Ogummaa shamarree baadiyyaa

Shamarran baadiyyaa ogeettiifi ko’eettii ta’uusaaniitu himamaaf. Ganama barii kaatee, saawwan elmitee, mana hartee, ciree qopheessitee, buna danfistee akkasumas wantoota maatiif barbaachisan hojjetti.

Erga isa ganamaa xumurtee boodammoo laaqanaafi irbaataaf waan ta’u hojjetti. Hojiin hojjettu hedduun isaammoo humna kan gaafatudha. Fknf miidhaan daaktee ykn tumtee nyaata bilcheessiti’ okkotee duddatti baattee laga buutee qoraan cabsiti, qoraan cabsittee duddatti baattee fiddi. Walumaagala shamarreen baadiyyaa hedduun ko’eettiifi ogeettiidha.

Kana biraan ammoo yeroo boqnnaasheetti ogummaa harkaa garagaraa hojjechuun galii ittiin argatti. Fakkeenyaaf hodhaa hodhuu, jirbii fo’uu, suphee dha’uu, araqee ykn farsoo baasuufaa ta’uu danda’a. Hojiileen kunneen madaallii ogeettii ta’uushee ittiin ibsamus ta’ee fudhatama.

Ogummaawwan shamarree baadiyyaa kunneen garuu ammaan tana hafaafi dagatamaa jiru; keessumaa ogummaawwan harkaa. Amma shamarree hodhaa hodhitu, jirbii footu, araqee baastui argachuun rakkisaadha. Asirratti wanti hubatamu qabu ogummaawwan kanneen kan qabdu shamarree baadiyyaa qofa jechuu osoo hintaane kan magaalaas ogummaawwan kanneen dandeessullee inuma jirti. Garuu baay’inaan gaafa ilaalamu kan baadiyyaatu caala.

Ogummaawwan shamarran Oromoo biratti dagataman kunneen akka yaadatamaniif Shamarree Rabbiifan Asaffaa sagantaa Torban Itoophiyaa dhiheenya kana Finfinnee, Paarkii Michummaatti adeemsifamerratti dhiheessuun qalbiin nama baay’ee baadiyyaatti akka qaari’uu taasifteetti. Namoonni hinbeeknes akka beekan gooteetti.

Akka shamarreen tun gaazexaa Bariisaatiif ibsitetti, ogummaawwan kunneen dagatamuu kan hinqabneefi ammas shamarran osoo hojjetanii kan itti harka hiikkatan ta’uu kaasti. Nutis suurri jecha caalaa waan dubbatuuf ogummaawwan kanneen suuraan isinii dhiheessuu yaalleerra.

  1. Midhaan daakuu: Yetoo baabura midhaanii akka amaa salphaatti aragachuun hindanda’amnetti midhaan harkaan daakama. Meeshaan midhaan irratti daakamu dhagaa daakuu yoo ta’u, isheen ittiin daakan ammoo majii jedhamti.
  2. Ra’oo raasuu: Itittuun raafamuuf walitti kuufame ra’oo qabeerraa qophaa’e ykn meeshaa supheerraa qophaa’een raafamee dhadhaa ba’a. Meeshaa itittuun ittiin raafamu kunis baala kusaayeetiin sirriitti dhiqamee, muka ejersaatiin ulama.
  3. Jirbii fo’uu: Jirbiin erga asaassa’amee (ijisaa keessaa baafameen booda) caliitti maqiin kaa’amee ittiin fo’ama. Jirbiin kunis gaabii, naxalaafi huccuu akaakuuwwan  garagaraa ittiin hojjechuuf fayyada.
  4. Hodhaa hodhuu: Hodhaa hodhuuf sutaa/migira, walalaa/alalaa (migira haalluu cuuphamte)tu barbaachisa. Sutaan ittiin hodhamus yommuu birraan bari’ee haamamee baqaqfameefi fo’amee aararratti ykn baaxii manaarra kaa’amee  gogfama. Ykn mana citaa gubbaarra buusuun gogsu.
  5. Araqee baasuu: Araqee baasuun dura biqilaafi geeshoon tumamee xinsifama. Inni guyyaa muraasa erga bulee booda maxinoon (qixxaan boqoolloo, daagujjaa, garbuu ykn midhaan biraarraa) tolfame ittiin makama. Kunneen walnyaatanii guyyaa xiqqoo booda araqee baasuun ni danda’ama.

Araqee baasuufis okkotee, xuwwee, ujummoo makarajjiitu barbaachisa. Isaa booda xinsisa qophaa’e okkoteetti naquun gemmii sirreessanii sirriitti bukoofi huccuudhaan maraguun qadaadanii irra kaa’u. Yommuu maragamu akka hurka hinbaasnetti ta’uu qaba.

Qadaadi okkeetichaas akka ujummoo galchuutti kan qophaa’e waan ta’eef ujummoo keessa galchu. Xuwwee keessa makarajii kaa’uudhaan ujummoo waliin walqunnamsiisu.

Ujummichi fiixeerraa waan akka maqii waan qabuuf afaan makarajii wajjin walagarsiisu. Akka madaalliinsaa hinrakkisneef ammoo dhagaa walqixxee lama huccuudhaan fixee lamatti hidhanii ujummoorra kaa’u.

Erga kunneen hunda sirreessanii booda okketeetti abiddi bobeeffama. Hurki okketicha keessaa ba’u suuta ujummoo keessa darbee akka bishaanitti makarajitti copha. Araqee ta’ee kan dhugamu isa jechuudha.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 21/2013

Recommended For You