Filannoo 2013 Itoophiyaan itti injifattu

Biyyi keenya filannoo seenaqabeessa geggeessuuf qophii hunda xumurtee har’a dabalatee guyyoota lama qofatu hafe. Filannoo marsaa jahaffaa kana nagaa, demokraatawaa, haqa qabeessaafi hunda biratti fudhatama argate gochuuf gaheen ummataa, paartiilee siyaasaa, kaadhimamtoota dhuunfaa, raawwachiistota filannoofi mootummaa iddoo olaanaa qabaata.

Hundaa olitti ammoo nageenyi bu’uura sochii hundaa waan ta’eef mootummaan kutaalee hawaasaa hunda qindeessuudhaan nageenya filannichaa mirkaneessuuf qophii ga’aa gochaa ture xumuree hojii qabatamaa keessatti argama.

Iddoowwan filannoon iitigeggeeffamu hundatti qaamoleen milkaa’ina filannichaatiif hojjetan marti qindoominaan akka socho’aniifi lammiileen sodaafi yaaddoo malee ba’anii akka filataniif mootummaan gaheesaa bahachaa jira.

Keessumaa qaamolee nageenyaa naannoofi federaalaa walitti qindeessuudhaan bakkawwan hundatti bobbaaseera. Seeraafi naamusa filannoo, qajeelfamootaafi kallattiiwwan hojii Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaatiin kennaman giddugaleessa godhachuun ergama kennameef amanamummaafi guutummaan bahachuurratti argamu.

Bilchiinsi mootummaa Naannoo Oromiyaas ibsa kenneen, Gama sochii jala bultii filannoo, guyyaa filannoofi filannoon boodaa tasgabbaa’aafi nagaqabeessa gochuuf qaamolee qooda qaban hundaaf ergama kennuu bira darbee ummata bal’aa marii wajjin taasisuun hirmaannaa hundagaleessa mirkaneessuuf haala mijaawaa uumuu eereera.

Kanaanis ummanni  yaboowwan guguddoo sadiirratti xiyyeeffachuu qaba. Isaan keessaa tokko filannichi karaa nagaa eegalamee akka xumuramuuf qaamolee nageenyaa waliin qindaa’uufi humna nageenya filannichaa booressuuf aggaamu kamuu saaxiluudha.

Lammaffaan akkuma gamtaan bahee kaardii filannoo fudhate, sodaafi yaaddoo tokko malee paartiifi kaadhimamaa naa ta’a jedhee yaadeefi amane bilisummaadhaan filachuudha. Akkasumas hanga firiin filannoo qaaama seeraan kennameefiin ibsamutti tasgabbiidhaan eeggachuufi burjaajii uumamu kamuu gurra dhorkachuun sagaleesaa kabachiifachuu qaba.

Caasaan bulchiinsaafi nageenyaa mootummaa sadarkaalee hundatti argamu filannoo marsaa jahaffaa nagaa, demokraatawaa, bilisa, amanamaafi haqaqabeessa gochuuf gahee bahachuu qaburratti hubannoo barbaachisu gonfateera. Yeroo kamuu caalaa karaa guutuu ta’een hojjetee maniiwwan qabaman milkeessuuf ejjennoo qabateera. Keessattuu, humni nageenyaa naannoofi federaalaa qindoominaan socho’ee yaalii humnoota diigumsaa fashaleessuuf ciminaan hojjechaa jira.

Bilisummaafi birmaduu aangoo murteessummaa ummataa heera mirkanaa’e kabaachiisuuf qophiidha. Ummanni nagaan bahee filatee mootummaasaa akka ijaarratuuf qooda irraa eegamu bahachuuf imaanaa fudhatee hojiitti seeneera. Walumaagalatti filannoon marsaa 6fa, bara 2013 kun kan Itoophiyaan ittimo’attu akka ta’uuf hunduu walta’insa yeroo duula na filadhaatti gochaa ture irra deebi’uun seenaa biraa hojjechuuf of qopheessuu qaba.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 12/2013

Recommended For You