Lattasanbat Gideey Rikordi haaraa galmeessite

  • Atileetonni Itoophiyaa bakka bu’an beekaman

Finfinnee: Akaakuuwwan ispoortii addunyaarratti jaalatamaafi hordoftoota baay’ee qaban keessaa adda dureen ispoortii atileetiksiidha. Akaakuu ispoortii kana keessaa taphiwwan olompikiifi shaampiyoonaan atileetiksii addunyaa waltajiiwwan guguddoo ispoortiin kun irratti keessummaa’uudha.

Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif dorgommii akkanaarratti hirmaachun addunyaatti kan makamte ALA bara 1960 Olompikii 17fa Magaalaa guddoo Xaaliyaan, Roomitti qophaa’erratti.

Akkasumas shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa isa yeroo jalqabaatiif Filaandi, Magaalaa Heelsinkitti ALA  bara 1983 gaggeeffamerrattis hirmaachuudhaan Afrikaarraa adda durummaan beekamtii argatteetti.

Abbabaa Biqilaa Itoophiyaas ta’u Afrikaa bakka bu’uun miila duwaa fiigee dorgommii  maaraatoniitiin sa’aatii 2:15.16n raawwachuun yeroo jalqabaatiif riikordii olompikii foyyessee karaa mo’annaa atileetota  Itoophiyaafi Afrikaaf kan saaqe.

Akkasumas shaampiyoonaawwan atileetiksii addunyaa adda addaa kenneen dirreefi mana keessatti adeemsfamanirratti hirmaachuudhaan atileetonni Itoophiyaa korniyaa lameeniinuu mo’annaa dachaa gonfachuudhaan hanga ammaatti riikardii addunyaa kan qabatan.

Haaluma kanaan seena olompikiifi shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa keessatti atileetonni Itoophiyaa maaraatonii dhiiraarraa kan hafe fiigicha meetira kuma kudhanii, kuma shanii, kuma sadii, kuma 1fi 500fi kan maayila lamaafi tokkootti  dhiiraafi dubaraan rikordii addunyaa harkatti galfachuudhaan hanga ammaatti tursiisaniiru.

Hanga ammaatti atileet Ganzabee Dibaabaa dubaraan fiigicha meetira kuma shanii, kuma sadii, kuma lamaa, kan maayila tokkoofi lamaa, walumaagalatti rikardiiwwan atileetiksii addunyaa shan harka ishee jiraachun kan yaadatamuudha.

Qananiisaa Baqqalaa rikardii addunyaa maaraatoniidhaan maayila tokko fooyyessuudhaan yeroo dheeraaf harkasaa turus atileetota Itoophiyaafi Keeniyaatiin harkaa baheera. Haata’u malee kan, meetira kuma kudhanii, kuma shaniifi kuma lamaa ammas harkumasaa jira.

Hayilee Gabrasillaasee dorgommiiwwan fageenya addaddaatti yeroo 27 rikardii fooyyessuudhaan addunyaarraa atileeta duraa ta’us hanga ammaatti fiigicha maayila kuma kudhanirraa kan hafe kanneen biroo atileetotuma Itoophiyaa, Keeniyaafi Ugaandaa harkaa bahaniiru.

Olompikii Riyoo ALA bara 2016 Biraazilitti qophaa’etti  atileet Almaaz Ayyaanaa fiigicha metira kuma kudhaniitti daqiiqaa 29:17.45 rikardii haaraa galmeessisuudhaan waggoota afurif harka ishee turuun kan yaadatamuudha.

Dilbata darbe ammoo dhalootaan Itoophiyaa lammummaan Holaandii kan taate atileti Siifaan Hasan daqiiqaa 29:06.82n raawwachuudhaan wayita nu harkaa bahe jennee gaabbii keessa turretti  guyyoota lama booda, Kibxata darbe Lattasanbat Gideey daqiiqaa 29:01.03n xumuruun Itoophiyaatti deebifteetti. Latsasanbat fiigicha kiiloo meetira 15ttis rikardiin addunyaa harkumashee akka jiru beekamaadha.

Latsasanbat rikardii haaraa Itoophiyaaf kan deebifte  olompikii Tokiyoo  ALA Adoolessa 23 hanga Hagayya 8 bara  2021 Jaappaan, Tokiyootti gaggeeffamuf miiniimaa olompikii guuttachuuf dorgommii Holaanditti godhaterratti ta’usaati.

Rikardiin Lattasanbat deebifte kun hammiilee atileetotaa, federeeshinii atileetiksii, koree olompikii biyyaalessaafi walumaagalatti hammiilee ummata keenyaa deebifte kan supheedha.

Atileetonni Itoophiyaa kanaan dura dirreewwan atileetiksi irratti hirmaatan injifannoo bira darbanii rikardii haarawaa fooyyessuudhaa mo’annoo dachaan galuusaanii kan mi’eeffate ummanniifi mootummaan biyyattis gaabiin itti dhagahamee hammana hinjedhamu ture. Amma garuu gammachuun kan hundaa ta’eera.

Itoophiyaan olompikii kanarratti hirmaachuuf atileetota ishee bakka bu’an beekuuf  jecha sochiiwwan adda addaa gochaa turuudhaan tibana atileetota akkaakuu ispoortii atileetiksiitiin hirmaatan addaan baasuun qophiilee barbaachisan gochuu jalqabeera.

Atileetonni Itoophiyaa bakka bu’anis fiigicha meetira 800 hanga maaraatonniitti kanneen dorgommaniidha. Kan ‘Worlid Tekuwaandoo Solomon Tufaa duraan dursee darbuusaa beekuudhaan qophii gochaa jira.

Kanneen hafan ammoo turban kana keessaa miiniimaasaanii guuttachuudhaan beekamaniiru. Haaluma kanaan fiigicha meetira 800 dubaraan Warqinash Geetaachoo, Habtaam Alamuufi Warqinash Mallasaa yoo ta’an, dhiiraan kanneen hirmaatan miiniimaasaanii guuttachuu hindandenye. Kanaaf biyyatiin barana fiigicha 800 dhiiraan bakka bu’oota hinqabdu jechuudha.

Fiigicha  kuma 1fi 500n dubaraan Firewayinii Hayiluu, Dirribee Waltajjiifi Lamlam Hayiluu, dhiiraan Taaddasaa Lammii, Saamu’eel Abaataafi Saamu’eel Tafarraa, kuma sadin Maqdas Abbabaa, Loomii Mul’ataafi Zarfee Wandimmaagany  Aganyawu ta’uun beekameera.

Fiigicha meetira kuma shanii dubaraan Gudafaay Tsaggaayee, Ijjigaayyahu Taayyeefi Sanbaree Tafarii miiniimaa guuttachuu bira taranii sa’aatii gaarii galmeessiuudhaan mo’ataniiru. Dhiiraan Geetinnat Waalee, Nibrat Malaakiifi Milkeessaa Mangashaa, kuma kudhan dubaraan Lattasanbat Gideey,Tsiggee Gabrasalaamiifi Tsahaay Gammachuu, dhiiraan Solomoon Baargaa, Yoomiif Qajeelchaafi Birihaanuu Argaawu atileetota miiniimaa guuttachuudhaan maqaa Itoophiyaa olompikii kanarratti waamsisuuf qophaa’aa jiraniidha.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 5/2013

Recommended For You