WALQOn lammiilee kuma 142 oliif tajaajila liqii kennuusaa beeksise

Waldaan Aksiyoona Liqiifi Qusannaa Oromiyaa (WALQO)n ji’oota torba darban keessa qarshii biliyoona 1.82 liqeessuun lammiilee kuma 142 oliif  tajaajila liqaa adda addaa kennuun  hawaasaa bal’aa fayyadamoo taasisuusaa beeksise.

Tajaajila liqaa addaddaafi gama qusannaa hawaasaa gabbisuutiin hojiilee hojjetamaniifi bu’aawwan argaman, akkasumas kallattii gara fulduraa ilaalchisee kutaan deggarsa ummataa waldichaa dheengadda gaazexaa Bariisaaf ibsa ergeera.

Akka ibsichaatti,  kenniinsa liqaa keessatti qonnaan bultoonni, sochoostonni intarpiraayizii maaykiroo xixiqqaa, dubartoonni hojii dhuunfaarratti bobbahan, eebbifamtoonni dhaabbilee barnoota olaanaafi dargaggoonni hedduu haalaan fayyadamoo ta’aniiru.

Kanaanis barana qofa lammiileen  kuma dhibba tokkoofi afurtamii lamaaf 146 carraa liqaa argachuun fayyadamoo ta’uusaanii ibseera.

Kenniinsa liqaa cinattis aadaan qusannoo hawaasaa akka gabbatuuf hojii hojjetameen qarshiin  biliyoona lamaaf miliyoona dhibba torbaaf shantamii lamaaf kuma dhibba afuriif kudha shanii ol  qusattoota  miliyoona tokkoof kuma dhibba tokkoof torbaatamii jahaafi 079 irraa walitti qabameera.

Liqaan kennames omishaaf omishtummaa qonnaan bultootaa guddisuuf shoora olaanaa kan qabu yoo ta’u,  aadaan hojii uummachuufi fayyadamummaa ofii mirkaneeffachuus akka gabbatuuf kan deggaruudha.

Waldichi ji’oottan shan hafan keessattis liqaa qarshii bilyoona jahaa ol  kennuuf kan karoorfate yoo ta’u, kana keessaa qarshii qusee  bilyoona afuriif miliyoona  dhibba lamaaf kudha sadiif kuma 213 ol walitti qabuuf ciminaan hojjechaa jira.

Dabalataan ammoo lammiileen  kuma dhibba sagaliif torbaatamii shaniifi 446 carraa liqaa kanatti fayyadamaa akka ta’aniif karoorfamee hojjetamaa jiraachuu waldichi beeksiseera.

Sosochii kenniinsa liqaa kana keessatti ammoo lammiileen  kuma dhibba  tokkoof sadiifi 535 ta’an carraa hojii akka argatan kan taasifamu ta’uusaas eerameera.

WALQOn tajaajilawwan maaykiroo faayinaansii dinagdee ummataa fooyyessuu danda’aniifi hiyyummaa hir’isuurratti xiyyeeffatan dhiyeessuun jiruufi jireenya hawaasa bal’aa haalaan tumsaa kan jiru ta’uus addeesseera.

Hundarra ammoo sochii ummatni Oromoo akka dhuunfaattis ta’e sabaatti dinagdeedhaan ijaaramuuf taasisaa jiru caalaatti tumsuuf tajaajila faayinaansii kennuutiin gumaacha olaanaa gochuurratti argama; haala itti fufiinsa qabuunis hojjechuuf qophii ta’uusaa ibseera.

 

Recommended For You