Haleellaa nurratti aggaamame irree walta’een haa qolannu

Dhaabni shororkeessaa ABUT, kan dhiiga lammiitiin burraaquu amaleeffate gochasaa badii ammas akkuma bare ittifufuun keessumaa biyya keenya gara kaabaa hunkuraa jira.

Waggoota sadii dura harka nagaaf diriireef ciniinee, carraa dhiifamaan ce’uu kennameef diduun bakkuma irraa biqile, shororkeessummaafi dhiiga lammiilee qulqulluu dhangalaasuufi biyya jeequutti deebi’ee jira.

Gareen kun gocha sukanneessaa dhalli namaa namarratti ni raawwata jedhamee hin yaadamne hunda lammiilee biyyattiirratti waggoota 27f raawwataa tureen otoo hinquufin ammas abjuu ‘gara aangootti’ deebi’uu qabatee munyuuqaa, biyyaafi ummatas boqonnaa dhorkaa jira.

Hammeenya dhaaba kanaa Oromoo caalaa kan beekuufi hubatu jira jechuun hindanda’amu. Garichi keessumaa Oromoorratti gocha sukanneessaa lafaa olii dachii gadii hunda raawwateera.

Oromoo ilaalcha siyaasaa addaa qabda ykn tarkaanfachiista jechuun kaan gara jabummaan ajjeesaa, kolaasaa, miilaafi harka irraa ciraa, hidhaadhaan gidirsaa, lafa dabalatee qabeenyasaa saamuun dhaabbiitti akka maraatu gochaa tureera.

Oromoo dabalatee ummatoonni cunuqurfamoon biyyattii qe’ee ofiitti kabaja dhabanii qe’eefi qabeenyasaaniirraa akka buqqa’an, lammiilee ollaa wajjin akka waliihingalleef afaan waldabarsee walitti buusuun guyyaan akka ittidukkanaa’u, jireenya akka itti hadhaa’u gochaa ture.

Dhaabichi wayita aduun itti lixaa deemuu hubatetti ummata Oromoofi Somaalee, Oromoofi Geedi’oofi kan kana fakkaatan walitti buusuudhaan lubbuun lammiilee nagaa garmaleetti akka darbuufi qabeenyisaanii akka barbadaa’u taasisuurra darbee miliyoonaan kan lakkaa’aman buqqaatiif saaxileera. Xinsammuunsaanii akka miidhamu, ofitti amanamummaansaanii akka laamsha’u gochaa tureera.

Akkuma Artisti Haacaaluu Hundeessaa oggaa lubbuun jiru ‘Yaa waa dagachuu keenya’ jedhe san ta’eeti malee gocha hammeenyaafi gara jabummaa gareen kun saboota biyyattiirraan gahaa ture tarreessanii fixuun tasumaa kan yaalamu miti.

Yakki murnichi oggaa aangoorra ture raawwataa ture otoo hinxiqqaatin erga qabsoo sabootaafi ilmaan ummataa qaxaleewwaniin aangoorraa furguggifamee boodas akka silmii dhiiga lammiilee xuuxurraa hinadaabanne.

Gocha badii baatii Onkoloolessaa darbe raayyaa ittisaa gaachanummaa ummataafi biyyaa ta’uun beekamu, kan ajaja kaabaarrattihaleellaa sukanneessaa raawwachuun gocha ibsituu amalasaa ta’e ittifufeera. Kana malees ummatoota biyyattii sabummaafi amantiidhaan walitti buusuuf dhagaan inni hinfonqolchine hinjiru.

Dhukaasa gamtokkee mootummaan federaalaa ummata naannoo Tigraay aara galfachiisuuf jecha dhaabe maddiitti dhiisuun ummatoota nagaa Naannoo Tigraay keessattiifi ollaasaatti argamanirratti haleellaa raawwachuun gocha biyya diiguu ittifufeera.

Akkuma bishaan mataa ga’e miila hinhankaaku jedhamu, gochi juuntichi kutaa biyya keenyaa gara kaabaatti raawwataa jiru otoo akka kaansarii biyya keessa labee (babal’atee) miidhaafi badii kana caalu hingeessisin akkuma isaan jechaa turan humnaafi irree walta’een ‘likkiitti’ galchuun yeroonitti biyya isaan bittinneessuuf abjootan baraaruun amma.

Akkuma Ministirri Muummeen Abiyyi Ahmad tibbana jedhan, ummanni biyyattii akkuma kanaan duraa akka raayyaa tokkoo ta’ee biyyasaatiif waardiyyaa ta’uun, raayyaa ittisaasaa waan barbaachisu hundaan utubee dhiibbaa alaafi tuttuqqii keessaa ofirraa faccisuu qaba.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 10/2013

Recommended For You