Yaadannoo waggaa 1fa Haacaaluu Hundeessaa

Sinqinash Alamuutiin

Haacaaluun magaalaa qabsoo Oromoo finiinsuun maqaanshee ka’u Ambotti, abbaasaa Hundeessaa Boonsaafi harmeesaa Guddattuu Horaarraa Muddee 22 bara 1976 dhalate.

Ijoollummaatti hiriyootasaa kanneen akka Birhaanuu Abarraafaa wajjin hurufa Alaltuutti jabbileefi loon tiksaa guddatan. Barnootasaas manneen barnootaa Oddoo Liiban, Cariifi Mana Barnootaa sadarkaa lammaffaafi Qophaa’inaa Ambootti barate.

Dhaloonni Amboo baruma dhufee darbu walabummaafi walqixxummaan akka jiraatuuf mormii keessatti lubbuusaanii dhabaniiru, qaama itti hir’ataniiru, dararama jabduu keessa darbaniiru.

Kanaaf ammoo ragaa jiraataan tokko ‘Karchalleedha’. Namoonni baay’een gatii ummanni naannawichaa baase ‘Karchalleen’ Amboo haa dubbatu jechuun ibsu. Kanumaaf ta’uun hinoolu Haacaaluu Hundeessaa kan akkana jechuun geerare:

Geerar geerar naan jettuu, mee ka’ee geeraruuree….

Dhiirri geeraree hinquufne, hidhaa Qaallittii jiraa

Dhiirri geeraree hinquufne, Hidhaa Qilinxoo jiraa

Hidhaa Karchallee jira – Karchallee Amboo jiraa…

Weellisaa Haacaaluun barataa sadarkaa lammaffaa ta’ee wanti isa mudate jireenyasaa jijjiiruu ibsee ture gaafdeebii bal’aa Gaazexaa Bariisaa Hagayyaa 14 bara 2002 maxxanfamerratti taasiseen ibsee ture.

Umuriisaa waggaa 17tti bara 1995 hanga 2000tti karchallee Amboo keessa murtee malee ture; shakkamuu qofaan akka hidhame dubbata. Inniifi hiriyoonnisaa waggaa shan guutuu wayita hidhamanitti murtee hinarganne ture; boodarra ‘bilisaan’ jedhamanii gadhiifamaniiru.

Murtee malee ganna shan mana hidhaatti umurii ijoollummaasaatiin hidhamus, aariifi haaloo bahuun quba nyaachaa hinjiraanne; inumaatuu hidhaan ijoollummaatti na qoraase, daran na fayyade jechuun miidiyaalee garagaraarratti dubbateera.’’Akka barataa Oromoo tokkotti waanuma barataa Oromoorra gahutu narra dhaqqabe. Kan biraa wanti haaraan hinjiru,’’ jedha sababa hidhameef yoo ibsu.

Haacaaluun yeroo Karchallee Amboo keessa turetti hidhamtoota isa wajjin turan, kanneen barreessuufi dubbisuu hindandeenyeef; hiriyootasaafi bulchiinsa mana hidhaa waliin ta’uun barnoota ga’eessotaa jalqabsiiseera. Karchallee Ambootiin ala Finfinnee dhufees torban tokko Maa’ikalaawii ture. Yeroo kanneen mara garuu abbaansaa gaafa dubbisuu dhufan, ‘’Jabaadhu gurbaa! Hidhaan qoraasuma dhiiraati!’’ jedhanii akka turan eereera.

Haacaaluun mana hidhaatti ogeessa muuziqaa ta’e. ‘’Isa dura ani sagaleedhaan weellisuu malee walaloofi yeedaloo barreessuu hinbeeku ture. Kanan bare mana hidhaa sana keessatti. Albamii jalqabaa keessaa sirboota sagal achittin fixee bahe. Walaloos yeedaloos barreessee,’’ jedha.

Manni hidhaa Amboo Haacaaluuf mana barumsaa ture. Namoota guguddaarraa akka galaa galaafate yaada qaba. Akka abbaan jedhanis qoraafameera.

Weellisaa Daawwitee Mokonnin fakkeenyasaa kan godhate Haacaaluun muuziqaan hiree ganamaasaa ta’uu himaa ture. ‘’Ijoollummaa kooti kaasee afaan gabii nan qabu, inuman sirba,’’ jedha. Bakka dhalootasaa magaalaa Ambotti jabbileefi loon tiksee guddachuunsaa kennaaisaa akka cimsatu kan isa gargaate ta’uus ni eera.

Naannoo manneen barnootaafi hawwisoo keessatti sirbuus ittifufe.

Abbaansaa Obbo Hundeessaa Boonsaa kana hinjaalanne. Aadde Guddattuu Horaan garuu gammadoo turan. ‘’Abbaan koo doktarummaafi pirofeesarummaa kana jaalata. Sirbituun mana hingodhattu alalee taati’’ jechuun dubbachuusaanii dubbateera Haacaaluun.

Waggoota 10n dabran weellistoota yeroo gabaabaa keessatti maqaa guddaa horatan akkasumas jaalala guddaa horatan keessaa tokko Haacaaluu Hundeessaati. Dargaggoon umurii 36 tureefi magaalaa Ambootti dhalate sun, akkuma weellistoota Oromoo kaanii dhimmoota gaaffii ummataa ta’an walaloofi yeedalloon dabaalee gurra ummataa gahuun beekama ture.

Hojiinsaa ummata kaan birattuu dafee akka beekamu isa gargaareera. Walleen ala dubbii cimaa ija jabinaan dubbachuufi bakkoota jiru maratti dhimma Oromoo ifatti ibsuunillee beekama.

Haa ta’u malee, akkuma innuu irra deddeebiin ibsaa ture yeroo bulchiinsa Ministira Muummee Hayilamaariyaam Dassaalany tika mootummaatiin hordofamaa turuu himataa ture.

Jijjjiirama boodas yeroowwan gara garaatti Finfinneetti isa doorsisaa akka turan ibsaa ture. Kunneenis, sababa hojiisaatiin akkasumas dubbii taasisuun kan walqabatu ta’uu akka amanu bara lubbuun jiru himee ture.

Innuu bara lubbuun ture “Muuziqaan anaaf jireenya kooti. Firas ta’e diina itti horadheera” jedhe. Waggaa har’aa ajjeefamuusaa guyyoota muraasa dura jaalalaafi beekamtii ummata biraa qabu ibsuuf “Ani Oromoof qaaliidha!” jedhee of ibsee ture.

Albamiisaa sadaffaa osoo dalagaa jiruu sababa hanga ammaatti ifa hintaaneen, Waxabajjii 22 bara 2012 halkan Finfinnee, naannawa Kondominiyamii Galaanitti rasaasaan rukutamee lubbuunsaa darbe.

Poolisiin akka ibsetti namoonni sadii ajjeechaasaa raawwachuusaanii amananiiru. Dhimmisaaniifi shakkamtoota biroo to’atamanii mana murtiitti ilaalamaa jira.

Haacaaluun maqaasaatiin albamiiwwan lama qaba; ‘Sanyii Mootii’fi ‘Waa’ee Keenya’. Ergasii booda garuu sirba qeenxeerratti xiyyeeffate – guddaas milkaa’eera. Albamiinsaa sadaffaan mataduree ‘Maal Mallisaa?’ jedhamu kan yeroo lubbuun jiru dalage maatiifi hiriyoonnisaa walitti qabanii, Wiixata darbe Finfinneetti eebbisiisaniiru. Haacaaluun darbus hojiiwwwan gaariin inni hojjete bara baraan ni yaadatamu.

Gama biraatiin albamiin Artusti Haacaaluu Hundeessaa ‘Maal Mallisaa’ “iTunes Worldwide Chart” irratti sadarkaa 3fa qabateera.

Kibxata darbe kan gadhiifame ‘Maal Mallisaa’n gabaa muuziqaa internetii iTunes irratti, albamoota addunyaarratti hedduu gurguraman keessaa sadarkaa 3fa irratti argama.

Albamichi hanga dheengaddaatti Kanaadaafi Awustiraaliyaatti albamii hedduu iTunes irratti gurguraamaa jiru sadarkaa 1fa, ‘US’tti 2fafi Biriteenitti sadarkaa 9fa qabateera. Albamichi biyyoota hedduutti sadarkaa ‘Top 10’ jedhaman keessa galeera.

Siidaansaa Bulchiinsi Finfinnee, paarkii maqaasaatiin moggaafame keessatti moggaafame keessatti ijaarsisaa ture xumuramee eebbaaf qophii ta’uus kantiibaa ittaantun magaalattii Aadde Adaanachi ibsaniiru.

Haaluma walfakaatuun koree olaanaan deeggarsa maatii Artisti Haacaaluu Hundeessaa sosochii hanga ammaatti jiru ilaalchisee ibsa kenneen qarshii miiliyoonni 141fi kumni 333 walitti qabee baankii galchuu eereera.

Faawundheeshiin eegumsa mirga namoomaa karaa aartiifi muziiqaatiin akka milkaa’uuf gargaaru akkasumas loogiiwwan muuziqaa biyyattiirratti mul’atan hambisuun muuziiqaan sabootaa akka irratti hojjatamuufi walqixxuummaa sabaafi sablammootaa dhugomsuuf hojjetu maqaa Artisti Haacaaluu Hundeessaatiin hundaa’eera.

Faawundeeshinichi dorgommiwwan maqaa artistichaatiin qopheessee badhaasuufi tajaajilawwan hawaasummaa (barnoota, fayyaa bishaan dhugaatiifi aadaa) milkessuufi artistoota manatti hafan deeggaruuf kan hojjetu ta’uunis ibsameera.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 26/2013  

Recommended For You