Gaafa dharri humnaan ykn karaa hinmalleen iddoo dhugaa qabatu, gaafa sobni sagalee olkaafattee haqni afaan qabamte, yeroo abbaan haqaa qaanfatee inni dabaa ulee murtii harkatti galfate gaafa cinqii isa dirqii.
Addunyaa irra jiraannu tana keessatti dhugaan adiin lafa jiru gaafa humna maallaqaa ykn aangootiin sobatti geeddaramee abbaan dhugaa yakkamaa taasifamu akkasumas inni sobaa immoo humna maallaqaa ykn aangootiin dhugatti jijjiiramee yeroo badhaafamu arguun waan haaraa miti.
Dhugaa mallaqaafi aangoodhaan soba taasisuufi soba immoo maallaqaafi aangoo harkaa qabanitti fayyadamanii dhugaa taasisuun kun immoo haqa jallisee yakkamaa fayyaa taasisuun fayyaa immoo yakkamaa taasisuun faallaa uumaafi uumamaa adeema.
Kun immoo abbaa haqaa haqa dhabsiisuu qofa osoo hintaane ilaalchi “haqni ykn dhugaan ilmoo waaqaati” jedhu sana faalleessaa jira.
Haalootni osoo dhugaa hinqabaatiin dhugaa maallaqa ykn aangoon bitachuu kun immoo namoota dhuunfaa gidduudhaa eegalee hanga dhaabbilee mootummaa garagaraatti kan babal’atuudha. Hojjetaa osoo haqa qabu hoggansi dhaabbaticha hogganu haloo dhuunfaatiif maqaa hintaane itti maxxansee hojirraa ari’u, nama dhugaa jirtu dubbateef qofa maallaqaan ragaan dharaarratti qindaa’ee sobaan adabamu, nama quuqama ummataa irraa kan ka’e gochoota malaammaltummaafi kanneen biroorratti ifaan qabsaa’ee qaamota isaa ol jiran mufachiise sababa hintaaneen hojirraa ari’uufi gochootni kanaan walfakkaatan hedduus ni raawwatamu.
Badiin bulchiinsaa sababoota armaan olitti ibsamaniifi sanaan walfakkaatan kanneen birootiin lammiilee biyyattiirratti qaamota raawwachiiftotaatiin raawwataman kunneen immoo jaalala biyyaa namni tokko biyyasaatiif qaburrattis ta’ee kaka’uumsa hojii hojjetaan tokko qaburratti dhiibbaan inni dhaqqabsiisu salphaa miti.
Rakkooleen akkanaa kun gaafa lammiilee biyyattiirratti uumaman qaamota dhimmicha hordofanii haqa dabde iddotti deebisuu qaban keessaa immoo dhaabbileen dimokraasii isaan tokko.
Dhaabbileen dimokraasii kun immoo komiifi iyyannoo ummataa bu’ura godhachuun sagaleen qaamota osoo dhugaa qabanuu dhugaan jalaa dhokfamee akka dhagahamu taasisuu qofaa osoo hintaane, ijaarsa sirna dimokraasii biyya tokkoo keessatti qaamota shoora murteessaa taphachuu danda’an keessattis ga’een isarraa eegamu salphaa miti. Haalli ittiin hundeeffamni dhaabbilee dimokraasii kunneen itti raawwatu biyyarraa biyyatti garagarummaa qabaatus, caaseffamnisaa garuu guutuu addunyaatti kan argamuudha.
Miidiyaaleen, komishiiniin nirgoota namoomaa, manneen murtii, dhaabbata abbagaar ummataa, paarlaamaaniifi kanneen kana fakkaatan immoo biyya tokko keessatti dhaabbilee dimokraasii jedhamu.
Haala qabatama biyya keenyarraa yemmuu kaanu garuu dhaabbileen dimokraasii kunneen mirgaafi dirqama lammiilee biyyattii kabajsiisanii rakkoolee mul’atan furuu keessatti qaawwii jiru bal’aa akka ta’etu himama. Dhaabbilee gaafa miidhaan bulchiinsaa lammiilee biyyattii irra gahe iyyannoo lammiilee fudhatee qorannoo barbaachisu gaggeessuudhaan dhimmicharratti haqa barbaadu keessaa isa tokkoofi yeroo ammaa tattaaffii qabatamaa keessa jiru dhaabbata Abbagaar Ummata Itoophiyaati.
Komiifi iyyannoo lammiilee biyyattiirra ga’urratti qaama komatame waliin marii gaggeessuudhaan haqni dabe akka sirratee namni dabaan yakkamaa taasifame immoo dhugaasaa argatu taasisuu keessatti erga hundeeffamee kaasee sochii olaanaa taasisaa turuu dhaabbatichi ni ibsa.
Sochiin dhaabbatichi badiin bulchiinsaa akka hinraawwatamneefi erga raawwatameen booda immoo tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatamuuf taasisaa jiru kun garuu sababa qaama isaaniin ol jiruutiin bu’aa barbaachisu argamsiisuu akka hindandeenye Dhaabbata Abbagaar Ummataa Itoophiyaatti Daarektarri Seeraafi Oliyyannoo Obbo Dannaqaa Shaanqoo ni dubbatu.
“Badii bulchiinsaa kan raawwatu irra jireessaan hoggantoota dhaabbiilee ykn waajjiraalee mootummaa garagaraati. Dhimmichi immoo yakka ta’uusaa waan beekaniif callisanii kan hojjatan osoo hintaane, bifa dhokataafi xaxamaa ta’een raawwatu. Kana qofaa osoo hintaane, qaamota dhimmicharratti qooda qaban keessaa namoota bitachuudhaan kan dalagamu waan ta’uuf murtii kennuu qofaaf osoo hintaane, qoratanii dhimmicha bira ga’uufuu akka gaaraatti kan ulfaatuudha. Yakka qaama dhaabbata ykn waajjira mootummaa tokko hogganuufi qaamota isaan hidhata qaban hundaan qindaa’amee raawwatame kana ifaajjiifi baasii guddadhaan gaafa qorannoon gaggeeffamuuf jedhu immoo gufuu jalqabaa kan nutti ta’us jaruma sana,” jedhu.
Dadhabbiifi baasii mootummaa olaanaa ta’een gufuu jaraa kana hunda bira darbamee qorannoon gaggeeffame immoo sababa xiyyeeffannoo dhabuutiin hojirra ooluu yemmuu dhabu immoo kan hamileesaanii cabsu ta’uus Obbo Dannaqaan ni kaasu.
Ofiisaaniitiif waggoota hedduudhaaf miseensa paarlaamaa waan turaniif rakkoo achi keessa ture sirritti kan hubatan ta’uu eeranii, keessattuu jijjiiramni amma akka biyyaatti dhufe kun paarlaamaa irratti osoo hinmul’atiin hafuunsaa kan isaan gaddisiisu ta’uu ibsu.
Akka ibsasaaniitti, galmeewwan qorannoo dhaabbatichi sirnaan qoratee adda baasuudhaan gara paarlaamaatti ergaman keessaa kan paarlaamaadhaan ilaallamanii murtiin itti kennaman dhibbantaa shan hincaalan. Qorannoo baasii mootummaafi ummataa meeqa itti dhangala’ee hojjatamee isaaf dhihaaterratti ilaalee qaamota iyyannoon irratti dhihaaterratti tarkaanfii fudhachuun paarlamaa akka qabeenya ummataa qisaaseessuutti kan ilaallamuudha.
Erga bu’aan qorannoo sanaa hojitti hinhiikamu ta’eemmoo qorannicha gaggeessuun maaliif barbaachise? Bajata ummataa hangas gahus hojii qorannoo kanaaf ramaduun maaliifi? Dhimmi bu’aa qorannoo kanaa irra dhaabbatanii raawwachiiftotarratti tarkaanfii barbaachisu fudhachuu dhabuu kun hoo dandeettii dhaburraa madda moo paarlaamichi dhiibbaa raawwachiiftotaa jala jiraachuusaati? Gaaffileen kunneen deebii argatan malee qaawwa iddoo sana jiru baranii tarkaanfii sirreeffamaa barbaachisu fudhachuun salphaa hinfakkaatu.
Miseensotni paarlaamaa guutuummaan guutuutti miseensota paartii tokko ta’uunsaanii qabbanaa’uufi cimee dhimmoota akkasii irratti ejjennoo ofiitiin hojjachuu dhabuusaatiif sababa tokko.
Kana waan ta’eefis raawwachiiftotni dhaabbileefi waajjiraalee mootummaa garagaraa keessa jiran karaa naanna’aatiinis ta’u miseensota paarlaamaa kanneeniif warroota paartii tokko keessa jiran, hiriyyota, qorannoo paartii keessattis kan wal argan waan ta’aniif, seeraafi heera qofa bu’ura taasifatanii gaafatamaa taasisuurratti qaawwi jiru bal’aa akka ta’eedha Obbo Dannaqaan kan himan.
Qaamootni dur iddoo hoggansa garagaraa irra wayita turanitti miidhaa hojjattootarra gahaa ture akka sirreefataniif wayita gaafatanitti heeyyamamoo hinturre tokko tokko amma yeroo aangorraa bu’anitti qaama biraa himachuuf iyyannoo dhiheeffataa jiraachuu kan himan immoo Ittaantuun Dhaabbata Abbagaar Ummata Itoophiyaa Aadde Saraawiit Silashii, kun immoo hubannoon dur ture yeroo ammaa kana hamma tokko fooyya’aa jiraachuu kan agarsiisu ta’uu dubbatu.
Namni har’a carraa hoggansaa waajjira ykn dhaabbata mootummaa tokko ta’e bor immoo gaafa iddoo sanarraa ka’u qofa miidhaa lammiilee irra ture hubachuu osoo hintaane, osoo iddoo jiruu hinkaane, murtee dabarsuu danda’uufi dhugaa bade iddotti deebisuu danda’uu komii irratti dhihaatuuf deebii hattattamaafi haqa qabeessaa kennuu akka qabus ni eeru.
Qaamootni carraa hoggansaa dhaabbileefi waajjiraalee mootummaa garagaraatti argataniin hanga humnisaanii heeyyameen bifa haqa qabeessaafi miira ittigaafatamummaa qabuun raawwatan gaafa iddoo sanarraa kaafamanitti wanti yaaddoosaanitti ta’u hinjiraatu. Yeroo haftetti sammuu qulqulluudhaan hirriba nagaa rafanii boqachuufis keessisaanii ni heeyyamaafi.
Warreen gaafa aangoorra turan akka namaa olitti of laakka’anii imimmaan hojjataafi komiinsaanii homaa itti fakkaachuu dhabe immoo, jiruusaanii isa hafe miiraa hinmalleen dabarsu. Osoo nyaatanuu itti goruu dida, osoo uffatanuu irraa bareeduun dhiba, osoo gadi ciisanuu hirribni isaan fudhachuu dida. Walumaa galatti namni namarratti daba dalage oolee bubbulees ta’a malee waan namarratti dalage sana Waaqni isarratti dalaguun akka hinhafne baruun barbaachisaadha.
Walumaa galatti, lammiilee sababoota badii bulchiinsaa garagaraatiif saaxilaman hunda simatee kanfaltii tokkoon ala tajaajila humnisaa heeyyameef hunda kennaa kan jiru Dhaabbanni Abbagaar Ummataa hojii boonsaa ta’e hojjachaa jira.
Sochiin dhaabbatichi dhugaan akka abbaaf galtu taasisaa jiru kun immoo lafarratti bu’aa qabatamaa akka hinagarsiifne gufuu ta’aa kan jiru paarlaamaan immoo dhimmichaaf xiyyeeffannoo kennee tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu qaba.
Bakka kun hintaanetti ifaajjiin dhaabbatichaafi bajatni ramadameefi qorannoon gaggeeffamu hundi akka qisaasamaatti kan ilaallamu waan ta’eef, qaamotni dhimmi ilaalu hundi rakkoo kana furuu keessatti waan isaanirraa eeggamu bahachuun murteessaa ta’a.
Bayyanaa Ibraahimiin
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 21/2013