Saamraawiit Girmaatiin
Addababa’iin Masqalaa utuu mootummaa Minilikiifi Raas Birruutiin hinqabamiin dura Addababa’ii Keelloo Masqalaa jedhamee waamamaa turuudha Hayyuun Seenaa Alamaayyoo Haayilee Gaazexaa Bariisaaf kan ibsan.
Naannawaan moggaasa Keelloo Masqalaa jedhu osoo hinargatiin dura karaa gadaanuun Dalloo (Dololloo) buddeenaa jedhama. Akkasumas, Hora Finfinneetiin waan walitti dhufuuf Hulluqoo Kormaas jedhamaa ture jedhu.
Araddaa kanarras Galaaniifi Gullaleetu qubate ture. Laficharra dur Oromoon horii irra tikfata. Sanaa booda yeroo mootii Hayilasillaasee namni kibbaa dhufee naannawicha bulchaa ture Raas Birruun Masqala irratti gubsiisuu eegale. Oromoonis Masqala waan jaalatuuf fardaan ba’ee achitti gulufee Masqala kabajataa turuu kaasu.
Bara Dargiimmoo Addababa’ii Abiyoot jedhamuun bakkee taateewwan hawaasummaafi siyaasaa ta’e tajaajileera. Ayyaanoonni amantii, dorgommiiwwan ispoortii, walga’iiwwan siyaasaafi taateewwan garagaraas irratti adeemsifameera.
Bara ADWUIs bakkichi maqaasaa Addababa’ii Masqalaatti jijjiirratee tajaajila kennu ittuma fufe. Bara kanas taateewwan gurguddoo, siyaas-dingadeefi hawaasummaa keessummeesseera.
Taateewwan guguddoo gama siyaasaan bakkichi keessummeesse keessaa mormii bara 997, mormii maastar pilaanii Adoolessa bara 2008, hiriira deggarsaa Ministira Muummee Doktar Abiyyiif taasifamee boombiin itti darbatame seenaan yoomuu hindagatu.
Bakki seenaa Itoophiyaanota keessatti waan baay’ee argeefi dabarse kun umurii waggaa 60 ol haa qabaatu malee ijaafillee hawwataa hinturre. Bakka daa’imman kubbaa itti taphatan, ga’eessoonni ispoortii itti hojjetan, konkolaatawwan qaxxaamura biyyaa nama itti fe’an, bakkee bultii namoota daandiirraas ture.
Bakki seenaa siyaasa Itoophiyaa keessatti bakka olaanaa qabu kun seenaqabeessummaasaa akka qabatetti dhalootaaf akka darbu yaadamee hojiin haaromsaafi miidhaginaa hojjetameefi Dilbata darbe bakka Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad, Pirezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Aadde Ma’aazaa Ashannaafii, Kantiibaa Ittaantuu Adaanach Abeebee, Pirezdaantii Duraanii Doktar Mulaatuu Tashoomaa, Kantiibaa Ittaanaa Duraanii Injinar Taakkalaa Uumaa, aanga’oonni federaalaafi bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi keessummoonni waamichi taasifameef biroon argamanitti sirna ho’aadhaan eebbifameera.
Pirojektichi Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneerraa eegalee hanga Dalloo Buddeenaatti kiiloomeetira 3.5 yoo ta’u, qarshii biliyoona 2.5 ijaarame. Daandiin mana qopheessaa magaalittiirraa eegalee hojjetame kun bakkee namoonni lafoo irra adeeman, saayikilii irra oofan, taa’anii itti boqotaniifi abaaboowwan qalbii namaa hawataniin faayameera. Nama dallaa mana qopheessichaa keessa dhaabbate gadi ilaaluuf miidhagummaan Shaggar sirriitti mul’ata.
Addababa’iin Masqalaa kanaan dura namoota kuma 500 caalaa hinkeessummeessinees namoota miliyoona tokkoo ol keessummeessuu haala danda’uu miidhagee diriireera. Margi, ibsawwan, iskiriiniwwan beeksisaa, biqiltuwwaniifi dhagaan irraa hojjetame ija nama hawwata. Keessumaa galgala ibsaafi hurkaan faayamee yommuu ilaalamu sammuu namaaf boqonnaa kenna; qarshiin waan hinjijjirre hinqabus nama jechisiisa.
Sirnicharratti haasaa kan taasisan Kantiibaa Ittaantuun Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee akka jedhanitti, Addababa’iin Masqalaa jaarraa walakkaa olii taateewwan garagaraa ofirratti keessummeessuun fakkii magaalattii ta’ee tureera.
Bakkichi seenaasaa akkuma eeggatetti bara wajjin walitti hidhanii dhalootaaf dabarsuun hojii qormaata olaanaa qabu turuufi agarsiiftuu mul’ataa ta’eera. Ijaarsa boqonnaa hinqabne ji’oota kudhaniif taasifameenis teknolojii ijaarsaa ammayyaawaatiin faayamee tajaajilaaf qaqqabeera.
Kunis sadarkaa qaroominaa Finfinneen ammaan tana irra jirtuun kan walsimuufi dandeettiifi obsi waa raawwachuu kan itti beekame ta’uu ibsu. Finfinneen aadaa, seenaafi yaadannooshee osoo gadi hindhiisiin qormaatawwan qabdu furuun akka danda’amu pirojektii mul’iseedhas jedhu.
“Addababa’ichi waggoota 50 oliif tajaajila kan kenneefi maqaansaa geggeddaramaa as kan qaqqabe yoo ta’u, seenaa addababa’iiwwan biyyattii keessaa hangasaa seenaafi muudannoo kan qabu hinjiru. Kanaaf bakki kun kan Itoopiyaanota hundaa waan ta’eef pirojektii yeroodhuma eegallu milkaa’inasaa barreedha” jedhan.
Ka’umsi yaadaa Finfinnee miidhagsanii abaaboo fakkeessuu kun kan Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ta’uus eeranii, fiixaan ba’iinsasaafis hordoffiifi to’annoonsaanii itti dhihoo waan tureef waltajjicharratti galateeffataniiru. Fuuldurattis magaalattiin hambaawwaniifi wantoota itti beekamtu waliin haaressuun jiraattotasheef mijattuu taasisuuf hojiin hojjetamu cimee akka ittifufu ibsu Aadde Adaanach.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi gamasaaniin, addababa’iin Itoophiyaanota hundaaf malu tokko daran miidhagee ijaaramuusaatiin erga ummata biyyattii hundaan baga gammaddan jedhanii booda, misoomni akka balleessuu haaressuun akka diiguu salphaa akka hintaane kaasanii, Itoophiyaa bareedduu uumuuf tokkummaadhaan dhama’anii hojjechuu akka barbaachisu dubbatu.
“Addababa’iin Masqalaa baay’ee kan argeefi kan dabarse qaama eenyummaa keenyaa, hiika walitti qabama keenyaati. Gaggeessitoota biyyoota hedduu keessummeessera, hoggantoota lubbuudhaan darbanis gaggeesseera, ayyaana damaraa Masqalaatiin miidhageera, ayyaanota ummataa guguddoo keessummeesseera, hiriirota deggarsaafi mormii taajjabeera, ganama yeroo hundaa ispoorteessitoota tajaajileera.
Maqaansaa geddaramees Addababa’ii Abiyoot’ jedhameera. Miira danfaa ummataa filannoo 97fi taatee waxabajjii 16s garaasaa bal’aatti baatee dabarseera. Biyyattiif addababa’ii tokkicha ta’uusaatiin taatee guddaa dhufe hunda qofaasaa akka dhufaatiisaatti gaggeesseera” jedhu.
Badhaadhinni Itoophiyaan kan dhalatu dhamaatiifi tokkummaa ijoolleesheetiin ta’uun dagatamuu akka hinqabne kaasanii, kunis kan ijaaramu Paartii Badhaadhinaatiin qofa osoo hintaane tumsa paartilee morkattoota hundaafi ummataan ta’uu ibsu. Kanaafuu badhaadhina biyyattiifi hundi akka tumsu gaafatu.
Pirojektiin Addababa’ii Masqalaarraa hanga Mana Qopheessaatti daandiin kiiloo meetira 3.5 kan miidhagfame yoo ta’u, daandii mijataa lafoofi biskileetiis ni qaba. Akkasumas, bakka bashannana ummataa afuriifi paarkiingii ammayyaawaa konkolaataawwan kuma tokkoofi 400 dhaabsisuu danda’u qaba. Paarkiingichis keessoosaatti suuqota 35, manneen fincaanii 140, mana dhiqannaa 20, biiroowwan, liiftiiwwan ammayyaawoo ja’aafi kaameeraawwan nageenyaa sa’aatiiwwan 24:00 hojjetan ni qabu. Suuqonni kunneenis aadaafi boca Itoophiyaa qabatanii
ijaaramaniiru. Kanneen malees iskiriiniiwwan 8×18 lamaafi 6×10 kan ta’an afur, ittisa balaa abiddaa ammayyaawaa qaba. Tajaajiloota intarneetii ‘WiFi’, telekoomii, baankiifi suuqonni sa’aatii 24:00 tajaajila kennanis qaba.
Bakkichi bocasaa eegee ayyaana Masqalaatiif akka ta’utti kan qophaa’e yoo ta’u, miidhamtoota qaamaatiif akka mijatutti ta’ee hojjetame. Balaan abidda bakka tokkotti otoo ka’e gara biraatti akka hinbabal’anneef ittisuu danda’u teknolojii qabatee ijaarame.
Bareedina umamaa akka fakkaatuuf abaaboowwaniin kan faayame pirojektiin kun akka ayyaanota amantii, ispoortii, walgahiiwwanii kkfs ni qaba. Pirojektichi guutummaatti tajaajila kennuu wayita eegalu lammiilee kuma 10 ta’aniif carraa hojii ni bana.
Walumaagala, pirojektiin miidhagina Finfinnee sadarkaa tokko ol bute kun muuxannoowwa baay’een kan itti argamaniifi pirojektiiwwan yeroo muraasa keessatti xumuruun akka danda’amu kan agrsiise ta’uusaatiin kan dinqisifatamuudha, magaaloonni naannooleefi godinaas muuxannoo kana fudhachuun hojii miidhagsaa hojjechuun magaalaa lammiileesheef mijattuu uumuuf hojjechuu qabuun ammoo ergaa keenya.
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 12/2013