila sitti hime ummanni kun ofumaan walitti bu’ee walbuqqise otoo hintaane qaamolee birootu gocha hamaa kana raawwate.
Kanas ummanni maqaa dhahee nutti himaa ture. Warri badii sana uuman karoora guddaa qabuuyyu; keessumaa Oromoofi Amaara walitti buusuuf. Bakka sanatti dur waraanni sulxaanota Misiriin geggeeffame akka ture seenaan ni bsa. Maqaa hidha guddichaatiin jarri har’as ergamtootuma keenya fayyadamanii kana raawwataniiru ta’a.
Qaamolee alaa
Qaamoleen alaa biyya kana diiganii dhimma ofii raawwatachuu barbaadan akka jiran beekuun barbaachisaadha. Kanarratti warreen lixaa cichanii hojjetaniiru. Kanaaf ammoo biyyoonni akka Yugozlaaviyaa, Afgaanistaan, Liibiyaafi Soriyaafaa fakkeenya gaariidha.
Biyyoonni qabeenya uumamaa qaban kunniin ulee biyyoota lixaarraa hafanii deebi’anii bayyanachuu hindandeenye. Jarri kan balleessan malee waan guddisan hinqaban. Nus addaan baasanii nu balleessuuf malee waan nu fayyadan tokkollee hinqaban. Sii yaadanii otoo hintaane faayidaasaanii duuba jiru yaaduuni kan si ‘gargaaran’. Kanaaf namni adeemsa biyyoota lixaarratti hubannoo cimaa qabaachuu qaba.
Gidiraa waggoota 27
Waggaa 27 gutuu eenyutu ijoollee Oromoo gidirsaa. hiisisaa, ajjeesisaa ture yoo jedhame irra keessaan ABUT. Kanarraa kan ka’e afaan manneen hidhaa Itoophiyaa keessa jiranii Afaan Oromoo ture. Hidhamtoota keessaa harki 99 Oromoodhajechuudha.
Nama siyaasa kamuu keessa hinjirre sabummaadhumasaatiin qofa hidhaa, gidirsaafi ajjeesaa ture, murnichi. Oromoo qulqulluu ajjeesanii ABOtu ajjeese ykn DhDUOtu ajjeese jechisiisaa turan. Kan nu ajjeesaafi qabeenya Oromoos ta’e biyyaa saamaa ture ABUT. Qabeenya sanaan deebi’ee amma biyya diigaa kan jirus shororkeessaa ABUT.
Warra gumaa wajjin hiriiruu
Warri amma ala taa’anii maqaa Oromoo qabatanii murna shororkeessaa kana maddii dhaabatan duruma qabee warra wajjin turaniifi faayidaansaanii tuqameedha. Keessumaa pirofesarichi fuulduratti bahee akka qeerroon mootummaatti ka’u watwaataa ture akka inni Tigriffa dubbatu hinbeeku ture. Har’a miidiyaalee Tigriffaarratti Tigriffaan dubbata.
Afaanicha waggaa lama keessatti baree miti kan dubbataa jiru. Jarri faayidaasaaniitiif jecha ijoollee Oromootiif iskoolaar shiippii kennaa turan. Warra akkanaatu har’as deebi’ee isaanuma tajaajilaa jira.
Namoonni murnicha tajaajilan kunniin keessa keessa bulchitoota Oromoo ta’uu barbaadu. Bulchuu barbaaduun mirgasaaniiti. Garuu maaliif gara Oromootti hindeemne. Siyaasni mee gamnummaa barbaadaa. Saba kee dhiigsistee, ajjeechiftee miti kan ati aangoo barbaachatti deemtu.
Dallansuu paartiilee
Akka kootti paartiileen maqaa Oromootiin socho’anis dallananii filannoo baranaa keessaa bahuu hinqabaniiyyu. Maal argachuufis eenyutti dallannu? Otoo hirmaatanii barcumoota lama sadii argachuun bu’aa mitii?, Ummata kana kabajuu mitii? Barcuma argatanirra taa’anii dabalachaa deemuutu isaanirra ture.
Sochiin Dimokraasummaa Biyyaalessaa Amaaraa (‘Abin’) otoo hindallaniin barcuma baay’ee argate mitii? Paartiileen maqaa Oromootiin socho’anis akkuma paartii kanaa hirmaachuu qabuuyyu.
Kanneen maqaa Oromootiin socho’an yeroo ce’umsaas dallanii bahan. Sanaanis Oromoo mataa cabsaniiru. Isaan dhiisanii bahuusaaniitiin ijoolleen sammuu cimaa qaban, kanneen biyyaafi ardii bira darbanii addunyaafuu bu’aa buusan danuu dhabneerra.
Tuffiin achirraa eegalee dhufe. Oromoon ni sodaatamaa beektaa?! Garuu taatee yeroo ce’umsaa sanaan Oromoon garmalee tuffatame. Tuffii lammaffaan qe’ee keetti qaamni biraa si bulchuufi ajajuudha.
Nama nama rakkoo dinagdeefaa qabu ofitti qabanii deebisanii sabarratti bobbaasuun sirrii miti. Yoon hamman fedhe mootummaa kana jibbe diina Oromoo wajjin ta’ee mootummaadhaan loluu hinbarbaadu. Yoodhumallee ta’e of danda’een qabsaa’a, jibba.
Akka aadaa Oromootti nama nama ajjeesee gumaa baasee hinaraaramne wajjin taa’amee midhaan hin nyaatamu. Kan amma qaamolee tokko tokkoon ta’aa jiru garuu duudhaa Oromoo sana kan cabseedha; warra gumaa hinbaasne wajjin socho’oo.
Bariissaa Adoolessa 24/2013