Keenyaan walakkaa Irboo maahessaatiif dabarte

Tashoomaa Qadiidaatiin

Finfinnee: Walmorkiin waancaa kubbaa miilaa biyyoota bahaafi giddugaleessa Afrikaa “CECAFA” jedhamuudhaan waggaa waggaadhaan qophaa’u baranas keessummeessummaa Itoophiyaatiin magaalaa Baahirdaaritti adeemsifamaa jira.

Walmorkiin kun kanaan dura taphattoota beektotaa jidduutti kan gageeffamu yoo ta’u, barana ammoo sababa koviid-19n dargaggoota umrii 23 gadii jidduutti adeemsifamaa jira.

Walmorkicharratti biyyoonni sagal ramaddii sadiitti qoodamuun hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, ramaddii sadaffaarraa Keeniyaan tapha walakkaa irboo maahessaatiif dabarteetti.

Shaampiyoonaa baranaa kanarratti afeeramuun ramaddii tokkoffaa keessatti kan hirmaachaa turte Rippablikiin Koongoo taphawwan lama godhachuudhaan tokkotti walqixa baatee tokkotti mo’amuun yeroomaan gulaalaa ala taateetti.

Ramaddii lammaffaa keessa kan turte Ertiraanis akkuma Koongoo qabaxii takka qofa galmeessisuudhaan gulaalaa ala taateetti.

Qabxiinsaa maxxanssaaf nudhaqqabuu baatus walmorkiin kun kaleessa qopheessituu waancaa Itoophiyaafi Burundii jidduutti gaggeeffameera. Itoophiyaan tapha walakkaa irboo maahessaatiif darbuuf carraan qabdu mo’achuu qofa. Walqixallee yoo baate qabxii lama qofa waan argattuuf morkituunshee, Burundiin qabxii afur waan argattuuf carraanshee dhiphaa ta’a. Yoo mo’atte garuu qabxii afur waan argattuuf tapha ittaanuf dabarti jechuudha.

Walmorkiin kun har’as ittifufuun Taanzaaniyaafi Ugaandaan, Jibuutiifi Sudaan Kibbaa ni taphatu.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 17/2013

Recommended For You