Bayyanaa Ibraahimiin
Biyyi teenya Itoophiyaan biyya bal’oofi uumamaan badhaatuu, kan sabaafi sablammoonni akkasumas ummattoonni garaa garaa adaafi haala jireenya adda addaa qabu keessa jiraatuudha.
Ummattootni aadaafi duudhaa, seenaafi haala jireenyaa garaa garaa qaban kunniin immoo Itoophiyaadhaaf akka rakkootti osoo hin taane, akka midhaaginaatti kan ilaallamaniidha. Sababnisaas aadaafi eenyummaa gara garaa qabaatanis inni tokko kan isa biraa kabajuufi miira waldanda’uutiin ummattoota kana hunda hammattee biyya jiraachaa as geetteedha.
Baay’inni sabaafi sablammoota biyyattii eenyummaa aadaafi duudhaalee gara garaatiin deeggarame kun immoo seenaa biyya kanaa keessatti sochii aadaafi afaan biyyoolessaa tokko ta’e horachuuf taasifamaa ture keessatti rakkoo guddaadhaaf kan saaxilamaa ture ta’us, oolee bulee sirna bulchiinsa ammayyaafi dimokraatawaa ta’e (sirni bulchiinsaa federaaliizimii) akka dhalatuuf dirqamsiiseera.
Sabaafi sablammoota Itoophiyaan qabdu keessaa isaan guguddoo ta’aniifi qubsuma bal’aa irra qubatan keessaa immoo ummanni Oromoofi Somaalee isaan tokko. Ummattootni guguddoon baay’ina ummataanis ta’ee bal’ina teessuma lafaa irra qubateen biyyattii keessatti sadarkoota duraa irratti argaman kunniin, Itoophiyaa keessa qofa osoo hintaane, Keeniyaa keessattis saboota waliin jireenya waliinii kan yeroo dheeraa qabaniidha.
Ummattootni lameen kunniin lafa bal’aarra qubachuun sadarkaa duraa irratti kan argaman qofaas osoo hintaane, daangaa waliin waldaangeessan dheeraa waliin qabaachuunis kan beekamaniidha.
Ummattootni Oromoofi Somaalee ummattoota ollaa walii waliin jiraatan qofa osoo hintaane, aadaafii duudhaalee, akkasumas afaaniifi amantaa walitti dhihaataafi darbee darbes walfakkaataa ta’e kan qabaniidha.
Tokkummaa ummattootni kunniin gama amantiitiin waliin qaban yemmuu ilaallu Amantii Islaamaa kaasuun keenya dirqama ta’a. Akka carraa ta’ee ummanni Somaalee guutummaatti amantii Islaamaa kan hordofu yemmuu ta’u, ummanni Oromoo immoo akka Somaaleetti guutummaatti hordofaa amantii Islaamaa ta’uu baatus kanneen daangaa Somaalee irra jiraatan irra jireessaan hordoftoota amantii Islaamaati.
Kanarraa kan ka’e immoo Ulamaa’ootni ykn beektotni amantii Islaamummaa saboota lamaan kanniin keessatti akka tooftaa amanticha babal’isuuf kan itti gar gaaraman keessaa inni guddaan aadaafi afaansaanii kana simatuun ture.
Kana qofas osoo hintaane, sheekni ummata Somaalee irraa dhalate tokko Oromoota Oromiyaa bahaa jiraatan bira dhaqee salaata sagachiisuu, quraana qaraasisuu ykn barsiisuufi dawaa gochuuf wanti isa rakkisus hin jiraatu jechuudha.
Beektota amantaa islaamaa ykn ulaamota bebbeekkamoo waliin jireenyaafi walitti hidhamiinsa saboota kanneenii keessatti akka fakkeenyaatti ka’an keessaa immoo kan akka; Abaadir Harargee, Sheek huseen Baalee, Sheek Mohaammad Rashaad, Sheek Mahaammudiifi Sheek Hasan Nageellee maqaa dhahuun ni danda’ama.
Ulamoota kanneeniif immoo Zaylaan handhuura amantaa kan lafa sabootni lameen kunniin irra jiraataniifi godinaalee kanneen birao olla sana jiraataniif amantaa isaanii ummataaf dhaqqabamaa taasisuuf itti fayyadamaa turan.
Iddoowwan akka handhuura amantaa Islaamaatti maqaansaanii ka’u keessaa immoo Dirree Sheek Huseen, Balballetti, Harariifi kanneen kana fakkaatan kaasuun ni danda’ama. Hojii seena qabeessa ta’e kanaan ulaamonni bebbeekkamoon kunniin iddoowwan maqaansaanii eeraman kanneen hundatti yemmuu amantii Islaamaa barsiisaa turan hundatti, amanticha qofaa osoo hintaane haala waliin jireenyiifi tokkummaan ummattoota lameenii ittiin cimurrattis cimsanii hojjataa akka turaniidha seenaan kan ibsu.
Waliin jireenyiifi walitti dhufeenyi saboota kanneen lamaanii amantii tokko qooddachuu qofaan osoo hintaane, hundee dhalootaa tokko irraa kan maddan ta’uus kitaabbileen seenaa garaa garaa ni mul’isu.
Barreeffamni seenaa durii kan qorattooni Islaamaa Ibn sa’idii Yakut jaarraa 12ffaa-jaarraa 13ffaa fi kitaabni Fatul Habsh kan jaarraa 16ffaa keessa barraa’e, wal fakkeenyaafi waliin jireenya saboota Oromoofi Somaalee jidduu jiru sirritti kan ibsuudha.
Dabalataan immoo barootuma as dhihoo kana keessa hayyoonni bebbeekkamoon baroota afurtama ol qorannoo bal’aa gara afaanii, aadaa,haala jiruufi jireenyaa, hambaa dhala namaafi kanneen kana fakkatan irratti gaggeessuudhaan Oromoofi Somaaleen akka dhala sanyii tokkoo ta’an kan barreessan. Sabootni sanyii tokko irraa maddan kunniin immoo lafa gaarreen kibba baha Itoophiyaa irraa jiraachaa kan turaniidha.
Qorannoolee kana ilaalchisee Phirofeesar Abdii Ismaa’el Samatar bara 1989tti barreeffama qorannoo gaggeessaniin kitaabbileen seenaa sana dura waliin dhufeenya saboota lameenii kanniin irratti barreeffaman sirrii ta’uusaanii mirkaneessaniiru.
Akkasumas hayyuun Oromoo Phirofeesar Mohaammad Hasanis kitaabasaanii kan “seenaa ummata Oromoo” jedhu keessatti maddi saboota kanneen lameeniituu Baale Madda Walaabuu ta’uusaa mirkaneessaniiru.
Gama biraatiin immoo qorannooleen adda addaa kan burqaan lugaa ykn afaanota saboota kanniin lameenii irratti gaggeeffaman akka mul’isanitti, afaanotli lamaan kun bara durii keessatti tokko akka turaniifi “Afaan Kuush Bahaa” jedhamuun kan beekkamaniidha.
Haa ta’uu malee, walqunnamtii qaroomina birootiin taasisaniifi walhoormaataanis baay’achaa dhufuu ummattootaarraa kan ka’e, dhawata dhawaataan afaan tokkicha ture sun ummata baa’achaa quubsuma walirraa fagootti bittinnaa’aa adeemu biratti qoodamuudhaan gara afaanota lamaatti guddachuu akka danda’es kitaabbileen seenaa kunniin ni ibsu.
As keessatti wanti hubatamuu qabu tokko yoo jiraate, yeroo ammaatti afaanootni kunniin of danda’anii lama ta’anii kan jiraatan ta’anis, afaanootni lachuu garuu loqodaafi jechoota hedduu kan waliin qooddataniidha.
Maqaaleen qaamota dhala namaa irra jiranii irra jireessaaniifi qaamota miiraa immoo guutummaan jecha walfakkaataa kan fayyadamaniifii hiikkaa walfakkaataa ta’es kan qabaniidha.
Seenaa waliin jireenya obbolummaa saboota lameen kanniinii keessatti immoo inni akka boqonnaa guddaatti ka’uu danda’u waliif birmannaafi waldeeggarsa isaan gama siyaasaatiin waliif taasisaa turaniidha.
Yaadannoon seenaafi barreeffaman jiran qabsoofi rakkoolee adda addaa kan sabni lamaan osoo wal hin gargaarin darban akka hin jirre mirkaneessu. Mootummoota cunqursoo Itoophiyaa durii qabsoo walootiin dura dhaabbachaa turan.
Kitaabni seenaa Fatul Habshiin barreeffame akka eerutti, jaarraa 16fa keessatti sabni Oromoofi Somaalee dhiibbaa diina mootummaa Abisiiniyaarraa dhufaa ture irree tokkoon falmachaa akka turaniidha.
Akkasumas bara Mootummaa Miniliik irraa eegalee hanga Haylasillaaseefi Dargiitti sabootni lameen kunniin hacuuccaafi cunqursaa hamaa jala kan turan ta’uunsaanii kan yaadatamuudha. Amantiifi aadaa ummattoota kanneen lameenis ilaalcha siyaasaa hamaa ta’een ilaalamaa kan ture yemmuu ta’u, sababa kanaanis sadarkaa maqaa namaafi lafaa geeddaruu irras gahamee kan tureedha.
Kana bira darbes immoo sabootni kunniin mirga akka lammii biyya tanaatti argachuu malan dhabanii akka lammii lammaffaatti ilaalamuufis carraan hamaan kan isaan qunnamee ture baruma bulchiinsa Nugusoota Itoophiyaa sana keessatti ture.
Dhiibbaafi cunqursaa sirnoota kanaa jalatti waliin dhiitamuu qofa osoo hin taane, qabsoo farra Moototaa gaggeessuu keessattis waliif birmachuufi waliin duuluun Oromoofi Somaalee ga’ee olaanaa kan qabuudha.
Hunda caalaa garuu, oolmaan ummanni Somaalee Oromoodhaaf oolee seenaan yoomiyyuu hin daganne taateen inni guddaan kan gaafa Oromoon biyya isaa keessatti afaansaatiin tamsaasa Raadiyaafi Televizhiinaa dhoorkamu kan heeyyameef Somaalee ta’uusaati.
Afaan Oromoo Itoophiyaa keessatti Reediyoo cabsa gaafa jedhamee itti baacamee dhoorkametti,Somaaliyaa keessatti Afaan Oromoo yeroo jalqabaatiif reediyoodhaan tamsa’uu eegale.
Tamsaasn Reediyooi Afaan Oromoo Somaalee irraa darbuu kun immoo ummanni Oromiyaa bahaa qabsoo sirna abbootii lafaa irratti taasifamu akka deeggaruuf carraa bal’aa kan uume ture.
Oromiyaan bahaa (Hararge, Arsii, Baaleefi Booranni) wayita tamsaasa raadiyoo moqadishoo irraa tamsa’uun miiraafi qalbiinsaanii garasitti ciisetti, mootummaan Itoophiyaa immoo miira ummataa kana garasaatti deeffachuuf jecha tamsaasa Raadiyoo dura dhoorkamee ture magaalaa Hararirraa akka tamsa’u eeyyama kennuuf dirqame.
Walumaa galatti, harooroon obbolummaa ummattoota gurguddoo kanneen lamaanii kaleessaa hanga har’aatti gufuuwwaniifi rakkoolee xixiqqoo yeroo adda addaatti uumamaniin osoo hin gufatin har’a ga’eera.
Miirri obbolummaafi waliin jireenya ummattoota biyyattii bifa kanaan cimaa adeemuun immoo tokkummaa biyyattiitiifis murteessaa waan ta’eef, maqaa saba ofii waakkatanii “Itoophiyaawii Qulqulluu” warri ta’uu barbaadanis asirraa bauumsa argachuu qabu.
Itoophiyaan biyya ummattootni aadaafii duudhaa, akkasumas afaaniifi seenaa garaa garaa qabanii tokkummaadhaan keessa jiraatan hundeessan ta’uunis hubatamuu qaba.
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 19/2013