Ummanni Tigraayi daldala maqaasaatiin geggeeffamurratti dammaquu qaba

Biyya kana waggoota 27 garrarrummaan bulchaa kan tureefi dhiyeenya kana Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataatiin shororkeessummaan moggaafame Abbi ABUT uumamusaarraa yoo ilaalame gochoonnisaa hundi shira cimaadhaan kan xaxameedha.

Hoggantoonni addichaa yeruma qabsoo hidhannoo geggeessaa turettillee doolaara miliyona 95 kan gargaarsaa balaa beelaa naannichatti uumamee tureef alaa ergame akeeka yaadameefirra oolchuurra meeshaa waraanaa ittiin bituun fiixee gara jabummaasaanii agarsiisaa turan. Kanas ‘BBC’tti gulaalaan diiskii Afrikaa Maartiin Pilaawut jedhamu saaxilee ture.

Fiixeen garajabummaasaa haala kanaan kan ibsamuuf addichi waggoota 27 aangoorra turetti lammiilee biyyattiirratti waan dhalli namaa namarratti raawwata jedhamee hin yaadamne hunda raawwateera.

Hoggantoonni addicha ummata bakka buunaaf jedhaniifillee otoo garaa hinlaafiin haala irranatti eerreen qoonqoo ummata beelaan akka baalaa harcaa turee cufee meeshaa waraanaa bitaa ture, boodanas akka waan carraan ummata kanaa waraanuma keessatti dhalatee waraanuma keessatti akka darbuuf itti murtaa’eetti gidiraa kana hinjedhamne irraan gahaa jira.

Ummanni naannichaa daldala maqaasaatiin geggeeffamu ofirraa darbatee obbaafachuuf hawwus hoggantoonni addichaa irree raayyaa ittisa biyyaa jalaa harca’anii hafaniifi dhiiga lammiilee biyyattiitiin machaa’an ammas bobaa ummata ni qabsoofnaaf jedhanii jala galuun umrii gidiraasaa dheeressaa jiru.

Akkuma adaamiin arnagamaa jalatti margite boo’aa jiraatti jedhamu san ummanni naannichaa keessumaa dhaaba shororkeessaa maqaasaatiin daldalu kanaatiin baruma dhufaa darbaa gidiraa argaafi imimmaan harcaasaa jiraachuu hinqabu.

Ammas taanaan ummanni naannichaa murna harka dhiifamaafi jaalalaaf diriirfirra ce’ee daldala maqaasaatiin eegale ittifufaa jiru kanatti dammaquun ofirraa faccisuu qaba.

Akkuma Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) waggaa lama dura Maqaleetti imaluun humni jijjiiramaa ummata Tigraayiif abdiisaa egeree ta’uu hubachiisan ammas ummatichi otoo olola sobaa addichaatiin hinraafamiin hariiroo saboota biroofi mootummaa federaalaa wajjin qabu caalaatti cimsuun daldala maqaasaatiin taasifamutti dammaqee fuulduraa dhaabachuu qaba.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 26/2013  

Recommended For You