Warshaa Dhugaatiiwwanii Keenyaa warraaqsa dinagdee keessatti

Waasihun Takileetiin

Qabsoo hadhaa’aa, obsa fixachiisaafi wareegama qaalii waggoota sadiif osoo walirraa hincitiin keessumaa dargaggoota hirmaachisuun gaggeeffameen sirna gola Oromiyaas ta’e bayattii golgoleessaa ture hundeedhaa buqqisuun danda’ameera.

Kana keessatti ammoo akkuma irranatti eerre gahee leencaa kan taphatan dargaggoota yoo ta’an, injifannoo warraaqsa siyaasaatiin booda sochiin warraaqsa dinagdee lafa dhaabuu hojiirra akka oolu taasifameera.

Siyaasni dinagdeedhaan hinutubamne bu’aa buusuu waan hindandeenyeef keessumaa egeree qeerroofi qarree Oromoo mijataa taasisuuf mootummaan Oromiyaa xiyyeeffannoosaa gara warraaqsa dinagdeetti akka naanneessu ta’eera.

Warraaqsi dinagdee kun qabatamaan akka qabatuuf abbootiin qabeenyaa quuqama lammummaa qaban qabeenyasaaniitiin hojiilee misoomaa gara garaarratti bobba’uun warraaqsicha akka si’eessaniif haalli mijateefiira.

Dhaabbilee sochii mootummaan naannichaa gama kanaan taasisaa jiru deeggaruuf tattaafataa jiran keessaa tokko Waldaa Aksiyoonaa Dhugaatiiwwanii Keenyaati.

Waldaan kun dhugaatiiwwan biiraa, lallaafaafi kkf omishee gabaaf dhiyeessuun ala dargaggoota naannawa itti argamuutiif carraa hojii kan uumu ta’uu daarektarri jeneraalaa waldichaa dubbatu.

Daarektarichi, Obbo Niwaay Magarsaa waliigalteen ijaarsa warshichaa wayita torban darbe gaggeeffametti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, waldichi dargaggoon Oromoo dinagdeen akka of ijaaru, akka qonnaan bulaan omishasaa gatii madaalawaan gurguratu carraa addaa kan kennuudha.

Ijaarsi Warshaa Dhugaatiiwwanii Keenyaa Gincii qarshii biliyoona shaniin ykn doolaaraa miliyoona 100 oliin akka raawwatamuuf dhaabbata ijaarsaa Jarmanii ‘KRONES AG’ jedhamu wajjin waliigalteen mallatteeffameera.

Waldaan kun erga hundaa’ee waggoota sadii kan lakkoofsise ta’us ijaarsichi yeroo qabameef keessatti akka hingaggeeffamneef takkaan tatamsa’inni ‘COVID’19’ danqaa itti ta’uu lammaffaammoo warraaqsa siyaasaa tureen walqabatee haalli nageenyaa rakkisaa ta’uun himameera.

Amma garuu kutannoodhaan hojiitti seenuu kan himan daarektarichi yeroo dhiyoo keessatti xumuruun hawaasa naannawaafi dargaggootaaf carraa hojii guddaa banuuf akka jiran himaniiru.

Waldichi cimaafi quuqama lammummaatiin kan hojjetuudha jedhanii dargaggoonni miira kankooti jedhuun kunuunfachuu akka qaban himaniiru. Ijaarsisaas yeroo dhiyootti xumuramee omishatti kan galu ta’uu kan ibsan Obbo Niwaay, magaalonni Ginciidhaan waldaangessanis omisha garbuu biiraaf oolu waldichaaf akka dhiyeessan taasifamu jedhan.

Egaa as keessatti dargaggoonni hojii dhaabbiinis ta’e yeroon mindeeffamanii carraa hojii uummatan hedduudha jedhanii, ammallee ijaarsa eegalamerratti hojjettoonni hojii yeroorratti hirmaachaa jiraachuu ibsu.

Sochiin waldicha cimsuu kutannoon gaggeeffamaa akka jirullee kaasanii, dhiyeessii lafaatiin walqabatee deeggarsa mootummaan naannoo Oromiyaa taasiseef olaanaa ta’uus eeran.

Ijaarsichi rakkoo tokko malee akka gaggeeffamuus, hawaasnis miira kankooti jedhuun kunuunfatee akka eeggatu hubannoon kennamuus ibsaniiru.

Omishoonni warshichaa karaa ammayyaa ta’een qulqullinaan akka omishamaniif, faalama qilleensaas akka hinqaqqabsiisneef qorannoo gadi fagoon taasifamuufi haaldureewwan barbaachisoon hundi guutamuu kaasaniiru.

Sirna waliigaltichaarratti haasaa kan taasisan afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoo gamasaaniin, akeekni warraaqsa dinagdee Oromoo gola Oromoo dinagdeensaa hattootaan golgolaahe deebisanii ijaaruudha jedhan.

Dargaggoon Oromoo qe’eefi qabeenyasaarratti abbummaa dhabuun saamamaa, goolamaa tureera kan jedhan Aadde Loomiin, erga warraaqsa siyaasaa injifatan booda warraaqsa dinagdee babal’isuun kallattii xiyyeeffannoo mootummaa ta’uu ibsan.

Warraaqsa siyaasaa waggoota sadii oliif Oromiyaatti gaggeeffamaa tureen dinagdeen dargaggootaa, qonnaan bulaafi daldaltootaa akkasumas abbootii qabeenyaa laamsha’ee turuus eeranii, ammaan tana hojii ijaarsaarra jiraachuu himu.

Warraaqsa dinagdee akka Oromiyaatti mootummaan eegale milkeessuuf sochiin mootummaa qofti gahaa akka hintaanellee kaasanii tattaaffii abbootiin qabeenyaa Oromoo taasisaa jiraniin dargaggoota hojidhabeeyyii hedduuf carraan hojii uumamaa jira.

Abbootiin qabeenyaas qabeenyasaanii osoo hinmaraarfatiin aantummaan misoomawwan gara garaarratti dhangalaasuun Oromoon dinagdeedhaan akka of ijaaru taasisaa jiru.

Kunimmoo kan isaan galateeffachiisudha jedhanii, dargaggoota akka Oromiyaatti jiran maraaf shoorri abbootii qabeenyaa Oromoo biyya keessaafi alaa murteessaa ta’uu Aadde Loomiin dubbataniiru.

Waldaan Aksiyoona Dhugaatiiwwanii Keenyaa kun dargaggoota, qonnaan bulaa, daldaltootaafi dhiyeessitoota dhugaatiiwwan gara garaa fayyadamoo kan taasisu yoo ta’u, wiirtuu qonni ammayyaallee itti babal’achuu dandahudha jedhan.

Galteewwan oomisha dhugaatiiwwaniif bu’uura ta’an naannawichumatti kan argamaniidha jedhanii, warraaqsa dinagdee hawaasa naannawichaa cimsuun alatti guddina magaalaa Ginciifis bu’uura kan buusu taa’ee tajaajilaa jiraachuu himan.

Kanaaf qeerroofi qarreen magaalaa Ginciifi naannawaashee aantummaan bira dhaabachuun sochicha deeggaruu akka qaban kaasaniiru.

Fuudurattis Oromiyaa dinagdeen badhaate ijaaruun hiyyuma seena gochuuf imala jalqabame kan milkeessu irree dargaggootaa sirna mootummaa afaan qawween biyya bulchaa ture diige sana.

Akka ibsa Aadde Loomiitti warraaqsa dinagdee Oromiyaa eegalame abbummaan kan hoogganu mootummaa naannichaa ta’uu ibsuun qeerroofi qarreenis miira aantummaasaanii agarsiisuuf deeggaruu qabu.

Ijaarsi warshichaa kan eegalame ta’us hojmaata badaa kanaan dura tureen har’a boru jechaa abdii lammiilee lafarra harkisuun sirrii akka hintaane kaasaniiru.

Rakkoo kanaan dura akka biyyaatti mudataa tureef sababa dabalataa ta’ee mul’achaa kan ture harkifannaa pirojektotaa ta’uu kan kaasanammoo Pirezidaantii Wiirtuu Ga’umsa Hoggansaa Afrikaa Obbo Awwaluu Abdiiti.

Harkifachuun pirojektotaa haaromsa dura ture hannaafi saamicha babal’isuun fayyadamummaa dargaggootaafi hawaasaa maseensuusaatiin diddaan akka dhalatu karaa saaqee turuus yaadachiisan.

Hojmaanni badaa hanni, saamichi lafarra harkifannaan pirojektotaa warraaqsa dinagdee gufachiisuun amantaa ummanni mootummaarraa akkasumas dhaabbileerraa qabu kan gadi buusu waan ta’eef xiyyeeffannoo argachuu mala yaada jedhus kaasaniiru.

Qeerroofi Qarreen Oromoos imala warraaqsa dinagdee karaa mootummaafi abbootii qabeenyaa Oromoo taasifamaa jiru cina dhaabachuun miira aantummaatiin deeggaruun fayyadamummaasaanii mirkaneessuun irra jiraata jedhan.

Ginci dirree qabsoo siyaasaa akka biyyaatti dhoheef wiirtuudha kan jedhan Obbo Awwaluun har’ammoo qabsoosaanii gara warraaqsa dinagdee eegalameetti naannessuun Oromiyaa badhaate ijaaruuf tumsuu akka qaban dhaamaniiru.

Mootummaan biyya badhaate dhaloota dhufuuf dabarsuuf humna qabuun hojjetaa jira jedhanii, miira hirkattummaa dhabamsiisuun aadaa hojii uumuu gabbisuun dargaggoo ofirra darbee biyyasaatiif wabii ta’u horachuuf hojjetaa jiraachuu ibsan.

Sochichi milkaa’ina kan argatu deeggarsa abbootii qabeenyaafi dargaggootaan waan ta’eef imala Itoophiyaa badhaate ijaaruuf itti jiramu milkeessuuf deeggaruun barbaachisaadha.

Walumaagalatti warraaqsa dinagdee akka Oromiyaatti eegalamee utubuuf dhaabbilee hundaa’anii kutannoon hojjetaa jiran keessaa Waldaan Aksiyoona Aarshaan Dhugaatiiwwanii Keenyaa qarshii biliyoona shaniin ijaaramaa jiru isa tokko.

Ijaaramuun warshichaa dargaggootaaf carraa hojii kan uumu qonnaan bulaan naannawichaammoo omisha garbuu gatii madaalawaan dhaabbatichaaf dhiyeessuun fayyadamaa akka ta’u kan gargaaru waan ta’eef sochii mootumman Oromiyaa badhaate ijaaruuf taasisu cimsuuf hunduu deeggaruu qaba.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 10/2013

Recommended For You