Saamraawiit Girmaatiin
Pirojektii Meeggaa jechuun pirojektiiwwan ijaarsisaanii qarshii biliyoona tokkoo ol fixu ta’uu hiikni damee ijaarsaan jiru ni mul’isa.
Bu’uuruma kanaan Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee bara 2012 irraa eegalee waajjira of danda’e hundeessuun ijaarsa manneeniifi daandiitiin ala pirojektiiwwan meeggaa garagaraa yeroo gabaabaa keessatti raawwachuun tajaajilaaf qaqqabsiisaa jira. Kanaafis qarshii biliyoona 15 ramadee hojjetaa jia.
Waajjirri Ijaarsa Pirojektota Guguddoo Bulchiinsa Magaalaa Finfinnees hundeeffamasaarraa eegalee waggaa tokko keessatti pirojektota guguddoo torba qabatee hojjechaa kan jiru yoo ta’u, kaan xumuramanii tajaajilaaf oolaniiru; kaan yeroo muraasa keessatti kan xumuraman ta’u; kaanimmoo waggaa dhufu kan xumuraman ta’u.
Raawwii pirojektotaa ilaalchisuun raawwachiisaa hojii waajjirichaa Injinar Shimallis Isheetuu gaafadeebii tibbana waajjirasaaniitti Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, hojii waggaa tokko keessatti raawwatameen pirojektonni dur %200-300 harkifatan saffisaan xumuramuun tajaajilaaf oolaniiru. Sababa harkifannaatiin qisaasamni maallaqaa qaqqabaa tures baraarameera.
Magaalittii akkuma maqaasheefi umrishee miidhagsuuf, akkasumas jireenyaaf mijattuu taasisuuf hojii fakkeenyummaa qabu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi eegalaniin bu’aa gaariin argamuu kaasanii, hojii kanaanis aadaan hojii kan itti jijjiirameefi pirojektota yeroo gabaabaa keessatti qulqullinaan raawwachuun akka danda’amu kan itti hubatame ta’uu kaasu.
Pirojektiiwwan meegaa muraasa bulchiinsi magaalichaa yeroo gabaabaa keessatti xumuramaniifi xumuramaa jiranis akka armaan gadiitti nu ibsaniiru.
Pirojektii Mana Qopheessaa Magaalaa Finfinnee
Manni Qopheessaa Magaalaa Finfinnee erga ijaaramee waggoota 60 ta’us haaressi hintaasifamneef, tajaajilli kennus mijataa hinturre. Akka fakkeenyaattis liiftii, to’attuu haala qilleensaa kan hinqabneefi miidhamtoota qaamaa keessummeessuuf mijataa kan hinturreedha.
Manni qopheessichaa tajaajilawwan garagaraa kan kennuufi namoota hedduu keessummeessu ta’us, hawataafi mijataa miti. Kanneen hunda haaressuufi meeshaa qulqullinasaa eeggateefi ammayaawaa itti galchuun dalleeffamee akka taa’uuf osoo hintaane haala ummataaf banaa ta’ee tajaajilutti haaromfamaa jira.
Kana dura bulchiinsi magaalichaa walga’iifi leenjii garagaraatiif iddoo biraa deemuun baasiif saaxilamaa kan ture yoo ta’u, haaromsa ammaatiin kutaalee walga’ii saddeet qopheesseera. Manni Tiyaatiraa magaalichaas sistamni sagaleefi meeshaalee ammayyaa biroon guutamaniifii namoota 827 keessummeessuu akka danda’utti haara’eera.
Akka waliigalaatti darbiiwwan hundi hojjetaaf mijataafi hawataa akka ta’anitti kan haareffaman yoo ta’u, kanaafis doolaara miliyoona54tu qabameef. Haaressichaan qabiyyeensaa osoo hinjijjiiramiin hojjetamaa jira. Wayita ammaa haaressisaa kan xumuramee yoo ta’u, ganna kana ummataaf banaa ta’a.
Haaressichi bakka dubbisaafi daa’imman itti taphachiisanillee ni qaba.
Pirojektii Adwaa Zeeroo Zeeroo
Pirojektiin bakkee fuuldura mana qopheessaa magaalattii jiruufi waggoota 20 oliif sababa ijaarsaatiin dalleeffamee turedha. Hojii kanaaf bajatni qarshii biliyoona 4.6 qabameefi raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, kunis wanti hundi zeeroorraa jalqabamuusaafi ka’umsa lola Adwaa yaadachuuf hojjetamaa kan jiruudha. Lakkaawwiin fageenyaa kiiloomeetira biyyattii kamuu bakka ijaarsi pirojektichaa itti argamu Birbirsa Gooroo (Piyaassaa) irraa eegala.
Lafa heektaara sadiirratti kan ijaaramaa jiru pirojektiin kun keessoosaatti bilookiiwwan 11 darbii sadii sadii qaban qabateera. Hojii mana qopheessaa wajjin walagarsiisu waan qabuufis irra keessaan riqichi ‘VIP’ ni hojjetamaa.
Ijaarsisaa godambaa (muuziyeemii), mana kitaabaa ammayyaa, wiirtuu qorannoo, kaaffee, mana nyaataa, suuqiiwwan, siidaa goototaa biyyattii, bakkee daa’imman itti taphatan, bishaan fincaa’aa, tiyaatira amfii, bakkee kubbaa saphanaafi harkaa itti taphatan, galma walga’iifi kkf kan qabatudha.
Magaalattiin akka magaalaatti galma mataashee qabaachuu waan qabduufis galma namoota kuma lama keessummeessuu danda’u qaba. Jalasaattis terminaalota taaksiiwwaniifi atoobisoota kuma tokko ta’an keessummeessuu danda’u qaba.
Dallaansaas lolli Adwaa kallattii ja’aan adeemsifamuusaa yaadachuuf seensa torba akka qabaatu taasifamee ijaaramaa jira. Hanga danda’ametti pirojektichi injifannoo Adwaa akka yaadachiisutti hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, ijaarsisaas gara xumuraa kan qaqqabeefi bara dhufutti tajaajila ni eegala jedhamee eegama.
Pirojektii Mana Kitaabaa Guddicha
Manni kitaabaa guddichi naannawa Daalattii (Araat Kiiloo) fuullee paarlaamaatti baasii qarshii biliyoona 1.1n lafa heektaara 19 irratti ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, kunis xumurarra qaqqabeera.
Gamoon ‘G+4’ ijaaramaa jiru kun tajaajila mana kitaabaa dijitaalaafi maanuwaalii kennuu danda’a. Manni kitaabaa sadarkaa Afrikaatti olaanaa ta’ee ijaaramaa jiru kun kutaalee hawaasa garagaraatiif bakka tajaajila itti kennu qaba. Fakkeenyaaf, midhamtoota qaamaa, addatti qaroo dhabeeyyii, haadholiifi daa’immaniif bakki addaa qophaa’eera.
Manni kitaabichaa namoota hanga kuma sadii qaamaan, namoota kuma torbaaf ammoo tajaajila ‘online’ kennuu kan danda’uudha. Suuqiiwwwan gurgurtaa kitaabaa saddeet kan qabu manni kitaabaa kun, dallaa kan hinqabneefi namni kamuu seenee keessatti dubbisuu danda’a. Dabalataanis bakka namni gaafa dadhabu aara ittigalfachuu danda’u kaaffee qaba. Kunis guyyoota keessatti tajaajila kan eegalu ta’a.
Pirojektii bakka eegumsa konkolaataa Masaraa guddichaa
Pirojektiin ‘grand palace parking’ ykn bakka eegumsa konkolaataa kun naannawa masaraa mootummaatti kaappitaala qarshii biliyoona 1.5n ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, ijaarsiisaa %85 caaleera. Kunis irra keessaa gamoo abbaa darbii afurii, lafa jalaan ammoo darbiiwwan sadii kan qabuudha.
Keessoosaatti konkolaataawwan kuma tokko qabachuu kan danda’uufi lafa jala holqa meetira 105 ta’u kan mooraa Paarkii Tokkummaatti baasuu qaba. Akkasumas liiftii makaanikaalaa konkolaattootaaf ta’u qaba. Kunis suuqiiwwan, restoraantii, galma walga’iifi bakkeewwan tajaajila garagaraa kennan ni qaba.
Pirojektii Addababa’ii Masqalaa
Ijaarsi pirojektii kanaa qarshii biliyoona 2.5n guutuummaatti kan xumurame yoo ta’u, sochiiwwan hawaasummaafi kabaja ayyaanoota garagaraaf mijataa akka ta’utti hojjetameera. Kunis jalasaatti bakka eegumsa konkolaatawwan kuma tokkoofi 400 keessummeessuu danda’u qabuufi lafa jala darbii lamaan hojjetame ni qaba.
Ibsaawwan mimmiidhagoo, ‘LCD’ gurguddoofi giddugaleessaa beeksisi suursagaleedhaan irratti mul’ifamu ni qaba.
Pirojektiin kun hojii miidhagsa daandii kiiloomeetira 3.5 Istaadiyeemiidhaa kaasee hanga mana qopheessaa magaalattiitti jirus kan hammatuudha.
Gamoo Magganaanyaa
Kunimmoo seektarri geejibaa magaalattii tajaajila foddaa tokkoo akka kennuuf yaadamee gamoo abbaa 20 ijaaruuf hojii eegalameedha. Kunis baasii qarshii biliyoona 1.56n kan ijaaramu yoo ta’u, %25 irratti argama. Bara bajataa dhufutti xumuruufis hojjetamaa jira.
Wiirtuu Ga’umsa Hoggansaa Afrikaa Damee Finfinnee
Kunimmoo naannawa Goorootti ijaaramaa kan jiruufi ijaarsisaa %38 kan qaqqabe yoo ta’u, waggaa dhufu xumuramee hojii eegala.
Fuuldurattis, waajjirichi ofiisaatiin qofa hojii ijaarsaa hojjechuu osoo hintaane shariikummaadhaan pirojektota guguddoo hojjechiisuuf karoorfachuusaa kan eeran Injinar Shimallis, bu’uura kanaan Chaayinaa wajjiin kan waliigalame naannawa Gootaraatti ‘Special Economic Zone’ lafa heektaara 35 irratti ijaaruuf waliigalteerra ga’amuu ibsu. Walumaagalatti pirojektiiwwan kunneen hordoffiifi to’annoo ministira muummeetiin kan hojjetamaa jiran yoo ta’u, torban guutuu, halkanii guyyaa hojjetamaa jiraachuu Injinar Shimallis kaasanii dandeettiin raawwachuus kan itti gabbateedha jedhu.
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 3/2013