Daa’imman talaallii gifiraa fudhachaa jiran

Talaalliin Gifiraa marsaa lammaffaa guutummaa biyyattiitti torban darberraa eegalee kennama jira.

Ministir De’eetaan ministeerichaa Doktar Liyaa Taaddasaa Wiixata darbe sirna eegaliinsa talaallii gifiraa magaalaa Walanciitiitti argamuun haasaa taasisaniin akka jedhanitti, dhukkubni gifiraa addunyaarrati dhukkuboota daa’imman qaamasaanii hubuun rakkoo fayyaaf saaxilan, naafessaniifi ajjeesan keessaa isa tokkodha. Kunis, dhukkuba vaayirasii xixiqqoo ijaan hinargamneen namarraa namatti waan darbuuf keessumaa daa’imman waggaa lamaa gadii salphumatti kan miidhu ta’uusaa ibsaniiru.

Dhukkubni kunis iddoowwan daa’imman heddummaatan kanneen akka manneen barnootaa, naannawaa mana jireenyaa, wiirtulee fayyaafi kkftti saffisaan tamsa’uu waan danda’uuf hawaasni eeggannoo barbaachisu gochuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Daa’imman dhukkuba gifiraan qabaman mallattoleen kanneen akka ho’ina qaamaa, qaama daa’immaniirratti hooqxoon shifshifoo mul’achuu, iji diimachuu, hancufniifi imimmaan ijaa  baay’achuufi kkfdha ta’uus eerameera.

Dhukkuba gifiraa ittisuuf talaalliin marsaa marsaan kennamu dirqama ta’uusaa ibsanii, Itoophiyaatti daa’imman ji’oota sagal guutaniif talaalliin marsaan jalqabaa itti fufiinsaan kan kennamu ta’uusaa addeessaniiru.

Dhukkuba kana al takkatti  balleessuun rakkisaa waan ta’eef, umuriin daaimmanii wayita ji’oota 15fi 23 guutuu walitti aansuun marsaa sadiif kennamaa tureera; ammas kennamuurratti argamaa jedhaniiru.

Baranas dhukkuba gifiraa kana guutummaa biyyattii keessaa balleessuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira kan jedhan Doktar Liyaan, ji’a Guraandhala jalqabaarraa kaasee wiirtuleefi hospitaalota biyyattii hunda keessatti talaalliin gifiraa marsaa 2fa kan kennamu ta’uusaa himaniiru. Qaamoleen dhimmi ilaallatuufi hawaasni bal’aanis tumsa barbaachisu mara gochuu akka qabu gaafataniiru.

Talaallii Gifiraa marsaa lammaffaa Walanciitiitti eegalerratti Daariktarri olaanaa Gilobaal Fandii Mistar Piitar Sandis, ogeessotni olaanaa ‘GAVI’ Doktar Seet Barkaliifi Misis Titoo Rawamushaa, akkasumas hoggantootni olaanaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaafi godina Shawaa Bahaa argamaniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

Bariisaa Guraadhala 15/2011

 

Recommended For You

5 Comments to “Daa’imman talaallii gifiraa fudhachaa jiran”

  1. Pingback: c2c chat
  2. Pingback: BAU Diyala

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *