“Badhaasaan duuba imaanaan ummataafi mootummaatiin nutti kenname guddaadha” -Leenjisaa Wubatuu Abaataa

Hawaasaa: Bu’uura ispoortii kubbaa miilaa Afrikaa kan ta’e, walmorkiin waancaa kubbaa miilaa Afrikaa kan jalqabame ALA  Waxabajjii 18 bara 1957 magaalaa guddoo Sudaan, Kaartuumitti.

Miseensoonni yeroo sana Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa hundeessan Itoophiyaa, Misir, Sudaaniifi Afrikaa Kibbaa jidduutti kan jalqabame waancaan kubbaa miilaa Afrikaa kun ammaan tana biyyoota Afrikaa 54 hirmaachisaa jira.

Erga jalqabame waggoota 64 kan lakkofsise taphni waancaa kubbaa miilaa kun yeroo 32f biyyoota miseensoota konfedereeshinchaan qophaa’uun adeemsifameera. Yeroo 33fafis ALA bara 2022 magaaloota Kaameeruunitti gaggeeffama.

Waancaa kanarratti hirmaachuuf gareewwan biyyoota 48 ramaddii 12n hiramuun tapha gulaalaa kan gaggeeffatan yoo ta’u, biyyoonni 24 darbanii gara Kaameeruunitti qajeeluuf  qophiirratti argamu.

Ramaddii 11fa keessaa Kotidivaaritti aanee qabxii sagaliin lammaffaa ta’uun waancaa kubbaa miilaa Afrikaa 33faf kan darbe Waaliyaanis carraa kana keessa galu erga beekee kaasee qophilee addaddaa gochaa jira.

Mootummaan Itoophiyaafi Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaas Waaliyaan waancaa kanaaf waan darbeef badhaasa addaddaa kennaafii jiru.

Haaluma kanaan borumtaa Waaliyaan milkiidhaan deebi’e Bulchinsi Magaalaa Finfinnee qarshii miliyoona shan, dhiheenya ammoo magaalaa Hawaasaatti Komishiniin Ispoortii Federaalaa qarshii miliiyoona 10, Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa miliiyoona jaha, walumaagalatti qarshii miliiyoona 21 badhaasuun isaa ni yaadatama.

Badhaasa kana keessaa leenjisaan Waaliyaa Wubatuu Abaataa qarshii kuma 800 badhaafameera. Badhaasni inni argate kunis seenaa leenjistoota garee kubbaa miilaa Itoophiyaa keessaa rikardii duraati jedhameera.

Badhaasa kanaaf walumaagalatti qophii Waaliyaa ilaalchisuudhaan leenjisichi, taatee kanaan yoomiyyuu caalaa kan gammade ta’uu kaasee, gareen Waaliyaa waggoota saddeet booda gara waancaa kubbaa miilaa Afrikaatti deebi’uun walqabate haala hinbaratamneen badhaafamuusaaniitiinis gammaduu dubbata.

“Badhaasa kana duuba ammoo imaanaan ummataafi mootummaatiin nurratti fe’ame guddaadha. Kanaafuu cimnee halkaniifi guyyaa shaakaluun akka qophofnu kan nu taasisuudha” jedheera.

Itoophiyaan biyyoota waancaa kubbaa miilaa Afrikaa hundeessan Misiriifi Sudaan wajjiin adda dureedhaan kan waamamtu taatuus waancaa kanarratti yeroo 12 qofa hirmaachuu eeree, waancaa Afrikaa sadaffaa bara 1953 qopheessuun hambifachuun isheefi ergasii garuu gara waancaatti dhihaachuu akka hindandeenye dubbata.

Waancaa bara dhufu Kaameeruunitti qophaa’u kanaaf garuu hanga danda’ametti injifachuuf humna qaban guutuun akka hojjetan kan eeru leenjisaan kun, taphatonniifi miseensonni Waaliyaa osoo addaan hinbittinaa’iin akkaadaamii konfedereeshinii kubbaa miilaa Afrikaa “CAF” kan magaalaa  Finfinneetti argamu seenuun qophaa’aa jiraachuu ibsa.

Akka leenjisaa Wubatuun jedheetti, taphatonni amma bakka tokko jiran kunneen yeroo dheeraaf waliin turaniiru. Hundisaanii walii galuun yeroo shaakalaafi boqonaasaanii onnee guutuudhaan mo’achuuf guyyaa walmorkiin kun itti jalqabamu eegaa jiru. Kanaafuu abdiin waancaaf qabnu olaanaadha.

Taphawwan taphateetti garee biyyaaleessaaf galchawwan 30 kan galcheefi kaappiteenii Waaliyaa kan ta’e Geetaanaa Kabbadaa gamasaatiin, badhaasichi hamileesaafi kan hiriyyootasaa kan jajjabeessu ta’uu dubbata.

Kunuunsa ummanniifi mootummaan isaanii taasisaa jiran kana injifannoodhaan deebisuuf waan humnisaanii danda’e hunda gochaa jiraachuusaanii ibsa. Hanqinoota wayita walmorkii mul’atan fooyyeeffachuun abbaa waancaa ta’uuf gara Kaameeruun akka deemanis ni ibsa. Leenjisaa dabalatee miseensonni Waaliyaa martinu sammuudhaanis ta’u qaamaan cimanii qopha’aa jiraachuu eera. “Ummanni keessumaa jaalataan kubbaa miilaa akkuma yeroo mo’annu nutti gammadu, yeroo qabxiin dhabamus osoo nutti hinaariin hamilee ijolleesaa akka eegu abdiin qaba” jechuun ergaasaa dabarsa Kaappiteen Geetaanaan.  

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 14/2013

Recommended For You