Nama jijjiirametu jijjirama fida

Namootni hedduun addunyaa kanarratti bifa adda ta’een jijjiirama qabatamaa fidan hedduudha. Haa ta’u malee geggeessitoota kanneen namoota kaanirraa maaltu adda baasa? Geggeessummaansaanii maal fakkaata? Waan adda ta’e maal qabuu?

Baroota keessatti biyyoota gara garaa keessaa ka’uudhaan gandaa kaasee hanga sadarkaa biyyaafi addunyaatti milkoominaan geggeessaa kan turaniifi jiran; ilaalcha addunyaafi ilaalcha dhalootaa jijjiiruudhaan kufaatii gara milkoominaatti, hiyyuma gara badhaadhummaatti jijjiiran yommuu yaadnu jijjiirama fiduun kennaa namoota muraasaa akka ta’etti hubanna ta’a.

Inni kun garuu dhara. Akka nuti jijjiiramaaf of hinqopheessineef boquu keenya kan gadi qabu sababa ta’eef dhara akkasiirraa of eeggachuun akka jijjiiramaaf uumamne amanuun tarkaanfii barbaachisaa fudhachuuf of qopheessuun gaariidha. Isa kanaaf garuu duraan dursinee ilaalcha keenyarratti hojjechuu gaafata. Ilaalcha jijjiiramaa qabaachuun murteessaadha.

Wanti baay’ee barbaachisaan namni tokko hangam akka biyya lafaarra jiraate, hangam akka horii argate yookaan hangam akka namoonni ilaalcha gaarii isatti kennanii hordofan utuu hinta’in jijjiiramaaf ilaalcha gaarii inni calaqqisiisuudha. 

Jijjiiramni angafa waan hundumaa ta’e jijjiirama ilaalchaati. Ilaalchi namaa hojii isaa irratti dhiibbaa qaba. Ilaalcha gaarii namni ofiif qabu daandii ittiin karoorasaa hojiitti jijjiiree argu ibsaa hindhaamne of harkaa qaba. Ilaalchi gaariin firii gaarii fida. Jireenyi nu’i jiraannu calaqqee ilaalcha keenyaati.

Akkuma armaan olitti waa’ee jijjiiramaa kaasne ilaalchi keenya jijjiiramuu qaba. Wantoota gaarii simachuufi hamaa dhiisuu danda’u, carraa kallattiilee addaa addaatiin nu qunnamanitti fayyadamuu, dhiibbaa hamaarraa of qoqqobbachuu, hojii jaalachuu, sammuu keenya beekumsaan sooruu, yeroo keenya nama ceepha’uutti utuu hinta’in waan gaarii hojjechuufi yaaduutti dabarsuufi yeroo ganama kaanu yaada gaariin guyyicha eegaluuni. Sababiinsaa dhalli namaa firii yaadasaati.

Addumaan ammoo sadarkaa geggeessummaa irras ta’e bakkawwan gara garaa irra namootni jirru nama jijjiirama fidu ta’uuf wanti guddaan beekuu qabnu yoo jiraate yaadni keenya dhiibbaa mataasaa danda’e akka qabuudha.

Nama yaada jijjiiramaa qabuufi nama karoora hijiitti geeddaramu qabu ta’uutu nurraa eegama. Sababiinsaa ofirrattis ta’e namoota kan biro irratti jijjiirama fiduun kan dandaa’amu yoo karoora qabaanne qofa. Jijjiiramaaf yoo of qopheessine; yoo jabaannee hojjenne qofa.

Inni kun yoom iyyuu murteessaadha. Namni jijjiiramaaf hojjetu nama furmaataa yoo ta’u, namni sababa hojii argateef hojjetu qaama rakkoo ta’uun isaa hinoolu.  Sababiinsaa dhalootaaf kan barbaachisu jijjiirama jireenya, ilaalcha, egeree biyyaafi dhalootaarratti dhiibbaa geessisuu danda’u yeroo ta’u, namni isa kanaaaf of hinqopheessine dhalootarratti dhiibbaa barbaachisaa fiduu hindanda’u.

Isa kanaaf ammoo ofiifis ta’e namoota birootiif ilaalchi nuti qabnu jijjiiramuu qaba. Si’a tokko geggeessitootni ilaalcha ofiif qaban fooyyeffachuuf, ilaalcha gadi aantummaa keessaa ba’uufi amala geggeessaa cima horachuuf tuqaalee gargaaran marsariitii tokko irraatti gadidhiifaman dubbise tarii namoota nigargaara jedhee waan yaaduuf akka armaan gadiitti xuqaalee muraasa keessaa funaanee kaa’uu yaaleera. Tuqaaleen kun akka geggeessitootni ofitti amanamummaa sirrii qabaatan kan taasisu, ilaalcha gadi aantummaa keessaa akka ba’aniif sababa kan ta’u qabxilee ba’eessa. Isaanis :

  1. Ana keessa qabeenya guddaatu jira; geggeessummaa kootti jijjiirama fiduu nan danda’a;
  2. Geggeessummaa keessatti danqaa jiru hinjibbu; rakkoo na mudatu irraa waa hedduu  baradheen darba;
  3. Yeroo hundumaa hojii natti kennames ta’e kanan karoorse hojjechuuf fedha guddaafi humna akkan qabuttan amana;
  4. Guyyaa guyyaatti hojiif yeroon ka’u cimina, gammachuufi  fedha hojjechuutu natti dhagaa’ama;
  5. Dandeettiifi beekumsa geggeessummaa natti kennameef na barbaachisu sirriitti qaba;
  6. Haala geggeessummaa keessatti na mudatu haala hamaa hundumaa mo’achuu nan danda’a;
  7. Ilmaan namootaafis ta’e akka geggeessaa tokkootti ofii kootiif kabaja nan qaba;
  8. Hojii natti kenname tokko hanga dandeettiin koo eyyametti sirriitti hojjechuu nan danda’a;
  9. Lubbuun namaas ta’e lubbuun koo gati-jabeessa ta’uu isaatti nan amana;
  10. Ofitti amanannaan koo kan hin sochoonee dha. Sababiin isaa waanan dubbadhu nan jiraadha;
  11. Yeroo hundumaa nagaattan jiraadha. Yeroo hundumaa keessa koo dhaggeeffataan jiradha.

Kanaaf duraan dursinee hojii nutti kennameef ilaalcha gadi aantummaa keessaa of baasuun barbaachisaadha. Wantoonni hedduun ilaalcha keenyaan eegalu; isumaanis xumuramu. Ilaalchi namootaa akka isaan barbaadaman ni godha.

Ilaalchi akka isaan hojii irraa geggeeffamaniifis sababa nita’a. Fakkeenyaaf namni tokko daldalaaf yoo barbaadamee yeroo gaaffiifi deebii qacaramuu irratti daqiiqaa shan keessatti si’a shan hinkolfu yoo ta’e hojii kana argachuuf carraa inni qabu walumaa galatti yaraadha.

Akkasumas namni bulchiinsa irra hojjetu tokko hojjetaaf ilaalchi inni qabu bayeessa miti yoo ta’e carraa inni hojii kana irra turu yaraadha jedheen amana. Fakkeenyaaf dhiyeenya kana keessa qorannoon maamiltoota dhaabbilee daldalaa irratti ta’e waan hedduu nama ajaa’ibsiisu ture. Maaliif dhaabbanni daldalaa tokko tokko deebi’anii akka maamiltoonni hindhaqne yeroo gaafatamanitti akkas jechuun deebisan.

“Ilaalchi abbootii qabaanyaa, bulchitoonni   dhaabbilee, manneen daldalaa isaan bira dhaqaniif yookiin maamiltootaaf gaarii miti yookaan hinjaallatnu” jedhan.

Rakkoo ilaalcha ofiifis ta’e namootaaf qabnu irratti hojjechuun jijjiiramni akka dhufu gochuun baay’ee barbaachisaadha. Fakkeenyaaf hojii tokko jibbaa hojjenna yoo ta’e gama nu jibbisiisuun utuu hinta’in gama gaarummaa isaas yaaduun gaariidha.

As keessatti gamni gaarummaa isaatii hojichi nu haa jibbisiisu iyyuu malee hojii qabaachuu keenya yaaduun ilaalchi keenya akka al-ta’umsa hintaane gochuun barbaachisaadha. Hangam iyyuu hojiin nu’i itti jirru yoo nu nuffisiise yookaan nu jibbisiise utuu itti hinyaadin hatattamaan gadi dhiisuun sirrii miti.

Gama gaarummaa isaa ilaalaa hojii keenya yoo itti fufne dhagaan guddaan turtii keessa caccaabee tulluu irra dhaabatnu nuuf ta’a. Geggeessaan garuu hanga dandaa’ametti lafa ga’uun irra jiru beekuu, mul’ata kanaaf jiraachuu, sammuun, maashaan, nerviin, guutummaan qaama isaa lafa ga’uun irra jiru kan isaa godhachuu, jijjiirama fiduuf jedhu kanaaf faallaa kan ta’e irraa adda ba’uufi injifachuu, yaada hindandaa’amu jedhuttii hiikamuu qaba.

Kanaaf namni tokko ilaalcha ofiif qabu fooyyeffachuu qaba. Namni addunya kana irratti sirriitti na fakkaatu tokko illee akka hin jirre; wanti nu’i gumaachinu kan keenyaafi nuu alatti kan hinargamne; kan keenya kan ta’e kamirrattuu ajajuu kan danda’u nu qofa ta’uu isaa; mul’ata keenyaaf itti gaafatama akka qabnu, mo’ichaafi milkaa’ina keenya kan dhuunfatu nu akka ta’e, kufaatiifi dogongora keenyaaf sababiin nu ta’uu isaa hubachuun ilaalcha ofiif qabnu fooyyeffachuun murteessaadha.

Kanaaf namni geggeessaa sirrii ta’u ilaalcha isaa sirreeffachuu, akka nama gatii hinqabnee, akka nama bu’aa buusuu hindandeenyeetti of ilaaluu irraa yaada isaa kaasuu qaba.  Yoo akkas ta’e qofa malee akka geggeessaatti haalli keessa darbinus ta’e kanneen nu mudatan ilaalcha ofii keenyaaf qabnu akka gadi bu’u gochuu danda’u. Kanaaf yoo nu’i eyyamneef malee bakka ga’uun nu irra jirus ta’e wanta hojjechuu qabnu haalli kam iyyuu daangessuu hindanda’u.

Kanaaf ilaalchi keenya jijjiiramuu qaba. Jijjiiramni nama jijjiirameen dhufa. Geggeessaan tokko jijjiirama fiduuf duraan dursee ofii jijjiiramuutu irra jira.

Ilaalchi nu’i ofii keenyaaf qabnu yoo jijjiiramuu baate attamitti jijjiirma fiduu dandeenya? Tarii baay’een keenya waa’ee Kaaroliiy Takaksii (Karoly Takacs) nama jedhamuu dhageenyeerra ta’a. Namni kun dhuka’aadhaan harki isaa inni mirgaan yeroo irraa cite abdii kutatee gara boodaatti hindeebine.

Oloompikii irratti harka mirgaan meeshaa (shugguxii) meetira digdamii shan irratti dhukaasuun kan dorgomu yeroo ta’u harki isaa inni mirgaan inni ittiin dhukaasu waan irraa citeef si’achi dorgomuudhaaf kan hindandeenye akka ta’e bara 1936 yoo dhaga’ellee, nama hindandeenyes namoota baay’eetti yoo fakkaatellee bara 1938 booda dorgumuudhaaf of qopheesse. Namoota hindandeessu ittiin jedhan baay’ee wajjin wal loleera. Mul’ata mo’ichaa cimaa waan qabuuf akka dhuka’aan tokkichi isa hinajjeesnes sirriitti nidubbata ture. Kanaaf biyya Hangarii keessatti bifa eenyu iyyuu hinamanneen dorgomee warra fayyaa ta’an injifate. Itti fufee dorgommii Olompikii isa bara 1940 dorgomuuf yoo qophaa’e illee sababa loliisa addunyaa isa lammaffaaf dorgommiin olompikii bara 1940fi 1944 hingeggeeffamne.

Haa ta’u malee dorgommii isa bara 1948 Londonitti geggeeffamu abdiin eeguudhaan harka bitaan dorgomee injifate. Kanaaf maqaan isaa dorgommii Oloompikii keessatti maqaa guddaa warra qaban keessatti galmeeffame.

Ilaalchi nu’i ofiif qabnu adeemsa keenya keessatti murteessaadha. Isa namootni nuun jedhan qofa amannee akka nama homaa tokko hojjechuu hindandeenyeetti of fudhachuun du’a lammataa du’uudha. Namni hindandeessu sababa siin jedheef atis hindanda’u jettee hintaa’in.

Zarihun Gabree

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 5/2013

Recommended For You