Abbaa Jifaar Lammaffaa: Tiyaatira seenmuuziqaa

Charinnat Hundeessaatiin

Dhaabbileen barnoota olaanaa ergamasaanii gooroo maddiitti hojiilee fayyadamummaa hawaasa naannawa itti argamanii darbees kan biyyaa mirkaneessanirratti ni hirmaatu.

Qorannoowwaniif qo’annoowwan rakkoolee hawaas dinadgee ummataa furuuf gargaaran geggeessuunis goggaa qaama furmaataa ta’an ni mul’atu.

Keessumaa dhaabbileen barnoota olaanaa Oromiyaa keessatti argaman haaluma qabatamaa naannawa jiraniirratti hundaa’uun seenaa, duudhaalee, aadaafi kkf irratti cichanii hojjetaa jiru.

Dhaabbilee barnoota olaanaa haala kanaan keessumaa dhimma seenaafi aadaa Oromoo ol kaasuuf dhimmamanii hojjetaa jiran keessaa Yunivarsitiin Jimmaa adda durummaan eerama.

Tibbanumallee hayyootasaa keessaa tokko kan ta’e Zalaalam Tafarii bu’aa cuunfaa sammuu tokko kan haala qabatamaa biyya keessa jirtu wajjin deemu dhiyeesseera; tiyaatira Abbaa Jifaar Lammaffaa.

Tiyaatirri waa’ee seenaa Mootii Abbaa Jifaar Lammaffarratti fuulleffatu kun Caamsaa 29 bara 2013 barattoota tiyaatiraa waggaa sadaffaatu taatummaan irratti hirmaate.

Tiyaatiricha Seenaa Abrahaam qopheessituu gargaartuu ta’uun, Leellisaa Fayyisaa muuziqaa qindeessuun, barattoonni mana barnoota muuziqaa Alii Birraa immoo muuziqaa meeshaan qindeeffame taphachuun qooda fudhataniiru.

Hoggantoonni olaanaan Yunvarsiitii Jimmaa, keessummoonni affeeramaniifi barattoonni sagantaa eebba tiyaatiricharratti argamaniiru.

Haaluma kanaan Pirezidaantiin Yunvarsiiitii Jimmaa Doktar Jamaal Abbaa Fiixaa, erga tiyaatiricha daaw’atanii booda tiyaatirichi qabeenya qabnu gadifageenyan ilaaluun waa hedduu hojjachuun akka danda’amu akkasumas Jimmi biyya seenaa artii tiyaatiraan badhaatuu ta’uushee kan nu hubachiise jedhan.

Pirezidaantichi waan ilaalaniin booji’amuun tiyaatirichi akka Oromiyaafi Itoophiyaa guutuutti agarsiifamuuf waan danda’amuun utubuuf waadaa seenaniiru.

Fuuldurattis kutaaleen barnoota artii hojiilee artii dinqisiisoo danuu nuu dhiyeessuu akka danda’an abdii irraa qabaachuusaaniis ibsaniiru.

Tiyaatirichi seenaalee dagataman qotee baasuun seenaa fulla’aa dhaloota boriif dabarsuu dabalatee, tiyaatirichi barnootni daree jechaan baratamu akkamitti akka gochaan muldhatu kan caalaatti calaqqisiiseedha jedhan.

Gaazexaan Bariisaas, akeekaafi qabiyyee ijoo tiyaatirchaarratti barreessaafi qopheessaa tiyaatirichaa, Zalaalam Tafarii wajjin turtii gabaabduu taasiseera.

Dursinee waa’ee dudduubee barreessaafi qopheessichaa walitti himuuf, Zalaalam Godina Baalee magaalaa Gobbaatti dhalatee kan guddate yoo ta’u, barumsa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa magaalaadhuma Gobbaatti hordofe.

Digrii jalqabaafi lammaffaa ammoo Yunivarsitii Finfinneerraa Tiyaatiraan eebbifame. Ammaan tana Yuniivarsitii Jimmaatti ogummaa barateen barsiisaa jira.

Nama tiyaatira Itoophiyaa iddoo guddaa qabu Abaata Makuriyaarraa waan guddaa barachuu kan eere Zalaalam, namni kun ogummicha keessatti akka odaatti ilaalama jechuunis ibsa.

Inni hanqina keessumaa gama tiyaatira Oromootiin taajjabe furuuf gara Yunivarsitii Jimmaatti qajeeluu eeree, bara 2008 Abbaa Jifaarirratti tiyaatira hojjechuuf murteesse. Haalli ture mijaawaa akka hintaanes ibseera.

Kanaanis seenaa Abbaa Jifaar waggaa tokkoof (bara 2009) qorachuun tiyaatiricha barreessuu eeree, hirmaattota tiyaatirichaarratti barattoota Afaan Oromoo baay’inaan argachuu dhabuun rakkoo akka ta’e himeera.

Kitaaba “Yafiilmi Yatiwwanaa” jedhamu kan qabu Zalaalam, akkuma biyyaattuu yoo ilaalu ammaan tana tiyaatirri sadarkaa guddinaa eegamuu gadirra akka jiru eereera. Ogummicharratti keessumaa waggoota 27n darbanitti karaa mootummaa waan irratti hinhojjetamneef quucaruus ibseera.

Waggoota 27n darbanitti manni tiyaatiraa haarofti tokkollee ijaaramuu dhabuun xiyyeeffannaan ogummichaaf kenname daran gadaanaa ta’uu agarsiisa jedha Zalaalam.

Tiyaatirri Abbaa Jifaar Lammaffaa jedhamu seenaafi aadaa Oromoo beeksisuurratti xiyyeeffatamee kan barreeffame ta’uufi afaanota lamaan jechuunis Afaan Oromoofi Amaariffaan akka qophaa’e beeksiseera.

Tiyaatiricharratti kan Oromiyaatti dabalee barattoota Wallo, Gondar, Gojjaamiifi Tigraayirraa dhufan taatummaan hirmaachisuus himee, kanas barattoonni kunniin aadaafi duudhaasaanii akka waljijjiiraniif yaadee kan raawwate ta’uu ibsa; akka ittiin milkaa’e eeruun.

Gaaffii, mataduree tiyaatirichaa Abbaa Jifaar Lammaffaa jedhuun ergaa akkamii dabarsuu barbaaddeeti, dugda duubasa hoo maaltu jira? jedhuufis “Abbaa Jifaar Lammaffaa jechuun mootii 8fa Jimma bulchaniidha. Abbaan Jifaar tiyaatirri irratti barreeffame kun Abbaa Jifaar Xiqqaa ykn Abbaa Jifaar Lammaffaa jedhamu. Abbaa Jifaar hangaftis tureera.

Mootii saddeetaffaan kun akkuma Daagimaawii Tewodiros, Daagimaawii Yohaannis jedhamu sani. Abbaa Jifaar xiqqaan na jalaa xiqqeessa jedheen moggaasa Jimmatti Abbaa Jifaar Lammaffaa jedhamu filadhe.

Isaan waan umriisaanii waggaa 15tti mootii ta’aniif Abbaa Jifaar Xiqqaa jedhaman. Abbaa Jifaar Xiqqaa jedhamanis hojiinsaanii garuu daran guddaadha” jedheera.

Qabiyyeen tiyaatirichaa tarii Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) amma biyya hogganaa jiraniin walqabatinnaa gaaffii jedhuuf, “Namoonni tokko tokko akka waan tiyaatirichi haala wayitiitiin walqabatuutti kaasu. Garuu ani isa wajjin walqabsiisuu yaadee miti.

“Wayitan tiyaatiricha barreessetti Doktar Abiyyi gara federaalaa dhiisii Oromiyaattuu hindhufne. Garuu qabiyyeessaarratti waanti Abbaan Jifaar hojjetaniifi waanti Doktar Abiyyi amma hojjechaa jiran iddoon itti walitti siqu jira. Garuu ittiyaadamee miti. Waanuma jarri lamaanuu Jimmarraa ta’aniif namoonni tokko tokko haalicha walitti qunnamsiisuu yaalan malee” jechuun ibseera.

Namoonni lafamumaa ka’anii walitti hinfidneetii, waanti Abbaa Jifaariifi Doktar Abiyyi Ahmad walfakkeessu jiraa gaaffii jedhuufis, “Abshaalummaansaanii walisaan fakkeessa. Abbaan Jifaaris qaroofi abshaala. Namoota tokko tokkotu hinfudhanne malee Abbaan Jifaar Minilik ‘Shawadanii’ (gowwomsanii) jiru.

Abbaan Jifaar dippiloomaatii cimaadha. Waa kenninee ofirraa deebifna malee humna hinqabnu, humnaan ofirraa hindeebifnu, humni keenya qabeenya keenya. Nuti qabeenya qabna. Isaan ammoo waraana qabu. Nagaan buluuf waa itti darbadhu jedhu. Nageeny irbaata waa hunda caaluudha jedhan.

Abbaa Jifaar Abshaalummaasaanii kanaan waa kennanii waa fudhatan. Xinnoo kennanii lubbuudhaan hafan. Waan Arsiifi Walaayitaatti godhame ni beekta. Isaan kana akkamitti hambifatan jechuudhaan mari’atanii qabeenya kennuudhaan lubbuudhaan bubbulan. Abshaalummaa jechuun kana. Lubbuudhaan turuun gamnumaa mitiiree.

Abshaalummaansaanii kun bargamas ce’eera. Dippiloomaasummaaniitiin ummanni musliimaa oggaa sirna amantiitiif Makkaa deemu bakka bulu dhabuudhaan rakkachaa turuu hubachuun mootummaa Sa’udii gaafatanii lafa fudhachuun gamoon akka ijaaramu taasisaniiru. Gamoo isaan wayita sana ijaarsisanitti lammiileen Itoophiyaa oggaa gara makkaa deeman rakkoo tokko malee achitti aara galfachaa jiru.

Karaa biraatiin yeroo jalqabaatiif Minilikiif kophee kan erge Abbaa Jifaari, karaa baasuudhaan kan kallattii agarsiises isaanuma. Qorqoorroofi mismaara bitanii Masaraa ijaaruudhaan isaan nama duraatisi. Raayyaa cimaa gurmeessuudhaanis Abbaan Jifaar nama daran abshaala.

Tiyaatira kanaan ergaa cimaan mariidhaan waliigaluu, yoo waa hundarratti waliigaluu dadhabne waan irratti waliigallerratti adda addummaa keenya qabannee irratti hojjechuu qabna malee qawwee kaasuu hinbarbaachisu hedhu darbeera.

Waraanni isa mo’es ta’u mo’ame harka duwwaa hambisa. Dubbii kana waggaa dhibba tokko dura Abbaa Jifaartu dubbate. Doktor Abiyyis yeroo Nobeelii badhaafaman san kanuma dubbatan. “Waraan isa mo’es, kan mo’ames hinfayyadu, harka qullaatti hambisa malee” jechuun.

Nutis kanuma dubbanna. Yoo hundarratti waliigaluu baannellee wanta waliigaleerratti wajjummaan hojjechuu dandeenya. Dhaamsi keenyas kanuma; waraanaakka furmaata tokkoffaa godhannee walitti bu’uun hinbarbaachisu, mariidhaan hiikuudha malee.

Abbaan Jifaar bara Masaafinti booda waggaa 54f wayita mootii Jimmaa turanitti kallattiilee afraniinuu weeraramanii turan. Garuu walmari’atanii waliigalteedhaan hiikan.

Maal barbaadhanii dhuftan nu kana qabnaa, isin ammoo humna qabduu maal isinii haa goonu? Yoo maal isinii goone nurraa deebitutufaa jedhanii mariisisanii furmaata argamsiisuun waliigalan. Dhaamsi tiyaatirichaas bu’aa mariifi waliigalteen qabu agarsiisuurratti kan xiyyeeffateedha jechuudha.

Iddoon ka’umsa barreeffama tiyaatirichaa Jimma, Masara Abbaa Jifaari. Kan hojjetame ammoo Yunivarsitii Jimmaa, Tiyaatira Anfiitti. Tiyaatiricharratti walumaagalatti barsiisota jahaafi muummeewwan barnootaa sadiitu hirmaate. Muummee Artii, Tiyaatiraa, Muziiqaan, Fakkii fa’irraa namoota 70tu qooda fudhate.

Tiyaatirri haala haaraadhaan hojjetame kun Waxabajii 26 bara 2013 Galma Gibeetti ummataaf akka dhiyaatus barreesaafi qopheessaa Zalaalam Tafarii nutti himee; kana milkaa’ina hojichaa keessatti qoodni Yunivarsitii Jimmaa keessumaa kan pirezidaantichaa daran olaanaa ta’uu ibseera, galateeffateeras.

Pirezidaantiin yunivarsitii Jimmaa TiyaatirriAbbaa Jifaar Lammaffaa kun erga eebbifamee booda Finfinnee dabalatee naannawawwan adda addaatti ummataaf akka dhiyaatuuf haala mijeessuusaaniillee beeksiseera.

Waliigalaan tiyaatirri dargaggoota ammaan tana seenaafi aadaasaanii dagataa jiran of barsiisuufi yaadachiisuu keessatti qooda olaanaa waan qabuuf qaamni dhimmi ilaalus haaluma kanaan akka gumaachu gaafateera.

Ogummaan tiyaatirri erga Itoophiyaa seenee waggaa dhibbi tokko lakkaa’amus aadaa bareedaan qabnu sirnaan qoratamee waltajjiif dhiyeessuurratti hanqinni jiraachuus dubbateera.

Dargaggoonni keenya ammaan tana aadaafi seenaasaanii dagatanii fees buukii qofarratti rarra’uun sirrii akka hintaanes qeeqee, artiin yoo xiyyeeffannaa argate qabeenya guddaa ta’uun hubatamee irratti hojjetamuu qaba jedheera.

Dhaloota har’aa seenaa abbootii keenyaa haxxee akka Abbaa Jifaarfaa barsiisuuf artiin meeshaa guddaa waan ta’eef sirriitti itti yaadamee irratti hojjetamuu akka qabus eeree, innis gamasaatiin gara fuulduraatti Mootii Kumsaa Morodaa akkasumas sirna Gaadaafi Siinqee fa’irratti tiyaatira barreessuuf akeeka kan qabu ta’uu nutti himeera.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 26/2013  

Recommended For You