“Gochi shororkeessaan ABUT saba Oromoorratti raawwate yoomiyyuu kan dagatamu miti” -Dargaggoo Sanyii Idashuu

Natsaannat Taaddasaatiin

Keessummaan keenya maxxansa kanaa Hundeessaafi Pirezdaantii Waldaa Dargaggoota Caffee Hojii Gamtaa Waliigalaa Dargaggoo Sanyii Idashuuti.

Waldichi yeroo ammaa dargaggoota kuma 10 horachuun rakkoo hojidhabdummaafi mana jireenyaa dargaggootaa furuufi dinagdeesaanii cimsuurratti xiyyeeffatee xiiqiifi kutannoo cimaadhaan hojjechaa jira.

Waldichi hundaa’ee wagga tokko keessatti hojiilee guguddoo waldaalee sadarkaa naannoofi biyyaatti hundaa’anii jiran maraaf fakkeenya gaarii ta’u raawwateera. Milkaa’inni waldichaa kun kutannoofi kaka’umsa hojii pirezidaantiin waldichaa qabuun kan argameedha jechuun ni danda’ama.

Bariisaa: Sanyiin eessatti dhalatee guddate? Yeroo ammaa maal hojjechaa jira?

Sanyii: Finfinnee, Kutaa Magaalaa Lidataa, Aanaa 02 naannawa addababa’ii ‘Xoor Hayiloochi’ ykn Hospitaala Raayyaa Ittisa Biyyaa duubattan dhaladhe.

Yeroo ammaa abbaan koo naannuma sana jiraachaa jiru. Abbaan koo Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Geedootti kan dhalatan yoo ta’u, haati koo ammoo Godina Shawaa Kibba Lixaa, Aanaa Qarsaa Maallimaa, Magaalaa Leemmanitti dhalatan.

Ani baadiyyaa bakka dhaloota abbaa koofi haadha koos tureera. Kun immoo Afaan Oromoo sirriitti akkan baradhuufi dubbadhu na taasiseera. Ani yeroo ammaa Pirezidaantii Waldaan Dargaggoota Caffee Hojii Gamtaa Waliigalaa (WDCHGW) ta’een hojjechaa jira.

Bariisaa: WDCHGWn yoom hundeeffame? Kaayyoon hundee ffamasaas maaliidha?

Sanyii: WDCHGWn miseensota Oromiyaafi Finfinneerraa walitti babba’an 15fi kaappitaala qarshii kuma 150n Guraandhala 29 bara 2012 kan hundaa’e yoo ta’u, Caamsaa 11 bara 2012 beekamtii argate. Kaayyoon hundeeffama waldichaa rakkoolee hojidhabdummaafi mana jireenyaa dargaggootaa furuun fayyadamummaasaanii mirkaneessuufi dinagdeen akka of danda’an taasisuudha.

Ani dhuunfaadhaan Finfinneetti rakkoo mana jireenyaa hinqabu. Rakkoon mana jireenyaa dargaggoota biroo rakkoo kooti jechuudhaan waldaan kun akka ijaaramu taasiseera. Kaayyoon hundeeffama waldichaa inni guddaan dargaggoonni dinagdeedhaan akka of danda’an gochuudha.

Dargaggoonni mana argatanii keessa jiraachuun dura waan nyaatan, uffanniifi qarshii ittiin jiraatan qabaachuu qabu. Dargaggeessi qarshii ittiin jiraatu harkaa hinqabne mana ijaarrachuuyyuu hindanda’u.

Utuma mana ijaarrateeyyuu argateeyyuu gurgurachuu danda’a. Kanaafuu waldichi dargaggoonni dinagdeen akka of danda’an taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Waldichi karoorasaa 2014tti karoorfatee ture dursee bara 2013tti hojjetee xumureera.

 Karoora bara 2013 keessaa kan nu hafe yoo jiraate lafa mana jireenyaa ijaarsaaf mijeessuu qofa. Dhimma lafa mana jireenyaa mijeessuu kana ammoo yeroo ammaa bulchiinsa magaalaa Finfinneefi bulchiinsa manneen jieenyaa Federaalaa waliin itti adeemamaa jira. Waanti hundi hubannoofi bilchinaan hinraawwatamu taanaan karaatti hafa ykn ni kufa.

Waldichi sadarkaa mootummaa federaalaatti waan ijaarameef akka gandaa, aanaa, godinaa ykn naannootti yaada utuu hintaane akka biyyaa, ardiifi addunyaatti yaada. Waldichi Labsii Lakkoofsa 985/2009 Waldaa Hojii Gamtaa Federaalaarratti hundaa’uun waan ijaarameef hojiisaa hunda akkaataa labsichaatti raawwata.

Labsichaan ala waanti raawwatamu tokkollee hinjiru. Dambiin ittiin bulmaata waldichaas labsicharratti hundaa’uun qophaa’eera. Kanaafuu kan ittiin hojjennuufi ittiin walgaafannu akkaataa labsichaafi dambii ittiin bulmaataa ba’eeni. Waldichi ogeessota seeraa miseensota 10 qabu gorsistoota seeraa taasisuun hundeesseera.

Bariisaa: Waldichi yeroo ammaa miseensota meeqaafi kaappitaala hangamii horateera?

Sanyii: Waldichi yeroo ammaa miseensota kuma 10fi kaappitaala qarshii miiliyoona 100 horateera. Kaappitaalli gurgurtaa sheeriitiin walitti qabamaa jiru garuu guutummaatti sassaabamee hinxumuramne.

Waldichi qabeenya qarshii miiliyoona 300tti tilmaamamus horateera. Fakkeenbyaaf ijaarsi mankuusa Shawaa Kibba Lixaa Magaalaa Leemmanitti lafa kaare meetira kuma tokkoofi 500 irratti ijaaramaa jiru utuu maallaqatti jijjiiramee qarshii miliyoona 100 ta’a.

Ijaarsi biiroo, mankuusaafi suuqonni ja’a Shawaa Lixaa Magaalaa Ambootti lafa lafa kaaree meetirii 650 irratti ijaaramaa jiru. Achumatti gamoo abbaa darbii lamaa ijaaruufis karoorfamee hojjetamaa jira. Magaalaa Galaanitti lafa karee meetirii kuma shanirratti mana sarvisii kutaa sadii qabu hojjetamaa jiran utuu qarshiitti tilmaamamee miliyoona 300 ol ta’a.

Waldichi magaalaa Holotaatti biiroo banateera, lafa kaaremeetira kuma tokko hoteelaafi mana nyaata aadaaf kan oolu, lafa heektaara torba kan loojiifi bakka bashannanaaf ooluufi sheedota argateera.

Waldichi Mudde 25 bara 2013 irraa eegalee Finfinnee, kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftoo, giddugala gabaa Jamootti mankuusaafi suuqota kennameefitti omishaalee qonnaa kanneen akka kuduraalee, muduraaleefi midhaan dheedhii kanneen akka xaafii, qamadiifi kanneen biroo qonnaan bultootarraa bitee gatii madaala’aan gabaaf dhiyeessuun qaala’ina gatii tasgabbeessuuf hojjechaa jira. Waldichi yeroo ammaa waajjiraalee 17 qaba.

Waldichi yeroo ammaa lakkoofsa herrega baankii Baankii Gamtaa Oromiyaa, Baankii Internaashinaalii Oromiyaafi Baankii Awaashitti banatee qaburraa tilmaamaan qarshii miliyoona 30 qaba.

 Qarshiin kun gurgurtaa sheeriitiin kan walitti qabameedha. Waldichi waggaa tokko keessatti dargaggoota 75f carraa hojii uumeera. Waldichi kutannoofi amanamummaa cimaadhaan hojjechaa waan jiruuf yoomiyyuu eenyuuniyyuu duubatti hindeebi’u.

Bariisaa: Hojiilee guguddoo WDCHGWn waggaa tokko keessatti raawwate maal fakkaata?

Sanyii: Waldaan kun erga hundaa’ee waggaa tokko keessatti hojiilee guguddoo raawwateera. Waldichi yeroo ammaa kuduraaleefi muduraalee akkasumas midhaanota gosa gara garaa qonnaan bultootarraa bituudhaan gatii madaala’aadhaan gabaa Finfinneetiif dhiyeessuun qaala’ina gatii tasgabbeessuuf hojjechaa jira.

Magaalota Leemman, Ambo, Holataafi Galaanitti ijaarsawwan mankuusa, iddoo gurgurtaa, waajjiraalee, hoteelotaaf tajaajilan gara garaa ijaarsisaa jira. Ijaarsawwan kunneen ji’a dhufu keessa xumuramanii tajaajila kennuu jalqabu.

WDCHGWn Koollejii Bizinasii ‘Horn Africa’tti abbaa qabeenyummaatti harka lamaan itti makameera. Kun miseensonni waldichaa bakka itti barataniifi kanneen baratanii xumuran ammoo bakka itti barsiisan akka argataniif kan gargaaruudha.

Waldichi waggaa tokko keessatti dargaggoota 75f carraa hojii uumeera. Hojiileen waldichi raawwate hundi qarshii hojii adeemsistuu miseensonni buusaniin kan raawwatameedha malee qarshii gurgurtaa sheeriitiin walitti qabame kan hituqamne ta’uu miseensonni hubachuu qabu.

Waldichi hojiilee hedduu raawwatus miidiyaalee gara garaarratti ba’ee of hinbeeksifne, gara fuulduraattis of beeksisuuf hinhojjetu. Kana jechuun balballi keenya midiiyaadhaaf cufaadha jechuu utuu hintaane hojiidhaan qofa of beeksisuutti waan amannuufi.

Akkaataa barbaachisummaasaatti garuu miseensonni hojiilee waldichi raawwate, raawwachaa jiruufi garafuulduraattis raawwachuuf karoorfate akka beekaniif miidiyaalee gara garaatti fayyadamuun beeksisaa jirra.

Waldichi rakkoo nageenya biyyattii furuufis miseensotasaa waliin ta’ee hojiilee guguddoo raawwateera. Hanga Kamiseetti deemuudhaan lammiilee sababa rakkoo nageenyaa mudatee tureen miidhamaniifi qe’eesaaniirraa buqqa’anii turaniif deggersa maallaqaas taasiseera. Waldichi karoora bara 2015fi 16 keessa raawwachuuf karoorfate ji’a torba keessatti raawwachuun milkaa’ina olaanaa galmeessiseera.

WDCHGWn hundaa’ee ji’a sadii keessatti beekamtii argatee hojiitti seene. Akkuma beekamtii argateenis dhimma nageenyaarratti mari’achuu, gumii geggeessuu, miseensota leenjifachuu, waajjiraalee banachuu, meeshaalee barbaachisan guuttachuun xiiqiifi kutannoo cimaadhaan hojiitti seene.

Waldichi hundaa’ee ji’a torbaffaatti waldaalee akka biyyaatti ijaaramanii jiran kuma 98fi 400 keessaa sadarkaa tokkoffaa (ambaasaaddara guutuu Waldaalee Hojii Gamtaa biyyaalessaa) ta’uun waldaalee biroo akka leenjisuufis carraa argate. Beekamtii ykn sadarkaa kana kan kenneef Ejensii Hojii Gamtaa Federaalaati. Waldaa keenyaan dorgomaa kan jiru Waldaa Liqiifi Qusannaa ‘Awaac’ jedhamu kan waggaa 14 dura hundaa’e qofa.

Imala waldichaa caalaatti milkeessuuf miseensonni, qaamoleen mootummaafi mitmootummaa akkasumas ummatni Oromoo, qeerroofi qarreen miseensa waldichaa hintaanes deggersa waldichaaf taasisaa jiran cimsanii ittifufuu qabu.

 Dargaggoonni keenya kufaatii dinagdee keessaa ba’uuf qabsoo cimaa taasisuu qabu. Miseensonni adeemsa hojii waldichaarratti gaaffii kan qaban yoo ta’e, qaamaan dhiyaatanii ykn karaa lakkoofsa bilbilaa ‘Face Book’ waldichaarra jiruun bilbilanii gaafachuu ni danda’u.

Bariisaa: Kaffaltiin sheerii waldichaa sadarkaa maaliirratti argama?

Sanyii: Miseensonni waldichaa sheerii qarshii kuma 10 waggaa tokko keessatti bitanii xumuruu qaban dafanii xumuruu qabu. Miseensota hundumaa fayyadamuu taasisuuf miseensi tokko sheerii tokkoo ol akka hinbitanne ta’ee jira.

Miseensonni waldichaa sheerii qarshii kuma 100fi isaa ol bitachuu danda’an jiru. Miseensonni waldichaa hundi abbaa sheerii ta’uu waan qabaniif miseensi tokko sheerii tokkoo ol akka hinbitanne ta’eera. Miseensota sheerii qarshii kuma 10 bitanii xumuraniif ammoo waraqaan ragaa kennamaa jira.

Labsiin Waldaa Hojii Gamtaa akka jedhutti, miseensi tokko kaffaltii sheeriisaa waggaa tokko keessatti kaffalee xumuruu qaba. Kanaafuu miseensonni waldichaa hanga ammaatti kaffaltii sheeriisaanii hinxumurre dafanii akka xumuran gaafanna.

Kana jechuun miseensota sheerii kaffalachuu dadhaban gannee deemnaa utuu hintaane ijaarrachaafi humna itti horaa akka kaffalatuuf jajjabeessaa harka walqabannee waliin deemna. Kanaafuu warri sheerii kaffalachuun hindandeenye nuti maal taana jedhanii sodaachuu hinqaban. Hundi keenya waliin malee walgannee deemuu hinqabnu.

Bariisaa: Karoorri gurguddoon waldichaa bara 2014 maalfaadha?

Sanyii: Waldichi bara 2014tti Finfinnee keessatti ijaarsa mana jireenyaa miseensotaa jalqabuu, Finfinneetti marsinee loojiiwwan adda addaa ijaaruu, Mana Nyaata Aadaa Oromoo daangaa Finfinneerratti ijaaruu, Magaalaa Holotaatti Loojii guddaa tokko ijaaruu, akkasumas aadaa Oromoo babal’isuufi Irreecha bara dhufuuf qophiilee barbaachisan taasisuudhaan hirmaattota ayyaana irreechaa keessummsseessuun karoora baafatee hojjechaa jira.

Waldichi turizimii Oromiyaa beeksisuufi babal’isuuf Komishinii Turizimii Oromiyaa waliin hojjechaa jira. Turizimiin walqabatees geejjiba aadaafi ammayyaa qopheessaa jira. Geejjiba ammayyaa kan jennu konkoolaattota adda addaa yoo ta’an, geejjibni aadaa ammoo fardeen turistoota gara iddoowwan hawata turizimiitti geessan qopheessuudha.

Kanaafis miseensonni waldichaa yeroo ammaa fardeen geejjibaaf tajaajilan furdisuurratti bobba’aniiru. Waldichi waggoota sadan dhufanitti ammoo miseensota kuma 300 horachuufi miseensota hunda jireenya fooyya’aa jiraachisuuf karoorfatee hojjechaa jira.

Bariisaa: Miseensonni waldichaa haala kamiin hojiilee misoomaafi tola ooltummaarratti hirmaachaa jiru?

Sanyii: Miseensonni waldichi hojiilee misoomaa mootummaan hojjechaa jiru irratti hirmaachuun mootummaan beekamtii kennuufii baatus hojiilee hedduu raawwachuudhaan adda dureedha.

Waldichi bara 2012 biqiltuuwwan miliyoona tokkoofi kuma 200 dhaabeera. Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa milkeessuufis hirmaannaa bal’aa taasiseera.

Miseensonni waldichaa dhaabiinsa biqiltuu baranaarrattis duula ba’uudhaan marsaawwan gara garaatiin biqiltuuwwan  hedduu dhaabaaniiru, dhaabaas jiru. Biqiltuuwwan dhaabnes ji’a sadii sadiin kunuunsaa jirra. Miseensonni keenya waan mootummaan gad buusu kallattiidhaanis ta’e al kallattiidhaan deggeraafi irratti hirmaachaa jiru.

Miseensonni waldichaa hojiilee tola ooltummaarrattis ta’e hojiilee biroorratti hirmaachuudhaan dirqamasaanii ba’uuf qophiidha. Miseensonni waldichaa waan mootummaan barbaadu hojjechaafi deggeraa akkuma jiran mootummaanis waan miseensonni isarraa barbaadan akka raawwatuuf gaafanna.

Hojiin tola ooltummaa beekamtiif ykn namni na haa arguuf utuu hintaane hojii rabbiif jedhanii raawwataniidha. Namoota harka qal’eeyyiis gargaaraa jiru. Namoota harka qal’eeyyii gargaaruuf ammoo dura of danda’uun barbaachisaa waan ta’eef dura of danda’uuf hojjechuu qabna.

Hariiroo Waldichi qonnaan bultoota waliin qabu maal fakkaata?

Sanyii: Waldaan keenya muuxannoo biyya alaa gama kanaan milkaa’anii fudhatee ittiin hojjeta. Faalasamasaanii magaalaa ijaaruu dura qonnaan bulaa jedhus ni hordofna. Yoo qonnaan bulaan ijaarame ummanni magaalaa waan nyaatuun erga hinrakkannee waanti kanaa achii darbaadha jedhee fudhata falaasamichi.

Namni qonnarratti akka walijaaru jajjabeessa. Nutis qonnaan bultoota naannawa Finfinneetti argaman wajjin akkasumas waldaalee qonnaan bultootaa faana hariiroo cimsataa jirra. Qonnarratti damee of danda’es ni qabna.

Haalatti galteewwan qonnaa karaa keenyaanis qonnaan bulaa bira qaqqabuu danda’urratti qaama dhimmi ilaallatu wajjin dudubbachaa jirra. Akkuma maqaa keenyaa dhimmoota waliigalaa qonnaan walqabatanirratti hojjenna.

 Bariisaa: Waldaan keessan carraa hojii uumuurratti maal hojjechaa jira?

Sanyii: Barana dargaggoota kuma 75f carraa hojii uumuuf karoorfannee turre. Kana milkeeffanneerra. Karoora bara ittaanuu baranuma raawwanne. Carraa hojii bal’inaan akka uumamuufis dhaabbilee alaa adda addaa wajjinis hojjetaa jirra.

Kanaanis dargaggoota kuma 25f carraa hojii uumuuf karoorfanne. Carraa hojii qofa otoo hintaane miseensonni akka mana qabaataniif bara ittaanurraa eegallee ni hojjenna. Karoora akka waldaatti gama kanaan qabnurratti koree wajjin mari’annee gara fuulduraatti kan ibsinu ta’a.

Bariisaa: Waldichi gamoosaa ijaarachuuf yaada qabaa?

Sanyii: Eeyyee, wayita ammaa giddugala gabaa mootummaan ijaare keessa jirra. Gara fuulduraatti gama ofii keenyaafi iddoowwan adda addaatti ammoo giddugalawwan gabaa ijaarrachuuf karoora ni qabna.

Bariisaa: Haala yeroo waliin walqabatee keessumaa dargaggoota Oromoof maaldhaamtu?

Sanyii: Garee shoroorkeessaan ABUT miidhaa biyyaafi ummaata biyya kanarratti raawwate kan tilmaamamuu danda’u miti. Keessumaa saba Oromoofi dargaggootasarraan miidhaa guddaa dhaqabsiiseera. Kanaaf Qeerroo Oromoo qofa osoo hintaane kutaaleen hawaasaa hundi otoo murnichi miidhaa kana caalu hinuumiin waan qabuun irratti duuluufi dhabamsiisuu qaba.

Akkuma ‘’Yoo kan waraane irraanfatellee kan waraaname hinirraanfatu’’ jedhamu san gochi ajjeechaa, dhabamsiisaa, qaama hir’isuu murnichi maqaa jaarmiyaalee siyaasaa maqaa Oromootiin socho’aniitiin saba Oromoorratti raawwate yoomiyyuu kan dagatamuu miti. Nuyiifi saboonni Itoophiyaa marti garuu namoota qulqulluu saba Tigree ta’an osoo hintaane garee badii kana akka hindeebineetti kaayyoosaa fashaleessuu qabna.

Ummanni garicha barbadeessuuf gama hundaan mootummaa cinaa jira. Mootummaanis kana hubatee haalaan irratti hojjeechuu qaba. Qeerroon wayita ammaa hojii kakaasaa tokko malee raayyaa ittisaatti makamaa jira. Dargaggoon booree kalleessaa bahachuufi birmadummaa biyyaa tiksuuf deema jira.

Walumaagalatti dargaggoon raayyaatti makamee erga imalee kaayyoosaa milkeeffatee booda waan nyaatu yoo dhabee gaarii waan hintaaneef mootummaan dursee kanatti yaaduu qaba.

Akkuma, ‘’Yoo olkaa’an olka’anii fuudhan‘’ jedhan dargaggoota fedhii qaban hunda gara adda waraanaatti imalchisuurra akka qe’ee eganiifis hambisuun barbaachisaadha.

Dargaggoon Oromoo waggoota sadan darban dura yeroo dheeraaf garee shororkeessa kana masaraa keessaa baasuuf lubbuusaa qaalii kaffaleera. Ammas biyyasaatiif lubbuusaa kennuuf bahaa jira. Kana booda mootummaan qeerroo ijaaruun kabaja maluuf kennuu qaba.

Dargaggeessuma kaleessa mootummaarraa gaaffii qabutu har’as mootummaa kana qaqqabaa jira. dargaggeessuma kaleessa mootummaa kana aangootti baaseefi filannoodhaan boonsetu har’as wabii biyyattii ta’ee fiigaa jira.

Bariissaa Adoolessa 24/2013

Recommended For You