Waldaan Aksiyoona Liqiifi Qusannaa Oromiyaa (WALQO)n bara 1987 hanga walakkeessa bara 1989tti gita pirojektiitiin qarshii miliyoona 5.2fi dameelee afuriin hojii eegale.
Adoolessa 28 bara 1989 irraa eegalee ammoo gara dhaabbata maayikiroo faayinaansiitti jijjiiramuun waggoota 23n darbaniif tajaajila maaykiroo faayinaansii dameelee 400 caalan keessatti kennaa kan ture yoo ta’u, kaappitaala qarshii biiliyoona torba horachuun Wiixata darbe gara baankiitti guddateera.
Baankii Siinqee jedhamuun moggaafame kanaafis dhagaan bu’uuraa ijaarsa gamoo abbaa darbii torbaa guyyuma sana Finfinnee, Kutaa Magaalaa Booleetti Pirezidaantii BMNO, Obbo Shimallis Abdiisaatiin kaa’ameera.
Baankichi ummata naannichaa baadiyyaafi magaalaa jiraatuuf tajaajila faayinaanisii ammayyaa’aa kennuufi guddina dinagdee naannichaas ta’e biyyattii utubuurratti xiyyeeffatee kan hojjetu ta’uun himameera.
Baankiin Siinqee tajaajila maayikiroo faayinaansiifi tajaajila baankii walfaana kennuudhaan akka biyyaatti isa jalqabaati.
Pirezidaantiin baankichaa Obbo Zawudee Tafarraa akka jedhanitti, bankichi kaappitaala qarshii biiliyoona torbaan hojiitti kan seene yoo ta’u, seenaa baankii biyyattii keessatti Baankii Siinqeetiin ala baankiin kaappitaala qarshii biiliyoona 7n hojiitti seene hinjiru. Sheeriin baankichaas qarshii biiliyoona 15tti gurguramuufi sheeriin hangana gahu biyyattiitti gurguramee akka hinbeeknes eeraniiru.
Mootummaan naannichaa baankichi sadarkaa kanarra akka ga’uufi deggersaa olaanaa kan taasise ta’uu himanii, baankichi ummata keenya sadarkaa gadaanaa, giddugaleessaafi olaanaarra jiru tajaajiluufi dinagdeedhaan cimsuuf hojjeta. Baankichi kan qonnaan bulaa, abbootii Gadaa, haadholii Siinqee, dargaggootaa walumaagala kan ummata baadiyyaafi magaalaa waan ta’eef ummatni Oromoo baankichatti akka qusatuuf gaafataniiru.
Baankichi waggoota shanan dhufanitti akka biyyaatti Baankii Daldalaatti aanee dorgomaa cimaa ta’uufi waggoota kurnan dhufanitti ammoo baankota Afrikaa sadarkaa 1fa hanga 10fatti jiran keessaa tokko ta’uuf onnatee kan hojjetu ta’uus himanii, baankichi humna misoomaafi baankii ta’uu hubannee baankichatti qusachuufi dinagdeedhaan guddisuutu nurraa eegama jedhu.
Walittiqabaan boordii Baankii Siinqee Obbo Niwaay Magarsaa akka jedhanitti, baankichi hawaasa baadiyyaafi magaalaatiif tajaajila faayinaansii dhiyeessuun galiisaanii fooyyessuu, hiyyummaa hir’isuufi dinagdee naannichaa guddisuurratti xiyyeeffatee hojjeta.
Yeroo ammaa haalli dinagdee naannichaa fooyya’aa jiraachuufi rakkoon hojdhabdummaa naannichattis ta’e biyyattiitti babal’achaa waan jiruuf fedhiin faayinaansii daran dabalaa jira. Baankichis tajaajila hundagaleessaafi onnataa ta’e kennuun hawaasa naannichaa harka qal’eessa baadiyyaafi magaalaa jiraatu tajaajiluuf kutatee hojjechaa jira jedhu.
Akka Obbo Niwaay jedhanitti, baankii jechuun nama qarshii irraa hafaa qabuufi nama qarshii barbaadu waliin ga’uu (qarshii bitanii gurguruudha). Ummatni keenya %70 hanga 72 ta’u dargaggootaafi warra hojjechuu danda’aniidha.
Humna hojii kanaatiif ammoo kaappitaala faayinaansii dhiyeessuun barbaachisaadha. Baankii, dinagdeefi faayinaansiin ammoo walittidhufeenya guddaa qabu. Qabeenya faayinaansii baankichaa guddisuun, humna haaraa dabaluufi kanneen jiran leenjisuun, ittifayyadama teknolojii cimsuun baankichi tajaajila guutuu akka kennuu taasisuun hojiilee guguddoo xiyyeeffannaan irratti hojjetamaa jiran ta’uu dubbatu.
Oromoon ummata akka galaanaa bal’atu waan ta’eef ummata kana moggaatti dhiibanii hojii bizinasii kamuu hojjechuun hindanda’amu kan jedhan Obbo Niwaay, ummata kana ofitti qabnee dinagdeefi siyaasaan yoo jijjiirre malee naannichas ta’e biyyattii jijjiiruun akka hindanda’amne eeran.
Dinagdee ummatichaa jijjiiruuf ammoo tajaajila faayinaasii dhiyeessuun akka barbaasisus eeranuu, Baankiin Siinqee qabeenya guddaa horatee hawaasaaf tajaajila faayinaansii gahaa akka dhiyeessuufi ‘Brand’ akka ta’uufi hunduu baankichatti qusachuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Pirezdaantiin BMNO Obbo Shimmallis Abdiisaa saganticharratti akka jedhanitti, baankonni hedduun magaalaa keessaa ba’anii ykn asfaaltiirraa bu’anii hojjechuu hinbarbaadan. Baankiin Siinqee kun garuu baadiyyaarratti xiyyeeffatee hojjeta. Ummatni baankichatti akka qusatu, diyaaspooraan karaa baankichaa qarshii firootasaaniitiif akka ergan gaafataniiru.
WALQOn utuu gara baankiitti hinguddatin dura ummata keenyaaf tajaajila liqiifi qusannaa kennaa turuu himanii, waldichi kaappitaala xiqqoorraa jalqabee qarshii biliyoonaan lakkaa’amu horateera. Mootummaan naannichaas fedhii faayinaansii ummataa guutuufi mul’ata baankichaa milkeessuuf aadaa qusannaa, sirna faayinaansiifi adeemsa hojii baankichaa fooyyessuuf deggersa barbaachisu hunda kan taasisu ta’uu himaniiru.
Baankiin Siinqee kaappitaala bitame qarshii biiliyoona 15fi kan kaffalame biliyoona torban kan hundaa’e ta’uu kan himan Obbo Shimallis, baankichi hojiilee misoomaa naannicha keessatti hojjetamaniif humna cimaa ta’uun guddina dinagdee naannichaas ta’e biyyaa utubuu keessatti gahee guddaa qaba jedha.
Hojiileen guyyaa guyyaan Oromiyaatti raawwatamaa jiran wabii nyaataa mirkaneessuu, omishaafi omishtummaa guddisuufi galii sharafa alaa akka dabalu taasisuudhaan guddina dinagdee naannichaas ta’e biyyattii utubaa jira. Baankiin Siinqee ammoo tajaajila faayinaansii dhiyeessuudhaan hojiilee Oromiyaa keessaatti hojjetamaa jiran kan si’eessuudha jedhu.
Baankiin Siinqee qabeenya guddaa horatee tajaajila guutuu akka kennuuf ummatni Oromoo qusachuu akka qabu kan yaadachiisan Obbo Shimallis, diyaaspooraan Oromoo biyyoota alaa jiranis karaa baankichaa firootasaaniitiif qarshii akka erganiif gaafataniiru. Baankichatti qusachuun naannichas ta’e biyyattii hirkattummaa dinagdee jalaa baasuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.
Haadholiin Siinqee saganticharratti akka jedhanitti, Sirna Gadaa keessatti haadholiin maqaa ‘Haadha Siinqee’ jedhamuun beekamu. Siinqeen ulee qal’oo Haadholiin Siinqee, mirgasaanii kabajchiisaniifi nageenya buusuuf ittifayyadamaniidha. Baankichi maqaa ‘Siinqee’ jedhamuun moggaafamuusaatti guddaa gammaduus ibsaniiru.
Siinqeen nagaa, jaalala, tokkummaafi misooma waan ta’eef ummanni Oromoo baankichatti qusachuun maqaan ‘Siinqee’ jedhamu sadarkaa addunyaatti akka beekamuuf waliin hojjechuu qabna jedhaniiru.
Abbootiin Gadaa sirna hundeeffama ‘Baankii Siinqee’ irratti akka jedhanitti, “Baankiin maqaa ‘Siinqeetiin’ moggaafamee hundeeffame kun kan hormaataa, kan milkii, kan yeroo yeroon lakkuu lakkuu dhalee Oromiyaa mara walga’u, kan hiyyummaa hir’isu, rakkoo dinagdee naannichaas ta’e biyyattii kan furu, qabeenya guddaa horatee guddina dinagdee naannichaas ta’e biyyattii kan utubuufi sadarkaa biyyaa, ardiittifi addunyaatti dorgomaa ta’u, akka nuti jenne Rabbi haa jedhu” jedhaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 21/2013