Addunyaa kanarra namoonni biliyoona tokkoo ol ykn dhibbantaa 17 ta’an miidhamoota qaamaati. Itoophiyaattimmoo miidhamtoonni qaamaa miliyoona 18 ykn dhibbantaa 19 akka argaman gabaasonni Dhaabbata Fayyaa Addunyaafi Baankii Addunyaa ni addeessu.
Jireenya keessatti namni kamuu rakkoowwan garagaraa jalaa bilisa ta’uu hindanda’u. Keessumaa miidhamtoota qaamaa hawaasa keessatti guutummaatti hirmaachisuuf gufuuwwan ykn danqaawwan hedduttu isaan mudata.
Gufuuwwan kunneenis akaakuu baay’ee kan qaban yoo ta’u, kanneen keessaas haala naannawaa, odeeffannoofi hariiroo, teknolojii, seeraafi imaammata akkasumas, ilaalcha hawaasummaafi loogummaan ni eeramu.
Miidhamtoonni qaamaa hawaasa keessattis ta’e bakkeewwan tajaajilaa kanneen akka barumsa, mindeeffama hojii, kunuunsa fayyaa, geejiba, hirmaannaa siyaasaa akkasumas dhimmoota haqaa keessatti heddumminaan akka hinhirmaanne taasifameera.
Yeroo baay’ee waa’ee miidhamtoota qaamaa hojiilee misoomaafi tajaajiloota hawaasaa keessa galchuun barbaachisaa akka ta’e eerama. Kanaafs yeroowwan addaddaatti waltajiiwwan qophaa’an mararratti miidhamtoonni qaamaa of danda’anii bilisaan akka jiraatan gochuufi jireenyaa hawaasaafi misooma maraa keessatti dammaqinaan akka hirmaataniif mootummaafi ummanni gumaachasaanii akka bahan labsameera.
Akkasumas wantoonni hirmaannaasaaniirratti rakkoo uuman akka dhabamsiifaman seeroonni Dhaabbata Mootummoota Gamtomaniitiin ba’an hojiirra akka oolan labsameera. Haata’u malee hojirra ooleera jechuun rakkisaadha.
Biyya keenyattis gufuuwwan miidhamtoota qaamaarratti fuulleeffatan hedduudha. Gufuuwwan kanneen dhabamsiisuuf sochiiwwan muraasni yoo taasifamanillee bu’aansaanii sababa hanqina hubannoo hawaasaatiin, hiyyummaafi boodatti haafummaa keenyaan, akkasumas qaawwa gama seeraatiin jiruun gammachiisaadha jechuun hindanda’amu.
Ammaan tana biyya keenyatti bu’uuraaleen misoomaa kanneen akka daandii, gamoowwan, teknolojiiwwan odeeffannoo gugudoonni bal’inaan adeemsifamaa yoo jiraatanillee, hojiileen kunniin haala ittifayyadama miidhamtoota qaamaa ilaalcha keessa galchan gadaanadha. Haa ta’u malee mootummaan rakkoo kana furuuf miidhamtoonni qaamaa dandeettii qaban barumsaan akka cimsatan gochuuf yaaliiwwan addaddaa gochuu jalqabeera.
Haaluma kanaan Bulchinsi Magaalaa Finfinnee, Biiroon Dhimma Hawaasummafi Biiroon Barnoota Magaalaa Finfinnee walta’uun barattoota miidhamtoota qaamaa barana qormaata kutaa 12fatti qabxii olaanaa fiduudhaan yunivarsiitiwwan addaddaatti ramadaman hamileesaanii eeguuf badhaasa qarshiifi meeshaalee barnootaa kennuuun gaggeessaniiru.
Sirna gaggeessaa dhiheenya kana taasifamerratti argamuun haasawa kan taasisan, sadarkaa kantiibaa ittaanaatti qindeessaan Waajjiraalee Mootummaa Tajaajila Kennanii Obbo Jaanxiraar akka ibsanitti, barattoonni miidhamtoota qaamaa magaalaa Finfinnee keessa jiraatan hedduu ta’anis carraa barumsa yunivarsiitii argachuun gara naannolee addaddaa kan deeman muraasa ta’uus addeessaniiru.
Carraa argametti fayyadamuun wayita gara mana barumsaa seenan barnootasaanii haalaan hordofuun qabxii gaarii akka galmeesisan dhaamu.
Hogganaa Biiroo Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Magaalaa Finfinnee Obbo Tafarraa Mollaa gamasaaniin, miidhamtoota qaamaa miliyoona 18 biyyattiitti argaman keessaa kumni 50 ol Finfinneetti akka argaman eeranii, kanneen keessaa kumni 13 waldaadhaan gurmaa’uun hojiilee mootummaafi dhuunfaarratti bobba’aniiru jedhu.
Biirichi ummata magaalichaa dadammaqsuun hojiiwwan bu’a qabeessaa hojjechaa jiraachuu himanii, ammaan tana miidhamtoota qaamaa hojii dhabeeyyi kuma lamaafi 500 gargaaraa jiraachuu himu.
Miidhamtoonni qaamaa Magaalaa Finfinnee yeroo baay’ee harka namaa eeggachaa turan har’a mana barumsa galuudhaan ogummaawwan addaddaa argataniin of danda’uuf carraaqqii godhaniif karaa biirichaatiin qarshii miliyoona ja’aa ol walitti qabuun kennamuus Obbo Tafarraan ni ibsu.
Kana malees, barattoonni miidhamtoota qaamaa kuma lama ta’an tajaajila geejiba tolaa akka argatan eeyyamamuu kaasanii, kanneen sababa rakkinaatiin barnootasaanii addaan kutan barnootatti deebisuuf qarshii miliyoonni lama walitti qabamuu dubbatu.
Barattoota kuta 12fa bara 2012 qorumsa biyyaalessaa fudhachuun qabxii olaanaa fidanii yunvarsiitiwwan garagaraatti ramadaman an 732f gargaarsa addaddaa taasifamuu kan himan hogganichi, bu’uura kanaan korniyaa lamaaniin barattoota 32f qarshii kuma ja’aa hanga 10 badhaafamuu ibsu.
Badhaafamtoota kanneen keessaa tokko kan taate Beetaliheem Salamoon karaa turjumaanashii Gaazexaa Bariisaatiif akka ibsitteetti bara 1993 magaalaa Hawasaatti dhalattee ammaan tana Finfinnee kutaa magaalaa Boolee maatiishee waliin jiraatti.
Haadhaafi abbaasheetiif intala hangafaa yoo taatu dubbachuu waan hindandeenyeef namoota waliin mallattoodhaan akka waliigaltu ibsiti.
Rakkoon kun kan yeroo keessa ishee mudate osoo hintaane kan dhalootaa ta’uu kaastee, obboleettiin ishee quxusuus dubbachuu akka hindnadeenye himti. Haatiifi abban ishees hojjettoota mootummaa yoo ta’an, abbaan ishee yeroo baay’ee hojii dirree waan ba’uuf caalaatti kan isaan waliin yeroo dabarsu haadhashee ta’u eerti.
“Harmee keenya wajjin kan waliigallu afaan mallattootiin. Aniifi obboleettiin tiyya kan walii gallus akkasuma. Harmeen teenyas nuuf jecha mana barumsaa afaan mallattoo galuun baratteetti. Yeroo hojiitii deebitus nu duukaa bu’uun barumsa keenya sirriitti akka hordofnuf nu garaaraa turteetti.
Anis ta’u obboleettiin tiyya mana barumsaatti barattoota sadarkaati. Waggaa waggaadhaan kutaadhaa gara kutaatti yoo ceenu badhaasa malee gallees hinbeeknu” jetti.
Kutaa 10fa yommuu xumurtu badhaasa addaa fudhachuushee kan himtu Beeteliheem, kutaa 12fas qabxii 452 fiduun qarshii kuma 10n badhaafamuusheefi obboleettiin isheemmoo barana kutaa 12fa barachaa jiraachuu kaasuun isheenis qabxii gaarii akka xumurtu abdii qabdu ibsiti.
Barnoota olaanaaf carraan kan ishee qaqqabe Yunvarsiitii Finfinnee yoo ta’u, maatiisheerraa fagaachuu dhabuusheetiin gammaduushee eerti.
“Akkuma beekamu addunyaarra miidhamtoota qaamaa hedduutu jira. Biyyoonni badhadhan dandeettii miidhamtoota qaamaatti haalaan fayyadamu. Biyya keenyatti garuu maatii tokko keessatti namni qaamaan miidhame yoo jiraate akka waan abaarametti ilaalamaa ture.
Ilaalchi kun ammaan tana geeddaramuun miidhamtonni qaamaa akkuma dandeettiisaanitti hawaaasa maddii hiriruun hojjeetanii bulu akka danda’an hubannoon mul’achaa jira” jetti.
Ilaalchi duubati hafaan sun jijjiiramuun ammaan tana hiriyyoonnishee hedduun barumsa yunivarsiitii xumuruun hojiiwwan addaddaarratti boba’aniin ummata tajaajilaa jiraachuu kaastee, isheenis gaafa barumsashee xumurtu ogummaa leenjiteen hojiitti bobbaate ummatashee tajaajiluuf yaada akka qabdu ibsiti.
Zalaalam Anduwaalamis miidhamaa qaamaa carraa barumsaa yunivarsiitii galuuf argatedha. Dhalatee kan guddate Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyootti. Umriin isaa 20 yoo ta’u bara 2012 qorumsa kutaa 12fa fudhachuun qabxii 416 fideera.
Akka inni jedhutti, yeroo miidhamni miilaa irra ga’e hin beeku. Mana barumsaa kan gale maatiin isaa isa baachaati. Erga guddatemmoo ofisaa ulee qabatee gara mana barnootaa deema.
Ta’us jireenyasaa keessatti guyyaa tokkollee akka miidhamaa qaamaatti of ilaalee hinbeeku. Maatii, ollaafi hiriyyoonnisaas al takkallee hamileesaa tuqanii hinbeekan. Kanaaf waa’ee miidhama qaamasaa osoo hintaane waa’ee barnootasaa yaadaa waan barateef qabxii gaarii galmeesisuu danda’e.
“Maatin kiyyas meeshaa barnootaa barbaachisaa waan naaf guutaniif rakkina tokko maleen barnootakoo hordofaa ture. Qabxii kanas fiduu kanin danda’e hordoffii maatii kiyyaatiin waan ta’eef baay’een isaan galateeffadha.
Badhaasa kennameen qarshii kuma 10 kanin argadhe yoo ta’u, qaamolee sagantaa kana qopheessan nan galateeffadha. Deggarsichi barnootakootti akkan cimuuf na onnachiisa. Carraan kan na qaaqqabes Yunivarsitii Finfinneeti” jedha.
Hawaasnis miidhamtoota qaamaa warra fayyaa qabeessa qixa ilaaluun hawaasa keessatti iddoo akka argatan dhaamsasaa dabarsa Zalaalam.
Tashoomaa Qadiidaatiin
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 5/2013