Ispoortiin Aadaa akka qabeenya uummataatti kunuunfamuu qaba

Finfinnee: Ispoortiiwwan ammayyaa Itoophiyaa osoo hinseeniin dura ispoortiin aadaa kutaalee biyyattii adda addaatti geggeefamaa ture. Ispoortichi eenyumaa keenyaa wajjin kan wal qabatu waan ta’eef akka qabeenya keenyaatti kunnuunsuutu nurraa eegama.

Saboonni, Sablammonniifi Ummatoonni biyyattii keessumaa qonnaan bulaafi horsisee bulaan ispoortii aadaa kana irratti bal’inaan hirmaachaa kan turaniiru. Ispoortiin kun duudhaafi tokkummaa isaanii cimsuun yeroo boqonnaa isaanii ammoo akka itti bashannanan taasisuu keessatti qooda olaanaa qaba. Kanarraa ka’uudhaan ispoortichi gara dorgommiitti akka guddatu taasifameera.

Ispoortichi yeroodhaa gara yerootti jaalatamaa waan dhufeef Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itoophiyaa hundeefamee seeraafi danbii mataasaa baafatee oggeessota adda addaa horachuudhaan dorgommii gageessaa jira.

Federeeshinichi dorgommicha kan geggeesu naannoolee biyyatttii gara garaa keessatti yoo ta’u, barana yeroo 16faaf shaampiyoonaa ispoortii aadaafi Feesitvaalii Ispoortii Itoophiyaa yeroo 12faaf Naannoo Oromiyaa, Magaalaa Ambootti gageessuuf qophii xumureera.
Pireezidaantii Federeeshinii Ispoortii Aadaa Itoophiyaa Obbo Salamon Assafaa ibsa Kibxata darbe waajira isaaniitti nuuf kennaniin akka jedhanitti, bara 1990 irraa kaassee Shaampiyoonaan Ispoortii Aadaafi Feesitiivaaliin Ispoortii Itoophiyaa naannoolee biyyattiitti adeemsifamaa jiru. Dorgommiiwwan kunneen hariiroo ummataa daran cimsuuf shoora olaanaa taasisaa kan jiru ta’uu dubbatu.

Shaampiyoonaan Ispoortii Aadaafi Feesitiivaaliin Ispoortii Itoophiyaa kun barana Guraandhala 16-24 bara 2011tti magaalaa Ambootti, gosawwan ispoortii aadaa 13n kan adeemsifaamu yoo ta’u, ispoorteesitoonni 550 naannoolee ja’aafi Bulchiinsota Magaalaa Finfinneefi Dirre Dawaa irraa walitti babba’an dorgommicha irratti kan hirmaatan ta’u. Magaalaan Amboos qophii dorgommichaaf barbaachisu xumurtee keesumootashee simachuuf eegaa kan jirtu ta’uu dubbatu.

Magaalaa Finfinneefi Dirree Dawaa dabalatee naannooleen martinuu dorgomicharratti akka hirmaataniif waamichi kan taasifameef ta’us naannooleen Somaalee, Gaambeelaafi Beenushaangul Gumuz dhumarratti sababa rakkoo nageenyaafi bajataa irraa kan ka’e kan hin hirmaanne ta’uu beeksisaniiru kan jedhan Obbo Salamoon, ispoortichaaf xiyyeeffannaa kennuu dhabuudha malee sababni isaan dhiyeessan fudhatama kan hinqabne ta’uu himu.

Waggaalamatti, shaapiyoonaan waggaatti al tokko adeemsifamu kun kanaan dura Magaalaa Finfinneefi naannoo Saboota, Sablammootaafi Ummatoota Kibbaatti yeroo lama lama, Tigiraayifi Amaaraatti al sadi sadi, Magaalaa Dirree Dawaafi Harariitti si’a tokko tokko kan gageefame yoo ta’u, Oromiyaan kan baranaa kana dabalatee yeroo sadi keessumeessushee himaniiru.

Dargommiin baranaa kun kan adeemsifamus gosawwan ispoortii Qillee, Sadeeqaa, Korboo, Wal’aansoo, Bubi, Gulufa Fardaa, Hurubee walmakaa, Qasitii walmakaa, Sharxii Fardaa, Shaahi ta’uu Obbo Salamon adeesaniiru.
Ispoortiin Aadaa kun ibsituu aadaa keenyaa waan ta’eef ummatni biyyattii keesumattuu qonnaan bulaafi horsiisee bulaan haala adda ta’een kunnunsuufi irratti hirmaachuu akka qabu pireezidaantichi yaadachiisaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Guraandhala 15/2011

Recommended For You

5 Comments to “Ispoortiin Aadaa akka qabeenya uummataatti kunuunfamuu qaba”

  1. Pingback: altogel slot login
  2. Pingback: go now
  3. Pingback: Food Recipes

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *