“MNO dhimma Finfinneerratti ejjennoo ummatarraa adda ta’e  hinqabu”                         -Obbo Lammaa Magarsaa

“Waanti heeraan tumame hojiirra oolchuu dhabuun dogoggora guddaadha”

– Doktar Nagaasoo Gidaadaa

Adaamaa: “Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimma Finfinneerratti wantuma bara darbe jedhe san ammas jedha.” Bara darbe mootummaan karaa bilchinaafi beekumsa irratti hundaa’een deebisuuf hojjetee xumuree wayita hojiirra oolchuuf jedhamutti rakkoo lagannaa gabaatiin duubatti walharkisuun keenya dhimmasaa lafarra harkiseera. Kamis ta’u garuu dhimmi Finfinnee akkaataa heeraatiin hojiirra ni oola” jechuun Pirezidaantiin BMNO, Obbo Lamma Magarsaa yaa’ii idilee 9fa Caffee Oromiyaarratti dubbataniiru.

Finfinneen handhuura Oromiyaa keessa waan jirtuuf qabeenyawwan bishaanii, cirrachaafi albuudawwan sababii naannoo Oromiyaarraa argattuuf, akkasumas  karaa bulchiinsaatiinis walqunnamuun waan irra jiruuf magaalattiin magaalaa guddoo biyyattii taatus Oromiyaa wajjin hariiroo waan qabduuf mirgi addaa kabajamuufii qaba kan jedhan immoo Presdaantiin Itoophiyaa duraanii Doktar Nagaasoo Gidaadaati. Kunis heera Itoophiyaa keeyyata 49 (5) jalatti akka tumamu taasifamuusaa ibsu.

Seerri heera biyyattii keessatti tumame kun hanga ammaatti otoo labsiin baheefi hojiitti hinhiikamiin waggoota 24 lakkoofsiseera. Kun ta’uu dhabuunsaa rakkoo guddaa uumuusaafi dhimma ammaan tana qaamoleen tokko tokko kaasaa jiraniifis qaawwa banuusaa dubbatan.

Akka ibsa Doktar Nagaasootti; waanti heeraan tumame hojiirra ooluu dhabuunsaa sirrii akka hintaane hubatamuu qaba. Ammas taanaan heera amma jirutti waliigalama taanaan bu’uura heerichi jedheen dafee seerri bahuu qaba. Qaamni kana hinbarbaadu, sirrii miti jedhu yoo jiraate ammoo yaadasaa keessummeessuuf heerri jijjiiramuu qaba jechuudha. Heerri dhimma kanaaf qofa jedhamee jijjiiramu immoo hinjiraatu.

Dhimmoonni biroonis yoo jiraatan ilaalalamuu qabu jechuudha. Qaamni waan heerarratti tumame hinfudhanne yoo jiraate heerichi haa fooyya’u jedhee gaafachuutu irra jiraata. Adeemsi kanaas heericharratti tumameera.

Haala kanaan gaafiin biraa kaasuun ni danda’ama jechuudha. Sanas ta’e kana waanti heeraan tumame otoo hojiirra hinooliin hanga ammaatti turuunsaa dogoggora guddaadha. Hiikuu yoo barbaachise waan heericharra kaa’ame hojiirra oolchuutu murteessaadha jedhan.

Bariisaa guraandhala 22/2011

Bayyanaa Ibraahimiifi Charinnat Hindeessaatiin

 

 

Recommended For You

5 Comments to ““MNO dhimma Finfinneerratti ejjennoo ummatarraa adda ta’e  hinqabu”                         -Obbo Lammaa Magarsaa”

  1. Pingback: his explanation
  2. Pingback: trustbet
  3. Pingback: disposable

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *