Tookiyoon keessummootashii simattee keessumeessaa jirti

 Tashoomaa Qadiidaatiin

Finfinnee: Magaalaa guddittiin Jaappaan, Tokiyoon Sirna ho’aadhanfi gamachuu olaanaarratti argamti. Ardiiwwan mararraa jaalattoonni ispoortiifi atileetonni seera Koree Olompikii Biyyoolessaa guutan beekamoon miseensotasaanii wajjin magaalattii ho’isaa jiru.

Hirmaattonni kunneen addababa’iiwwan itti walargan marattuu eenyummaafi biyya ofii walgaafachuun walbaruurratti argamu.

Olompikiin dirree nagenyaafi tasgabbii akkasumas obbolummaafi jaalalaa waan ta’eef jaalala dhala namaa jidduu jiru addababa’iin kun ibsaa jira.

Ummata addunyaa maraaf mallatoo nageenyaafi tasgabbii kan ta’eefi kore olompikiitiin istaadiyooma magaalaa Tookiyootti kan qabsiifame Xomboorri olompikii Tookiyootti ammas ifaa jira.

Hanga taphni olompikii kun xumuramutti koreen olompikii biyyoolessaa akka irratti waliigalanitti gooliin wayiituu akka hinuumamne waan dhorkuuf dirreen kun dirree nageenyaa kan ummanni irratti walkabajee obbolummaadhaan waliif yaaduudha.

Biyyi teenya Itoophiyaanis miseensa koree olompikii biyyoolessaa waan taateef alaabaanshee kan biyyoota miseensotaa maddiitti ol ka’ee fannifameera.

Haaluma kanaan biyyiifi ummanni keenyas atileetota bakka bu’ootasaa ta’uun dirree olompikichaarratti hirmaataa jiran hawwiin eegaa jiru.

Itoophiyaan olompikii Tookiyoo 32fa kanarratti hirmaachuuf duraan dursitee garasitti qajeeluun sirna baniinsaa kaleessaarratti karaa bakka bu’ootashii argamteetti. Haata’u malee atileetonni keenya gootonni addababa’ichatti beekaman martti Tookiyoo kan seenan har’aafi boru jedhamee eegamu.

Sirna baniinsa olompikii Tookiyoo banamuudhaan wal dorgommiiwwan adda addaa adeemsifamaa jirus, Afrikaanonni kallatiidhaan akaakuuwwan hedduudhaan kan hirmaattu dorgommiin atileetiksii guyyoota muraasa booddee adeemsifama.

Keessumaa ummanni addunyaa hawwii olaanaadhaan eegaa kan jiru dorgommiin meetira kuma shanii, kuma kudhaniifi maaraatoonii dhiiraafi dubaraa turaniitti adeemsifamu jedhameera.

Dorgommii kanarratti falmii guddaan kan eegamu atileetota Itoophiyaafi Keeniyaa jidduutti jedhamus ammaan tana dhalootaan Itoophiyaa lammummaan Holaandii kan taate atileeti Siifan Hasan dirree kanarratti atileetota eggaman keessa takka ta’uunshee beekameera.

Itoophiyaan Olompikii Tookiyoo kanarratti akkaakuu ispoortii afurin dhiraaf dubaraan hirmaachuf garasitti kan qajeelte yoo ta’u, caalaatti kan dorgomtuufi qabxiinshee eegamaa kan juru atileetiksiidhaan.

Atileetonnin 34 akkaakwan ispoortii jahaan kan hirmaatan yoo ta’u dubaraan fiigicha meetira 800n Habtaam Alamuu, Warqiwuhaa Geetaachoofi Warqinesh Massal,kuma 1fi 500n Fireewayinii Hayilu,Lamlam Hayilufi Diribee Waltaji, Fiigicha gufachisaa kuma sadin Maqidas Abbabaa,Loomii Muldhataafi Zarfee Wandimmaagany.

Kan kuma shaniin Ijigaayoo Taayyee, Sanbare Tafariifi Gudaf Tsagaayee, kuma kudhaniin Tigee Gabrasalaam,Tsahaayi Gammachuufi Lattasanbat Giday, maaraatooniidhaan ammoo Rozaa Darajee, Birihaanee Dibaabaafi Tigisti Girmaatti.

Dhiraan ammoo meetira 800n Massalaa Nibratee, kuma 1fi 500n Saamu’eel Abaataa, Taadassaa Lammiifi Saamu’eel Tafarraa, kuma sadiin Hayilamaariyaam Amaaraa, Abrahaam Simeefi Taaddasaa Takileeti.

Fiigicha meetira kuma kudhaniin Birihaanuu Aragaawii, Salamoon Baaragaafi Yoomiif Qajeelchaa yoo ta’an, Maaraatoniidhaan Leellisaa Disaasaa, Shuuraa Qixxaataafi Sisaay Lammaa akka ta’an beekameera.

Kana malee yeroo jalqabaa Worldi Tekuwaandoo dhiiraan Salamoon Tufaa, daakaa bishaaniin Biskileetaan Salaam Ammahaa ta’uun beekameera.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 17/2013

Recommended For You