Finfinnee: Faalama naannawaarra magaalaa Moojoo omisha gogaafi bu’aa gogaan walqabatee mudataa jiru maqsuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Inistitiyuutiin Indastirii Misooma Gogaa Itoophiyaa beeksise.
Daarekterri Ittaanaan Inistitiyuutichaa Obbo Mahaammad Huseen ibsa addatti Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin waarshaaleen gogaa magaalaa Moojoo jiran irra jireessisaanii haala naannawa hinfaalleen balfa waarshaalee dhabamsiisaa jiraachuu ibsaniiru. Isa kanaafis to’annoo taasisuuf sochiin jiraachuu yoo ibsan hanqina kan qabu ta’uu dubbatu.
Kana dura hafteen omishaa fi balfaan gogaa waarshaalee keessaa ba’an bakka itti walitti qabaman jiraachuu kan ibsan obbo Mahaammed, yeroo ammaa lafti sun sababa garaagaraan dhorkamuurraa kan ka’e waarshaaleen balfa gogaa kunneen bakkuma itti omishanitti tuuluuf waan dirqamaniif foolii badaan isaan jeeqaa jiraachuu komiin hawaasa naannawichaarra ka’aa jiraachuu ibsaniiru.
Bakka balfi gogaa ittigatamu argachuuf bulchiisa magaalaa Moojoof gaaffiin dhiyaachuu kan yaadachiisan obbo Mahaammad, bulchiinsi magaalichaa lafa maashinoonni miidhaa balfaa itti to’atan dhaabaman qonnaan bulaarraa argamee beenyaa kaffalanii of harka galfachuuf sochiin taasifama jiraachuu dubbatu. Hanga ijaarsi maashinoota kanaa xumuramutti lafa yeroof balfi itti walitti qabamu bulchiinsi magaalichaa barbaadaa akka jiru dubbataniiru.
Kana malees, inistitiyuutichis furmaata waaraa barbaaduuf jecha Dhaabbata Aliikoo jedhamu waliin qorannoo taasisaniin balfa gogaa kunneen haala faalama naannawaarraa bilisa ta’een kaboota, baala mukkeeniifi kanneen biroo itti dabaluun xaa’oo omishuu danda’uusaanii hubachiisaniiru.
Gama biroon daandii baaburaa Itiyoo-Jibuutii magaalaa Moojoo qaxxaamuree waan darbuuf omisha gogaafi bu’aa gogaa akka salphaatti karaa Jibuutii biyya alatti erguun sharafa alaa argachuuf teessumni magaala Moojoo mijattuudha kan jedhan Ittaanichi sochichi, leencalloo omisha gogaafi bu’aa gogaaf ooluu argachuurrattis Moojoon filatamtuu ta’uu ibsaniiruu.
Obbo Mahaammad Magaala Moojoo omisha gogaafi bu’aa gogaan Itoophiyaarra darbee sadarkaa Afrikaattuu adda duree taasisuuf Mootummaan Federaalaa Bulchiinsa Mootummaa Naanno Oromiyaa waliin hojjetaa jiraachuu eeru.
Akka ibsasaaniitti Itoophiyaan qabeenya horiin Afiriikaarra sadarkaa duraa qabattus bu’aan gama kanaan argamaa jiru jajjabeessaa waan ta’eef Moojoorratti hojii bu’a qabeessa ta’e hojjechuuf kutannoon itti adeemamaa jira.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 24/2013